ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota
Oct 16, 2026 24
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) - Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera jedhan jiraattonni godina lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii. Jiraattota magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa obbo Koorsaan akka ibsanitti, Kanaan dura dhimmasaanii raawwachiifachuuf waajjiraalee mootummaa garagaraa deemuun yeroo fi maallaqa qisaasaa turaniiru. Har’a garuu wiirtuun kun magaalaa Gimbiitti waan banameef dhimmasaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurachuu waan danda’aniif gammaduusaanii ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa bakka tokkotti akka argannu taasisuudhaan bu’aa bayii fi baasii hin malle Kanaan dura baasaa turre nurraa hambiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Gimbii obbo Girmaa Biraasaati. Wiirtuun kun hojiirra ooluunsaa namoonni tajaajila fooyya’aa wal qixxummaan akka argatan kan gargaaru waan ta’eef hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Eyyama daldalaa haaromsuuf gara wiirtuu kanaa kan dhufan obbo Waaqjiraa Taammiruu gamasaaniin, baasiin hin mallee fi deddeebiin Kanaan dura ture hafee tajaajila barbaadan argachuu akka danda’an dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo kun guutuu fi hawaasaaf tajaajila kennuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Gimbii obbo Waaqtolee Malkaa ENA’f akka ibsanitti, hawaasni bakka tokkotti tajaajila si’ataa akka argatu taasiseera. Wiirtuun kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuudhaan tajaajilamtoonni bu’aa bayii malee tajaajila akka argatan taasiseera jedhaniiru.
Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa sadarkaa Ardiitti gaggeeffamu ni keessummeessiti
Oct 16, 2026 44
Onkoloolessa 6/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa dubartoota guddattoota Afriikaa 34 fi dubartoota shamarran Afriikaa 23ffaa akka keessummeessitu filatamte. Itiyoophiyaan dorgommii kana akka keessummeessitu kan murteesse mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaati. Manni marichaa wal gahii idilee Angoolaa Luwaandaatti gaggeesseen guddina ispoortii kubbaa harkaa Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiruu fi dandeettiin dorgommii keessummeessuuf qabdu filatamuusheef sababa ta’uu ibseera. Federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantiin baha Afriikaa zoonii 5ii akkasumas miseensi mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaa Dr. Fitiih Waldasanbat wal gahii kanarratti hirmaataniiru. Itiyoophiyaan dorgommii kana qopheessuuf qophii ta’uushee pirezidaantichi dubbataniiru. Dorgommii kubbaa harkaa shamarran guddattootaa Afriikaa irratti biyyoonni 34 ni hirmaatu jedhameetu eegama. Dorgommii dargaggootaarratti irratti biyyoonni 15 ol akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa ni mul’isa. Dorgommiiwwan sadarkaa Afriikaa kun A.L.A bara 2027tti gaggeeffamu.
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesse
Oct 16, 2026 68
Onkololeessa 6/2019 (ENA):-Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera. Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa cinaatti, Komishinara Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa, Yooseef Siikeelaa waliin mariyateera. Yeroo kanatti, dhimmoota ajandaa misoomaa waloo guddina dinagdee Itoophiyaatiif dursa kennaman, akkasumas tumsa fuulduraa irratti mariyataniiru. Komishinarri Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa Yooseef Siikeelaa, marii isaaniin Itoophiyaan michuu Gamtaa Awurooppaa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa, keessumaa naannoo Galaana Diimaa keessatti gumaacha olaanaa taasistu, akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti gahee ijoo tarsiimawaa qabdu dinqisiifataniiru. Dabalataanis, Gamtaan Awurooppaa galmawwan misooma itti fufiinsa qabu Itoophiyaan galmaan ga’uuf tattaaffii taasistu deeggaruu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuufi itti fayyadamuuf mirga guutuu qabdi — Xiinxalaa Siyaasaa Gibtsii Maagdii Kaaliil
Oct 16, 2026 84
Onkololeessa 6/2019 (ENA):-Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuu fi itti fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu xiinxalaan siyaasaa lammii Gibtsii Maagdii Kaaliil ibsan. Xiinxalaan siyaasaa kun ENA waliin turtii taasisaniin, hoggantoonni Gibtsii tattaaffii Itoophiyaan Galaana Diimaatti deebitu mormuu fi gufachiisuuf imaammata isaan hordofaa jiraan cimsanii qeeqaniiru. Gibtsii hoggantoota fagoo yaadan, hubannoo siyaasaa fi ogummaa qaban utuu qabaattee, Itoophiyaan Galaana Diimaa akka itti fayyadamtu gufachiisuu fi mormuu mannaa deeggarsa ni taasisti turte jechuun ibsaniiru. Itoophiyaan bal’ina lafaa fi baay’ina ummataatiin biyyoota gurguddoo keessaa tokko ta’uu fi biyya galaana hin qabne ta’uu ishee kaasuun, Galaana Diimaatti dhiyaachuu fi itti fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu dubbataniiru. Itoophiyaan seenaa keessatti hulaa galaanaa qabattullee biyyoota ollaa isheetiif madda sodaa yookaan miidhaa taatee akka hin beekne yaadachiisaniiru. Biyyoonni naannoo Galaana Diimaatti argaman fedhii waliinii isaanii irratti mariyachuun waliigaltee naannawaa uumuuf marii akka gaggeessan xiinxalaan kun waamicha dhiyeessaniiru. Dorgommii fayyaa hin qabne hambisuun, tumsa irratti hundaa’anii hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan ibsan xiinxalaan kun, waliigalteewwan nagaa Itoophiyaan fedhii hulaa galaanaa qabaachuu ishee qabatamaan akka milkeessituuf karaa kan banan ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni tokko tokko waliigaltee Itoophiyaaf hulaa galaanaa argamsiisu mallatteessuuf qophii ta’uu isaanii kan kaasan Maagdii Kaaliiliin, waliigalteewwan yeroo dheeraa taasifaman gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Diimaa keessatti nagaa waaraa fi tumsa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qaban dubbataniiru. Imaammata Kaayiroon dhimma Eertiraa irratti hordoftu kan qeeqan xiinxalaan kun, Gibtsii fi biyyoonni Arabaa biroon A.L.A, bara 1960tti Kaayirootti hundeeffameefii ture Dhaabbata Bilisummaa Eertiraa deeggaruu isaanii yaadachiisaniiru. A.L.A, Bara 1991tti Eertiraan bilisummaa argachuu fi Itoophiyaan balbala galaanaa dhabuu ishee hordofee, murtoo kanaaf bu’uura kan ta’an imaammattoota naannawaa irra deebi’anii qorachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Xiinxalaan kun, Gibtsii Dhaabbata Bilisummaa Eertiraa deeggaruun hariiroo obbolummaa fi tumsa biyyoota lamaan gidduu jiraachuu qabu kan miidhe, dogoggora seenaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.
Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha'' Obbo Agenyew Fiqiruu
Oct 16, 2026 60
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu ibsan. Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu Mootummaan jijjiiramaa komii, gaaffii fi yaada ummanni rakkoo tajaajilaa irratti qabu hundeerraa furuuf gurmaa'insaa fi qajeelfama haaraa gadi buusuu ibsaniiru. kaayyoon gurmaa’insa kanaa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqaabamaa hawaasni akka argatu taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha jedhaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 irratti bakka hooggantootnii, Manajimantii sektarootaafi dhimmamtootni argamaniitti mariin gaggeeffame. Mootummaan jijjiiramaa tajaajila si'ataa, dhaqaabamaafi amanamaa hawaasni haala mijataa ta'een akka argatu akkasumas amantaa ummanni mootummaa irratti qabu guddisuuf gurmaa'insaafi qajeelfama ramaddii hojjetoota mootummaan manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa haaraa gadi buusee jira. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti qajeelfamaafi gurmaa'insaa haaraa kana karaa iftoomina qabu, loogii irraa bilisa ta'eefi bu'uura qajeelfamaan akka raawwatuuf mariin hooggantoota, manajimantii manneen hojii fi dhimmamtoota waliin gaggeeffameera. Itti gaafatamaan Waajjira Paabliik Sarviisiifi misooma Qabeenya namaa magaalichaa Dr .Cammaraa Shibbiruu kaayyoon gurmaa'insa haaraa fi qajeelfama ramaddii haaraa hojjetoota mootummaa loogii fi ogii malee gahumsaa fi dandeettiin hojjettootaa fi hojii walsimsiisuun tajaajila si'ataa, amanaafi bu'aqabeessa hawaasni akka argatu taasisuun itti quufinsa maamilaa guddisuu akka ta'e himaniiru. Mariichi Koreewwan Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 raawwachiisan filachuun xumurameera jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Magaalichaa gabaaseera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Siyaasa

Manni Marichaa ramaddii Hoggantootaa fi Miseensota Koreewwan Dhaabbii ilaalchisee yaada murtoo dhihaate irratti marii’atee raggaaseera.
Oct 15, 2026 410
Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Manni Maree bakka bu’oota uummataa walga’ii idilee 3ffaa bara hojii 1ffaa har’a gaggeesseen ramaddii Hoggantootaa fi Miseensota Koreewwan Dhaabbii ilaalchisee yaada murtoo dhihaate irratti marii’atee raggaaseera. Haaluma kanaan hoggantonni Koreewwan Dhaabbii moggaafaman: 1. Qana'aa Yaadataa (PhD): Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa 2. Obbo Taarjaat Dabol: Itti aanaa Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa 3. Obbo Mallasaa Mannaa: Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa 4. Dr.Issubaalaw Mabraatuu: Walittiqabaa Itti aanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa 5. Aadde Itsagannat Mangistuu: Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii 6. Obbo Caalaa Lammii: Walittiqabaa Itti aanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii 7. Obbo Salamoon Laalee: Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa, Aadaa fi Tuuriizimii 8. Obbo Xaahir Mahammad: Walittiqabaa Itti aanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa, Aadaa fi Tuuriizimii 9. Obbo Dassaalenyi Wadaajee: Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Indaastrii fi Albuudaa 10. Aadde Walaayitee Iittoo: Walittiqabduu Itti aantuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Indaastrii fi Albuudaa 11. Aadde Wasannech Toomaas: Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Tarsiimoo Biyyaaleessaa, Bajataa fi Faayinaansii 12. Aadde Zinnaash Tsagaayee: Walittiqabduu Itti aantuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Tarsiimoo Biyyaaleessaa, Bajataa fi Faayinaansii 13. Diimaa Nooggoo (PhD): Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nagaa 14. Fatihii Maahaadii (PhD): Walittiqabaa Itti aanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nagaa 15. Aadde Yeshiihassaab Tsaggaaw: Walittiqabduu Koree Dhaabbii Dhimmoota Dhaabbilee Misooma Mootummaa 16. Isheetuu Tamasgan (PhD): Walittiqabaa Itti aanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dhaabbilee Misooma Mootummaa 17. Obbo Alamaayyoo Ijjiguu: Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Bu'uuraalee Magaalaa fi Loojistiksii 18. AwaqeeAmzaayee (PhD): Walittiqabaa Itti aanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Bu'uuraalee Magaalaa fi Loojistiksii 19. Abrahaam Alamaayyoo (PhD): Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Baasii Mootummaa, Bulchiinsaa fi Too'annoo 20. Aadde Araaree Moosiisaa: Walittiqabduu Itti aantuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Baasii Mootummaa, Bulchiinsaa fi Too'annoo 21. Obbo Nigaatuu Woldee: Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Bishaanii, Jallisiilee, Naannoo Gammoojjii fi Misooma Naannoo 22. Aadde Nafiisaa Al-Maahidii: Walittiqabduu Itti aantuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Bishaanii, Jallisiilee, Naannoo Gammoojjii fi Misooma Naannoo 23. Aadde Masarat Haayilee: Walittiqabduu Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa fi Ispoortii 24. Aadde Jamiilaa Simbiruu: Walittiqabduu Itti aantuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa fi Ispoortii 25. Nagarii Leencoo (PhD): Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii 26. Aadde Zahaaraa Samree: Walittiqabduu Itti aantuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa murtoowwan adda addaa qoratee raggaasise
Oct 15, 2026 303
Onkoloolessa 5/2019 (ENA): Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa murtoowwan adda addaa qorachuun sagalee guutuudhaan raggaasiseera. Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaan bara hojii 1ffaa walga'ii idilee 3ffaa isaa gaggeesseera. Manni marichaa walga'ii idilee isaanii har'aatiin miseensota Koree gorsa dhimmoota Mana Maree moggaasuuf yaada murtoo dhihaate qoratee raggaasiseera. Akkasumas yaada murtoo sirna hojii fi caasaa, hojii fi itti gaafatama koomittee dhaabbii miseensota mana marichaa murteessuuf dhihaate qoratee raggaasiseera. Dabalataanis gaggeessitoota kaadhimamtoota Koreen dhaabbattoo fi ramaddii miseensotaa ilaalchisuun dhihaate raggaaseera.
Mootummaan ida’amuu waadaa ummataaf gale raawwachuun fayyadama ummataa mirkaneessaa jira-Pirezidaant Ordiin Badrii
Oct 15, 2026 271
Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Mootummaan ida’amuu waadaa ummataaf gale raawwachuun fayyadama ummataa mirkaneessaa jiraachuu Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii.ibsan Naannoo Harariitti gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana jalqabaa bara bajataa 2019 gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii waltajjii gamaaggamaarratti akka ibsanitti, waggoottan darban naannichatti gama hundaanuu hojiilee jajjabeessoo raawwachuun danda’ameera. Haala Kanaan fayyadamni ummataa cimuurra darbee dandeettii naannichi misoomuuf qabu guddaa dabaluusaa dubbataniiru. Xiyyeeffannoon waltajjii kanaa raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana jalqabaa gamaaggamuun hojiiwwan itti aananiif od qopheessuu akka ta’e dabalanii dubbataniiru. Cimina kurmaana jalqabaa bara bajatichaa turan bal’isuun, hanqinoota jiran guutuun bu’aalee argaman gabbisuuf galteen kan itti walitti qabamuu fi kallattii fuulduraa kan kaa’amu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan ida’amuu gama hundaanuu guddina dinagdee galmeessisuu fi biyya ceesisuu akkasumas fayyadama misoomaa ummataa guddisuudha kan jedhan pirezidaantichi, hoggansi waadaa ummataaf gale raawwachuun itti gaafatamasaa bahu qaba jedhaniiru. Af-yaa’iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdusalaam, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoo fi jiddu galeessaa moorummaa fi paartii naannichaa waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Mootummaan Ida’amuu bu’aa qabsoo ummata Oromootiin kan argameedha; tikfamuu qaba – Abbaa Duulaa Gammadaa
Oct 15, 2026 218
Onkololeessa 5/2019 (ENA):-Wareegama guddaa ummanni Oromoo bilisummaa, mirga ofiin of bulchuu, afaan, seenaa fi aadaa isaa guddisuuf kaffaleen jijjiiramni argame tikfamee fi cimee itti fufuu akka qabu Abbaa Duulaa Gammadaa ibsan. Abbaa Duulaa Gammadaa turtii ENA waliin taasisaniin, ummanni Oromoo waggoota dheeraaf mirga isaa kabachiisuuf qabsoo hadhaa’aa gaggeessaa turuu fi lubbuu ilmaan isaa hedduu wareeguu yaadachiisaniiru. Keessumaa, waggoota dhihoo darban keessatti dargaggoonni Qeerroo fi Qarreen jijjiiramni biyya keessatti akka dhufuuf wareegama guddaa kaffaluu isaanii ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, kaayyoon guddaan qabsoo ummata Oromoo mirga ofiin of bulchuu, afaan isaatiin dubbachuu, akkasumas seenaa fi aadaa isaa guddisuu fi dagaagsuu danda’u mirkaneessuu ture. Kana malees, Itoophiyaa keessatti gaheen fi qoodni ummanni Oromoo qabu akka kabajamu taasisuun kaayyoo qabsoo kanaa keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Kaayyoon kunis hojii irra oolaa jiraachuu fi jijjiiramni argame qabatamaan mul’achaa dhufuu eeraniiru. Kanaafuu, namoonni ammas hidhatanii bosona keessa socho’an maal argachuuf akka qabsa’aa jiran of gaafachuu qabu jedhaniiru. Gaaffii fi hanqinoonni furmaata barbaadan jiraachuu akka danda’an kan ibsan Abbaa Duulaa Gammadaa, mootummaan qaamolee gaaffii qaban waliin mari’achuun rakkoolee jiran furuuf qophii ta’uu yeroo garaagaraatti ibsaa turuu yaadachiisaniiru. Wareegama guddaa kaffalameen jijjiiramni argame akka hin badneef, namoonni jijjiirama kana deeggaruu, guddina biyyattii fi badhaadhina uummataaf waliin hojjechuu, akkasumas hanqinoota jiran mariidhaan furuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Keessumaa, ergaa alaa fudhachuun hidhatanii qonnaan bultoota rakkisuun gaaffii fi kaayyoo ummata Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenye ibsaniiru. Gocha akkanaa gaaffii Oromoo dhugaa wajjin walqabsiisuun sirrii akka hin taanees dubbataniiru. Namoonni hedduun mootummaa waliin hojjechuuf murteessanii, mootummaa keessatti hirmaachuun ummata isaanii tajaajilaa jiraachuu eeruun, namoonni hidhatanii bosona keessa jiranis gara nagaa dhufanii, gaaffii yoo qabaatan mariidhaan akka furatan waamicha dhiyeessaniiru. Dhuma irratti, namoonni hidhatanii bosona keessa jiran marii fi nagaa filachuu dhabuun isaanii wareegama ummanni Oromoo, keessumaa dargaggoonni Qeerroo fi Qarreen kaffalan gatii dhabsiisuu akka ta’e hubachuu qabu jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
Itoophiyaa fi Hulaa Galaanaa: Seenaa, Dantaa Biyyaalessaa fi kallattii gara fuulduraa
Oct 15, 2026 239
Galaanni Diimaan daandiiwwan daldala idil-addunyaa keessaa isa murteessaa ta’ee, dantaa dinagdee, nageenyaa fi ji’oopoolitikaa biyyoota hedduu walitti hidha. Itoophiyaaf immoo dhimma hulaa galaanaa argachuu fi itti fayyadamuu mirkaneessuun gaaffii dinagdee qofa osoo hin taane, dantaa biyyaalessaa, guddina dinagdee fi egeree biyyattii waliin kan walqabatudha. Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin seenaa dheeraa walitti hidhaminsaa qabdi. Yeroo Itoophiyaan qarqara galaanaa qabdu keessatti, daldala, geejjibaa fi hariiroo biyyoota biroo waliin qabduuf buufatawwan doonii murteessaa ta’anitti fayyadamaa turte. Akkasumas, Galaana Diimaa fi naannawa isaa keessatti daldala, nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabdi turte. Haa ta’u malee, waggoota soddoma dura Ertiraan walabummaa ishee erga argattee booda, Itoophiyaan qarqara galaanaa ishee dhabdee biyya hulaa galaanaa kallattiin hin qabne taate. Haalli kun caasaa daldala alaa biyyattii irratti dhiibbaa geessisuun, geejjibaa fi loojistikii keessatti buufata doonii biyyoota ollaa irratti akka hirkattu taasiseera. Erga qarqara galaanaa dhabdee booda, Itoophiyaan daldala alaa ishee raawwachuuf buufata doonii biyyoota ollaa, keessumaa Jibuutii, irratti hirkachuu jalqabde. Hirkattummaan kun baasii geejjibaa, saffisa sochii daldalaa fi dorgommii gabaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Kanaafuu, filannoowwan buufata doonii bal’isuu, tajaajila loojistikii fooyyessuu fi hulaa galaanaa itti fayyadamuuf dandeettii cimsuun dhimma dinagdee biyyaalessaa keessatti iddoo olaanaa qaba. Ministirri Muummee Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad, yeroo garaagaraatti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duratti dhimma hulaa galaanaa irratti yaada isaanii dhiyeessaniiru. Ibsa isaanii keessatti, dhimma kana seenaa, seera, teessuma lafaa, dinagdee fi dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa waliin walqabsiisuun ibsaniiru. Akka ibsa isaanii keessatti kaasanitti, Itoophiyaan qarqara galaanaa dhabuu ishee irratti murtiin uummataa fi qaamolee mootummaa barbaachisoo hammate hin taasifamne. Ta’us, dhimma kanaaf furmaanni barbaadamu karaa marii, dippilomaasii fi nagaa irratti hundaa’uu akka qabu cimsanii ibsaniiru. Ministirri Muummee,Hulaan galaanaa guddina dinagdee, baay’ina uummataa fi gahee Itoophiyaan naannicha keessatti qabdu ilaalchisee, hula galaanaa argachuu fi itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Akka ibsa isaanii keessatti hubatamutti, fedhiin Itoophiyaa kun walitti bu’insa uumuuf osoo hin taane, dantaa dinagdee ishee guddisuu, dorgommii gabaa cimsuu fi faayidaa uummataa mirkaneessuuf kan ka’eedha. Kanaafuu, kaayyoon Itoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee fi dantaa biyyoota ollaa wal simsiisuun furmaata waaraa argachuudha. Kanaafis, marii dippilomaasii, waliigaltee faayidaa waloo irratti hundaa’e fi kabaja seera idil-addunyaa bu’uura godhachuun murteessaa dha. Galaanni Diimaan karaa daldala idil-addunyaa, geejjiba anniisaa fi sochii dooniiwwan daldalaa keessatti gahee tarsiimawaa qaba. Keessumaa, karaa Baab-el-Mandeb jedhamuun Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Eden wal qunnamsiisu, daldala addunyaa keessatti iddoo murteessaa qaba. Haalli teessuma lafaa kun Galaana Diimaa naannawa dorgommii dantaa biyyoota naannichaa fi humnoota idil-addunyaa taasiseera. Kanaafuu, dhimma hulaa galaanaa Itoophiyaa biyyattin fageenya kiloo meetira 50 gadi keessatti kan arggamtuu taatus hulaa galaanaa malee hafuun ishii shirri hamaan biyyatti irratti raawwachuu isaa agarsiisa. Itoophiyaan biyya baay’ina uummataa guddaa qabdu, akkasumas dinagdee ishee babal’isuuf carraaqqii gootu waan taateef, karaa geejjibaa amansiisaa fi filannoowwan buufata doonii hedduu qabaachuun dorgommii dinagdee ishee cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Haa ta’u malee, fedhii kana galmaan ga’uun tasgabbii naannichaa eeguu, wal amantaa biyyoota ollaa cimsuu fi waliigaltee seera qabeessa ta’e irratti hundaa’uu qaba. Itoophiyaan hulaa galaanaa itti fayyadamuuf filannoowwan garaagaraa dhiyeessuu dandeessi. Itoophiyaan karaa kennani fudhachuun karaa seeraa idil-addunyaa malee hulaa galaanaa itti cufamee abbummaan mirkaaneeffachuu qabdi. Tarkaanfiiwwan akkanaa baasii geejjibaa hir’isuu, daldala alaa saffisiisuu, filannoowwan geejjibaa babal’isuu fi dinagdee biyyattii caalaatti dorgomaa taasisuu keessatti gumaacha qabaachuu danda’u. Kana milkeessuuf garuu marii itti fufiinsa qabu, waliigaltee iftoomina qabu, faayidaa waloo kabajuu fi seera idil-addunyaa hordofuun hojjacha jirti. Walumaagalatti, dhimma hulaa galaanaa Itoophiyaa seenaa, dinagdee, nageenya, teessuma lafaa fi dantaa ji’oopoolitikaa walitti hidhuun barbaachisaadha. Itoophiyaaf hulaa galaanaa argachuu fi itti fayyadamuun dhimma dantaa biyyaalessaa fi guddina dinagdee waliin walqabatu yoo ta’u, furmaanni waaraan karaa nagaa, marii fi waliigaltee faayidaa waloo irratti hundaa’e tasgabbii Gaanfa Afrikaa cimsuu fi hariiroo biyyoota ollaa fooyyessuu keessatti bu’uura murteessaa ta’a. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Qabeenyi Uumamaafi Aadaan Kibba Oromiyaa guddina naannichaafi biyyaaf gahee olaanaa qaba — Obbo Ahimad Haajii
Oct 15, 2026 208
Onkololeessa 5/2019 (ENA):- Qabeenyi uumamaafi aadaan Kibba Oromiyaa keessatti argamu qabeenya guddaa naannichaa fi biyya keenyaa ta’uu Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Oromiyaa Obbo Ahimad Haajii ibsan. Rakkoolee nageenyaa bakka tokko tokkotti mul’atan furuun guddina akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuuf hojjetamaa jiraas jedhan. Hooggansi Godina Kibba Oromiyaa gurmaa’insa mootummaa haaraa milkeessuu irratti Abbootii Gadaa fi bakka bu’oota kutaalee hawaasaa godinichaa waliin Magaalaa Bulee Horaatti mari’ateera. Hirmaattonni marichaa rakkooleen nageenyaa mul’atan yoo furaman, caasaan bulchiinsaa haaraan hojiirra oole guddina biyyaatiif bu’aa guddaa akka fidu abdii qabaachuu ibsaniiru. Kibbi Oromiyaa gama hundaan jijjiiramee akka mul’atuuf hojjechuun kaayyoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uu kan ibsan Bulchaan Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Nageenyaa Kibba Oromiyaa, Obbo Liiban Areeroo, hooggansi haaraan caasaa mootummaa kanaan ramadames galma kana milkeessuuf cimee akka hojjetu dubbataniiru. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Raayyaa Ittisaa gaachana Biyyaa
Oct 14, 2026 604
Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa seenaasaa baroota dheeraa keessatti qormaatilee fi bu’aa bahii hedduu, akkasuamas wareegama qaalii kaffaluun har’aan ga’eera.Raayyaan ittisa biyyaa dhaabbata qormaatilee hedduu injifannoon keessa qaxxaa muree hara’a ga’edha. Raayyaan qormaatilee ammayyaa, dhiibbaawwan alaa fi keessaa jiran obsaan dandamachuudhaan wabii biyyaa fi ummataa ta'ee kan dhaabbate utubaa bilisummaati. Raayaan ittisa biyyaa dirree waraanaatti gootummaa fi dandeettii loltummaa gita hin qabne agarsiisuu isaatiin qofa osoo hin taane; naamusawwan waraanaa ol'aanaa ittiin beekamuun, aantummaa uummataa kan qabuu fi ofirra biyyaaf aarsaa kaffaluun uumata biratti baay’ee kan jaallatamuu fi kabajamudha. Qajeeltoon kun icciitii cichoominasaa yoo ta'u, tokkoon tokkoo miseensa raayyaa Ittisa biyyaa fedhii isaa, nageenya fi lubbuu isaa birmadummaa biyyaa fi ummataatiif dabarsees kennuuf kan isa qopheessu duudhaa jiraataadha. Har'as naamusaa fi duudhaasaa biyyaalessaa jabaa kana bu’uura godhachuun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fi diinota nageenya biyyaa booressuuf socho'an faccisuudhaan injifannoo irrati injifannoo dabaluun seenaa Itoophiyaa cimsuun itti gaafatamummaa isaa dandeettii ol'aanaadhaan bahachaa jira. Raayyaan Ittisa biyyaa bakka kamittuu iddoo itti seeraa kabachiisee fi nagaa mirkaneesse maratti hojiin isaa dirqama waraanaan qofa kan daangeffame miti. Isaan olitti uummata tasgabbeesuu, xiinsammuusaa haaressuu, bu’uuraalee misoomaa barbaada’an deebisanii ijaaruu adda durummaan ni raawwata. Amalli hojii fi kutannoon raayyaa ittisa biyyaa yeroo nagaa fi boqonnaa isaaniittis qophii olaanaa taasisuu leenjii jabaa, beekumsaa fi teeknooloojiidhaan dandeettii isaanii gabbisuun waamicha biyyaalessaa fi dirqama fuulduraatiif qophiitti jiraachuu isaanii mirkaneessa. Raayyaan Ittisa biyyaa qormaatilee baay'ee keessa darbe, jaalala fi deeggarsa ummataatiin kan cime wabii biyyaa fi gaachana hin cabne, gaachanaa fi dahoo jabaadha. Injifannoo wareegamaan argame Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya bilisummaa fi birmadummaa isheetiif wareegama kaffaluun eenyummaa ishee kabachiifattedha. Birmadummaa fi kabajni biyya seena-qabeettii kanaa osoo hin sarbamiin hanga har'aatti turuu kan danda'e ammoo goota Raayyaa Ittisa Biyyaa baroota keessatti dhiigaa fi lafee isaatiin biyya dhaaban waan qabduufi. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa bu'uura jiraachuu biyyaa, wabii nageenya uummataa fi humna cimaa agarsiistuu jaalala biyyaati. Hundeen seenaa raayyaa ittisa biyyaa imala birmadummaa biyyaa waliin kan walqabatedha. Injifannoo Adwaa irraa eegalee hanga ijaarsa ittisa biyyaa ammayyaatti, raayyaan kun ergama daangaa biyyaa eeguu dandeettii fi gahumsa olaanaadhaan ba’achaa tureera. Weerartoonni alaa birmadummaa biyyaa sarbuuf yeroo yaalanitti, raayyaan kun bifa adda addaatiin gurmaa’ee fi hiriiree wareegama kaffaluun biyya kabachiiseera. Imaanaan seenaa kun har'as itti fufee, tooftaa waraanaa ammayyaa, teeknoolojii fi hoj-maata saayinsaawaa qindeessuudhaan ergama daangaa samii fi daangaa lafa biyya ciminaan eeguu ba'achaa jira. Raayyaan ittisa biyyaa diina daangaa biyya isaa sarbe mogolee diinaa cabsee deebisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuudhaan hojii ol aanaa hojjetaa jira.Kanaanis mootummaanis ta’e uummataan Raayyaa ittisa biyyaa amanamaa ta’ee seenaa isaan yaadatamaa asiin ga’eera. Uummanni Raayyaa wareegama cimaan birmadummaa biyyaa kabachiise cinaa dhaabbatee deeggarsa barbaachisaa taasisaa jira. Ergama Nagaa Kabachiisuu Seenaan gootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa barreesse biyya keessatti qofa kan daangeffame miti. Nageenya biyya keessaa kabachiisuu fi sirna heera mootummaa eegsiisuuf qabsoo taasise cinaatti, ergama nageenya eegsisuu Idil-Addunyaa keessattis maqaa gaarii fi surraa qaba. Raayyaan kun daangaa eeguu bira darbee, ergamawwan nagaa kabachiisa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessatti gahumsa saayinsawaa fi amanamummaa hawaasaatiin maqaa gaarii biyyaa ol kaaseera. Kana malees balaa uumamaa ittisuu fi misooma biyyaa keessatti gahee qabuun hariiroo uummata waliin qabu caalmaatti cimseera. Itiyoophiyaan naannawaa Afrikaa Bahaatti olaantummaa tarsiimo'aa fi wabii nageenyaa ta'uushee ifatti labsuun diinaaf yaaddoo lammiileef immoo abdii, biyyaafis gaachana birmadummaa ta'eera. Riifoormii Raayyaa Ittisa biyyaa gahumsa Raayyaa guddise Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa gaachana birmadummaa biyyaa ta’uusaan seenaadhaan beekamu qabatamaan sadarkaa isa gitu akka argatuuf riifoormiin gaggeeffameera. Dhaabbileen barnootaa fi leenjii ittisaa saayinsii waraanaa, hoggansa tarsiimowaa fi teeknooloojiin kan badhaadhan waan ta’aniif, raayyichi balaawwan biyya keessaa fi naannoo dursee xiinxaluu fi ittisuu danda’eera. Bu’uuruma Kanaan riifoormii gaggeeffameen bu’aawwan aragamaniiru: Ajaja Paartii jalaa ba'uu: Raayyaan ittisaa meeshaa dhimma paartii siyaasa tokkoo raawwachiisu ta'uun hafee, raayyaa biyyaalessaa fi uummataa ta'ee akka gurmaa'u taasifameera. Ilaalcha tokko qabaachuu: Raayyaan ittisa biyyaa Sabummaa, amantaa fi faayidaa garee kamirraayyuu bilisa ta'uun, ilaalcha biyyaalessaa fi birmadummaa kabachiisu irratti akka xiyyeeffatu taasifameera. Tokkummaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu irratti ejjennoo waltawaa tokko qabaachuu danda’ameera. Hidhannoo Ammayyaa fi Saayinsii Waraanaa: Raayyaan kun meeshaalee waraanaa ammayyaa, teeknooloojii fi saayinsii waraanaa addunyaa irra gahuun akka ijaaramu taasifamee jira Ergama isaa gahumsaan bahachuu danda’uu : Lafoo fi samii jalatti hojii hojjetuun teessuma lafaa kamirraattiyyuu rakkoo tokko malee ergama isaa baahachuun gahumsaa cimaa gonfateera. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa seenaa gootummaa fi jaalala biyyaa bu’uura godhachuun, saayinsii waraanaa ammayyaa fi teeknooloojii ol’aanaa haammateen riifoormii fi dandeettii ijaarrachuu raawwateera. Wabii Nageenya Naannoo: Daangaa biyyaa eeguun cinaatti, nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti qooda olaanaa taphachuu danda'uun gahumsa agarsiiseera. Diinni keessaa fi alaan qindoomuun imala badhaadhina Itoophiyaan eegalte gufachiisuun waraana labsuu hanga jeequmsa babal'isuutti yeroo gahan raayyaan ittisa biyyaa aarsaa lubbuu fi wareegama, akkasumas halkanii guyyaa roobaa, qorraa fi gammoojjii osoo hin jedhiin cichoominaan birmadummaa biyyaa kabachiisuu danda'eera. Rifoormiin dhaabbilee nageenyaa kun gama hundaan tokkummaan lammilee Itiyoophiyaa akka cimuufis gumaacha guddaa taphateera. Duudhaalee Raayyaa ittisa biyyaa 1.Naamusa fi Ummatummaa: Dirree waraanaatti gootummaa agarsiisuu qofa osoo hin taane, ummata gargaaruu, bu'uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruu fi deeggarsa xiinsammuu deebisuu irratti dhiyeenyaan hojjetu. 2.Qophiitti Jiraachuu: Yeroo nagaattis leenjii jabaa, teeknoolojii fi beekumsa waraanaa ammayyeessuun waamicha biyyaalessaa kamiiyyuu simachuuf qophaa'oo ta'anii jiraatu 3.Biyyaaf dursa kennuu : Fedhii fi jireenya dhuunfaan olitti birmadummaa biyyaa, nagaa fi tas-gabbii biyyaatiif dursa kennanii tajaajiluun duudhaa isaanii isa guddaadha. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links

Hawaasummaa
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota
Oct 16, 2026 24
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) - Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera jedhan jiraattonni godina lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii. Jiraattota magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa obbo Koorsaan akka ibsanitti, Kanaan dura dhimmasaanii raawwachiifachuuf waajjiraalee mootummaa garagaraa deemuun yeroo fi maallaqa qisaasaa turaniiru. Har’a garuu wiirtuun kun magaalaa Gimbiitti waan banameef dhimmasaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurachuu waan danda’aniif gammaduusaanii ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa bakka tokkotti akka argannu taasisuudhaan bu’aa bayii fi baasii hin malle Kanaan dura baasaa turre nurraa hambiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Gimbii obbo Girmaa Biraasaati. Wiirtuun kun hojiirra ooluunsaa namoonni tajaajila fooyya’aa wal qixxummaan akka argatan kan gargaaru waan ta’eef hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Eyyama daldalaa haaromsuuf gara wiirtuu kanaa kan dhufan obbo Waaqjiraa Taammiruu gamasaaniin, baasiin hin mallee fi deddeebiin Kanaan dura ture hafee tajaajila barbaadan argachuu akka danda’an dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo kun guutuu fi hawaasaaf tajaajila kennuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Gimbii obbo Waaqtolee Malkaa ENA’f akka ibsanitti, hawaasni bakka tokkotti tajaajila si’ataa akka argatu taasiseera. Wiirtuun kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuudhaan tajaajilamtoonni bu’aa bayii malee tajaajila akka argatan taasiseera jedhaniiru.
Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha'' Obbo Agenyew Fiqiruu
Oct 16, 2026 60
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu ibsan. Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu Mootummaan jijjiiramaa komii, gaaffii fi yaada ummanni rakkoo tajaajilaa irratti qabu hundeerraa furuuf gurmaa'insaa fi qajeelfama haaraa gadi buusuu ibsaniiru. kaayyoon gurmaa’insa kanaa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqaabamaa hawaasni akka argatu taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha jedhaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 irratti bakka hooggantootnii, Manajimantii sektarootaafi dhimmamtootni argamaniitti mariin gaggeeffame. Mootummaan jijjiiramaa tajaajila si'ataa, dhaqaabamaafi amanamaa hawaasni haala mijataa ta'een akka argatu akkasumas amantaa ummanni mootummaa irratti qabu guddisuuf gurmaa'insaafi qajeelfama ramaddii hojjetoota mootummaan manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa haaraa gadi buusee jira. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti qajeelfamaafi gurmaa'insaa haaraa kana karaa iftoomina qabu, loogii irraa bilisa ta'eefi bu'uura qajeelfamaan akka raawwatuuf mariin hooggantoota, manajimantii manneen hojii fi dhimmamtoota waliin gaggeeffameera. Itti gaafatamaan Waajjira Paabliik Sarviisiifi misooma Qabeenya namaa magaalichaa Dr .Cammaraa Shibbiruu kaayyoon gurmaa'insa haaraa fi qajeelfama ramaddii haaraa hojjetoota mootummaa loogii fi ogii malee gahumsaa fi dandeettiin hojjettootaa fi hojii walsimsiisuun tajaajila si'ataa, amanaafi bu'aqabeessa hawaasni akka argatu taasisuun itti quufinsa maamilaa guddisuu akka ta'e himaniiru. Mariichi Koreewwan Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 raawwachiisan filachuun xumurameera jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Magaalichaa gabaaseera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo fi maallaqaa hambisuun nu fayyadaa jira-jiraattota
Oct 15, 2026 183
Onkoloolessa 05/2019 (ENA)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo hambisuun alatti baasii hin malleef akka hin saaxilamne akka isaan gargaare magaalaa Shaggaritti jiraattonni kutaa magaalaa Buraayyuu ibsan. Dhimmoota mootummaan akka ijootti qabate keessaa kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu, bulchiinsa gaarii buusuu fi hudhaalee birokiraasii dhabamsiisuundha. Tajaajilamtoonni Kanaan dura dhimma tokkoof biirolee fi dhaabbilee garagaraa jidduu deddeebi’uun, yeroo dheeraa eeguun, akkasumas baasii hin malleef saaxilamuun bu’aa bayiin irra gahaa tureera. Hojmaanni haaraa kun qisaasama yeroo fi baasii uumuun gamatti, malaammaltummaa fi hojmaata badaaf ulaa banuun itti quufinsa ummata tajaajila barbaaduu gadi buusuun hariiroo ummataa fi mootummaa jidduutti dhiibbaa uumaa tureera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo kana furuuf hojmaattota addaan faffaca’an bakka tokkotti qindeessuun teeknooloojiin deeggaramee tajaajila kennaa jira. Hojmaanni kun bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hir’isuun, iftoominaa fi si’aayina kenniinsa tajaajilaa guddisuun akkasumas itti quufinsa mirkaneessuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti fayyadamtoota tajaajilichaa keessaa obbo Tamasgeen Ballaxaa akka dubbatanitti, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa akka gaafatu ibsanii, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti tajaajila si’ataa argachaa jiru. Tajaajilli kun hawaasa kan fayyadee fi mootummaa fi hawaasa jidduutti wal amantaa uumuuf qooda olaanaa akka qabu eeraniiru. Tajaajilichi bakka tokkotti argamuunsaa deddeebii fi harkifannaa hambisuun, yeroo gabaabaa keessatti tajaajila gahaa argachuuf akka isa gargaare dargaggoo Baacaa Baqqaanaa ibseera. Adde Abarraash Makuraa gamasaaniin, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifdachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu tajaajila wiirtuu tokkoo Masooniin tajaajila si’ataa fi qulqulluu battalatti argachuu akka danda’an ibsaniiru. Hojii gaggeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob kutaa magaalaa Burraayyuu Injiinar Isaayyaas Mokonnon akka ibsanitti, tajaajilichi deddeebii tajaajilamtootaa hambiseera. Hawaasni malaammaltummaaf akka hin saaxilamne gochuun mootummaa fi ummata jidduutti iftoomina kan guddise ta’uu dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Kanaan dura waajjiraalee garagaraa keessatti faffaca’ee ture bakka tokkotti fiduun hawaasa kan bayyanachiise ta’uu eeraniiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuun cinaatti tajaajila hawaasummaatiinis hawaasa fayyadamoo taasisaa jiraachuu ibse
Oct 15, 2026 146
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuu, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hojjetu cimsee akka itti fufu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa beeksisan. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Jamaal Yusiif akka jedhanitti, Yunivarsiitichi bara barnootaa 2019 gara ofiin of bulchuutti cehuuf bara imala itti eegaludha. Kanaan wal qabatee qajeelfamoota barbaachisan qooda fudhattootaa fi ogeeyyota biyya keessaa fi biyya alaatti argaman waliin sakatta’amee fi ceepha’amee qophaa’uusaanii dabalanii ibsaniiru. Keessumaa Yunivarsiitichi qorannoo fi tajaajiloota hawaasaatiin hawaasaa fi qonnaan bulaa gargaaraa akka jiru doktar Jamaal ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hawaasa naannawichaa karaa fayyaduun hojii hojjetaman cimsee akka itti fufu himaniiru. Keessumaa bu’aalee qorannoo rakkoo furanii fi sanyii midhaanii fi beelladaa dhugoomsuuf xiyyeeffatee akka hojjetu beeksisaniru. Yunivarsiitichi tumsaa fi walitti hidhaminsa dhaabbilee biyya keessaa fi idil addunyaa waliin eegumsa naannoo, fayyaa hawaasaa fi dameelee biroorratti waliin hojjetu cimsuu fi hojiiwwan qorannoo guddisuuf akka hojjetamu eeraniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan tajaajila hawaasaa qonna, barnoota, fayyaa fi kanneen birootiin hojjetu akka guddisu doktar Jamaal dubbataniiru. Keessumaa tajaajila seeraa bilisaan kennamuun wal qabatee tajaajila hawaasummaa hojjetu cimsee akka itti fufu eeranii, ga’umsa barsiisotaa guddisuurrattis hojii xiyyeeffannoo kennuun hojjetu cimsee akka itti fufu ibsaniiru. Yunivarsiitichi bara barnootaa kana barattoota haaraa kuma 5 ta’an har’aa eegalee akka simatu eeranii, barattootaaf wanti barbaachisu qophii taasifamuu Dr. Jamaal dubbataniiru.
Diinagdee
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesse
Oct 16, 2026 68
Onkololeessa 6/2019 (ENA):-Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufinsa qabu Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera. Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Doktar Iyyoob Takkalinyiin durfamu, walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa cinaatti, Komishinara Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa, Yooseef Siikeelaa waliin mariyateera. Yeroo kanatti, dhimmoota ajandaa misoomaa waloo guddina dinagdee Itoophiyaatiif dursa kennaman, akkasumas tumsa fuulduraa irratti mariyataniiru. Komishinarri Gamtaa Awurooppaa Dhimmoota Tumsa Idil-addunyaa Yooseef Siikeelaa, marii isaaniin Itoophiyaan michuu Gamtaa Awurooppaa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa, keessumaa naannoo Galaana Diimaa keessatti gumaacha olaanaa taasistu, akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti gahee ijoo tarsiimawaa qabdu dinqisiifataniiru. Dabalataanis, Gamtaan Awurooppaa galmawwan misooma itti fufiinsa qabu Itoophiyaan galmaan ga’uuf tattaaffii taasistu deeggaruu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Daawwannaan Midhaan Kilaasteraan omishamee gaggeeffame
Oct 16, 2026 52
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Godina Giddugaleessa Oromiyaa Aanaa Ejersa Lafootti guyyaa ayyaana qonnaan bulaa sababeeffachuun daawwannaan Kilaastera Qamadii fi Xaafii gaggeeffameera. Daawwanicharratti Itti Aanaa Qonnaa fi itti gaafatamaa damee Qonnaa Godina gidugaleessa Oromiyaa obbo Tarrafaa Araarsaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru. Godinichatti Oomishaa fi Oomishitummaa dachaan dabaluun karoora of danda'uu hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Waajjira Qonnaa Godina giddugaleessa Oromiyaatti Itti Aanaa Qonnaa fi itti gaafatamaa damee Qonnaa Godina gidugaleessa Oromiyaa obbo Tarrafaa Araarsaa dinagdee qonnaan bulaa guddisuuf oomishaaf omishitummaa qonnaan bulaa dabaluun murteessaa ta'uu kaasanii; imala nyaataan of danda'uu hojiirra oolchuuf bonaaf ganna hojjechuun murteessaa ta'uudubbataniiru. Bulchaa Aanichaa Obbo Kabbadaa Leellisaa akka dubbatanitti,Aanichaatti Oomisha Kilaastera qonnaa keessatti hojiin hojjetamaa jiru fakkeenya gaarii fi muuxannoo qonnaan bultoota biroof qooduuf qofa osoo hintaane qonnan bulaan gootaraan isaa guutee dinagdeen akka of danda'uu fi galii biyyaa guddisuu Keessatti gahee Olaanaa qabaachuusaa ibsaniiru. Itti Aanaa Bulchaa,Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanichaa Obbo Balaay Tasfaayee gama Isaaniin Ayyaanni Qonnaan Bultootaa kun milkaa’ina, badhaadhinaa fi oomishtummaa guddaa fiduu akka danda'uu himuun,Ogeeyyiin qonnaa qonnaan bultoota keenya deeggaruun, misooma qonnaa fi Imala badhaadhina dhugoomsuu ciminaan hojjenna jedhaniiru
Harkifannaa ijaarsa pirojektoota daandii irratti mul’atan furuun, yeroonii fi qulqullinaan xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif ni hojjetama – Doktar Rashaad Kamaal
Oct 15, 2026 214
Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Harkifannaa ijaarsa pirojektoota daandiirratti mul'atan furuun yeroof qulqullinaan xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif akka hojjetamu Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal ibsan. Doktar Rashaad Kamaal babal'inaaf ijaarsawwan misoomawwan bu'uuraa uummataaf hojjetamanirratti dhaabbileen misoomaa, hoggantootni sadarkaan jiraniif hawaasni naannichaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru. Mareen rakkoo harkifannaa pirojektoota daandiiwwan gurguddaa godina Kibba lixa Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiran biratti mul'atan furuu irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Maricharratti hoggantootni Abbaa Taayitaa Daandiiwwan federaalaa Damee Jimmaa, waajjira tajaajila ibsaa fi hoggantootni aanaalee godinichaa ijaarsi daandiiwwan gurguddoon keessa qaxxaamuran argamaniiru. Harkifannaa Ijaarsa daandiiwwan gurguddoo kunneeniif sararootni ibsaa daandiirraa yeroon kaafamuu hafuu fi gaaffileen beenyaan walqabatan ijaarsi daandii yeroon akka hin xumuramneef sababa tahuun ibsameera. Kanaafis hoggansi sadarkaan jiruu fi waajjirri humna ibsaa wal hubannaan rakkoolee mudatan waloomaan akka furaniif ibsaniiru. Abbaan Taayitaa daandiiwwanii harkifannaawwan hojii ijaarsa pirojektoota keessatti mul'atu ariitiin furuun komee hawaasni tajaajila daandiirratti qabu akka deebisu hubachiisaniiru. Pirojektootni kunneen qulqullinaaf yeroon xumuramuu qabu kan jedhan Doktar Rashaad; dhaabbileen misoomaaf hoggansi sadarkaan jirus rakkoo ijaarsa pirojektii keessatti mul'atu waloomaan hiikuun galma barbaadane milkeessuu qabus jedhaniiru. Madda Koominikeeshinii Godinichaarraa. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Qulqullina Bunaa fooyyessuun Buna gabaa giddu galeessaaf dhihaatu dabaluuf hojjetamaa jira
Oct 15, 2026 159
Onkoloolessa 5/2019 (ENA)-Qulqullina Bunaa fooyyessuun Buna gabaa giddu galeessaaf dhihaatu dabaluuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godina Lixaa Oromiyaa beeksise. Bara oomishaa 2019 Buna kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 130 fi 410 oomishuuf karoorfamee kana milkeessuuf hojjetamaa akka jiru itti aanaan itti gaafatama waajjira qonnaa godinichaa Dr. Darajjee Biraanuu ibsaniiru. Godinichatti hojiin oomisha Bunaa hedduun akka jiru kan dubbatan Dr. Darajjeen, rakkoolee qulqullinaa Buna walitti qabamu keessaa toonii kuma 42 fi 955 tuqaa 6 dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Amma ammaatti aanaalee afur irraa Bunnni toonii 119.34 gabaa jiddu galeessaaf dhihaachuun himameera. Qulqullina Bunaa mirkaneessuu fi akkaataa karoorfameen gabaaf dhiheessuuf oomisha Bunaa guddisuun gamatti galii oomishtoota guddisuu fi gabaa Bunaa biyyattii cimsuuf murteessaadha jedhaniiru. Godinicha aanaa guutoo Giddaatti Buna kan oomishan keessaa qonnaan bulaan Mitikkuu Balaayi qulqullina Bunaa fooyyesuuf muuxannoo haala oomishaa fooyya’aa fi akkaataa kunuunsa oomishaan boodaa hojiirra oolchuun barbaachisaa waan ta’eef deeggarsa ogeeyyota qonnaarraa argateen hojjechaa akka jiru ibseera. Buna Yeroon walitti qabuu fi qulqullinaa gogsuun gatii Bunaa dabaluuf akka gargaaru waan hubataniif qulqullinaan oomishanii gatii fooyya’aa argachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Qonnaan bulaa Yaasiin Warquu gamasaaniin, qulqullina Bunaa eeganii karaa gurmaa’een gabaaf dhiheessuun galii oomishtootaa guddisuun akka danda’amu ibsaniiru. Lafa heektaara tokko caalu irraa oomisha fooyya’aa argachuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 404
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 821
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 1051
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 1476
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Ispoortii
Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa sadarkaa Ardiitti gaggeeffamu ni keessummeessiti
Oct 16, 2026 44
Onkoloolessa 6/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kubbaa harkaa dubartoota guddattoota Afriikaa 34 fi dubartoota shamarran Afriikaa 23ffaa akka keessummeessitu filatamte. Itiyoophiyaan dorgommii kana akka keessummeessitu kan murteesse mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaati. Manni marichaa wal gahii idilee Angoolaa Luwaandaatti gaggeesseen guddina ispoortii kubbaa harkaa Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiruu fi dandeettiin dorgommii keessummeessuuf qabdu filatamuusheef sababa ta’uu ibseera. Federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantiin baha Afriikaa zoonii 5ii akkasumas miseensi mana maree konfedereeshinii kubbaa harkaa Afriikaa Dr. Fitiih Waldasanbat wal gahii kanarratti hirmaataniiru. Itiyoophiyaan dorgommii kana qopheessuuf qophii ta’uushee pirezidaantichi dubbataniiru. Dorgommii kubbaa harkaa shamarran guddattootaa Afriikaa irratti biyyoonni 34 ni hirmaatu jedhameetu eegama. Dorgommii dargaggootaarratti irratti biyyoonni 15 ol akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniin kubbaa harkaa Itiyoophiyaa ni mul’isa. Dorgommiiwwan sadarkaa Afriikaa kun A.L.A bara 2027tti gaggeeffamu.
Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa Finfinnee galan
Oct 15, 2026 173
Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa (CAF) dandeettii qophii Itoophiyaan Waancaa Afrikaa kan bara 2028 qopheessuuf qabdu madaaluuf Finfinnee seeneera. Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii Dr. Akliiluu Taaddasaa ETV akka ibsanitti, gareen kun turtii isaatiin fooyya'insa caasaa ispoortii, sadarkaa istaadiyeemotaa, dame hoteelaa fi keessummeessummaa, akkasumas qophii geejjibaa fi loojistiikii sirriitti madaala. Madaallii Finfinneetti taasisuun alattis, hojiiwwanii fi sochiiwwan misoomaa biyyattii keessatti raawwataman deddeemanii ni daawwatu. Gareen kun odeeffannoo barbaachisu walitti qabee erga xumuree booda, gabaasa walii galaa dhiyeessu irratti hundaa'uun murtoo dhumaa biyya qopheessituu koree hojii Hojii Raawwachiisaa CAF'f kan dhiyeessu ta'a. Itoophiyaan walakkaa jaarraa booda dorgommii Ardii irra deebiin gara biyya isaatti deebisuuf gaaffii dhiyeessuun kan yaadatamudha.
Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate
Oct 6, 2026 1075
Fulbaana 26/2019 (ENA ): Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2026 keessatti hammatamte. Atileetiksiin Addunyaa har'a atileetota addunyaa kanarraa ciccimoo ta'an 10 koorniyaa lamaanii ifoomsoosera. Kaadhimamtoota dubartoota keessaa atileetii lammii Itoophiyaa Taagisti Asaffaati. Atileet Taagisti kanaan dura Atileeti Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2023 fi 2025 ta’uun kaadhimamtee turte. Tibbana Maraatoonii Barliin irratti miidhamaan qoramtee turtus, atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04’n xumuruun sa'aatii saffisaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa galmeessiteetti. Akkasumas Maraatoonii Landan bara 2026 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 41’n maaraatoonii dubartootaatiin riikardii addunyaa haaraa galmeessiteetti.
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 1094
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan
Oct 14, 2026 313
Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru. Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera. Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 311
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera. Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2466
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1839
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 22031
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19079
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.