ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Fooyyessi dinagdee gooroo daldala biyya alaaf haala mijataa uumuun gabaa haaraa banuudhaan shoora gaarii qaba
Sep 2, 2026 94
Hagayya 27/2018 (ENA)- Fooyyessi dinagdee gooroo guutuun daldala biyya alaaf haala mijataa uumuun gabaa haaraa banuudhaan qooda gaarii qaba bahaa akka jiru dureeyyiinii fi hoggantoonni damee kanarratti hojjetanii ibsan. Misooma Hortiikaalcharii Itiyoophiyaa fi eksipoortiirratti kan hojjetan obbo Tsaggaayee Abbabaa akka ibsanitti, birokiraasiin waggoottan darban ture yeroo har’a guddaa furameera jedhan. Yeroo riifoormiin dinagdee gaggeeffamee fi haalli invastimantii mijataan uumamerra waan jirruuf dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa haala mijataa keessatti akka hojjetanii fi faayidaa akka argatan kan gargaaru ta’uu himaniiru. Invastaroonni biyya Chaayinaa, Hindii fi Awurooppaa dabalataanis invastaroonni biyyoota baha fagoo akka Veetinaam damee garagaraarratti invasti gochuuf dhufaa akka jiran eeranii, kun bu’aa fooyyessa dinagdee gaggeeffamee ta’uusaa ibsaniiru. Gama biraatiin hojii gaggeessaan olaanaa agiroo indistirii Biikoo obbo Taammiraat Addunyaa gamasaaniin, dhaabbannisaanii irra guddeessaan oomishoota istiroobarii biyyoota jiddu galeessa bahaa, baha fagoo, Afriikaa fi Awurooppaaf ergaa akka jiran ibsaniiru. Mootummaan fooyyessa dinagdee gooroon wal qabatee dhaabbilee oomishanii erganiif deeggarsi taasisaa jiru caalaatti hojjechuuf kan nama onnachiisudha jedhaniiru. Keessumaa dhiheessii sharafa alaa, hojmaata waraqaa liqiin wal qabatee hojmaanni Baankii guddaa kan mijate ta’uu dubbataniiru. Hojmaanni kun hariiroo daldalaa dhaabbannisaanii biyyoota baha fagoo kanneen akka Siingaapoorii fi taayilaandi waliin jiru cimsuudhaan gara gaba haaraatti salphaatti akka galu carraa guddaa akka uumu dubbataniiru. የMaanaajariin ekispartii Shaavaamoo Eksipoortii waldaa dhuunfaa itti gaafatamnisaa murtaa’e obbo Taarikuu Guuttataa Gabaan Awurooppaa damee eksiportii Bunaatiin eeramaa akka ture dubbataniiru. Yeroo ammaa garuu daangeffama daldalaa fi seerota gamtaan Awurooppaa baasu waliin wal qabatee gabaa filaataa babal’isuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaa gabaa haaraa fi filaataa babal’isuuf carraaqqii taasisu baay’ina ekispoortii kan bal’isuu fi maxxantummaa gabaa tokko qofaarratti qabnu waan hir’isuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni magaalaa Shaggaritti qonnarratti bobba’an haala mijataa uumameefitti gargaaramuun galiisaanii guddifachaa jiru
Sep 2, 2026 48
Hagayya 27/2018 (ENA) - Qonnaan bultoonni magaalaa Shaggaritti qonnarratti bobba’an haala mijataa mootummaan uumeefitti gargaaramuun galiisaanii guddifachaa jiraachuu qonnaan bultoonni magaalichaa ibsan. Guyyaan qonnaan bultootaa magaalaa Shaggar mata duree “qonnaan bulaa ammayyaa fi qonni ammayyaa badhaadhina walii galaaf” jedhuun magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sulultaatti sirnoota garagaraan kabajamaa jira. Waggaa haaraa sababeeffachuun baazaarii fi egzibiishiniin kan qophaa’e yoo ta’u, oomishaaleen qonnaa, maashinariiwwan, galteewwan calla guddiftuu fi kanneen biroos agarsiisaaf dhihaataniiru. Kaayyoon olaanaan kabajni guyyaa qonnaan bultootaa itti qophaa’e kun magaalonni qonna magaalaarratti hirmaachuun nyaataan of danda’uurra darbee, oomishaalee qonnaa kallattiin baay’inaa fi gatii madaalawaan argachuun qaala’insa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabbeessuu akka ta’e ibsameera. Qonnaan bultoonni saganticharratti hirmaatan yaada ENA’f kennaniin, bulchiinsi magaalichaa qonna magaalaa babal’isuunii fi hojiilee wabii nyaataa ammayyaa fi fulla’aa ta’e mirkaneesan raawwachuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsaniiru. Qonnaan bultoota yaada kennan keessaa kanniisaa horsiisuun damma oomishaa jiran obbo Abarraa Sobbooqaa akka dubbatanitti, hojii hojjechaa jiraniin of fayyaduurra darbanii oomishasaanii gabaa baasuun galiisaanii guddifachaa jiru. Gara fuulduraattis oomisha biyya alaatti egramu guddisuun qooda keenya ni bahanna jedhaniiru. Adde Assagadach Simee bu’aawwan beelladaa dhiheessuurratti waldaan gurmaa’anii hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Walitti hidhaminsa gabaa uumameen fayyadamaa ta’uusaanii eeranii, ogeeyyii fi mootummaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiranii fi hojii kana cimsanii akka itti fufan ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira qonnaa magaalaa Shaggar obbo Dajanee Baqqalaa gamasaaniin, magaalattiin Kanaan dura oomishuu dhabuun bakkeerraa bitaa akka jirtu yaadachiisanii, yeroo ammaa qonna ammayyaatiin oomishuudhaan gabaaf dhiheessuu eegaluushee ibsaniiru. Sadarkaa magaalaattii hojiileen ammayyaa hojjetamuusaa dubbatanii, qonnaan bulaaf hubannoo uumuudhaan teeknooloojii waliin walitti fiduun hojii hojjetameen hojiileen onnachiisaan hojjetamuusaanii dubbataniiru.
Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Sep 2, 2026 87
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Hoogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Naannoo Oromiyaatti gamaggama torbaniitiin Sadarkaa raawwiin hojii Kenna Tajaajila Lammummaa Gannaafi gargaaramtummaarraa gara Omishtummaatti taasifamaa jiru koree ol’aanaa Naannootiin qoratameera. Hojiiiwwan gama kanaan hojjetamaa jiran mirkaneessuuf akeekamee garee superviizhinii bobbaa'aniin argannoon superviizhinii dhiyaachuun irratti mari'atameera. Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gamaggama kanarratti yaada kennaniin, Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun dinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteesaadha jedhan. Kana dhugoomsuufis Naannoo Oromiyaattis, gargaaramtummaa guutummaatti hambisuun omishtummaan ofdanda’uuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun milkaa’inni yeroo yeroon galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Gama biraatiin kenna tajaajila lammummaa gannaatiin hojii hojjetamaa jiru itti fufsiisuun jijjiiramni hawaas-dinagdee fulla’insaan akka galmaa’u taasisuu irratti koree olaanoo kanaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himaniiru. Waliigalaan,Imala Ijaarsa biyyaa karaa milkeessuu danda'uun hojiin gama kenna tajaajila lammummaafi Omishtummaan of danda'uu irratti hojjetamaa jiru bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu obbo Kaffaaloon ibsaniiru. Ta'us garuu,harcaatii hojii mul'atan guutuu taasisuun milkaa’ina argame sadarkaa barbaadameen gahuudhaaf,argannoo superviizhiniin adda bahaan galtee hojii yeroo itti aanuu godhachuun, qindoomina keenya daran cimsuufi hawaasni akka aadeffatu taasisuu akkasumas sirna deggarsaafi horfoffii bu'a qabeessa diriirsuun humna dandamannaafi dorgomtummaa egeree bu’uura amansiisaa irratti dhaabuun murteessaa ta'us kaasanii jiru. Gabaasa raawwii hojiifi argannoo superviizhinii dhiyaatee irratti bal'inaan erga mari'atamee booda kallattiin fuulduraa kennamuun goolabameera jechuun waajjjirri paartii Badhaadhinaa damee oromiyaa gabaaseera.
Hirkattummaa Roobaa jalaa ba’uun gara Makanaayizeeshinii Jallisiitti ce'uun milkaa'ina gurguddoo damee Qonnaa Itoophiyaa keessaa isaan ijoodha
Sep 2, 2026 96
Hagayya 27/2018 (ENA) – Hirkattummaa Roobaa irraa gara misooma jallisii fi makanaayizeeshinii ammayyaatti ce’uun taasifamaa jiru, qonna Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane tarkaanfii seenaa qabeessa ta'uu isaa hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan. Bu’uura Dinagdee Itoophiyaa kan kan ta’e Qonni baroota dheeraaf mala aadaan maarashaa fi bishaan roobaan qofa irratti hirkatee turuun isaanii kan beekamudha. Haalli kunis biyyattii jijjiirama qilleensaa fi hanqina wabii nyaataaf kan saaxilu ta'ee tureera. Haa ta'u malee, waggoota dhihoo asitti babal'inaan hojiirra oolaa kan jiran kanneen akka misooma qamadii jallisii, oomishtummaa jallisii bonaa fi makanaayizeeshinii meeshaalee qonnaa, oomishtummaa damichaa sadarkaa ol'aanaadhaan jijjiiraa jiru. Dhimma kana irratti ENA waliin turtii kan taasisan hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa Itoophiyaan waggoota darban keessa qonna aadaa irraa ce'uudhaan gara Manaakaayizeeshinii misooma jallisii fi ammayyeessuu oomishtummaatti ceesisuuf tarsiimoowwan fi imaammata babal'aa hojiirra oolchaa jirti jedhaniiru. Yuunvarsiitichatti barsiisaa fi qorataan Koleejjiin Qonnaa fi wal’aansa Beelladaa Dr. Waasihuun Hasan, jijjiiramni damee qonnaa keessatti mul'ate hanga oomishaa bira darbee sirna oomishtummaa kan jijjiiru ta'uu isaa ibsaaniiru. Keessattuu babal'achuun misooma jallisii qonni hirkattummaa roobaa irraa akka bilisa ta'u kan taasise yoo ta'u, kunis waggaa keessatti waqtiiwwan adda addaatti oomishuu dandeessisuudhaan waqtii oomishaa babal'iseera. Jijjiirama damee qonnaa kanaaf agarsiistuu kan biroo Makanaayizeeshiniin babal'achuu isaa ta’uu hayyoonni kun ibsaniiru. Haaluma kanaan, toftaalee qonna aadaa irraa gara meeshaalee ammayyaa kanneen akka tiraakteraa fi maashinaroota qonnaa biroo fayyadamuu, kan haamuu fi dhahuun hojii makanaayizeeshiniitiin raawwachuuf tattaaffiin taasifame jijjiirama saffisaa qonna irratti mul'atuuf agarsiistuu isa tokkodha jedhaniiru. Kunis yeroo humna namaatiin fudhatamuu fi qisaasama omishaa hir'isuun, oomisha qulqullinaa fi baay'inaan dabaluuf gumaacha gochaa jira. Dabalataanis, babal'achuun misooma qamadii jallisii bonaa Itoophiyaan fedhii qamadii mataa ishee bira darbee gara gabaa alatti erguuf kan dandeessise jijjiirama qonnaa ijoodha jedhaniiru. Sana malees, sosochiinsii sagantaa maaddii guutuun qonna qe’ee ofiin, misooma loonii, lukkuu fi horsiisa kannisaan hojjetaman sirna nyaata maatii fooyyessuu bira darbee galii dabalataa uumuuf carraa kan bane ta'uu kan dubbatan immoo Yuunvarsiitii Jimmaatti Diinii Kolleejjiin Qonnaa fi wal’aansa Beelladaa fi wal’aansa Beeyladaa fi ogeessa misooma biyyee, kunuunsa biqiltuu fi qulqullinaa Dr. Salamoon Tulluu ibsaniiru. Haaluma kanaan oomishni Aannanii fi hanqaaquu dabaluu isaa ibsuun, hawaasni baadiyyaa fi magaalaa hojiiwwan qonnaa kana irratti bal'inaan akka hirmaatu taasifamuu ibsaniiru. Oomisha midhaaniitiin alatti hojiiwwan misooma kuduraa fi fuduraa irratti hojjetamanis Itoophiyaaf galii sharafa alaa dabaluuf gumaacha taasisuu isaaniif akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Keessattuu babal'achuun oomisha avokaadoo fi Al- ergiin bunaa galii ol'aanaa galchuu isaanii jijjiirama gurguddoo damichaan kan mul'atan keessaa isaani ijoodha jedhaniiru. Guddina fi babal'ina oomishaa bira darbee qonni waggoota darban keessa namoota baay’eef carraa hojii kan uume ta'uu dubbataniiru. Naannoo isaaniitti gamtaadhaan gurmaa'anii kan oomishan dargaggoonni fi qonnaan bultoonni mataa isaanii bira darbuun lammiilee biroosaaniif carraa hojii babal'aa kan uuman ta'uu ibsaniiru. Waliigalatti jijjiiramoonni kunniin qonna Itoophiyaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun mala aadaa irraa fooyyessuudhaan gara makaanayizeeshinii jallisii, fi mala ammayyeessuun omishuutti ceesisaa kan jiran ta’uusaaf agarsiistuu ijoodha jedhaniiru. Kunis dhiheessii nyaataa fooyyessuu bira darbee madda galii, carraa hojii fi sharafa alaa dabaluuf gumaacha gochaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.
Eenzoo Fernaandez Maanchistar Siitiitti deeme
Sep 2, 2026 69
Hagayya 27/2018(ENA): Sa'aatii xumuraa gabaa jijjiirraa taphattootaa kan waqtii Gannaa Maanchistar Siitiin sirriitti dhimma itti baheera. Siitiin lammii Arjeentinaa taphataa Cheelsii Eenzoo Fernaandeez Paawundii Miliyoona 125'n mallatteessifachuu ifoomsera. Tooteenhaam immoo Maayikaloo Muudrikiin erga waggaa tokkoof turuun Cheelsiirraa fudhateera. Eetaan Niwaaneeriin waliigaltee ergaa waggaa tokkoof turuun Arseenaal irraa gara Boorshiyaa Doortimanditti imaleera. Monaakoon Laamiin Kaamaaraa Cheelsiitti,Foolariin Baalooguun ammoo Evarteenitti gurguruuf kan ture lamaanuu osoo hin milkeessiin hafeera. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Siyaasa

Raawwii hojii Ijoo Ministira Mummee Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raawwatan
Sep 1, 2026 456
Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo: Sagantaan Ashaaraa Magariisaa yeroo waggaa 8ffaa isaa qabatee jirutti, walitti qabaa COP32 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ,Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi miseensota Koree Qindeessaa COP32 bakka argamanitti waliin ta'uun sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo bara kanaa gaggeessaniiru. Duulli kun guutuu biyyattii keessatti Itoophiyaanotaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma guddaa qabatee kan ka'e yoo ta'u, kaayyoo kaa'ame olitti milkeessuu danda'eera. Tattaaffiin kun Itoophiyaanota guutuu biyyattiin kan raawwataman yoo ta'u, Ministirri Mummee hirmaattonni injifannoo seenaa, tokkummaa fi obsaa galmeessuusaanii ibsuun galateeffataniiru. Daawwannaa fi Eebba Pirojektootaa: Ministirri Muummee taarmiinaala haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Deejjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti argamu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru. Pirojektiin kun Itoophiyaaf karra seensaa ijoo keessaa tokko ta'uu kan ibsan Ministirri Muummee, magaalaan kun qormaatilee dhiyoo kana ishee mudataniin osoo hin jilbeeffatiin obsa, dandamachuu fi wiirtuu investimantii fuulduraa ta'uushee mirkaneessuu danda'uushee hubachiisaniiru. Taarmiinaalli haaraan kun bu'uuraalee misoomaa buufata xiyyaaraa ammayyaa, daandiiwwan ga’umsaa fooyya'an fi tajaajiloota bal'aa qabachuun dandeettii buufata xiyyaaraa kan babal'isu fi mijaa'ina imaltootaa kan fooyyessu dha. Kunis jijjiirama magaalattii bal'aa waliin wal-qabatee Baahir Daarin wiirtuu balallii Idil-Addunyaa fi biyya keessaa taasisa. Dhimma Hawaasummaa: Gama biraatiin, Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad (OBN) waliin gaaffii fi deebii kan taasisan yoo ta'u, turtii isaaniitiin gareewwan hidhatanii Oromiyaa, Amaara fi Tigiraay keessa socho'an kanneen faayidaa biyyaa caalaa faayidaa dhuunfaa isaanii dursan moo'achuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda tumsa uumuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis, ilaalchaa fi mala gaggeessummaa yeroon irra darbeen gareewwan kun Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu kanneen barbaadan diina seenaa alagaatiif akka meeshaa tajaajilaa jiraachuu isaanii dogoggora seenaa kana ibsaniiru. Dabalataanis, dimokiraasiin dhugaan siyaasaa qofa osoo hin taane, gara marii biyyaaleessaa dhugaa kana ol'aantummaa seeraa mirkaneessutti ce’uu akka qabu cimsuun dubbataniiru.
Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsiseera
Sep 1, 2026 277
Hagayya 25/2018 (ENA)- Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsisuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaa dura taa’aan koree hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatiih Mahidii ibsan. Doktar Fatiih Mahidii ENA waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii waggoottan darban hojiilee riifoormii bu’a qabeessa raawwachuusaanii kaasaniiru. Haala Kanaan raayyaa ittisaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, akkasumas poolisii federaalaa dabalatee dhaabbileen biroon hojmaatasaanii ifaa fi hirmaachisaa gochuusaanii wabeeffataniiru. Lammiileen naannolee hundaa fi sabaa fi sab-lammoota irraa walitti dhufan kan irratti hirmaatan caaseffama Kan Itiyoophiyaanota hundaa ta’e ijaaruun akka danda’ame dubbataniiru. Dhaabbileen kunneen birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee karaa amansiisaa ta’een kabachiisuuf hubannoo nam-tolchee fi teeknooloojiiwwan haaraan akka gurmaa’an taasifamuusaas beeksisaniiru. Dhaabbileen kunneen ogeeyyota hidhannoo teeknooloojii karaa bu’a qabeessa ta’een gaggeessan horachuuf miseensotasaanii biyya alaatti erguun barnoota sadarkaa olaanaa fi leenjii addaa akka argatan gochuun hojii bu’a qabeessa raawwachuusaanii beeksisaniiru. Humni teeknoloojii fi namaa gabbate yaaddoo nageenyaa Itiyoophiyaarratti aggaamamu kamiyyuu ittisuu fi mo’achuudhaan furmaata egeree fiduusaa dubbataniiru. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii balaa diigumsaa Itiyoophiyaarratti aggaamame qolachuun biyya baraaruu akka danda’an ibsaniiru. Hojiileen hojjetaman nageenya cimsuudhaan, tokkummaa, birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu akkasumas nageenya lammiilee eegsisuu akka dandeessise dabalanii beeksisaniiru. Akka Kanaan Itiyoophiyaa akka biyyaatti akkajiraattu, birmadummaa fi sirna demokiraasii itti fufsiisuuf aarsaan lubbuu raayyaan kanfalaa jiru homaanuu akka bakka hin bu’amne beeksisaniiru. Aarsaan jaalala biyyaa dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaan cichitee akka itti fuftu taasifamu fakkaataa kan hin qabnee ta’uusaa fi galmasaa kan qaqqabee fi milkaa’aa ta’uusaa ibsaniiru.
Hojiin Ummanni Naannoo Amaaraa finxaalessummaa mormuudhaan damee hundaan bu'aan akka galmaa’u taasisaa jiru kan jajjabeeffamudha
Sep 1, 2026 258
Hagayya 25/2018 (ENA): Ummanni naannoo Amaaraa finxaalessummaa fashaleessuudhaan naannichatti damee misoomaa hundaan bu'aan akka galmeeffamu hojiin inni hojjechaa jiru kan galateeffamuuqabudha jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Qindeessaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Waltajjiin gamaggama raawwii hojiiwwan paartii fi mootummaa bara baajata 2018 fi karoora bara baajata 2019 hogganoota olaanoo fi giddu galeessaa naannoo Amaaraa gaggeeffamaa jira. Waltajjii kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan Obbo Adam Faaraah, ummanni Naannoo Amaaraa tokkummaa biyyaatiif, kabaja sirna mootummaatiif fi ijaarsa biyyaatiif aarsaa kaffalaa kan turee fi ammas kaffalaa kan jiru ta'u ibsaniiru. Rakkoon yoo jiraatellee akkaataa seeraatiin akka hiikamu kan gaafatu, kabaja seeraatiif dursa kan kennuu fi birmadummaa biyyaaf uummata dhimmu ta'uu isaa ibsaniiru. Ummanni bara baajata 2018 keessatti finxaaleessummaa mormuusaa ibsuun, humni waraanaa akka akka cimuufi olaantummaan seeraa akka kabajamu gumaacha mataa isaa gumaachaa jiraachuus eeraniiru. Ummanni ijaarsa biyyaatiif ilaalcha gaarii qabuun filannoo haala gaariin geggeessuun bakka bu'aa isaa filachuu isaa kaasaniiru. Naannichi qormaata keessa ta'us misoomni olaanaan jiraachuu ibsuun, naannichi yaada badhaadhinaa haala gaariin hojiirra oolchaa jiraachuus kaasaniiru. Paartiin Badhaadhinaa akka biyyaatti ashaaraa fi seenaan waliinii akka jiraatu hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Seenaa fi ashaaraa waliinii yaaduun hojjechuun yoo danda'ame paartii cimaa, mootummaa cimaa fi biyya cimaa uumuun ni danda'ama jedhaniiru. Hojii seera kabachiisuu naannoo cimaa hojjechuun kan eegamu ta'uu kan dubbatan Obbo Adam, nagaa waaraa naannichaa mirkaneessuuf haala jiru gamaggamuu fi odeeffannoo irratti hundaa'uun hojii seera kabachiisuu hojjechuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa fi Paartiin Badhaadhinaa dhimma naannichi barbaadu hunda irratti cinaa isaa kan dhaabbatan ta'uus mirkaneessaniiru.
Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaadha- Obbo Tijjaanii Naasir.
Aug 31, 2026 432
Hagayya 25/2018(ENA): Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaa ta’uusaa bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir ibsan. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, baatiiwwan lamaan darban keessatti hojiiwwan gama nageenyaan hojjetaman gaarii ta'uu, qindoominni hoggansa sadarkaan jiruu fooyyee ta'uu, hojii tajaajila lammummaa dabalatee hojiiwwan jajjabeeffamu hojjetamuusaa dubbataniiru. Gama biraatiinis, dandeettiin raawwachiisummaa hoggansaa hoggansatti garaa garummaa qabaachuu, raawwiin seektaroota, aanaaleefi gandoota gidduutti mul’achuu, hojiiwwan hunda walfaana raawwachuu irratti hanqinaaleen kan turan ta'uus himaniiru. Hojii ijaarsaafi siyaasaa cimaadhaan hojiiwwan misoomaaf nageenyaa hogganuu, hojii hunda keessatti qindoomina cimaadhaan raawwachuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii addaan baasuun hawaasa mariisisuudhaan hiikaa adeemuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Nageenyaaf dursa kennuun xinxala gaggeessaa qixaan hogganuu, hojiiwwan misoomaa keessatti galiiwwan mootummaa, carraa hojii uumuu, qusannaa hawaasaa, humnoota waloo afran jabeessuu, haaromee aanaalee hunda keessatti xumursiisuu, kabaja ayyaana sabaaf sablammootaa 21ffaa Jimmatti kabajamu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Waltajjii kanaan manneen hojii gabaasa isaanii kan dhiyeessan yemmuu ta'u, mariin erga taasifameen nooda kallattiin hojii fuula duraa kaa'amee jira. Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, hojii kamiyyuu milkeessuuf hojmaataan hogganamuun baayyee murteessaa ta'uu himanii, hojmaataafi qajeelfamoota bahan hunda harcaatii tokkoon malee hojiirra oolchuudhaan hojmaataan hogganuun barbaachisaadha jedhaniiru. Manni Maree Bulchiinsa Godina Jimmaa gaggeeffamaa ture kallattii hojii itti aanu kaa'uufi murtoowwan gara garaa dabarsuun xumurameera.
Kabineen Naannoo Hararii dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira
Aug 31, 2026 365
Hagayya 25/2018 (ENA): Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii (Kabiineen) dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira. Manni Marii Bulchiinsichaa jalqaba irratti kan mari’ate wixinee caasaa gurmaa’insaa fi fedhii humna namaa Dhaabbata Tajaajila Mootummaa Diijiitaalaa giddugala tokkoo " Masoob’Hararii ‘ ilaalchisee dhiyaate irratti. Wixineen kun tajaajiloota qaamolee mootummaa adda addaan kennaman bakka tokkotti walitti qabuu, gurmeessuu fi dijiitaaleessuudhaan;tajaajilamtoonni deddeebii malee fi baasii hin malleef osoo hin saaxilamin tajaajila dhaqqabamaa, saffisaa, baasii qusatuu fi bu’a qabeessa ta’e kennuun itti quufinsa isaanii dabaluuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Manni Marii Bulchiinsichaas caasaa gurmaa’insaa kana irratti bal’inaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Itti fufuunis, Kabiineen wixinee fooyya’insa gurmaa’insa Bulchiinsa Magaalaa Harar Koree Kantiibaaf murtoof dhiyaate irratti mari’ateera. Fooyya’insi gurmaa’insaa kunis magaalichi itti gaafatamummaa seeraan kennameef haala gaariin raawwachuu kan dandeessisu gurmaa’insa uumuudhaan, rakkoolee mul’atan furee hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an akka hojjetu raawwachuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Kabineen fooyya’insa kana irratti gad-fageenyaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Manni Marii Bulchiinsichaa kana malees ajandaawwan biroo irratti marii taasiisuun murtoo dabarsuun isaas ibsameera.
Hulaan Galaanaa Nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef furmaata waaraa argachuu qaba— Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo
Aug 31, 2026 399
Hagayya 25/2018 (ENA) — Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu fi abbummaa hulaa galaanaa mirkaneeffachuu ishee ilaalchisee dhiheessitu, nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef, furmaata saffisaa fi waaraa argachuu qaba jechuun Ministirri Bishaanii duraanii, Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ibsan. Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itoophiyaan madda Abbayyaa ta’uu ishee sababeeffachuun, Gibtsiifi diinonni ishee seenaa keessatti turan, Itoophiyaa laaffisuuf daba isaan xaxaniin, Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa akka fagaatu taasifameera. Itoophiyaan hulaa galaanaa ishee erga dhabde, gochi haqaa hin qabne kun erga raawwatamee gara waggoota soddomaatti kan siqe ta’uu yaadachiisaniiru. Gibxiin “baandota biyya keessaa” fayyadamuun Eertiraan akka Itoophiyaa irraa addaan baatu gochuu ishee, akkasumas gocha seenaa keessatti gantummaa jedhanii ibsan yaadachiisuun, Ambaasaaddar Shifarraan, kanaanis Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee kan ta’an buufata doonii Asabii fi Mitsiwwaa akka dhabdu taasifamuu ibsaniiru. Gibtsiifi “baandonni biyya keessaa” Itoophiyaan buufatawwan doonii fi hulaa galaanaa addunyaa waliin wal qunnamsiisan akka dhabdu taasisaniiru jedhaniiru. Mootummaan ummata irraa filatamee hin dhufne tokko, biyya addaan qoqqooduun, ragaa gahaa tokko malee Itoophiyaa biyya hulaa galaanaa hin qabne gochuuf aangoo kamiyyuu akka hin qabne yaadachiisaniiru. Kana malees, gareen seeraan ala ABUT, hulaa galaanaa fi buufatawwan doonii Itoophiyaa dabarsanii kennuun, biyyaafi uummata ishee irratti miidhaa seenaa keessatti hin dagatamne raawwachuu isaa dubbatan. Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa ishee kan seenaa, seeraa, uumamaafi haala teessuma lafaa irraa maddu irraa fagaattee jiraachuu akka hin dandeenye ibsuun, guddinni saffisaa diinagdee yeroo ammaa galmaa’aa jiruufi baay’inni uummata ishees dhimma kana dirqama akka taasisu dubbataniiru. Abbummaan hulaa galaanaa kunis karaa nagaa, qooda kennuu fi qooda fudhachuu, akkasumas seerota idil-addunyaa irratti hundaa’uun deebii argachuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Yeroo ammaa kanattis, mootummaan barbaachisummaa Itoophiyaan hulaa galaanaa qabaachuu akka qabdu kan uummata biyyattii keessatti yeroo dheeraaf ukkaamfamee ture, biyyoonni addunyaa akka hubatan taasisuun, hojii dipilomaasii milkaa’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya gabaabaa irratti kan argamtu ta’uu ibsuun, gaaffiin kunis seenaa fi qaroomina biyya kanaa durii irraa eegalee hanga seerotaafi haala uumamaa biyyattii jiranitti, bu’uura sababa qabuudha jedhaniiru. Miidhaan Itoophiyaa irratti abbummaa hulaa galaanaa ishee ilaalchisee raawwatame, dhimma sababa qabeessa qofa osoo hin taane, dhimma murteessaa jiraachuu fi nageenya biyyaatiif ta’eera jechuun ibsaniiru. Itti fufuunis, Itoophiyaan laggeen daangaa ce’anii yaa’an isheetiin biyyoota ollaa ishee fayyadamaa taasisaa jirtu; kanaaf, abbummaa hulaa galaanaa ishees deebii argachuu akka qabu, gaaffii dhalootaa irraa dhalatee dhalootatti darbuudha jechuun kaasaniiru.
Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha
Aug 28, 2026 665
Hagayya 22/2018 (ENA): Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Faatihii Mahiidii (PhD) himani. Hulaa Galaanaa dhimma jiruu fi nageenya Itiyoophiyaa, guddina dinagdee, akkasumas tumsa daldalaa naannoo fi idil-addunyaatiif iddoo guddaa qabudha. Itiyoophiyaan guddina diinagdee fi baay’ina ummataa saffisaa ta’e ilaalcha keessa galchuun, biyyattiin abbummaa seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa buufata galaanaa irratti qabdu waliin walitti araarsuuf dhimma yeroon kennamuu qabu miti jedhan. Gaaffiin tarsiimoo abbummaa buufata galaanaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannawaa tumsa irratti hundaa’e eeguun guddinaa fi badhaadhina waliinii fidu haala mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Akka qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti biyyoonni Galaanaan hin marfamne biyyoota buufata galaanaa irraa fayyadamoo ta’an waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan oomisha waliigalaa biyya keessaa hanga dhibbeentaa 25 akka mudatu eeraniiru. Daldalli Itiyoophiyaa galtee fi al-ergii keessaa dhibbeentaan 95 karaa buufata doonii tokkoon kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis maallaqa biyya alaa pirojektoota misoomaa biroof oolu danda’us kan dhangalaasu ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna daldala addunyaa keessatti dorgomtummaa galtee fi al-ergii hir’isuun industirii, invastimantii fi nageenya lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan buufata Galaanaa mataashee qabdu turte karaa seeraan alaa dhabde seera idil addunyaan deeffachuu qabdi jedhan. Kanas seerri idl addunyaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seerotni isaa tumaalee fi bu’uuraalee mirga biyyoonni Galaanaan hin marfamne hulaa galaanaa itti fayyadamuu deeggaran akka qaban eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Hawaasummaa
Guyyoota Qaammee Moggaasaa fi Akkaataa Kabaja Isaanii
Sep 2, 2026 87
Deetaan ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa kennaniin maal jedhan? Qaammee 1: Guyyaa Oomishtummaa Guyyaan kun Itoophiyaan imala guddina suuta-suutaa keessaa bahuun milkaa'ina guddaa itti galmeessite kan itti yaadatamudha. Keessattuu, jijjiirama bu'uuraa Itoophiyaan galmeessiste kan itti kabajamu ta'uu eeraniiru. Qaammee 2: Guyyaa Olka'iinsaa Guyyaan kun imala Itoophiyaan gara guddina dinagdee fi hawaasummaa hundagaleessaatti cehuu ishee agarsiisu dhiyeessuun kan kabajamudha. Itoophiyaan hudhaa duubatti ishee harkisu keessaa kan baatuu fi deebitee mudhii itti hidhachuun kallattii haaraa qabachuun ishee kan itti mul'atudha. Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa Guyyaan kun obsaa fi cichoomina seenaawaa itti fufsiisuu kan itti agarsiisnudha. Guyyaan Cichoominaa Gootonni kan itti yaadatamanii fi Gootonni haaraan kan itti uumaman ta'uu ibsaniiru. Guyyaa sana ganama sa'aatii 12:00 (obboroon) irratti sagantaan alaabaa ol kaasuu kan raawwatamu ta'uus ibsaniiru. Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa Gochaawwan tokkummaa cimsuun kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru. Taateewwan aadaa tumsaa fi marii gabbisaniin kan kabajamu ta'uu dubbataniiru. Guyyaa sana namoota kuma 150’f tajaajilli fayyaa tolaa kan kennamu ta'uu eeraniiru. Ispoortiin, deeggarsi barattootaa, nyaata qooddachuu fi dhiiga arjoojuun gochaawwan guyyaa sana raawwataman keessaa kan eeramanidha. Qaammee 5: Guyyaa Egeree "Guyyaa Boruu" mata duree jedhuun kan kabajamu ta'uu ibsuun; qophiilee bu'uura misooma dijiitaalaa fi ammayyummaa hubannoo namtolchee (AI) bu'uura godhataniin kan kabajamu ta'uu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Naannoo Harariitti sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu maneen barumsaa mijataa gochuudhaan lammii dorgomaa uumuuf gargaaraa jira
Sep 2, 2026 54
Hagayya 27/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu maneen barumsaa baruu fi barsiisuuf mijataa gochuudhaan lammii dorgomaa uumuuf gargaaraa jiraachuu biiroon barnootaa naannichaa beeksise. Sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu sadarkaa maneen barumsaa fooyyessuu, bakka baruu fi barsiisuu mijataa uumuu fi waliin gahiinsa barnootaarratti xiyyeeffateera. Hawaasaa fi direeyyii sosochii kanarratti hirmaachisuudhaan barattoota sooruu fi maneen barumsaa haaromsuudhaan hojii baruu fi barsiisuuf mijeessuu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira. Hojii kun hojjetamuusaatiin barattoota barumsa addaan kutan hambisuurra darbee qulqullina mirkaneessuuf waan gargaareef lammii ga’oomaa fi dorgomaa uumuuf gumaacha olaanaa gumaachaa jira. Sosochiin kun naannoo Harariittis cimee itti fufuusaa hogganaan waajjira barnootaa naannichaa obbo Geetuu Nagawoo ENA’f ibsaniiru. Tajaajila tola ooltummaa waliin walqabsiisuudhaan hawaasnii fi dureeyyiin deeggarsa akka godhan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu kun bu’ura misoomaa barumsaa guutuu fi maneen barnootaa miidhagaa fi baruuf barsiisuuf mijataa gochuuf gargaaraa jira jedhan obbo Geetuun. Keessumaa qulqullina barnootaaf kan gargaaran maneen kitaabaa dijitaalaa gurmaa’uusaanii kaasaniiru. Qaamolee qooda fudhattootaa sagantaa kana irratti hirmaachisuun ijoollee maatii harka qalleeyyii galteedhaan deeggaruuf akka gargaare ammoo biirichatti daarektarri sagantaa qulqullina barumsaa fi fooyyessa maneen barumsaa obbo Jaafar Mahaammad ibsaniiru. Dursaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa olaanaa Harar Abbush Silashii akka jedhanitti, mana barumsichaatti sosochii barumsi dhalootaaf jedhu tola ooltota dhuunfaa waliin walitti fiduun manni kitaabaa dijitaalaa gurmaa’uusaa eeraniiru. Barattoota deeggarsa barbaadan sosochii barumsi dhalootaaf jedhuun teeknooloojii dijitaalaa teeknooloojii dijitaalaa guutuun akka danda’ame dursaan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Raas Mokonnon Misiraaq Xilaayee dubbataniiru. Dureeyyii qindeessuudhaan galtee barumsaa guutuudhaan lammii ga’oomaa fi dorgomaa horachuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Guyyoonni Qaammee haala milkaa’inootaa fi qormaatilee Itiyoophiyaan dandeettii injfachuu qabdu agarsiisaniin kabajamu-Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Sep 2, 2026 72
Hagayya 27/2018 (ENA): Guyyoonni Qaammee haala milkaa’inootaa fi qormaatilee Itiyoophiyaan dandeettii injfachuu qabdu agarsiisaniin kabajamu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibse. De’eetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa qophii fi moggaasa guyyoota Qaammee shanan kabaja jala bultii ayyaana waggaa bara haaraa 2019 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Guyyoonni Qaammee yeroo milkaa’inoota biyyaalessaa gurguddoo fi bu’aawwan tarkaanfataa waggoota darban keessatti galmaa’an yaadachuu fi ummatattii beeksisuu akka ta’e akeekaniiru. Yeroon kun yeroo dandeettii qormaata walxaxaa irra aanuu fi muuxannoowwan milkaa’inaaf geenye waliif qoodnudha jedhan. Guyyoota Qaammee shanan jala bultii ayyaana waggaa bara haaraa 2019 akka biyyaatti qophii fi maqaa adda addaatiin kabajuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Guyyoonni kunniinis oggaasa mataa isaanii qabu. Guyyootni Qaammee bara kanaas labsii olka’iinsaaf bu’uura kan kaa’aan yoo ta’u, guyyootni shananuu moggaasa ofii isaanii kan qabanidha. Qaammee 1: Guyyaa Oommishtummaa Qaammee 2: Guyyaa Olka’iinsaa Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa Qaammee 5: Guyyaa Egeree jedhamuun sirnoota gara garaan akka kabajaman ibsaniiru. Guyyoonni kun akka biyyaatti naannolee, bulchiinsa magaalotaa, Imbaasiiwwan Itiyoophiyaa fi miseensota hawaasaa addunyaa hunda keessatti akka kabajamu akeekaniiru. Barri haaraan kun yeroo Itiyoophiyaan imala haaromsaa fi guddina eegalte itti fuftu ta’uu ibsaniiru. De’eetaan Ministiraa kuni Ummata biyyichaaf barri haaraan kan badhaadhinaa, walta’iinsaa fi jaalalaa akka ta’uuf hawwii guddaa qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti barattoota miiliyoona 13 ol simachuudhaan barsiisuuf qophiin xumurameera
Sep 2, 2026 85
Hagayya 27/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti barattoota miiliyoona 13 ol simachuudhaan barsiisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera. Hogganaan biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo akka ibsanitti; bara barnoota haaraa kanaatti adeemsa baruu fi barsiisuu bu'aa qabeessa taasisuu fi qabxii barattootaa fooyyessuuf hojiiwwan dandeessisan dursanii hojjetamaniiru. Kaniinis naannicha keessatti manneen barnootaa Idileen duraa kuma 37 fi 127 mana barumsaa idilee keessatti barattoota miliyoona 13tuqaa 5 simachuun barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Bara kanatti hirmaannaa hawaasaa fi tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa Idileen duraa kuma 1 fi 597, sadarkaa 1ffaa 284, fi sadarkaa 2ffaa 23 akkasumas kutaawwan barnootaa dabalataa haaraan hedduun ijaaramuu isaanii eeraniiru. Ijoollee irratti hundee jabaa kaa'uudhaan dhaloota gahumsaa fi dorgomaa ta'e horachuuf karoorfamee hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii; fakkeenyaaf manneen barnootaa Idileen duraa 695 fi sadarkaa 1ffaa 728 moodeela gochuun danda'amuu isaaniis kaasaniiru. Naannichatti baadiyyaa keessatti manneen jireenyaa barsiisotaa kuma 19 fi 752 ijaaramuu isaanii kan eeran Dr. Tolaan dandeettii barsiisotaa cimsuufis leenjiwwan gaggabaaboo fi dheeraa adda addaa kennamuu isaanii ibsaniiru. Bara kanatti kitaaba barnootaa idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa miiliyoona 20 fi kuma 600 ol maxxanfamanii qophaa'uu isaanii kan ibsan hoogganichi; hanga ammaatti miliyoonni 2 manneen barnootaatiif raabsamuu isaanii dubbataniiru. Beekumsa teeknoolojii barattootaa guddisuuf kan dandeessisan paarkii dijiitaalaa 117, manneen kitaabaa fi mana kitaabaa qophaa'uu isaaniis dabaluun ibsaniiru. Keessattuu manneen barnootaa lafa qaban kuduraa, muduraa fi horsiisa beeyladaatiin misoomsuudhaan sagantaa nyaata barattootaatiif galteewwan barbaachisan of danda'anii akka guuttaniif sochii taasifamuus dubbataniiru. Tajaajila tola ooltummaa gannaan ga'eessota dabalatee barattoota kutaalee 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaatti darbaniif barnoonni deeggarsaa kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti aanaan hogganaa biirichaa Dr. Kasaahun Galaanaa gamasaaniitiin ENAtti akka ibsanitti; kanaan dura 'Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin tajaajila nyaata barattootaa kennamaa ture sirna kanaan walqabatu ammayyeessuu fi sadarkaa fooyya'aatti gurmeessuu fi saganticha bal'inaan dhaqabamaa taasisuuf qophiin ga’aan taasifamuus ibsaniiru. Haaluma kanaan naannichatti barattoonni miiliyoona 7tuqaa 4 sagantaa nyaata manneen barnootaatiin fayyadamoo akka ta'an dubbataniiru. Tajaajila tola ooltummaa gannaan barattoota harka qal’eeyyii deeggaruuf mootummaan, dhaabbileen miti-mootummaa fi arjoomtonni uffata yuuniifoormii, dabtaraa fi meeshaalee barnootaa biroo dhiheessaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Manneen barnootaa naannichaa keessatti galmeen barattootaa gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran hogganichi bara barnootaa 2019tti manneen barnootaa hunda keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu Fulbaana 5 bara 2019 irraa jalqabee kan eegalu ta'uu beeksisaniiru.
Diinagdee
Fooyyessi dinagdee gooroo daldala biyya alaaf haala mijataa uumuun gabaa haaraa banuudhaan shoora gaarii qaba
Sep 2, 2026 94
Hagayya 27/2018 (ENA)- Fooyyessi dinagdee gooroo guutuun daldala biyya alaaf haala mijataa uumuun gabaa haaraa banuudhaan qooda gaarii qaba bahaa akka jiru dureeyyiinii fi hoggantoonni damee kanarratti hojjetanii ibsan. Misooma Hortiikaalcharii Itiyoophiyaa fi eksipoortiirratti kan hojjetan obbo Tsaggaayee Abbabaa akka ibsanitti, birokiraasiin waggoottan darban ture yeroo har’a guddaa furameera jedhan. Yeroo riifoormiin dinagdee gaggeeffamee fi haalli invastimantii mijataan uumamerra waan jirruuf dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa haala mijataa keessatti akka hojjetanii fi faayidaa akka argatan kan gargaaru ta’uu himaniiru. Invastaroonni biyya Chaayinaa, Hindii fi Awurooppaa dabalataanis invastaroonni biyyoota baha fagoo akka Veetinaam damee garagaraarratti invasti gochuuf dhufaa akka jiran eeranii, kun bu’aa fooyyessa dinagdee gaggeeffamee ta’uusaa ibsaniiru. Gama biraatiin hojii gaggeessaan olaanaa agiroo indistirii Biikoo obbo Taammiraat Addunyaa gamasaaniin, dhaabbannisaanii irra guddeessaan oomishoota istiroobarii biyyoota jiddu galeessa bahaa, baha fagoo, Afriikaa fi Awurooppaaf ergaa akka jiran ibsaniiru. Mootummaan fooyyessa dinagdee gooroon wal qabatee dhaabbilee oomishanii erganiif deeggarsi taasisaa jiru caalaatti hojjechuuf kan nama onnachiisudha jedhaniiru. Keessumaa dhiheessii sharafa alaa, hojmaata waraqaa liqiin wal qabatee hojmaanni Baankii guddaa kan mijate ta’uu dubbataniiru. Hojmaanni kun hariiroo daldalaa dhaabbannisaanii biyyoota baha fagoo kanneen akka Siingaapoorii fi taayilaandi waliin jiru cimsuudhaan gara gaba haaraatti salphaatti akka galu carraa guddaa akka uumu dubbataniiru. የMaanaajariin ekispartii Shaavaamoo Eksipoortii waldaa dhuunfaa itti gaafatamnisaa murtaa’e obbo Taarikuu Guuttataa Gabaan Awurooppaa damee eksiportii Bunaatiin eeramaa akka ture dubbataniiru. Yeroo ammaa garuu daangeffama daldalaa fi seerota gamtaan Awurooppaa baasu waliin wal qabatee gabaa filaataa babal’isuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaa gabaa haaraa fi filaataa babal’isuuf carraaqqii taasisu baay’ina ekispoortii kan bal’isuu fi maxxantummaa gabaa tokko qofaarratti qabnu waan hir’isuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni magaalaa Shaggaritti qonnarratti bobba’an haala mijataa uumameefitti gargaaramuun galiisaanii guddifachaa jiru
Sep 2, 2026 48
Hagayya 27/2018 (ENA) - Qonnaan bultoonni magaalaa Shaggaritti qonnarratti bobba’an haala mijataa mootummaan uumeefitti gargaaramuun galiisaanii guddifachaa jiraachuu qonnaan bultoonni magaalichaa ibsan. Guyyaan qonnaan bultootaa magaalaa Shaggar mata duree “qonnaan bulaa ammayyaa fi qonni ammayyaa badhaadhina walii galaaf” jedhuun magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sulultaatti sirnoota garagaraan kabajamaa jira. Waggaa haaraa sababeeffachuun baazaarii fi egzibiishiniin kan qophaa’e yoo ta’u, oomishaaleen qonnaa, maashinariiwwan, galteewwan calla guddiftuu fi kanneen biroos agarsiisaaf dhihaataniiru. Kaayyoon olaanaan kabajni guyyaa qonnaan bultootaa itti qophaa’e kun magaalonni qonna magaalaarratti hirmaachuun nyaataan of danda’uurra darbee, oomishaalee qonnaa kallattiin baay’inaa fi gatii madaalawaan argachuun qaala’insa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabbeessuu akka ta’e ibsameera. Qonnaan bultoonni saganticharratti hirmaatan yaada ENA’f kennaniin, bulchiinsi magaalichaa qonna magaalaa babal’isuunii fi hojiilee wabii nyaataa ammayyaa fi fulla’aa ta’e mirkaneesan raawwachuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsaniiru. Qonnaan bultoota yaada kennan keessaa kanniisaa horsiisuun damma oomishaa jiran obbo Abarraa Sobbooqaa akka dubbatanitti, hojii hojjechaa jiraniin of fayyaduurra darbanii oomishasaanii gabaa baasuun galiisaanii guddifachaa jiru. Gara fuulduraattis oomisha biyya alaatti egramu guddisuun qooda keenya ni bahanna jedhaniiru. Adde Assagadach Simee bu’aawwan beelladaa dhiheessuurratti waldaan gurmaa’anii hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Walitti hidhaminsa gabaa uumameen fayyadamaa ta’uusaanii eeranii, ogeeyyii fi mootummaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiranii fi hojii kana cimsanii akka itti fufan ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira qonnaa magaalaa Shaggar obbo Dajanee Baqqalaa gamasaaniin, magaalattiin Kanaan dura oomishuu dhabuun bakkeerraa bitaa akka jirtu yaadachiisanii, yeroo ammaa qonna ammayyaatiin oomishuudhaan gabaaf dhiheessuu eegaluushee ibsaniiru. Sadarkaa magaalaattii hojiileen ammayyaa hojjetamuusaa dubbatanii, qonnaan bulaaf hubannoo uumuudhaan teeknooloojii waliin walitti fiduun hojii hojjetameen hojiileen onnachiisaan hojjetamuusaanii dubbataniiru.
Hirkattummaa Roobaa jalaa ba’uun gara Makanaayizeeshinii Jallisiitti ce'uun milkaa'ina gurguddoo damee Qonnaa Itoophiyaa keessaa isaan ijoodha
Sep 2, 2026 96
Hagayya 27/2018 (ENA) – Hirkattummaa Roobaa irraa gara misooma jallisii fi makanaayizeeshinii ammayyaatti ce’uun taasifamaa jiru, qonna Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane tarkaanfii seenaa qabeessa ta'uu isaa hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan. Bu’uura Dinagdee Itoophiyaa kan kan ta’e Qonni baroota dheeraaf mala aadaan maarashaa fi bishaan roobaan qofa irratti hirkatee turuun isaanii kan beekamudha. Haalli kunis biyyattii jijjiirama qilleensaa fi hanqina wabii nyaataaf kan saaxilu ta'ee tureera. Haa ta'u malee, waggoota dhihoo asitti babal'inaan hojiirra oolaa kan jiran kanneen akka misooma qamadii jallisii, oomishtummaa jallisii bonaa fi makanaayizeeshinii meeshaalee qonnaa, oomishtummaa damichaa sadarkaa ol'aanaadhaan jijjiiraa jiru. Dhimma kana irratti ENA waliin turtii kan taasisan hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa Itoophiyaan waggoota darban keessa qonna aadaa irraa ce'uudhaan gara Manaakaayizeeshinii misooma jallisii fi ammayyeessuu oomishtummaatti ceesisuuf tarsiimoowwan fi imaammata babal'aa hojiirra oolchaa jirti jedhaniiru. Yuunvarsiitichatti barsiisaa fi qorataan Koleejjiin Qonnaa fi wal’aansa Beelladaa Dr. Waasihuun Hasan, jijjiiramni damee qonnaa keessatti mul'ate hanga oomishaa bira darbee sirna oomishtummaa kan jijjiiru ta'uu isaa ibsaaniiru. Keessattuu babal'achuun misooma jallisii qonni hirkattummaa roobaa irraa akka bilisa ta'u kan taasise yoo ta'u, kunis waggaa keessatti waqtiiwwan adda addaatti oomishuu dandeessisuudhaan waqtii oomishaa babal'iseera. Jijjiirama damee qonnaa kanaaf agarsiistuu kan biroo Makanaayizeeshiniin babal'achuu isaa ta’uu hayyoonni kun ibsaniiru. Haaluma kanaan, toftaalee qonna aadaa irraa gara meeshaalee ammayyaa kanneen akka tiraakteraa fi maashinaroota qonnaa biroo fayyadamuu, kan haamuu fi dhahuun hojii makanaayizeeshiniitiin raawwachuuf tattaaffiin taasifame jijjiirama saffisaa qonna irratti mul'atuuf agarsiistuu isa tokkodha jedhaniiru. Kunis yeroo humna namaatiin fudhatamuu fi qisaasama omishaa hir'isuun, oomisha qulqullinaa fi baay'inaan dabaluuf gumaacha gochaa jira. Dabalataanis, babal'achuun misooma qamadii jallisii bonaa Itoophiyaan fedhii qamadii mataa ishee bira darbee gara gabaa alatti erguuf kan dandeessise jijjiirama qonnaa ijoodha jedhaniiru. Sana malees, sosochiinsii sagantaa maaddii guutuun qonna qe’ee ofiin, misooma loonii, lukkuu fi horsiisa kannisaan hojjetaman sirna nyaata maatii fooyyessuu bira darbee galii dabalataa uumuuf carraa kan bane ta'uu kan dubbatan immoo Yuunvarsiitii Jimmaatti Diinii Kolleejjiin Qonnaa fi wal’aansa Beelladaa fi wal’aansa Beeyladaa fi ogeessa misooma biyyee, kunuunsa biqiltuu fi qulqullinaa Dr. Salamoon Tulluu ibsaniiru. Haaluma kanaan oomishni Aannanii fi hanqaaquu dabaluu isaa ibsuun, hawaasni baadiyyaa fi magaalaa hojiiwwan qonnaa kana irratti bal'inaan akka hirmaatu taasifamuu ibsaniiru. Oomisha midhaaniitiin alatti hojiiwwan misooma kuduraa fi fuduraa irratti hojjetamanis Itoophiyaaf galii sharafa alaa dabaluuf gumaacha taasisuu isaaniif akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Keessattuu babal'achuun oomisha avokaadoo fi Al- ergiin bunaa galii ol'aanaa galchuu isaanii jijjiirama gurguddoo damichaan kan mul'atan keessaa isaani ijoodha jedhaniiru. Guddina fi babal'ina oomishaa bira darbee qonni waggoota darban keessa namoota baay’eef carraa hojii kan uume ta'uu dubbataniiru. Naannoo isaaniitti gamtaadhaan gurmaa'anii kan oomishan dargaggoonni fi qonnaan bultoonni mataa isaanii bira darbuun lammiilee biroosaaniif carraa hojii babal'aa kan uuman ta'uu ibsaniiru. Waliigalatti jijjiiramoonni kunniin qonna Itoophiyaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun mala aadaa irraa fooyyessuudhaan gara makaanayizeeshinii jallisii, fi mala ammayyeessuun omishuutti ceesisaa kan jiran ta’uusaaf agarsiistuu ijoodha jedhaniiru. Kunis dhiheessii nyaataa fooyyessuu bira darbee madda galii, carraa hojii fi sharafa alaa dabaluuf gumaacha gochaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.
Kaayyoon keenya hawaasa daawwatummaa irraa gara hirmaattummaa dinagdee, omishaafi invastimantiitti ceesisuudha- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Sep 2, 2026 102
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, kallattii tarsiimawaa jijjiirama dinagdee naannichaaf murteessaa ta'e bocuun sochii eegaleera. Innis hawaasa keenya daawwatummaa dinagdee irraa gara hirmaattummaa guutuu oomishaa, invastimantiifi qabeenya umuutti ceesisuudha. Murtoon tarsiimawaa kun kaayyoo siyaasaa qofa osoo hin taane, bu'uura tarsiimoo qabeenya mootummaafi hawaasaa gara sirna oomishtummaatti qajeelchuufi dhaabbilee faayinaansii naannichaa kan qajeelchudha. Akka "Karoora Of-danda'uu" Naannoo Oromiyaatti, milkaa’inni dhaabbilee faayinaansii; keessumaa Baankii Siinqee, kuufama kaappitaalaa qofaan osoo hin taane, hangam kaappitaala sana gara oomishtummaa, intarpiraayizoota babal’isuu, carraa hojii uumuufi jireenya hawaasaa jijjiirutti ceesisuudhan kan madaalamudha. Bu'uurri tarsiimoo kanas, faayinaansii oomishaa (productive finance) dameewwan murteessoo dinagdee keessatti faayidaa olaanaa qabanirra oolchuudha. Tarsiimoon mootummaa kun qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa, akkasumas Interpiraayizoota xixxiqqaaf tajaajila liqiifi faayinaansii mijataa dhiyeessuudhaan oomishtummaa qonnaa ammayyeessuufi galii isaanii guddisuuf dursa kenna. Kana malees, dandeettiifi yaada dargaggootaafi dubartootaa gara intarpiraayizoota giddugaleessaafi xixiqqootti jijjiiruuf deeggarsa kaappitaalaa, liiziifi gorsa faayinaansii dhiyeessuun akka milkaa'an kan gargaarudha. Dabalataanis hirmaannaa faayinaansii walqixaafi hammataa ta’e lammiileef dhiyeessuuf, tajaajila faayinaansii dijitaalaa babal’isuun, keessumaa tajaajila dijitaalaa Wabii Baankii Siinqeen fayyadamummaa hawaasaa sadarkaa adda adaarra jiran mirkaneessurratti argama. Tarsiimoon faayinaansii kun imaammata dinagdee bal’aa Oromiyaa Soveriin Fandii (OSF) waliin walitti hidhata cimaa kan qabuudha. OSF’n qabeenya mootummaa tarsiimoon qindeessuun kaappitaala gara dameewwan oomishtummaa olaanaa qabaniitti gaggeessaa kan jiruudha. Kanaan walqabatee, Garee Siinqee keessatti tajaajila Baankii, Liizii, Inshuraansiifi Invastimantii walitti hidhuun sirna faayinaansii guutuufi wal-utubuu danda'u ijaaruun danda’ameera. Sirni faayinaansii walitti hidhame kun kuufama kaappitaalaa irraa kaasee hanga wabii inshuraansii, dhiyeessii liiziifi invastimantii tarsiimawaatti abbootii qabeenyaafi intarpiraayizoota gargaaruun imala sochii dinagdee naannicha kan ariifachiisudha. Bu'aan madaallii tarsiimoo kana kan safaramus oomisha galma’een, carraa hojii uumameen, galii maatii fooyya’eeniifi galma "Of-danda’uu Oromiyaa" dhugoomeeni. Mootummaan Naannoo Oromiyaa kaappitaala gara dameewwan oomishtummaa olaanaatti ceesisuuf invastimantii dhuunfaa dadammaksuu, faayinaansii dijitaalaa babal’isuufi qonna ceesisuu irratti kan xiyyeeffatu ta'a. Walumaagalaan, kaappitaalli kuufame gara oomishtummaatti, oomishtummaan gara invastimantiitti, invastimantiin gara carraa hojiitti, carraan hojii ammoo gara jireenya fooyya'aa ummata keenyatti yoo jijjiirame qofa imaammanni faayinaansii keenya galma kan gahu yoota'u, mootummaanis, Baankiin Siinqee dhaabbata faayinaansii ummataa ta’e akka guddattuufi ergama isaa guutumaan guutuutti akka bahatu deeggarsaafi hordoffii barbaachisaa kan gaggeessu ta'a. Maddiin, Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Saayinsii fi teeknooloojii
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 79
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 213
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu dhabamsiisuuf hojjetamaa jira-Ejensicha
Aug 29, 2026 404
Hagayya 23/2018(ENA)- Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu ittisuuf tajaajilli kennamu teeknooloojiin akka gaggeeffamu taasifamuusaa ejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise. Ejensiin geejjibaa Oromiyaa “Oro Tikkeet” dabalatee appilikeeshinii teeknooloojii hojjete saddet irratti kan xiyyeeffate waltajjiin marii fi gabbisa dandeettii magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Tajaajila geejjibaa si’ataa, qaqqabamaa fi nageenyisaa kan mirkanaa’e gochuuf teeknooloojii hojjechuu fi fayyadamasaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan waltajjicharratti kan argaman hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee. Rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa damee kanarratti mul’atan dhabamsiisuuf ga’umsaa fi naamusa konkolaachiftootaa guddisuun bobba’insi geejjibaa qulqullina qabu akka jiraatu taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Riifoormii hojjetamu bu’a qabeessa gochuuf hojmaataa fi itti fayyadama teeknooloojii mirkaneessuun hojii adda duree ta’uu eeraniiru. Ejensichi hojmaata tikkeetii dijitaalaa “Oro Tikkeet” jedhamu hojiirra oolchuurra darbee bobba’insa buufataalee konkolaataa geejjiba ummataa naannichaa keessa jiru waajjira teeknolojiin hordofuudhaan muummeerraa kallattiidhaan hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhaniiru. Kana malees teeknooloojiiwwan saffisa daangessanii fi raadaariitti gargaaramuun hojmaanni to’annoo nageenya tiraafikaa ammayyeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshiniin ejensichi hojjete saddet bobba’insa geejjibaa fi kenniinsa tajaajilaa waraqaarraa adda baasuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan ka’umsaa fi ga’umsa konkolaataa kallattiin hordofuun al-seerummaa hir’isuun akka danda’ame eeraniiru. Kaayyoon ijoo waltajjii kanaa raawwachiiftota sektara geejjibaa sadarkaan jiraniif itti fayyadama teeknooloojii kanarratti beekumsaa fi ogummaa gahaa uumuu ta’uun eerameera. Itti gaafatamaan dhiheessii geejjibaa fi babbii ejensichaa obbo Dirribaa Magarsaa gamasaaniin, bobbii geejjiba ummataa guyya guyyaa teeknooloojiin gaggeessuun milkaa’ina riifoormii sektarichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Abbootiin konkolaataa tajaajila deddeebisa ummataa irratti hojjetanii fi waldaaleen appilikeeshinii kanarratti galmaa’uudhaan tajaajila kennuu akka qaban eeraniiru. Buufata konkilaataan ala fe’uun, taarifaan olitti kaffalchiisuunii fi lakkoofsaan ol fe’uun guddaa akka nama gaafachiisu hubachiisaniiru. Hoggantoonnii fi to’attoonni sektara geejjibaa godinaalee, magaalotaa fi aanaarra jiran itti fayyadama teeknooloojiirratti ogummaa fi hubannaa argatanii bu’a qabeessummaa jijjiirama kanaaf tumsaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegale.
Aug 29, 2026 228
Hagayya 23/2018(ENA): Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegaluu ibsame. Jiraattonni Aanaa Aallees, kanaan dura seektaraaleen mootummaa walirraa fagachuun tajaajila argachuuf dhamaatiin adda addaa irra gahaa turuu himan. Wiirtuun kun hojii eegaluun dhamaatii hambisee baasii nuu qusachuun tajaajila si'ataa akka argannuuf nu gargaara jedhan jiraattonni kunniin. Bulchaan Aanaa Aallee Obbo Kaliifaa Zeenuu, wiirtuun tajaajila Iddoo tokkoo birrii miliyoona 100fi miliyoona 68 ijaarame kun foddaawwan 8 keessatti tajaajila gosa 69 kan kennu ta'uu himan. Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii gama isaaniin, Mootummaan lammiileen tajaajila hunda karaa dijitaalaa akka argataniif hojjetaa jiraachuu eeraniiru. Tajaajilli wiirtuu Iddoo tokkoo 'Masoob' ammoo tajaajila si'aataa kennuu qofa osoo hin taane tajaajila loogii irraa bilisa ta'e hawaasaaf kennuuf gahee guddaa qaba jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Ispoortii
Eenzoo Fernaandez Maanchistar Siitiitti deeme
Sep 2, 2026 69
Hagayya 27/2018(ENA): Sa'aatii xumuraa gabaa jijjiirraa taphattootaa kan waqtii Gannaa Maanchistar Siitiin sirriitti dhimma itti baheera. Siitiin lammii Arjeentinaa taphataa Cheelsii Eenzoo Fernaandeez Paawundii Miliyoona 125'n mallatteessifachuu ifoomsera. Tooteenhaam immoo Maayikaloo Muudrikiin erga waggaa tokkoof turuun Cheelsiirraa fudhateera. Eetaan Niwaaneeriin waliigaltee ergaa waggaa tokkoof turuun Arseenaal irraa gara Boorshiyaa Doortimanditti imaleera. Monaakoon Laamiin Kaamaaraa Cheelsiitti,Foolariin Baalooguun ammoo Evarteenitti gurguruuf kan ture lamaanuu osoo hin milkeessiin hafeera. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Arjantiinaaf waanan danda’e hunda gumaacheera amma yeroon garee biyyaalessaa irraa adda ba'uudha— Liiyoonel Meesii
Sep 1, 2026 219
Hagayya 25, 2018 (ENA): Taphataan kubbaa miilaa Arjantiinaa, Waggaa 39 Liiyoonel Meesii, garee biyyaalessaa isaa waliin kana booda akka hin taphannee fi garee biyyaalessaa irraa adda of baasuuf murteessuu isaa ifatti beeksise. Liiyoonel Meesii ergaa fuula miidiyaa hawaasaa Inistaagiraamii isaa irratti barreesseen, “Erga tapha xumuraa Waancaa Addunyaa sanaa booda wantoota hunda gadi fageenyaan ergan yaadee booda, garee biyyaalessaa irraa adda bahuu koo hundaaf beeksisuun barbaada” jedhe. Murtoon kun garaa isaa kan madeessuufi baay’ee kan isa miidhu ta’uu ibsuun, “Yeroon ani garee biyyaalessaa irraa adda bahuu murteessu amma ga’eera” jedhe. ''Maaliyaa Arjantiinaa uffadhee waanan danda’e hunda godheera. Isin Arjantiinaa ta’uu keessaniin akka boontan gochuufis waanan qabu hunda kenneera,” jechuun ibse. Meesiin yeroo inni garee biyyaalessaa keessatti dabarse hundi yeroo hunda qalbii isaa keessa akka jiraatu ibsee, amma immoo taphattoonni haaraan fi dargaggoonni carraa argachuu akka qaban dubbate. Barreeffama isaa kana tapha xumuraa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatee guyyoota lama booda akka barreesse ibsameera. Akkasumas, yeroo rakkisaa keessa jiru kanatti, erga abbaan isaa du’an addunyaa kanarraa boqotanii booda, murtoo kana dabarsuuf haalli keessa jiru dhiibbaa keessa akka isa galche ibsameera. Liiyoonel Meesii waggoota 20 darban keessatti ummanni Arjantiinaa jaalala isaaf agarsiisaa tureef galata galcheera. Akkasumas, yeroo gaarii fi yeroo hamaa keessatti garee biyyaalessaa isaa cinaa akka dhaabbatu ibseera. Murtoon Liiyoonel Meesii kun miidiyaalee addunyaa biratti dhimma marii guddaa ta’eera. Liiyoonel Meesii bara 2005 irraa hanga 2026tti uffata garee biyyaalessaa Arjantiinaa uffatee taphoota 207 irratti hirmaachuun, goolii 125 galcheera. Kanaanis seenaa garee biyyaalessaa Arjantiinaa keessatti nama goolii hedduu galche ta’eera. Dorgommii Waancaa Addunyaa yeroo dhiyoo kana gaggeeffamerratti goolii 8 galcheera. Walumaagalatti, Meesiin Waancaa Addunyaa irratti goolii 22 galcheera. Kanaanis taphataa Faransaay Kiliyaan Mibaappee, kan goolii 23 qabu, hordofee tarree taphattoota goolii hedduu galmeessan keessaa sadarkaa olaanaa irra jira. Liiyoonel Meesii seenaa isaa keessatti waancaawwan 46 mo’achuun, seenaa kubbaa miilaa keessatti taphattoota waancaawwan hedduu mo’atan keessaa tokko ta’eera. Meesiin garee biyyaalessaa Arjantiinaa waliin waancaawwan garaagaraas mo’ateera. Isaan keessaa Waancaa Addunyaa, Kooppaa Ameeriikaa yeroo lama fi waancaawwan biroo ni argamu. Yeroo ammaa Liiyoonel Meesiin kilabii Ameerikaa Intar Miiyaamii keessatti taphachaa jira.
Har’a falmiin Astoon Viilaa fi Arsenaal gidduutti taasifamu ni eegama
Aug 31, 2026 265
Hagayya 25/ 2018 (ENA) : Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi sagantaa torbee 2ffaan morkiin har’a halkan Astoon Viilaan Arsenaal waliin taasisu ni eegama. Shaampiyoonaan bara darbee Arsenaal tapha torbee jalqaban Koovantarii Siitii kan injifate yoo ta’u, Astoon Viilaan ammo Biraayitaniin injifatamuun kan yaadatamuudha. Kilaboonni lamaan taphoota shan yeroo dhiyeenya waliin taphatan keessaa s’a lama lama wal injifachuun tapha tokko ammoo qabxii qoodataniiru. Taphni eegamu kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Viillaa Paarkiitti taphatama.
Livarpuulii fi Notiingihaam Forest wal qixa bahan
Aug 29, 2026 296
Hagayya 23/2018 (ENA)- Sagantaa torbee lammaffaa Piriimar Liigii Ingiliziin Livarpuulii fi Notiingihaam Forest galchii lamaa fi lamaan wal qixa bahaniiru. Taphni garee lamaanii kan wal gitee fi dorgommiin bashannansiisaa kan keessatti mul’ate ture. Haala Kanaan Livarpuul taphoota walitti aananiin qabxii harcaaseera. Notiingihaam Foresti dorgommii bara kanaatiin qabxii jalqabaa galmeessiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 521
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti hojiileen Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa qabeenya Uumamaaf taasifamaa jiru Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Tattaaffii Addunyaalessaa Deeggaraa jira
Aug 23, 2026 552
Hagayya 17/ 2018 (ENA) : Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa fi kunuunsa uumamaa naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran tattaaffii addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasisaa jirtu kan deegaru ta’uu beeksise. Naannichi daldala kaarboonii babal’isuun jijjiirama qilleensaa qolachuuf tattaaffii addunyaa taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus ibseera. Akka obbo Araarsaa Raggaasaa, hojii gaggeessaa Waliigalaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa jedhanitti, naannichi jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaa irratti taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Keessattuu, gadi lakkifamuu kaarboon daayi’oksaayidii hir’isuu fi uwwisa bosona guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran akeekaniiru. Biqiltoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti dhaabaman irra caalaan isaanii milkaa’inaan gara bosonaatti jijjiiramuun haala qilleensa naannoo eeguu fi gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irraa sirna fayyadamummaa itti fufiinsa qabu qopheessuun hawaasni bu’aa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akka qorannoo saayinsiitiin lafti bosonaa heektaarri tokko kaarboon daayi’oksaayidii toonii 10 hanga 20 kuusuu fi xuuxuuf dandeettii olaanaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni bosonaa naannichi gaggeeffamaa jiru tattaaffii gadi lakkifamuu kaarboonii addunyaa irratti taasifamu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu kun ragaa ta’uu ibsaniiru. Obbo Araarsaan adeemsa seenaa Itoophiyaan gabaa kaarboonii irraa galii argachuu eegalte ibsuun, Gurgurtaan kaarboonii bosonaa jalqabaa bara 2012 Bosona Baaleetti akka eegale yaadachiisaniiru. Obbo Araarsaan itti dabaluudhaan, Bara 2012 hanga 2019 gidduutti kaarboonii meetiriik toonii miiliyoona 9 gurguramee gara birrii biiliyoona walakkaatti dhiyaatu galii argamsiiseera jedhani. Galiin gurgurtaa kanarraa argamu bosona eegsisuufi hojiiwwan misooma bosonaa dabalataaf, fayyadamummaa hawaasni itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi michoota ardiilee fi idil-addunyaa waliin qindoominaan kaarboonii bara 2022 hanga 2024 gidduutti galmaa’e meetiriik toonii miiliyoona 13 gurguruufis qophii ta’uu ibsameera. Gara fuulduraattis bosona uumamaa fi namtolchee karaa saayinsaawaa ta’een kunuunsuu fi daldala kaarboonii hojiirra oolchuun hojiin eegumsa naannoo fi fayyadamummaa diinagdee biyyaalessaa dabaluu itti fufa jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa magaarisaa uwwisa Bosonaa dabaleera
Aug 21, 2026 620
Hagayya 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mancaatii bosonaa hir'isuun qabiyyee bosonaa dabaluusaa Dhaabbanni Bosonaa fi Bineesota Bosonaa Naannichaa beeksise. Itiyoophiyaatti waggoota kurnan darban keessatti sababa adda addaan mukkeen qabiyyeen bosonaa gadi bu'ee ture. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalame kun Naannoo Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetameera. Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona jiru eeguu, mancaatii ittisuu fi mukkeen faayidaa dinagdee fi soorataaf oolan dhaabuu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Hojii kanaan qabiyyeen Bosona Naannichaa saffisaan dabalaa jiraachuurra darbee, Naannoon Oromiyaa Bosona haaromsuu fi eeguu keessatti qooda olaanaa taphachaa jira. Hojii gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin, waggoottan darban keessatti uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaniiru. Hojiiwwan uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojjetaman keessaa bakkeewwan sababa adda addaan manca’an irratti karaa saayinsaawaan biqiltuu garagaraa dhaabuurra darbee tuttuqqaa namaa fi bineensarraa bilisa taasisuun fi babal'ina lafa qonnaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen bu'aan olaanaan galmaa'uu isaa dubbataniiru. Keessumaa biqiloota dhaabuu qofa irratti osoo hin daangeeffamin, kunuunsa isaaniitiif xiyyeeffannaan olaanaan kennamuunsaa bu'aa argameef sababa guddaa ta'uu himaniru. Haaluma kanaan uwwisni bosona naannichaa duraan gadi bu'aa ture gara dhibbeentaa 27tti guddisuun danda'amuu isaa Obbo Araarsaan dubbataniiru. Keessattuu sagantaan Ashaaraa magarisaa hawaasa biratti ilaalcha gaarii uumuudhaan, dhaabuu qofa irratti osoo hin ta'iin, kunuunsaa fi eegumsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa cimuun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru. Tattaaffii taasifameen biyyoon akka hin dhiqamne ittisuu cinaatti, gabbinni biyyoo dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniru. Dabalataanis, bishaan lafa jalaa akka gabbatu taasisuun burqaawwan bishaanii, laggeenii fi haroowwan goganii turan akka deebi'an taasiseras jedhan. Kanneen keessaa akka fakkeenyatti kan kaasan Godina Harargee Bahatti Haroon Haramayaa gogee kan ture deebi'ee mirgisuun, yeroo ammaa hawaasa naannichaatiif tajaajila kennaa jiraachuu isaa akka fakkeenyaatti eerameera. Obbo Araarsaan akka himanitti, yeroo ammaa naannichatti walii galaan lafti hektaara miliyoona 4 bosonaan misoomee jira. Walii galaatti Naannichatti lafa heektaara miliyyoona tokkotti dhiyyaatu kunuunsaa fi eegumsa bineensotaaf, paarkiwwaniif fi iddoowwan bashannanaatiif kan oolu yoo ta'u, hektaarri kuma 700 immoo dhaabbii biqiltootaa fi misooma bosona nam-tolcheef kan adda bahe ta’u himaniru. Lafa walii galaa kana keessaa hektaari miliyoona 2 tuqaa 3 ta'u immoo bosona uumamaatiin gutummaatti kan uwwifame ta'uu ibsaniiru.
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 860
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira. Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 17490
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16688
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.