ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Wixineen labsichaa sirna gibiraa ammayyaa diriirsuun gumaacha olaanaa kan taasisu dha-Koree Dhaabbataa
Jun 16, 2026 177
Waxabajjii 9/2018 (ENA): Wixineen labsii riifoormii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa irratti bahe sirna gibiraa ammayyaa diriirsuuf gumaacha olaanaa akka taasisu Koreen Dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota karooraa, baajataa fi faayinaansii ibseera. Wixinee labsii riifoormii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa irratti koreen dhaabbii dhimmoota karoora, baajataa fi faayinaansii mana maree bakka bu'oota ummatootaa waltajjii marii ummataa gaggeessee jira. Ministeera Maallaqaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota qajeelfama Seeraa Tawaddaaj Mahaammad akka himanitti, yaada jalqabaa labsii haaromsaa yeroo dhiyeessan labsichi bulchiinsi gibiraa akka sirreeffamuu fi dinagdeen biyyattii akka guddatu kan dandeessisu ta’uu ibsani. Sinichi Mirgaa fi dirqama kaffaltoota gibiraa kabajuun haqummaa fi dirqama gibira haala madaalawaa ta’een akka kaffalu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Kunis kaffalaan gibiraa sirna gibiraa irratti amantaa qabaachuu fi dirqama isaa sirnaan akka ba’u ni gargaara jedhan. Sirna bulchiinsa gibiraa keessatti muuxannoowwan idil-addunyaa gaarii ta’an hammachuudhaan waldhabdee gibiraan walqabatu waliigalteedhaan furuun ni danda’ama jedhan. Keessattuu nagahee waliin walqabatee sirna dijitaalaa diriirsuun bulchiinsa gibiraa ammayyaa ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru. De’eetaan Ministeera Galiiwwanii obbo Yaasmiin Wahabrabbii akka jedhanitti, Labsiin Bulchiinsa Taaksii fooyya’ee sirna sirrii ta’e ijaaruu fi komii kaffaltoota gibiraa irraa ka’uuf deebii kan kennu ta’a. Biyyattiin gibira sirnaan walitti qabuun diinagdee biyyattii maallaqaan gargaaruuf haala mijeessuu ni uuma jedhaniiru. Sirna dijitaalaa qunnamtii namaa irraa bilisa ta’e diriirsuun dhaqqabummaa fi gahumsa mirkaneessuu, akkasumas sirna galii walitti qabuu malaammaltummaa irraa bilisa taasisuu keessatti gahee murteessaa akka taphatu hubachiisaniiru. Kutaaleen hawaasaa adda addaa sagantaa marii kanarratti hirmaatan wixineen labsii kun mala waldhabdee kaffaltii gibiraa waliin walqabatu waliigalteedhaan hiikuu kan of keessatti hammate ta’uun isaa kan jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Sirna dijitaalaa hojiirra oolchuun yeroo qusachuu fi malaammaltummaa dhabamsiisuun, kunis boqonnaa guddaa akka ta’u ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbii obbo Dassaaleny Wadaajoo gamasaaniitiin, wixineen labsii kun dhimmoota sirna gibiraa qormaata ta’an furuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Dura taa’aan kun akka himanitti galiin gibiraa akka biyyaatti walitti qabamu dabalaa kan jiru yoo ta’u, kunis bu’a qabeessummaa riifoormii dinagdee Gooroo, imaammata faayinaansii fi sirna gibiraa kan agarsiisudha jedhani. Hubannoo uumuu fi jajjabeessuun kaffaltoota gibiraaf gaggeeffamaa jirus kaka’umsa kaffaltoonni gibiraa dirqama isaanii bahachuuf qaban dabalaa jira jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan bakka ga’umsa Turizimii wal’aansaa sadarkaa Idil-addunyaa eeggate ijaaraa jirti
Jun 16, 2026 158
Waxabajjii 9/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tajaajila wal'aansa fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate kennuudhaan, bu'uura giddu-gala turiizimii wal'aansaa ishee taasisu ijaaraa akka jirtu Pirezidantiin Fedeereeshinii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa fi gaanfa Afriikaa Dr. Maarqoos Fallaqaa ibsan. Pirezidantiin Fedeereeshinii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa fi gaanfa Afriikaa Dr. Maarqos ENA’f akka himanitti, Itiyoophiyaan giddu-gala turiizimii wal'aansaa ta'uuf dandeettii qabaattus, sirnaan faayidaarra oolaa hin turre. Haa ta'u malee, yeroo dhihoo mootummaan lammiilee biyya keessaa fi alaatiif tajaajila fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate guutuudhaan, Itiyoophiyaa giddu-gala turiizimii wal'aansaa gochuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Mootummaan sirna fayyaa dijiitaalaa diriirsuudhaan, dhaabbata fayyaa ogeessota wal'aansaa ga'umsa qabaniin guuttaman ijaaraa akka jirus ibsaniiru. Itiyoophiyaa galma Turiizimii wal’aansaa taasisuuf kaayyoo qabame galmaan ga'uuf, dandeettii meeshaalee wal'aansaa fi kutaalee tajaajila wal'aansaa biyya keessatti oomishuu guddisuun ni barbaachisa jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Waraabee Dr. Kaaliid Sharafaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaa galma turiizimii wal'aansaa gochuun lammiilee wal'aansaaf gara alaatti imalan baasii sharafa alaa hanbisuu bira darbee, lammiilee wal'aansaaf gara Itiyoophiyaa dhufanirraa galii dabalataa argamsiisuu akka dandeessisu ibsaniiru. Mootummaan turiizimii wal'aansaa guddisuuf bu'uuraalee misooma wal'aansaa babal'isaa akka jiru ibsuun; qulqullina, nageenya fi dandeettii dhaqqabamummaa bu'uura godhateen tajaajila kennuudhaan gahee isaanii akka bahan eeraniiru. Hojii gaggeessaan hospitaala walii galaa Maqraz Dr. Naatinaa'eel Taayyee gama isaaniitiin, Itioophiyaa giddu-gala turiizimii wal'aansaa gochuuf tajaajila wal'aansa fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate kennuun akka barbaachisu ibsaniiru. Mootummaan damee kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojiiwwan eegale jajjabeessoo ta'uu eeranii, dhaabbata fayyaa ammayyeessuu fi meeshaalee wal'aansaa ammayyaa biyya keessa hin jirre bal'inaan akka galan gochuun akka barbaachisus kaasaniiru. Mootummaan dandeettii qorichaa fi dhiheessii wal'aansaa biyya keessatti oomishuu cimsuuf damee faarmaasiyutikaaliitiif xiyyeeffannoo kennuudhaan, dhaabbanni fayyaa yeroon fi gosaan akka dhaqqabu haala mijataa uumuu isaas dinqisifataniiru.
Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuuilaalchisee Dhugaa jiru
Jun 16, 2026 236
Ministirri Mummee Dr.Abiyyi Ahimad Amajjii 2 bara 2018 Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiisaniiru. Buufatni Xiyyaaraa kun Finfinneerraa fageenya kilomeetira 40 irratti, olka'insa galaanarraa meetira kuma1 fi 910 irratti ijaaramaa jira. Waggaatti Imaltoota hanga miliyoona 110 keessummeessuu danda'a. Dandeettii simannaa buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee amma jiru waliin yeroo madaalamu dachaa 4 tuqaa 4 caala. Pirojeektiin seena-qabeessi kun, biyya keenya toora wiirtuuwwan tajaajila aviyeeshinii addunyaa keessaa tokko taasisuuf halkanii fi guyyaa carraaqqii guddaadhaan ijaaramaa jira. Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu seenaa Afrikaa keessatti pirojeektii bu'uura misooma aviyeeshinii isa guddaadha. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa kanaa marsaa lameen raawwatama. Marsaan jalqabaa dandeettii imaltoota miliyoona 60 simachuu qabaatee akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030 ni xumurama jedhamee eegama. Marsaa kanaan tarminaalli imaltootaa baay'ee guddaa fi ammayyawaa ta'e tokkoo fi tarminaalli giddu-galeessi tokko ni ijaarama. Marsaa jalqabaa kanaan daandiiwwan balali'insa Xiyyaaraa dabalataa lama kan ijaaraman yoo ta'u, yeroo tokkotti Xiyyaarota 180 dhaabuu kan dandeessisu ni ijaarama. Marsaa kana keessatti tarminaalicha keessatti hoteelli ammayyaa’aan ciisichaa 350 qabu ni ijaarama. Waggaatti fe'umsa toonii miliyoona 1 tuqaa 5 keessummeessuu kan danda'u tarminaalli kaargoo fi wiirtuun suphaa Xiyyaaraas marsaa kanaan kan ijaaramu ta'a Pirojeektiin kun Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin ta’iin Ardii Afrikaatiifis fakkeenya guddaadha. Naannoo daldala bilisaa Afrikaa hojiirra oolchuuf akkasumas hariiroo daldalaa fi dinagdee riqichaa cimsuuf gahee murteessaa taphata. Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu buufata xiyyaaraa idil-addunyaa boolee waliin kan wal-qunnamsiisu fi yeroo tokkotti konkolaataa 12 keessumsiisuu kan danda'u daandiin saffisaa fi daandiin baaburaa saffisaaf ni ijaarama. Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu rakkoo bu'uura misoomaa guddina aviyeeshinii Afrikaa hidhee qabe furuuf tarkaanfii guddaa fudhatamedha. Pirojeektiin ijaarama buufata Xiyyaaraa kun carraa hojii bal'aa uuma. Buufatni xiyyaaraa kanaan walqabatee magaalli buufata Xiyyaaraa (Airport City) hundeeffamu daldala, industirii fi tuuriizimiidhaan guddina naannichaatiif gumaacha guddaa taasisa.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Jimmaa tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuurra darbee kaka’umsa hojii hojjettootaa guddiseera
Jun 15, 2026 1233
Waxabajjii 8/2018 (ENA) - Godina Jimmaatti wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo masoob, hawaasaaf tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu kennuu bira darbee, kaka'umsa hojii hojjettootaa guddisuunsaa ibsame. Wiirtuleen kunniin ogeeyyii dandeettii qabaniin gurmaa’uu fi hojimaata ammayyaa’aa hordofuun isaanii, hojjettootaafis ta'e tajaajilamtootaaf boqonnaa guddaa ta’uunsaa ibsameera. Ogeeyyiin Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Limmuu Gannat Riidaa Kamaalii fi Adaal Haayilemaariyaam akka jedhanitti, tajaajilli wiirtichatti hawaasaaf kennan kakka'umsa hojii isaanii akka dabale ibsaniiru. Wiirtichi teknoolojiidhaan kan gurmaa'e waan ta’eef ariitii tajaajila dabaluun olitti, yeroo qaalii hojjettootaa fi hawaasaa qusachuu dandeessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, ogeeyyiin wiirtuu Jimmaa Abdulnuuraa Abbaatamaamii fi Samiiraa Hasan gama isaaniitiin, bakki hojii mijataan uumamuunsaa komii tajaajilamtootaa malee tajaajila ariifataa kennuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Godinichatti dhiyyeenya kana tajaajila kan jalqabe tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Asandaaboo keessatti tajaajilaa kan jiran Maaramee Baqqalaa fi Anwaar Abbaadiiggaa, hawaasaaf dammaqinaa fi ciminaan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru. Haalli hojii mijataan umamuun hojjettoonni osoo hin nuffiin murannoodhaan akka hojjetan gochuu isaa kan eeran ogeeyyiin kunniin, kanaanis rakkoon dhiyeessii tajaajilaa kan waggoota dheeraaf gaaffii uummataa ture guutummaatti furamuu isaa addeessaniiru. Wiirtuu kanatti tajaajila argachuuf kan dhufe Musxafaa Abdurahimaan gamasaaniin, naannoo isaaniitti wiirtuun ammayyaa akkasii banamuunsaa baay'ee akka isa gammachiise ibsee, gara wiirtichaa yeroon seenu jalqaba keessummummaa irraa kaasee simannaan ogeeyyii fi ariitiin isaanii gammachuu guddaa namaaf kenna, jedheera. Tajaajila Eeyyama konkolaachisummaa argachuuf kan dhufe ta’uu ibsuun Jamaal Abdurahmaan, Wiirtichi dhimma hundumaa caalaa hawaasatti kan dhiyaatee fi gaaffii waggoota dheeraaf tureef deebii kan kenne ta'u dubbateera. Jiraattuun magaalaa Jimmaa Beetemaqdas Amhaa tajaajila wiirtuu magaalichatti argamutti waraqaa dhalootaa baafachuuf kan dhufte yoo ta'u, tajaajila hundumaa wiirtuu tokko keessatti argachuu isheetiin gammaduu ishee ibsiteetti. Itti Aanaa itti gaafatamaa fi Itti Gaafatamaan Damee Teknoolojii tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob, Magaalaa Jimmaa Jamaal Saalii, tajaajilli wiirtichatti kennamu tajaajilamaa qofaaf osoo hin taane hojjettootaafis madaala gammachuu ta'uu isaa ibsaniiru. Hawaasni yeroofi qarshiisaa qusatee tajaajila ariifataa argatee deebi'uu isaa fi tajaajila kennameen quufeen deebii gaarii inni kennu hojjetaaf kakka'umsa guddaa uumuusaa ibsaniiru.
Barnoota daa’immanii fi fayyaa irratti hojjechuun biyya egeree badhaate ijaaruuf gargaara - Ministeera Barnootaa
Jun 15, 2026 875
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Hojiin barnootaa fi fayyaa daa’immanii irratti hojjetame biyya egeree badhaateef bu’uura kaa’uuf kan gargaaru ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise. Giddugalli mana barumsaa bulchiinsa Dirree Dhawaan ijaarame ‘Umi” jedhamu guyyaa har'aa eebbifamee tajaajilaaf dhiyaateera. Eebba kanarratti kan argaman De’eetaan Ministeera Barnootaa aadde Ayyalech Isheetee akka himanitti, hojiin riifoormii waliigalaa damee barnootaa keessatti eegalame bu’a qabeessa ta’ee hojjetamaa jira jedhani. Hojiileen kunneen hojii barnootaa fi fayyaa daa'immanii irratti hojjetamaa jiru waliin walitti qindeessuun imala biyya badhaate boruu ijaaruu milkeessuu keessatti gahee murteessaa qaba jedhaniiru. Sagantaa nyaata mana barumsaa keessatti hojiiwwan qindoominaan hojjetamaa jiran daa’imman mana barumsaa irraa akka hin hafnee fi bu’a qabeessa akka ta’an kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Qulqullina barnootaa guddisuun fayyaa fi soorata barattootaa fooyyessuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jiranis ibsaniiru. Sirnichi ba’aa diinagdee warra galii gadi aanaa qaban irratti mul’atu haalaan hir’isaa jiraachuus dee’eetaan Ministeera kuni ibsaniiru. Giddugalli nyaata mana barumsaa Dirree Dhawaatti haaraa eebbifame sagantaa nyaata manneen barnootaa bu’a qabeessa taasisuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisuudhaan, qaamota milkaa’ina isaaf gumaachan galateeffataniiru. Daarektarri Olaantuu Inishiyeetiivii Nyaata Manneen Barnootaa Itiyoophiyaa aadde Firee’alam Shibabawu akka himanitti, Giddu-galli Nyaata Mana Barumsaa ‘‘Umi” Dirree Dhawaatti qulqullinaa fi saffisaan ijaarame biyya keenyaaf fakkeenya waan ta’eef babal’achuun itti fufa jedhan. Sagantaan nyaata manneen barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi barattoota mana barumsaa addaan kutan ittisuuf gahee murteessaa taphachaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Harbii Buhi. Sagantaan kun jijjiirama hedduu keessa akka jiru hubachiisuun, Yeroo ammaa bulchiinsi mootummaa fi michoota waliin ta’uun manneen barnootaa 42 keessatti nyaata dhiheessaa akka jiru himaniiru. Giddu-galli har’a eebbifame hojii bifa dhaabbataa ta’een eegalame daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Itti Gaafatamaan Biiroo Barnoota Bulchiinsaa obbo Sulxaan Alii akka himanitti, wiirtuun kun nyaanni mana barumsaa michoota adda addaatiin bifa faffaca'een kennamaa ture bifa dhaabbataa fi wal irraa hin cinne ta'een akka raawwatamu kan taasisudha jedhani. Giddugalli Nyaata ‘Umi’ (Umi Meal Center) lafa heektaara 18 irratti kan ijaarame marsaa jalqabaatiin barattoota kuma shan akka qaqqabsiisu kan taasisu yoo ta’u, misooma kuduraa fi muduraatiifis akka oolu qophii ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Siyaasa
Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu dha
Jun 15, 2026 1395
Waxabajjii 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu ta'uu Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ibsan. Itiyoophiyaan caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa dhabileen Ardii fi Riijinii kanneen akka Gamtaa Afriikaa (AU) fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannoo walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa mirkaneessan gaggeessuun ishee ni yaadatama. Tajjabdoonni biyya keessaas filannoo kanaan keessatti kan hirmaatan yoo ta'u, mana maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhaabbilee 55 of keessatti qabatu, filannoon walii galaa 7ffaan hirmaachisaa, walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa taajjabuusaanii ibseera. Boordiin Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa, dhaabbileen nageenyaa, haqaa fi dimookiraasii filannichi loogiirraa bilisaa fi dandeettii dhaabbataan/gahumsa/ akka gaggeeffamu gochuu isaanii taajjabuu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ENA waliin turtii taasisaniin, Ummatni fi Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo guutuu milkaa'aa ta'e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad filannoon dura filannoo hirmaachisaa ta'e gaggeessuuf haala waadaa galaniin, mootummaan dimokiraasummaa filannichaaf qophii duraa irraa kaasee haala mijeessuusaa dinqisiifataniiru. Filannicha Itiyoophiyaanonni hedduun sagalee isaanii kan kennan, hirmaannaa ho’aan dubartootaa fi dargaggootaa kan itti mul'ate ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen akka Gamtaa Afriikaa fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannichi nageenyaa fi haqa qabeessa ta'uu mirkaneessuun isaanii dimokiraatawaa ta'uu isaa kan agarsiisu ta’uu raajeffachuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan galmee kaadhimamtootaa fi filattootaa irraa kaasee teknoolojiidhaan deeggaramee, filannoo walaba, nagayaafi dimokiraatawaa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuu dandeeyseettijedhaniiru. Dhumarratti Ambaasaddarichi , dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan furamuu qaba, jechuun kanaafis, filannoo Itiyoophiyaa keessatti taajjabdoonni Gamtaa Afriikaa fi IGAD bobba'uun isaanii agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu qaroominaati dha- Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Jun 15, 2026 1182
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu ogummaa qaroominaati jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hidhattoota duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hidhatanii booda karaa nagaa hawaasatti makaman waliin marii Adaamaatti gaggeessaa jira. Haasaa baniinsaa isaanii keessatti Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa hidhattoonni duraanii nagaaf dursa kennuu fi daandii nagaa filachuun deebi’uu murteessuu isaanii galateeffataniiru. Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun qaroomina ogummaa kan mul’isu ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa waaraa biyyattii keessatti uumuuf filannoo karaa nagaa ta’uu ibsaniiru. Komishinichi konfiraansii marii biyyaalessaa isa guddaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee akka gaggeessu beeksiseera. Kanaafis konfiraansii marii biyyaalessaa guddichi akka gaggeeffamuuf adeemsa marii hirmaachisaa fi hunda hammatee ajandaa uumuu fi marii hirmaachisaa marsaa adda addaatiin raawwachuun isaa ni beekama. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hirmaannaa Marichaaf Waamicha Dhiyeesse
Jun 15, 2026 739
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii marii xumuraa Adoolessa 8/ 2018 irraa eegalee kan gaggeeffamuuf lammiileen biyyattii hundi akka isa cinaa dhaabbatuuf waamicha dhiyeesse. Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif komishinichi dhimmoota Itiyoophiyota guutuu Itiyoophiyaa fi biyya alaa jiran dhimmoota wal dhabsiisu irraa walitti qabuun, walii galtee waaraarra gahuuf yaada galtee walitti qabaa turuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kanneen irratti yaada sadarkaa biyyaatti kan qopheessu Yaa’iin Marii Biyyaalessaas Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuuf qophii xumureera. Kanaaf komishinichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi taatee seena qabeessa kana deeggaruun itti gaafatamummaa biyyaalessaa akka bahatan waamicha dhiyeesseera. Komishinichi bakka bu’oonni hawaasaa fi qooda fudhattoonni filataman walgahii milkaa’aa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf qophii barbaachisu hunda akka taasisanis dhaameera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa
Jun 12, 2026 3585
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira. Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira. Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan. Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru. Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru. Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru. Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 4515
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.
Manni maree bakka bu’oota ummataa boru wal gahii idilee ni gaggeessa
Jun 10, 2026 3401
Waxabajjii 3/2018 (ENA)-Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii wagga shanaffaa walgahii idilee 25ffaa akka gaggeessu beeksise. Wal gahii kanaanis, ibsa bajataa wixinee bajataa bara bajataa 2019 ilaalchisuun ministirri maallaqaa Ahimad Shidee dhiheessan irratti ni mari’ata. Marii Kanaan boodas labsii wixinee bajataa koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, bajataa fi fayinaansiif akka qajeelchu ni eegama jedhamuusaa odeeffannoon mana marichaa ni mul’isa.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Naareendiraa Moodiif ergaa baga geessanii dabarsan
Jun 10, 2026 3350
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Naareendiraa Moodiin seenaa biyyattii keessatti hogganaa wagga dheeraa gaggeessan waan ta’aniif ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Obboleessa koo angafaa fi michuu koo jaalatamaa Naareendiraa Moodii, amantaa fulla’aa hawaasaa demokiraasii addunyaa keenyarraa isa guddaa fi baay’ee dammaqaa ta’e argachuun, Hindiin mul’ataa fi kutannoodhaan baroota demokiraasii walitti aanan sadiif gaggeessuun milkaa’ina seena qabeessa galmeessiftaniif gammachuu natti dhaga’amen ibsa jedhan ergaasaaniitiin. Hooggansi isaanii lammiilee miiliyoonaan lakkaa’aman hiyyummaa jalaa kan baase, bu’ura misoomaa ummataa dijitaalaa haala olaanaadhaan kankan babal’isee fi guddina bu’ura misoomaa Kanaan dura argamee hin beekne fiduun dinagee si’ataa kan argamsiisedha jechuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniiru. Ministirri muummee Naareendiraa Moodii yeroo walitti aananiif kutaa addunyaa kibbaaf (Global South) sagalee cimaa ta’uudhaan tajaajilaniiru jechuunis ibsaniiru.
Daangaa biyya keenyaa eegsisuu cinaatti, mirga dimokiraasii keenya fayyadamuun sagalee keenya kennineerra – Miseensota Ajaja Kaaba-Bahaa
Jun 9, 2026 4155
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Tokkummaa fi daangaa biyya keenyaa kabachiisuu cinaatti, mirga Dimokiraasii keenyaa fayyadamuun sagalee keenya kennineerra jechuun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kaaba-bahaa ibsan. Akka labsii filannoo, galmeessa paartilee siyaasaa fi naamusa filannoon, namni filatu kamiyyuu naannoo jireenyaa isaa ykn naannoo dhaabbatadhaan itti hojjetutti galmaa’ee sagalee kennuu akka qabu tuma. Haa ta'u malee, sababa uumamaa fi nam-tolchee adda addaan kanneen qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf daangaa biyyaa eeganii fi kaampii adda addaa keessa jiran, buufata filannoo idileetti argamuun sagalee kennuu hin dandeenye. Mirga bu’uuraa kana kabachiisuu fi hirmaachisummaa filannichaa mirkaneessuuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa qajeelfama addaa baasuun buufataalee filannoo addaa ni gurmeessa. Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaanis, lammiilee haala addaa keessa jiran kanneen buufata daahoo keessa jiran fi kaampiiwwan ittisa biyyaa keessatti buufataalee filannoo addaa keessatti har'a gaggeeffamaa jira. Miseensonni izzii Kaaba-Bahaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa gootummaa guddaadhaan tokkummaa fi daangaa biyya isaa kabachiisaa jira. Kanaan cinattis mirga deemokiraasii isaanii fayyadamuun paartii biyyaaf ta’a jedhaniif sagalee isaanii kennaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa Itti-aanaan Hoogganaa Ooditii izzii Kaaba-Bahaa kumalaa Nigaatuu Kumsaa raayyaan ittisa biyyaa gootummaa olaanaan daangaa biyya isaa eegsisuu cinaatti har'a filannoo irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka itti dhaga'ame dubbataniiru. Gara fuulduraattis filannichaan paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nagaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi daangaa biyyaa kutannoon eegsisuu keessatti shoora keenya ni baana jedhaniiru. Shaalaqaa baashaa Abaatee Arsiinoo gama isaaniitiin; dirqama biyyaalessaa nuuf kenname ba'uu fi daangaa biyya keenyaa eegsisuuf yeroo mara qophii ta'uu isaanii ibsuun, cinaattis filannoo kanarratti hirmaachuu danda'uu isaaniitiin akka gammadaniis addeessaniiru. Filannicha irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu qaban ibsuun, kunis yeroo sadaffaaf ta'uu isaa dubbataniiru. Ajaan dhibbaa Iyaasuu Cuummaa, daangaa biyya koo eegsisaa yeroo kanatti mirga dimokiraasii koo fayyadamee filachuu danda'uu kootiif gammadeera jedhaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun bilisaan filachuu danda'uu kan dubbatan ammoo ajajaa kudhanii Taammanee Tashoomaa ti. Tokkummaa fi daangaa biyya koo eeggachaa, nagaa ishee kabachiisuu cinaatti filachuu danda'uu kootiif baay'een gammada jedhaniiru.

Hawaasummaa
Itiyoophiyaan bakka ga’umsa Turizimii wal’aansaa sadarkaa Idil-addunyaa eeggate ijaaraa jirti
Jun 16, 2026 158
Waxabajjii 9/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tajaajila wal'aansa fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate kennuudhaan, bu'uura giddu-gala turiizimii wal'aansaa ishee taasisu ijaaraa akka jirtu Pirezidantiin Fedeereeshinii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa fi gaanfa Afriikaa Dr. Maarqoos Fallaqaa ibsan. Pirezidantiin Fedeereeshinii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa fi gaanfa Afriikaa Dr. Maarqos ENA’f akka himanitti, Itiyoophiyaan giddu-gala turiizimii wal'aansaa ta'uuf dandeettii qabaattus, sirnaan faayidaarra oolaa hin turre. Haa ta'u malee, yeroo dhihoo mootummaan lammiilee biyya keessaa fi alaatiif tajaajila fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate guutuudhaan, Itiyoophiyaa giddu-gala turiizimii wal'aansaa gochuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Mootummaan sirna fayyaa dijiitaalaa diriirsuudhaan, dhaabbata fayyaa ogeessota wal'aansaa ga'umsa qabaniin guuttaman ijaaraa akka jirus ibsaniiru. Itiyoophiyaa galma Turiizimii wal’aansaa taasisuuf kaayyoo qabame galmaan ga'uuf, dandeettii meeshaalee wal'aansaa fi kutaalee tajaajila wal'aansaa biyya keessatti oomishuu guddisuun ni barbaachisa jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Waraabee Dr. Kaaliid Sharafaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaa galma turiizimii wal'aansaa gochuun lammiilee wal'aansaaf gara alaatti imalan baasii sharafa alaa hanbisuu bira darbee, lammiilee wal'aansaaf gara Itiyoophiyaa dhufanirraa galii dabalataa argamsiisuu akka dandeessisu ibsaniiru. Mootummaan turiizimii wal'aansaa guddisuuf bu'uuraalee misooma wal'aansaa babal'isaa akka jiru ibsuun; qulqullina, nageenya fi dandeettii dhaqqabamummaa bu'uura godhateen tajaajila kennuudhaan gahee isaanii akka bahan eeraniiru. Hojii gaggeessaan hospitaala walii galaa Maqraz Dr. Naatinaa'eel Taayyee gama isaaniitiin, Itioophiyaa giddu-gala turiizimii wal'aansaa gochuuf tajaajila wal'aansa fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate kennuun akka barbaachisu ibsaniiru. Mootummaan damee kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojiiwwan eegale jajjabeessoo ta'uu eeranii, dhaabbata fayyaa ammayyeessuu fi meeshaalee wal'aansaa ammayyaa biyya keessa hin jirre bal'inaan akka galan gochuun akka barbaachisus kaasaniiru. Mootummaan dandeettii qorichaa fi dhiheessii wal'aansaa biyya keessatti oomishuu cimsuuf damee faarmaasiyutikaaliitiif xiyyeeffannoo kennuudhaan, dhaabbanni fayyaa yeroon fi gosaan akka dhaqqabu haala mijataa uumuu isaas dinqisifataniiru.
Barnoota daa’immanii fi fayyaa irratti hojjechuun biyya egeree badhaate ijaaruuf gargaara - Ministeera Barnootaa
Jun 15, 2026 875
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Hojiin barnootaa fi fayyaa daa’immanii irratti hojjetame biyya egeree badhaateef bu’uura kaa’uuf kan gargaaru ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise. Giddugalli mana barumsaa bulchiinsa Dirree Dhawaan ijaarame ‘Umi” jedhamu guyyaa har'aa eebbifamee tajaajilaaf dhiyaateera. Eebba kanarratti kan argaman De’eetaan Ministeera Barnootaa aadde Ayyalech Isheetee akka himanitti, hojiin riifoormii waliigalaa damee barnootaa keessatti eegalame bu’a qabeessa ta’ee hojjetamaa jira jedhani. Hojiileen kunneen hojii barnootaa fi fayyaa daa'immanii irratti hojjetamaa jiru waliin walitti qindeessuun imala biyya badhaate boruu ijaaruu milkeessuu keessatti gahee murteessaa qaba jedhaniiru. Sagantaa nyaata mana barumsaa keessatti hojiiwwan qindoominaan hojjetamaa jiran daa’imman mana barumsaa irraa akka hin hafnee fi bu’a qabeessa akka ta’an kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Qulqullina barnootaa guddisuun fayyaa fi soorata barattootaa fooyyessuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jiranis ibsaniiru. Sirnichi ba’aa diinagdee warra galii gadi aanaa qaban irratti mul’atu haalaan hir’isaa jiraachuus dee’eetaan Ministeera kuni ibsaniiru. Giddugalli nyaata mana barumsaa Dirree Dhawaatti haaraa eebbifame sagantaa nyaata manneen barnootaa bu’a qabeessa taasisuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisuudhaan, qaamota milkaa’ina isaaf gumaachan galateeffataniiru. Daarektarri Olaantuu Inishiyeetiivii Nyaata Manneen Barnootaa Itiyoophiyaa aadde Firee’alam Shibabawu akka himanitti, Giddu-galli Nyaata Mana Barumsaa ‘‘Umi” Dirree Dhawaatti qulqullinaa fi saffisaan ijaarame biyya keenyaaf fakkeenya waan ta’eef babal’achuun itti fufa jedhan. Sagantaan nyaata manneen barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi barattoota mana barumsaa addaan kutan ittisuuf gahee murteessaa taphachaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Harbii Buhi. Sagantaan kun jijjiirama hedduu keessa akka jiru hubachiisuun, Yeroo ammaa bulchiinsi mootummaa fi michoota waliin ta’uun manneen barnootaa 42 keessatti nyaata dhiheessaa akka jiru himaniiru. Giddu-galli har’a eebbifame hojii bifa dhaabbataa ta’een eegalame daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Itti Gaafatamaan Biiroo Barnoota Bulchiinsaa obbo Sulxaan Alii akka himanitti, wiirtuun kun nyaanni mana barumsaa michoota adda addaatiin bifa faffaca'een kennamaa ture bifa dhaabbataa fi wal irraa hin cinne ta'een akka raawwatamu kan taasisudha jedhani. Giddugalli Nyaata ‘Umi’ (Umi Meal Center) lafa heektaara 18 irratti kan ijaarame marsaa jalqabaatiin barattoota kuma shan akka qaqqabsiisu kan taasisu yoo ta’u, misooma kuduraa fi muduraatiifis akka oolu qophii ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, akka gabbatuu fi eegamuuf ni hojjatama— Obbo Shimallis Abdiisaa
Jun 14, 2026 1577
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har’aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta’eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjatama jedhan Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa. Sirni wal-harkaa fuudhinsa Gadaa Tuulama Oromo 71ffaan Magaalaa Shaggar, Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti haala miidhagaa ta’een gaggeeffameera. Haaluma kanaan, Abbaa Gadaa Melbaa Goobana Hoolaa bara aangoo isaanii xumuruun Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaatiif baallii dabarsaniiru. Guyyoota dura Abbootiin Gadaa fi kutaaleen hawaasaa sadarkaa sirna Gadaa adda addaa keessa jiran Dhakaa Koraatti walitti qabamuun sirnoota aadaa fi amantii adda addaa raawwachaa turaniiru. Akkaataa seera wal-harkaa fuudhinsa baallii Gadaan waggaa saddeet saddeetiin gaggeeffamuun, har’as Gadaa Melbaa irraa gara Gadaa Muudanaatti ce’umsi 'Alangee' raawwatameera. Sirna aadaa dabarsa Alangee (Baallii) Gadaa Tuulamaa kana irratti Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aaddee Sa’adaa Abdurahimaan, hogganoonni ol-aanoo Magaalaa Shaggar, Abbootiin Gadaa, Haadhotiin Siinqee fi miseensonni hawaasaa lakkoofsaan hedduu ta'an argamaniiru. Sirna kana irratti haasaa kan taasisan Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa; Sirni Gadaa tokkummaa uummata Oromootiif bu’uura ijoo waan ta’eef, duudhaalee isaa caalaatti cimsuu fi itti fufsiisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii haaromsa aadaa hojjeteen, kanaan dura aadaaleen fi duudhaaleen Oromoo irraanfatamanii fi gatamanii turan deebi'anii akka baayyanatanii fi ijaaraman taasiseera jedhan. Kana milkeessuufis sadarkaa barnoota gadii irraa eegalee sirni Gadaa sirna barnootaa keessatti akka akaakuu barnoota tokkootti akka kennamu taasifamuu fi dhaloota duudhaalee sirna Gadaatiin guddisuuf hojjatamaa jiraachuu Pirezidaantichi dubbataniiru. Xiyyeeffannoo duraa mootummaan naannichaa kenne keessaa tokko Aadaa Durii, duudhaa fi eenyummaa uummata Oromoo gabbisuu fi caasaa dhaabbataa jabaa diriirsuu ta’uu dubbataniiru. Sirni kun hambaa qofa osoo hin taane, utubaa eenyummaa, jabinnaa fi guddina uummata Oromoo akka ta'e kan amanamu ta'uu fi sirnichi jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa jiraachuu Obbo Shimallis addeessaniiru. Beekumsa durii kana itti fufsiisuu, seenaa sirreessuu, duudhaalee isaa guddina dinagdeef, Aartii, miidiyaaf, og-barruu fi madda beekumsaatiif oolchuu, akkasumas dhaloota of danda'ee fi haala qabatamaa addunyaa wajjin wal-simate uumuun xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta'uu pirezidaantichi ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannichaa Aaddee Jamiilaa Simbiruu gama isaaniitiin, biirichi bakkeewwan Ardaa Jilaa misoomsuu fi hojiilee qorannoo gaggeessuu irratti hojjachaa turuu isaa eeranii, gara fuulduraattis Gadaa Tuulamaa haaraa Alangee (Baallii) fudhate wajjin qindoominaan akka hojjatan beeksisaniiru. Abbootiin Gadaa Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti argaman, seera sirni Gadaa mirga namaa fi uumamaaf kenne mirkaneessan adda addaa labsaa fi raawwachaa dabarsaniiru.
Sirni wal-harkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Tuulamaa gaggeeffame
Jun 14, 2026 956
Waxabajjii 7/2018 (ENA)— Gadaa Tuulamaa waggoottan saddeettan darban keessa Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaatiin gaggeeffamaa ture har’a baallii fi aangoosaa Abbaa Gadaa itti aanu Abbaa Gadaa Muudanaa Getuu Taliilaatiif dabarseera. Sirna Gadaa sirnoota dimokiraasii biroo irraa kan adda isa taasisu, hawaasa hundaaf bu'uura hawaasummaa wal-qixaa kennuu fi hirmaachisummaa hunda-galeessa ta’e gochaan mirkaneessuu irratti duudhaa gadi fagoo qabaachuu isaatiini. Sirni Gadaa hawaasa kutaalee Gadaa adda addaa shaniin gurmeessuun, aangoon harka namoota muraasaa keessatti akka hin kuufamne, ykn qomoo fi hiriiroo hawaasummaatiin akka hin daangeffamne taasisa. Caasaan kun adda kan ta’ee fi marsaa sirna bulchiinsaa kan mijeessu yoo ta'u, Sirna bulchiinsaa dimokiraasii kutaaleen Gadaa shanan kunniin tokkoon tokkoon isaanii marsaa waggaa saddeetii keessatti aangoo kan itti qabatanidha. wal harkaa fuudhinsi aangoo Abbaa Gadaa Oromoo Tuulamaa guyyaa har’aa fakkeenya aangoo kan ta’e wal harkaa fuudhinsa alangee sirna guddaan raawwatameera. Waggoottan saddet darban gaggeessaa Oromoo Tuulamaa kan turan Abbaan Gadaa Meelbaa Goobanaa Hoolaa aangoo kan dabarsan yoo ta’u, bara aangoo waggaa saddetii isa haaraaf Abbaan Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaa aangoo fudhataniiru. Angoo kan dabarsan Goobanaa Hoolaa kana booda Yuba ykn gorsaa ta’uun tajaajilu. Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, kutaaleen hawaasaa naannawaa fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.
Diinagdee
Wixineen labsichaa sirna gibiraa ammayyaa diriirsuun gumaacha olaanaa kan taasisu dha-Koree Dhaabbataa
Jun 16, 2026 177
Waxabajjii 9/2018 (ENA): Wixineen labsii riifoormii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa irratti bahe sirna gibiraa ammayyaa diriirsuuf gumaacha olaanaa akka taasisu Koreen Dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota karooraa, baajataa fi faayinaansii ibseera. Wixinee labsii riifoormii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa irratti koreen dhaabbii dhimmoota karoora, baajataa fi faayinaansii mana maree bakka bu'oota ummatootaa waltajjii marii ummataa gaggeessee jira. Ministeera Maallaqaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota qajeelfama Seeraa Tawaddaaj Mahaammad akka himanitti, yaada jalqabaa labsii haaromsaa yeroo dhiyeessan labsichi bulchiinsi gibiraa akka sirreeffamuu fi dinagdeen biyyattii akka guddatu kan dandeessisu ta’uu ibsani. Sinichi Mirgaa fi dirqama kaffaltoota gibiraa kabajuun haqummaa fi dirqama gibira haala madaalawaa ta’een akka kaffalu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Kunis kaffalaan gibiraa sirna gibiraa irratti amantaa qabaachuu fi dirqama isaa sirnaan akka ba’u ni gargaara jedhan. Sirna bulchiinsa gibiraa keessatti muuxannoowwan idil-addunyaa gaarii ta’an hammachuudhaan waldhabdee gibiraan walqabatu waliigalteedhaan furuun ni danda’ama jedhan. Keessattuu nagahee waliin walqabatee sirna dijitaalaa diriirsuun bulchiinsa gibiraa ammayyaa ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru. De’eetaan Ministeera Galiiwwanii obbo Yaasmiin Wahabrabbii akka jedhanitti, Labsiin Bulchiinsa Taaksii fooyya’ee sirna sirrii ta’e ijaaruu fi komii kaffaltoota gibiraa irraa ka’uuf deebii kan kennu ta’a. Biyyattiin gibira sirnaan walitti qabuun diinagdee biyyattii maallaqaan gargaaruuf haala mijeessuu ni uuma jedhaniiru. Sirna dijitaalaa qunnamtii namaa irraa bilisa ta’e diriirsuun dhaqqabummaa fi gahumsa mirkaneessuu, akkasumas sirna galii walitti qabuu malaammaltummaa irraa bilisa taasisuu keessatti gahee murteessaa akka taphatu hubachiisaniiru. Kutaaleen hawaasaa adda addaa sagantaa marii kanarratti hirmaatan wixineen labsii kun mala waldhabdee kaffaltii gibiraa waliin walqabatu waliigalteedhaan hiikuu kan of keessatti hammate ta’uun isaa kan jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Sirna dijitaalaa hojiirra oolchuun yeroo qusachuu fi malaammaltummaa dhabamsiisuun, kunis boqonnaa guddaa akka ta’u ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbii obbo Dassaaleny Wadaajoo gamasaaniitiin, wixineen labsii kun dhimmoota sirna gibiraa qormaata ta’an furuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Dura taa’aan kun akka himanitti galiin gibiraa akka biyyaatti walitti qabamu dabalaa kan jiru yoo ta’u, kunis bu’a qabeessummaa riifoormii dinagdee Gooroo, imaammata faayinaansii fi sirna gibiraa kan agarsiisudha jedhani. Hubannoo uumuu fi jajjabeessuun kaffaltoota gibiraaf gaggeeffamaa jirus kaka’umsa kaffaltoonni gibiraa dirqama isaanii bahachuuf qaban dabalaa jira jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuuilaalchisee Dhugaa jiru
Jun 16, 2026 236
Ministirri Mummee Dr.Abiyyi Ahimad Amajjii 2 bara 2018 Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiisaniiru. Buufatni Xiyyaaraa kun Finfinneerraa fageenya kilomeetira 40 irratti, olka'insa galaanarraa meetira kuma1 fi 910 irratti ijaaramaa jira. Waggaatti Imaltoota hanga miliyoona 110 keessummeessuu danda'a. Dandeettii simannaa buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee amma jiru waliin yeroo madaalamu dachaa 4 tuqaa 4 caala. Pirojeektiin seena-qabeessi kun, biyya keenya toora wiirtuuwwan tajaajila aviyeeshinii addunyaa keessaa tokko taasisuuf halkanii fi guyyaa carraaqqii guddaadhaan ijaaramaa jira. Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu seenaa Afrikaa keessatti pirojeektii bu'uura misooma aviyeeshinii isa guddaadha. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa kanaa marsaa lameen raawwatama. Marsaan jalqabaa dandeettii imaltoota miliyoona 60 simachuu qabaatee akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030 ni xumurama jedhamee eegama. Marsaa kanaan tarminaalli imaltootaa baay'ee guddaa fi ammayyawaa ta'e tokkoo fi tarminaalli giddu-galeessi tokko ni ijaarama. Marsaa jalqabaa kanaan daandiiwwan balali'insa Xiyyaaraa dabalataa lama kan ijaaraman yoo ta'u, yeroo tokkotti Xiyyaarota 180 dhaabuu kan dandeessisu ni ijaarama. Marsaa kana keessatti tarminaalicha keessatti hoteelli ammayyaa’aan ciisichaa 350 qabu ni ijaarama. Waggaatti fe'umsa toonii miliyoona 1 tuqaa 5 keessummeessuu kan danda'u tarminaalli kaargoo fi wiirtuun suphaa Xiyyaaraas marsaa kanaan kan ijaaramu ta'a Pirojeektiin kun Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin ta’iin Ardii Afrikaatiifis fakkeenya guddaadha. Naannoo daldala bilisaa Afrikaa hojiirra oolchuuf akkasumas hariiroo daldalaa fi dinagdee riqichaa cimsuuf gahee murteessaa taphata. Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu buufata xiyyaaraa idil-addunyaa boolee waliin kan wal-qunnamsiisu fi yeroo tokkotti konkolaataa 12 keessumsiisuu kan danda'u daandiin saffisaa fi daandiin baaburaa saffisaaf ni ijaarama. Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu rakkoo bu'uura misoomaa guddina aviyeeshinii Afrikaa hidhee qabe furuuf tarkaanfii guddaa fudhatamedha. Pirojeektiin ijaarama buufata Xiyyaaraa kun carraa hojii bal'aa uuma. Buufatni xiyyaaraa kanaan walqabatee magaalli buufata Xiyyaaraa (Airport City) hundeeffamu daldala, industirii fi tuuriizimiidhaan guddina naannichaatiif gumaacha guddaa taasisa.
Qamadii kilaastaraan misoomsine irraa omisha fooyya’aa eegaa jirra- Qonnaan bultooota
Jun 15, 2026 905
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Baalee aanaa Sinaanaa lafa qamadii kilaastaraan qotan irraa callaa fooyya’aa argachuuf eegaa akka jiran himani. Waajjirri Qonna Godinichaa akka beeksisetti, godinicha keessatti lafa heektaara kuma 277 ol midhaan adda addaatiin facaafame irraa kuntaala miiliyoona 8 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Obbo Adam Huseen, qonnaan bulaan aanaa Sinaanaati,sanyii filatamaa fi kilaastaraan waan qotaniif bara kana heektaara tokko irraa omisha hanga kuntaala 65 eegaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis waggoota afran darban keessatti qonna kilaastaraa irratti hirmaachuun galiin argatan jireenya maatii isaanii jijjiireeruu himani. Aanichumatti qonnaan bulaan biraa obbo Ahmad Bakar, Omishni qamadii kanaan dura mala aadaan omishamu hektaara tokko irraa kuntaala 20 kan hin caalle ture jedhani. Waggoota sadan darban keessatti barmaatilee duraan ture dhiisuun mala ammayyaa fi kilaastaraan qotuun hektaara tokkorraa qamadii kuntaala 60 argachuu akka danda’an himani. Bara omishaa bara kanaan gorsa ogeeyyii qonnaa fudhachuun omisha gaarii argachuuf eegaa akka jiran dubbatani. Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Sinaanaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Lafaa fi Qonnaa obbo Dabalee Habeebee akka jedhanitti, waqtii Arfaasaa oyiruu qamadii lafa hektaara kuma 45 irraa omisha kuntaala miiliyoona 3 ol ta’u akka argamu dubbatani. Muuxannoon qonnaan bultoonni teeknooloojiitti fayyadamuu irratti qaban dabalaa dhufuun omishtummaa dabaluudhaaf sababa guddaa ta’uus eeraniiru. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Mu’aawiyaa Fu’ad gamasaaniitiin roobni Godinicha keessatti roobe milkaa’ina misooma midhaaniitiif gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru. Yeroo omisha Arfaasaa midhaan adda addaatiin lafa facaafame hektaara kuma 277 irraa kuntaalli miiliyoona 8 akka argamuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa Aviyeeshinii isa guddaadha- Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 15, 2026 390
Waxabajjii 8 /2018 (ENA)- Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa Aviyeeshinii isa guddaadha jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirojektiin kun yeroo xumuramu waggatti imaltoota miiliyoona 110 keessummeessuu akka danda'u ibsaniiru. Xumuramuun pirojektii kanaa Itiyoophiyaa sadarkaa aviyeeshinii addunyaarratti adda duree ta’an keessaa tokko tasisuu kan dandeessisu ta’uu ibsuun, kanaanis halkanii fi guyyaa kutannoo walirraa hin cinneen ijaaramaa jiraachuu eeraniiru .
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Jimmaa tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuurra darbee kaka’umsa hojii hojjettootaa guddiseera
Jun 15, 2026 1233
Waxabajjii 8/2018 (ENA) - Godina Jimmaatti wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo masoob, hawaasaaf tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu kennuu bira darbee, kaka'umsa hojii hojjettootaa guddisuunsaa ibsame. Wiirtuleen kunniin ogeeyyii dandeettii qabaniin gurmaa’uu fi hojimaata ammayyaa’aa hordofuun isaanii, hojjettootaafis ta'e tajaajilamtootaaf boqonnaa guddaa ta’uunsaa ibsameera. Ogeeyyiin Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Limmuu Gannat Riidaa Kamaalii fi Adaal Haayilemaariyaam akka jedhanitti, tajaajilli wiirtichatti hawaasaaf kennan kakka'umsa hojii isaanii akka dabale ibsaniiru. Wiirtichi teknoolojiidhaan kan gurmaa'e waan ta’eef ariitii tajaajila dabaluun olitti, yeroo qaalii hojjettootaa fi hawaasaa qusachuu dandeessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, ogeeyyiin wiirtuu Jimmaa Abdulnuuraa Abbaatamaamii fi Samiiraa Hasan gama isaaniitiin, bakki hojii mijataan uumamuunsaa komii tajaajilamtootaa malee tajaajila ariifataa kennuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Godinichatti dhiyyeenya kana tajaajila kan jalqabe tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Asandaaboo keessatti tajaajilaa kan jiran Maaramee Baqqalaa fi Anwaar Abbaadiiggaa, hawaasaaf dammaqinaa fi ciminaan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru. Haalli hojii mijataan umamuun hojjettoonni osoo hin nuffiin murannoodhaan akka hojjetan gochuu isaa kan eeran ogeeyyiin kunniin, kanaanis rakkoon dhiyeessii tajaajilaa kan waggoota dheeraaf gaaffii uummataa ture guutummaatti furamuu isaa addeessaniiru. Wiirtuu kanatti tajaajila argachuuf kan dhufe Musxafaa Abdurahimaan gamasaaniin, naannoo isaaniitti wiirtuun ammayyaa akkasii banamuunsaa baay'ee akka isa gammachiise ibsee, gara wiirtichaa yeroon seenu jalqaba keessummummaa irraa kaasee simannaan ogeeyyii fi ariitiin isaanii gammachuu guddaa namaaf kenna, jedheera. Tajaajila Eeyyama konkolaachisummaa argachuuf kan dhufe ta’uu ibsuun Jamaal Abdurahmaan, Wiirtichi dhimma hundumaa caalaa hawaasatti kan dhiyaatee fi gaaffii waggoota dheeraaf tureef deebii kan kenne ta'u dubbateera. Jiraattuun magaalaa Jimmaa Beetemaqdas Amhaa tajaajila wiirtuu magaalichatti argamutti waraqaa dhalootaa baafachuuf kan dhufte yoo ta'u, tajaajila hundumaa wiirtuu tokko keessatti argachuu isheetiin gammaduu ishee ibsiteetti. Itti Aanaa itti gaafatamaa fi Itti Gaafatamaan Damee Teknoolojii tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob, Magaalaa Jimmaa Jamaal Saalii, tajaajilli wiirtichatti kennamu tajaajilamaa qofaaf osoo hin taane hojjettootaafis madaala gammachuu ta'uu isaa ibsaniiru. Hawaasni yeroofi qarshiisaa qusatee tajaajila ariifataa argatee deebi'uu isaa fi tajaajila kennameen quufeen deebii gaarii inni kennu hojjetaaf kakka'umsa guddaa uumuusaa ibsaniiru.
Haalli rooba gannaa guyyoota 10 dhufanii maal fakkaata
Jun 12, 2026 1822
Waxabajjii 5/2018(ENA)-Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu. Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera. Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbatti rooba xiqqaa ni argatu jedheera. Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa amma jiddu galeessaa akka argatan ibseera. Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixa biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera. Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera. Ciidhi kun qonna gannaa, bakkeewwan midhaan Arfaasaa biqilchanitti haala mijataa uuma jedheera. Guyyoota kudhan dhufan sululoota biyyattii rooba gannaa fayyadamanitti bishaan lafa gubbaa xiqqaa amma guddaatti akka argatan ni eegama jedheera. Haala Kanaan Abbayyaan, Baaroo Akooboo gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Suululli qinxaabaa gara gubbaa sululoota Gannaalee Daawwaa bakka muraasatti bishaan lafa gubbaa jiddu galeessaa amma guddaatti ni argatu jedheera. Takazeen irra caalaan, Abbayya gara gubbaa fi gara gadii bakka xiqqaatti, Hawaas gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Baaroo Akooboon, Gannaalee Daawwaan, Waabee Shabalee fi sululoonni qinxaamaa bishaa lafa gubbaa xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan ibseera.
Kenninsa Tajaajila Geejjibaa Naannichaa Mijataa gochuuf hojii tajaajila diijitaalaa babal’isuurratti irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Jun 12, 2026 960
Waxabajjii5/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti tajaajila kenniinsa geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf babal'ina tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Geejjibaa Naannichaa ibse. Ejansichatti Daarektarri Tajaajila Geejjiba Ummataa Obbo Musbaahuddiin Abdulmajiid ENA'f akka ibsanitti; kenniinsa tajaajila geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf hojiiwwan babal'isa tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jira. Haaluma kanaan, bara baajataa Kanaan hanga taarifaa, fageenya daandiiwwan uwwifamanii fi iddoowwan ka'umsaa fi ga'umsa geejjibaa ifatti akka beekaman taasifameera jedhan. Konkolaachistootaa fi gargaartonnis hojimaata kana akka hordofan gochuu bira darbee, konkolaattonni sarara ramaddii isaaniif hayyamame qofaan akka hojjetan, booloo fi inshuraansii qaama sadaffaa maxxansuu isaanii mirkaneessuu, akkasumas sirnoonni to'annoo dandeettii teeknikaa fi hayyama ramaddii akka ciman ibsaniiru. Kana malees, imalawwan fageenya walfakkaataa qaban kaffaltii taarifa walfakkaataa akka qabaatanii fi konkolaattonni ramaddii ji'aa isaanii sirnaan akka raawwatan sirni ramaddii diijitaalaa diriirfamuu isaa dubbataniiru. Keessattuu, dhiyeessii fi fedhii geejjiba uummataa walitti fiduuf akkasumas tajaajilicha ammayyeessuuf misoomni buufata konkolaataa ammayyaa’aa fi qinda’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Jimma, Naqamtee, Walisoo, Roobee fi Shaashamannee dabalatee magaalaalee naannichaa 17 keessatti ijaarsi buufataalee konkolaataa ammayyaa sadarkaa isaanii eeggatanii xumuramee tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii hubachiisaniiru. Buufataleen kunneen tajaajila hojimaata badaarraa qulqulluu kan ta'e akka kennaniif, to'annoo fi hordoffiin kallattii kaameraa Siisiitiivii (CCTV) tiin deeggarame wiirtuu guddaa ejensichaa irraa taasifamaa jira jedhaniiru. Dabalataan, magaalaalee Bulee Horaa fi Asallaa dabalatee ijaarsi buufataalee ammayyaa haaraa afurii gaggeeffamaa akka jiru akeekaniiru. Walii galaan, godinaalee naannichaa hundaa fi magaalaalee gurguddoo 23 keessatti buufatalee geejjiba ummataa 380 ol ta'an irratti sirni to'annoo diijitaalaa diriireera jedhaniiru. Konkolaachistoonni adabbiin irratti jiru bakka jiran irraa bilbila harkaa isaaniitiin kaffaltii raawwachuu srni dandeessisus diriiruu isaa dabalanii ibsaniiru. Ejansichi bara baajataa itti aanutti tajaajilicha caalaatti ammayyeessuu fi dhaqqabamaa gochuuf karroorsee hojjechaa jiraachuu kan ibsan Obbo Musbaahuddiin; hojimaata tajaajilamtoonni karaa Telebirriitiin bakka jiranirraa bilbilaan belleettoo imalaa konkolaataa barbaadanii kutachuu kan danda'an hojiirra oolchuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.
Ergaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Jun 11, 2026 1416
Jaallatamtoota Hawaasa Itiyoophiyaatiif, baga milkaa’ina sagantaa Koodaroota Miliyoona 5tiif baga gammaddan! Galma waggaa sadii keessatti milkeessuuf karoorfame waggaa lamaa gadi keessatti milkeessuun danda'ameera. Sagantaan Koodaroota Itiyoophiyaa Miliyoona 5 Adoolessa 16 bara 2016 erga eegalee kaasee pirogiraamii kompiitaraa (Computer Programming), xiinxala ragaa (Data Analysis), misooma sooftiweerii Andirooyidii (Android Software Development) fi barumsa bu'uuraa beekumsa hubannaa nam-tolchee (Artificial Intelligence)tiin leenji'uuf Namoonni 5,005,146 galmaa’anii, isaan keessaa miiliyoona 3 ol kan ta'an leenjicha xumuraniiru. Milkaa'inni kun kutannoo fi dandeettii uummata keenyaa daangaa hin qabne kan mirkaneessudha. Boqonnaan seenaa addunyaa dijiitaalaa keessatti of ijaaruuf jalqabne kun, dhuma imala keenyaa utuu hin taane, mul’ata biyyaalessa keenya caalaatti ittiin ariifachiifnudha. Hanga Hagayya bara 2018tti lakkoofsa leenjifamtootaa miliyoona 7 geessisuuf galma qabame milkeessuuf, Itiyoophiyaan dabalataan hundi ergama biyyaalessa kanaa akka ta'u waamicha koo nan dabarsa. Dargaggootaa fi barattoota keenyaaf yeroon Gannaa dhuftu kun carraa guddaadha. Yeroo keessan akkasumatti gubuu irraa of qusachuun, galmaahuu fi barachuun yeroo gara mana barumsaa keessaniitti deebitan barattoota qofa utuu hin taane, geggeessitoota dijiitaalaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qaban akka taatan nan dhaama. Leenjichi guutummaatti bilisaan kan kennamu yoo ta'u, waraqaan ragaa (certificate) kennamus sadarkaa addunyaatti beekamtii kan qabudha. Egereen isin ijaartan har'a eegala! Galmaa’uuf liinkii gadii tuqaa!
Ispoortii
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 585
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 331
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 1112
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Finfinneen dorgommii ardii fi idil-addunyaatiif magaalaa filatamtuu taate
Jun 13, 2026 1134
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Finfinneen dorgommii ispoortii Afriikaa fi idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamtuu ta’uu Waajjirri Kantiibaa beeksise. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee xiyyeeffannoo addaa damee ispoortii fi ijaarsa bu’uuraalee ispoortii gurguddaa raawwateen wiirtuu ispoortii filatamaa ta’uu agarsiiseera. Giddu-galli ispoortii ummataa fi dargaggootaa waggoota darban keessatti magaalattii keessatti ijaaraman 1,580 ol ta’an hirmaannaa hawaasummaa guddisuu qofa osoo hin taane dorgommiiwwan biyyaalessaa fi idil-addunyaa keessummeessuuf bu’uura guddaa ta’uu ibsameera. Magaalattiin dorgommiiwwan ispoortii idil-addunyaa adda addaa, atileetiksii, fiigicha daandii fi kanneen biroo dabalatee, fiigicha Walakkaa Maaraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa dhiheenya kana xumuramee Addabaabayii Masqalaa irratti gaggeeffame dabalatee, magaalattiin magaalaa mijataa fi adda duree ta’uu ishee agarsiisa jedhameera. Finfinneen amma magaalaa nagaa fi bareedduu taateewwan ispoortii gurguddoo fi deeggartoota keessummeessitu ta’uu waajjirri kun beeksiseera. Waggoota dhiyoo as bulchiinsi magaalichaa pirojektoota misooma koridarii qindoomina qaban, misooma qarqara lagaa fi babal’ina wiirtuuwwan ispoortii ammayyaa hojiirra oolchuun, haala magaalattii jijjiiruu qofa osoo hin taane guddina turizimii ispoortiitif carraa guddaa uumeera. Guddinni turizimii ispoortii kun, faayidaa ispoortii isaatiin alatti, industirii hoteelotaa, damee geejjibaa fi daldala xixiqqaa fi giddu galeessaa biyya keessaaf carraa hojii uumuudhaanis sochii dinagdee fi hawaasummaa guddaa uumeera. Kunis kaayyoo bulchiinsi magaalichaa fayyadamummaa hunda galeessa dargaggootaa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu dabaluu waliin kan walsimu ta’uu waajjirichi beeksiseera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Biqiltuuwwan Biiliyoonni 8 ol dhaabbiif qophaa’an- Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 13, 2026 1724
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Biqiltuuwwan biiliyoonni 8 ol dhaabbiif qophaa’aniiru jedhan Ministirri Muummee FDRI Dr. AbiyYI Ahimad. Dr. Abiyyi miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Waktii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti argamna ,Biqiltuuwwan biiliyoonni 8 ol dhaabbiif wayita qophaa’anitti, Egeree Magariisa taateef hundi keenya abdii dhaabnaa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa magariisaa kunuunsa naannoo bira darbee wabii nyaataaf bu’uura ta’aa jira
Jun 13, 2026 1107
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Qonnaan bultoonni naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti misooma damichaa irraa fayyadamoo ta’an akka jedhanitti, misoomni ashaaraa magariisaa naannoof eegumsa gochuu bira darbee wabii nyaataaf bu’uura ta’aa jira. Sagantaa Misooma ashaaraa Magariisaa bara kanaa Hararge Lixaatti biqiltuuwwan miiliyoona 396 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godinichaa beeksise. Waggoota darbanitti biqiltuuwwan faayidaa adda addaatiif oolan Godinicha keessatti dhaabamanii bu’aa hedduu argamsiisaa jiru. Kanumaan walqabatee qonnaan bultoonni ENA waliin turtii taasisan, misooma ashaaraa magariisaa irraa karaa hedduun fayyadamoo ta’aa akka jiran himaniiru. Jiraattota kana keessaa qonnaan bulaan Zarihuun Kabbadaa fi qonnaan bulaan Malkaamuu Tasfaayee akka himanitti, biqiltuun Waggaa waggaan sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamu, lafa gogaa ta’e uwwisuu qofa osoo hin taane madda galii fi nyaataa ta’aa jira jedhani. Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa Godinichaatti Dursaan Garee Misooma Qabeenya Uumamaa obbo Waasee Baqqalaa, hojiiwwan misooma ashaaraa magariisaa waggoota darban gaggeeffaman karaa hedduun bu’aa argamsiisaa akka jiran ibsaniiru. Naannoo eeguun alattis bu’uura wabii nyaataa fi madda galii gaarii ta’aa jira jedhan. Kanaafuu, bara kana biqiltuu dhaabuuf qophiin qindoomina qabu taasifamuu isaa ibsuun, sagantichaan biqiltuuwwan kaayyoo hedduu qaban miiliyoona 396 ol dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 76 ol biqiltuu dhaabuuf qophii ta’uus kan eeran yoo ta’u, karoora kana galmaan ga’uuf hawaasni hunduu gahee isarraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru. Bakka bu’aan hogganaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Godinichaa obbo Fitsum Amaaree akka himanitti, hirmaannaan hawaasaa eegumsaa fi kunuunsa biqilootaaf taasisan hojii misoomaa bu’aa qabeessi akka argamu taasiseera jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa baay’ina qabeenya bosonaa dabaluu qofa osoo hin taane, wabii nyaataaf bu’uura kaa’ee carraa hojiis uumeera jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Diinagdeen nu fayyadeera - Qonnaan Bultoota Godina Iluu Abbaa Booraa
Jun 12, 2026 1315
Waxabajjii 5 /2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa manca’iinsa naannoo ittisuu bira darbee dinagdeen fayyadamoo akka taanu nu taasiseera jedhani. Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa gama isaatiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hojiin qophii bal’aan hojjetamaa jiraachuu beeksiseera. Akka qonnaan bultoonni Godinichaa himanitti, misoomni Ashaaraa Magariisaa waggoota darban keessatti gaggeeffame magariisummaa naannoo isaanii dabaluu qofa osoo hin taane, madda dinagdee isaaniif ta’aa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa aanaa Hurrumuu obbo Balaachoo Alamaayyoo akka jedhanitti, Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuuwwan faayidaa dachaa qabaniif xiyyeeffannoon kennameef wabii nyaataa mirkaneessuun faayidaa diinagdee isaanii akka dabalu taasiseera. Biqiltoonni firii adda addaa waggoota darban qabeenya dhuunfaa isaanii irratti dhaaban amma oomisha gaarii kan argamsiisan yoo ta’u, nyaata qofaaf osoo hin taane, madda galii dhaabbataa ta’uu ibsaniiru. Jiraataan biraa obbo Takkaallinyi Taaddagee akka himanitti, lafti isaanii garmalee miidhamee qullaatti hafee ture amma deebi’ee misooma qonnaaf kan oolu ta’uu dubbatani. Lafa dhuunfaa isaa irratti firii adda addaa misoomsuu fi gurgurtaa oomishaa irraa waggaatti hanga birrii kuma 300 argachuun jireenya isaa fooyyessuu akka danda’e himeera. Jiraattonni Godinichaa obbo Aynaalam Kidaanuu fi obbo Isaayyaas Asaffaa akka himanitti, naannoowwan manca’an akka deebi’anii fi magariisa ta’an gargaaruu bira darbee, Ashaaraan magariisaa madda galii dabalataa isaaniif ta’aa jira. Hojii kana cimsuuf yeroo ammaa boolla biqiltuu qopheessuun biqiltoota faayidaa dachaa qaban dhaabuuf karoorfachuus ibsaniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Addaamuu Taakkalaa akka jedhanitti, biqiltuun waggoota darban sagantichaan dhaabame hojii qonnaaf haala qilleensaa mijataa ta’e uumeera. Wabii nyaataa fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee mirkaneessuun gumaacha guddaa taasiseera jedhan. Kanas itti fufsiisuuf qophiin duraa boolla dhaabbii fi geejjibni biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif taasifamaa akka jirus beeksisaniiru. Hogganaan kun akka himanitti, biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 254 ol Godinicha keessatti dhaabuuf qophaa’uu isaanii eeruun, kanaanis lafti heektaara kuma 54 ni misoomu jedhamee eegama jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jun 6, 2026 3307
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse. Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera. Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru. Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama. Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru. Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru. Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru. Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 3822
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 9526
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.