Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
    Haaromsa Aadaan Duudhaa ganamaa deebisuu
Aug 19, 2026 107
Aadaan: Jiruuf Jireenya, Amala, Safuu, Duudhaa, Beekumsa, Amantii, Uffannaa fi Og-Barruu Hawaasni tokko qooddachuu fi dhalootaa dhalootatti dabarsudha. Kunis eenyummaa, kabajaa fi mallattoo saba tokkoo agarsiisa.   Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiiramaa asitti dhaloota Aadaafi duudhaa Oromoon qabu beekuun ittiin jiraachuun dhaloota dhufuuf akka dhaalchisu xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira. Aadaafi duudhaa Oromoo humneessuufis haaromsa aadaa labsamuun hojirra oolaa jira. Haaromsi Aadaa hojii itti fufiinsaan dhaloota ijaaruuf kàn hojjetamu yoo ta’uu, kanaanis Aadaa hojii gabbisuu, kalaqa jajjabeessuu, ofitti amantummaa guddisuu, hariiroo hawaasaa jajjabeessuun dhalootaaf bu’uura jabaa kaa’uu akka ta’e ni ibsama. Haaromsa Aadaa taasifamaa jiruunis Aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa Oromoo bakkatti deebisuufi sochii imala jijjiiramaa biyyi keenya eegalte milkeessuuf xiiqiin hojjetamaa kan jirudha.   Yaadama guddaa haaromsa Aadaa irratti hojjetamaa jiru kana karaa guutuu ta’een milkeessuufis imaammata barnootaa keessatti Aadaaf safuun uummatichaa akka hammatamu taasisuu irraa eegalee, hanga gumii manneen barnootaatti akka irratti xiyyeeffatamu taasifamaa jira.   Dabalataan Manneen murtii Aadaa keessatti qabatamaan lafarratti akka mul’atu gochuun dhaloota sirna oromoo ganamaa akka qabatan taasisuu, Buusaa Gonofaa jajjebeessuun humna waloo gurmuu qabu bu’uuressuun qorqalbii sabaa kallattii hundaan ijaaruuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira. Haaromsi Aadaa beekkumsa oomishuun dhaloota roga hundaan ijaaruu,humna dinagdee biyyaa utubuun humneessuu, Artii Oromoo hammayyeessuun Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa fakkeenyummaasaa bakkatti deebisuuf xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamudha.  
Sirna Araaraa Furmaata Waan Hundaa Ta’e
Aug 19, 2026 131
Ummanni Itiyoophiyaa aadaa mataa isaa ganamaa wal dhabdee ittiin furu qaba. Barreeffama keenya kanaan sirna araaraa ummata Itiyoophiyaa muraasa isaanii ilaalla. Ummanni Itiyoophiyaa aadaa miidhagaa ittiina wal dhabdee furan qabu. Saboonni kuni kan waliin qabanis akkuma jirutti ta’ee, qofa qofaa isaanii kan aadaa fi duudhaa mataa isaaniin Sirna Araaraa qaban jira. Sirnoota Araaraa Oromoo, Amaaraa,Geedi’oo fi Gaamoo gabaabinaan ilaalla. Marii’ataan gowwaa hin qabu;warri wal marii’ate maseena qalee; warri wal hin mari’anne raada qale jedha Oromoon yeroo makmaaku. Kunis araarri jireenya dhala namaa keessatti baay’ee murteessaa fi barbaachisaa ta’uu isaa ibsuufidha. Namni tokko nama biraa wajjiin mitii matuma isaa waliinuu guyyaatti yeroo baay’ee wal-lola jedhu ogeessonni xiinsammuu. Kanaafuu, walitti-bu’uun (wal-dhabbiin) uumamuun isaa akka ajaa’ibaatti kan hubatamu miti Oromoo biratti. Eeleefi sumsumniyyuu walitti buuti jedha Oromoon gaafa waa'een walitti bu'uu ykn Wal -loluu uumama hin oolle ta'uusaa yeroo ibsu. Waldhabuun jireenya dhala namaa keessatti taatee nama mudatu ta'uunsaa kan hin oolle jedhee waan hubatuuf Oromoon ,akkuma malaaf Malli jiraa mucaaf harmi jira jedhan, waldhabdee kanas akkaataama ulfaatina isaatiin furmaata itti kenna. Kanas Oromoon araara jedhee waama. Sirna araaraa kana keessatti immoo qaamoleen adda addaa ni hirmaatu.   Sirni araaraa Oromoo biratti Jaarsummaa jedhama. Jaarsummaan adeemsaa fi akkaataa mataa isaa qaba. Ummata Oromoo biratti akkaataan ittiin jaarsummaan adeemsifamu garaagara haata ‘uyyuu malee galmi isaa tokkodha;innis araara buusuudha. Sirni kuni iddoo tokko tokkotti maqaa gara biraa qabaachuu mala fkn, jaarsummaa Oromoo Maccaa fi Tuulamaa, ‘koottu-dhufee’ Oromoo Arsii, Gaaddisa Oromoo Booranaa, sirna araara Gondooroo Oromoo Gujiifi Saba Geedi'oofaa eeruu dandeenya.   Yeroo sirni araaraa raawwatamutti meeshaaleen Ulfoo Araaraaf gargaaran ni jiru. Meeshaaleen ulfoo kunneen kabaja olaanaa waan qabaniif ummanni ni safeeffata. Kana malees marga lalisaa mataan isaa irraa hin cinne qabatu. Hariiroo waliin jireenya namootaa keessatti namni tokko itti yaadees haa ta'u tasa lubbuu namaa ykn yakka raawwachuu danda’a. Namni yakka raawwate immoo akkasumaan osoo hin araaramiin yoo hafe gareen miidhame aaloo baafannaatti akka yakki suni hin babal’anneef araarri murteessaadha jedha Oromoon. Kanaaf Araara tolfatee ittiin nagaa buufata.   Qaamni wal dhabe dhimma isaa gara jaarsummaa geeffachuu danda’a ykn immoo namni biraa jara sana gara jaarsummaatti fiduu mala. Maanguddoonni biyyaas dhimma sana ilaalan durumaan ummata keessaa filamanii jiru waan ta’eef dhimma sana ilaaluun furmaata itti kennu. Akkaataan jaarsummaan taa’amu haaluma dhimmi sanaa irratti hundaa’uun garaagara ta’uu mala. Kana jechuun dhimma yakkichaa irratti hundaa’a. Fakkeenyaaf namni lubbuu balleesse qixa warra wal reebanii ykn qaama wal miidhanii waliin walqixa hin ilaalamu. Jaarsoliin Odaa jalatti warra wal dhaban araarsu. Dhimma isaanii erga dhaggeeffatanii dhugaan garam jirti jedhanii qoratanii dhugaa baasu. Jaarsi hin laagu. Dhugaan ilmoo Rabbiiti jedha Oromoon;gama biraatiinimmoo dhugaan ilmoo ofii caalaa nama bararti jedha Oromoon gaafa dhugaan akka hin jallanne ibsu. Kanaaf erga dhugaa ilaalanii dhugaa arganii. Isa dhugaa argateef dhugaa muru. Beenyaan kan kaffalamuuf yoo ta’e beenyaa kaffalchiisu. Sana booda warra wal dhabe walitti fidanii wal hammachiisuun wal dhungachiisanii waadaa galchiisu akka isaan lammaffaa aaloo wal hin qabanneef. Warra lubbuu wal balleesse yoo ta’es gumaa baassisuun walitti araarsu. Gara fuula duraattis akka aaloo wal hin baaneef akka jarri firoomaniif akka warra soddaa ta’anis iddoon itti taasifamu jira.   Sirni araaraa Ummanni Oromoo qabu keessaa tokko sirna Ateeteedha. Haadholiin siinqee siinqee isaanii qabatanii gaafa warra wal dhabe gidduu seenan warri wal dhaban suni battaluma sana tola dhaabu. Kanas safuutu isaan ajaja. Murtii jaarsoliin kennan kan namoota ykn gareewwan waldhaban walitti araarsuufi hariiroofi walitti dhufeenyasaanii caalaatti cimsudha. Nama ykn garee murtii jaarsoliin kennan hojiirra oolchuu dide seeratu itti jiga, ni lagatama, hawaasa keessaa darbatama,duunaan biyyi ba’ee hin awwaalu, cidhas ta’e daboo yoo waammate namni hin dhaquufi. Horiinsaa yoo kufe ol hin qabaniifii. Oromoon yeroo makmaaku namni sitti jiguurra tulluun sitti jiguu wayya jedha. Kunis gaafa namni sitti jige kan sirraa olkaasu hin jiru; garuu gaafa tulluun sitti jige immoo namni tulluu sana sirraa kaasa jechuudha. Namni waan seera kana sodaatuufuu yoomallee waandabaa hojjetee waan jaarsoliin jedhan darba ta’e uummata keessaa baafama. Yeroo baay’ee namni safuu maanguddootaarra darbu hin jiru. Yoommoo namni jaarsarra darbees yeroo muraasaaf biyyaa akka rii’atamu ni taasifama. Kanaafuu dubbii jaarsi mure kan didu hin jiru. Ummanni Oromoo waliif akkuma sirna Araaraa qabu saba daangaa walii jiraatu waliinis sirna araaraa qaba. Fkn sirni araaraa Oromoo Gujii fi saba Geedi’oo agarsiiftuu tokkodha.   Gondooroon sirna araaraa fi jaarsummaa aadaa kan waliigaltee nageenyaa, tokkummaa fi obboolummaa saboota kana lamaan gidduutti uumamu gadi dhaabuuf dhimma itti bahanidha. Akkaataa/Adeemsa Araarri Isaa Itti Bu’u: Giddu-seentummaa Abbootii Gadaa fi Jaarsolii Aadaa: Abbootiin Gadaa Gujii fi Abbootiin Geedi’oo yeroo walitti bu’iinsi uumamu walitti dhufuun "Malkaa" ykn "Ardaa Jilaa" irratti walga’u. Dhiiga Naqachuu fi Hoolaa Qaluu (Malkaatti): Araarri Gondooroo malkaatti (garba/laga biratti) raawwatama. Kichuu/hoolaa nagaa fi obboolummaa bakka bu'u qaluudhaan dhiiga isaa walitti naqu. Kunis jecha walitti deebi'uu fi dhiiga walii xureessuu/dhangalaasuu dhaabuu argisiisa. Caffee Dhaabuu fi Kakuu,Waadaa Galuu (Abaarsaa): Maanguddoonni saboota lamaanii kakuu cimaa (abaarsa) ykn waadaa waliif isaan hidhu galu. Kana keessatti "Sanyiin lamaan kanaan booda wal miidhuu, wal ajjeesuu fi walitti bu'uu hin qabu; kan kakuu kana diige waaqnii fi lafti isa haa gubuu" jedhanii kakuu godhatu.   Sirni Araaraa ummanni Amaaraa qabu ‘shimgilinnaa’ jedhama. Kunis Sirni araaraa aadaa saba Amaaraa "Shiimgilinnaa" jedhama. Kana malees akka waliigalaatti "Irqii" jedhamuun ni beekama. Irqiin araaradha; nageenyadha. Sirni kun hawaasa Amaaraa biratti yeroo wal dhabdee, badiin ykn lolli uumamu maanguddoonni (jaarsoliin) gidduu galanii walitti bu'iinsa hiikuun nagaa fi tokkummaa itti deebisanidha.   Manguddoonni kabajamoo fi beekamoo ta'an jaarsummaaf dhiyaatanii gartuu lachuu mariisisu. Haaloo fi jibba duraan ture haquun waliif dhiifama gochuu fi kakuu raggaasisu.Akkataama ulfaatina miidhaa sanaan beenyaan miidhamaaf ni kaffalchiifama.   Sirni araaraa uummata Gaamoo keessatti beekamu Sirni araaraa fi jaarsummaa aadaa kan uummata Gaamoo (Gamo) keessatti beekamu "Dubusha" jedhama. Gaamoo keessatti Dubushaan bakka dirree aadaa fi waltajjii seeraa yoo ta'u, jaarsoliin araara raawwachiisan immoo ‘Dere Cima’ (Jaarsolii Biyyaa) jedhamu. Manguddoonni Gaamoo marga jiidhaa qabatanii warra wal dhabe gidduu yoo seenan kan isaaniin darbee lolu hin jiru. Hamma fedheyyuu yoo ta’e isaan gidduu galanii lola sana dhaabsisu. Kunis aadaa duudhaa ganamaa irraa kan maddedha.   Adeemsa Sirna Araaraa (Dubushaa): Waltajjii Dubusharratti Walitti Dhufuu: Yoo walitti bu'iinsi uumame, dhimmi sanaa gara dirree aadaa kan Dubusha jedhamu, kan mukkeen gurguddoo akka Odaa jalatti argamutti dhiyaata. Waltajjiin kun iddoo qulqulluu fi kabajamaa seera hawaasaa itti murteessanidha. Shoora Dere Cima (Jaarsolii Biyyaa): Jaarsoliin aadaa kabajamoon (Dere Cimaa) fi gamtaan hawaasaa waltajjii kana irratti walitti dhufu. Gamtaan dhaabbata aadaa gargaaramuudhaan miidhamaa fi miidhaa geessise adda baasaniis dhaggeeffatu.   Adabbii fi Beenyaa Murteessuu: Dhimma yakka ykn miidhaa dhiyaate irratti hundaa'uun, jaarsoliin dhugaatti madaaluudhaan yakkaamaa irratti adabbii aadaa (beenyaa ykn adabbii horii/beeyladaa) murteessu. Kunis haaloo fi gadoo garaa keessaa baasuuf gargaara. Sirna Kakuu : Walitti bu'iinsi cimaan kan akka ajjeechaa yoo mudate, deebi'amee akka wal hin miineef sirni kakuu fi abaarsa aadaa (Kallite) raawwatama. Kan kakuu kana diige hawaasa keessaa baafama. Eebba fi Waliif-dhiifama gochuu: Xumura irratti jaarsoliin eebba aadaatiin sirna sana goolabu. Namoonni walitti bu'an harka wal-fuudhuun, wal-dhungachuun dhiifama waliif taasisu.   #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa’ii Marichaa irraa yaada furmaata waldhabdee siyaasaaf ta'an ni eegganna - Jiraattota Magaalaa Adaamaa
Aug 19, 2026 74
Hagayya 13/2018 (ENA): Marii biyyaaleessaa kana irraa furmaata waldhabdee Siyaasaatiif ta'an ni arganna amantaa jedhu akka qaban Abbootiin Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa dubbataniiru. Adoolessa 08 bara 2018 irraa jalqabee yaa’iin marii biyyaaleessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Jiraattota Magaalaa Adaamaa yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Abbootii Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa akka jedhanitti, hirmaachisummaan yaa’ii marii biyyaaleessaa kanaan mul'ate waldhabdee Siyaasaatiif furmaata waaraa fi yaada furmaataa ni fida amantaa jedhu akka qaban ibsaniiru. Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokuutti Abbaa Gadaa Tashoomaa Simaa akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun injifannoo seenaa qabeessa biyyattiin baroota keessatti argatteedha jedhaniiru. Hirmaattonni mariichaa ummata bakka bu'uun Itoophiyaaf furmaata caalu kaa'uuf mari'achaa akka jiran ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa haaloowwanii fi mufannaawwan uummataa darban dhiisuudhaan ijaarsa nagaa waaraatiif bu'uura guddaa akka kaa'u abdii akka qaban dubbataniiru. Mootummaanis ta'e paartileen Siyaasaa yaada furmaataa yaa’ii marii kana irraa dhihaatu kabajuu fi gara hojiitti jijjiiruu irratti tumsuu akka qaban ibsaniiru. Biyyi keenyaa fi ummanni keenya carraa kana argachuu isaaniitti gammadoo ta'uu kan ibsan Abbaa Gadaan kun, yaa’ii marii kana irraa bu'aa guddaa akka eeggatanis dabaluudhaan dubbataniiru. Magaalaa Adaamaatti miseensi Mana Maree Dhimma Islaamummaa Sheek Abdulqaadir Ahimed akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun mufannawwan bara dheeraa ture karaa guutuu ta'een ni fura abdii jedhu qabu. Keessattuu waldhabdee siyaasaa biyyattii keessa turan furuuf furmaatni tokkichi marii qofa ta'uu ibsaniiru. Mariichaan furmaata gaariin ni dhufa abdii jedhu akka qaban kan dubbatan Sheek Abdulqaadir, raawwii isaatiifis gahee isaan irraa eeggamu akka bahatan dubbataniiru. Hayyoonni, paartileen siyaasaa , hidhattonni duraanii, bakka bu'oonni amantaa, Hoggantoonni Hawaasaa, Dubaroonni, Qaama Miidhamtoonni, Qaamoleen Nageenyaa dabalataanis Itoophiyaanonni ala jiraatan yaa’ii irratti hirmaatan ta'uu isaatiin gammaduu isaanii ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa ajandaa walitti qabuu irraa jalqabee hunda kan hammatee fi hirmaachisaa akka ture kan ibsan Sheek Abdulqaadir, adeemsi kun biyya keenyaaf furmaata waaraa ni fida kan jedhu amantaa guutuu akka qaban dubbataniiru
Yaa'iin Mannneen Murtii Aadaa Oromiyaa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffame
Aug 19, 2026 54
Hagayya 13/2018 (ENA) : Yaa'iin Mannneen Murtii Aadaa Oromiyaa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffameera. Xiyyeeffannoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma Aadaafi Duudhaa Uummata Oromootiif kenneen imala duudhaa ganamaatti deebi'uu keessatti Mootummaan Haaromsa Aadaa ifoomsuun milkaa'inootni gama hundaan argamaa jira. Uummatni Oromoo Uummata Aadaa dilbii hedduu qabuufi Sirna dimokiraasii Addunyaaf gumaache ta'uunsaa ni beekama .   Uummatni Oromoo sirna ofii kalaqeen akka wal bulchu, akka waliisaa tajaajiluufi haqa waloosaa ittiin mirkaneessuu qabu bakka isaa ganamaatti deebisuuf hammattoo seeraan deeggaruun hojiitti erga seenamee Uummanni qe'ee isaatti sirna isaatiin Afaan beekuun akka tajaajilamu taasiseera. Bu'uuruma kanaan Yaa'iin Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa bara baajataa 2018 Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti gaggeeffameera. Yaa’icharratti Bulchaan Godina Booranaa Obboo Abdusalaam Waariyoo haasaa taasisaniin , keessummoota yaa’icharrtti afeeramanii dhufan baga gara qe'ee keessan qe'ee hangafaa gara Booranaa nagaan dhuftan jedhaniiru. Godinni Booranaa Godina Aadaa Dilbii hedduu qabu, kan Aadaan ganamaa uummatichaa itti barataniifi hubatani ta’uusaa ibsaniiru.   Haaluma kanaan, Godina Booranaa Gandoota hunda keessatti Munneen Murtii Aadaa hundaa'anii tajaajila qaqqabamaafi si'aataa kennaa jiraachuun Haqni uummata keenyaa deebi'uun rakkoon hawaasaa furamaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Yaa'ii kanaarratti haasaa baninsaa kan taasisan hooggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruu ergaa baga nagaan dhuftani dabarsanii, Oromoon ganamarraa Heeraafi Seera addunyaaf fakkeenya ta'u kan qabudha jedhaniiru. Bu'uuruma kanaan Yaa'iin kun Godina Booranaa qe'ee angafaafi qe'ee duudhaa ganamaatti gaggeeffamuunsaa adda isaa taasisan jedhan.   Haaluma kanaan, xiyyeeffannoo Mootummaan jijjiiramaa Misooma Aadaaf kenneen Aadaan keenya Misoomaa, duudhaa ganamaatti deebisaafi, hammattoo seeraa itti tolchuun Uummatni keenya gama hundaan irraa fayyadamaa jiraachuufi haqa isaa Aadaa isaatiin argachaa jiraachuun isaa milkaa'inoota argaman keessaa muraasa. Itti dabaluunis, Jaarsoliin Mana Murtii Aadaa quuqama Aadaa keessaniif qabdaniin Uummata keessan tajaajilaa jiraachuu isaanii galateeffachuun qooda fudhattoota, Uummata Oromoo maraafi sagantaan kun akka milkaa'uuf qaamolee milkeessaniifi Hoggansa Godina Booranaa galateeffataniiru.  
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Marichi Nageenya waaraa buusuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma
Aug 18, 2026 296
Hagayya 12/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa nageenya waaraa mirkaneessuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma jedhanii akka abdatan jiraattonni Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii ibsan. Yaa'iin walii galaa Marii Biyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 A.L.I jalqabee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa'ii kana irratti bakka bu'oonni uummataa kuma afur kanneen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu'an, dhimmoota gurguddoo saddeet irratti waliigalteerra gahuuf marii hirmaachisaa ta'e taasisaa jiru. Dhimma kana ilaalchisee jiraattonni Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii ENA’f yaada kennani, mariin kun nageenya waaraa mirkaneessuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma jedhaniiru. Jiraataan Aanichaa Ganda Hariiroo Obbo Ibiraahim Mahaammad akka jedhanitti; odeeffannoo Miidiyaarraa argataniin yaa'ii marii biyyaalessaa irratti adeemsi haala ifaa fi abdachiisaa ta'een gaggeeffamaa jiraachuusaa akka hubatan ibsaniiru. Mariin kun aadaan wal dhaggeeffachuu fi waliigaltee kan irratti mul'ate, Itoophiyaa fooyyee qabdu ijaaruuf carraa fi abdii kan qabu carraa guddina biyyaa cimsuu fi nageenya kan ariifachiisu uuma jedhanii amanuu isaanii ibsaniiru. Obbo Husseens mariin kun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa kan uume ta'uu eeraanii, biyyaa fi uummataaf waan caalu qabatees akka dhufu abdii qaban ibsaniiru. Jiraataan ganda sanaa kan biraan Obbo Ahmed Mahammad gama isaaniitiin; dhimmoota waliinii irratti waliigaltee uumuu waltajjii marii taasiisuun isaa mataan isaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gareen Hoggantoota Seeraan Alaa ABUT filannoon dhumaa isaan qaban harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennachuudha – Dr.Aregaawwii Barhee
Aug 18, 2026 263
Hagayya 12/2018 (ENA) - Hoggantoonni seeraan alaa ABUT filannoon dhumaa qaban osoo yeroon isaanitti hin darbiin harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennuu dha jedhan hundessaan ABUT duraanii Dr.Aregaawwii Barhee. Dr. Aregaawwii Barhee ENAtti akka himanitti, Itoophiyaan biyya cimtuu qormaata ishee mudate hunda injifannoon ce'uuf muuxannoo qabdudha jedhaniiru. Kanaan walqabatee, yaaliin gareen Seeraan Alaa ABUT yeroo adda addaatti ergama humnoota alaa fudhachuun Itoophiyaa jeequuf godhe guutummaatti hin milkoofne jedhaniiru. Ammas taanaan, carraaqqiin inni qaama balleessaa kanaa ta'uun godhu gonkumaa kan hin milkoofnee fi eessayyuu ga'u kan hin dandeenye ta'uu ibsaniiru. Shaabiyaan muka gogedha kan jedhan Dr. Aregaawwiin, dargaggoota Eertiraa fixee ammas dargaggoota Tigiraay kaayyoo isaaf itti fayyadamuuf carraaqaa jira jedhaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT garuu garee goge kana waliin maxxanee tattaafachuunsaa dhumni isaa baduu qofa ta'uusaa ibsaniiru. Kanaafuu, hoggantoonni garee seeraan alaa kun filannoon dhumaa qaban karaa badisaa kanaan dura hordofaa turan dhiisuun harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennuu akka ta'e gorsaniiru. Mootummaan Federaalaa deddeebisee harka isaa nageenyaaf diriirsaa turuu isaa fi hidhattoonni baay'eenis waamicha kana fudhachuun gara jireenya nagaatti deebi'aa jiru jedhaniiru. Akka hidhattoota biroo hunda, hoggantoonni garee seeraan alaa ABUT carraa nageenyaa dhiyaateefitti akka fayyadaman cimsani dhaamaniiru. Mootummaan Federaalaa yeroo hoggantoonni garee kanaa filannoo nageenyaa hordofan akka hidhattoota birootti akka isaan simatuuf gahee nurraa eegamu ni bahanna jedhaniiru.
Ibsa Haala Adeemsa Marii Biyyaalessaa Hanga Ammaarratti kenname
Aug 17, 2026 274
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa walabummaa, hammattummaafi hirmaachiisummaa marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kenneera. Komishinichi Labsii Lakkoofsa 1265/2014’n kan hundeeffame, mariin biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa, waliigaltee fi sirni dimokraatawaa akka dagaaguuf faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu hubachuun, hojiiwwan hedduu raawwachaa tureera. Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Adoolessa 08/2018 ifatti sirna guddaan kan jalqabame, Komishinichi sirna hojii fi karoora ofii isaa bilisaa fi walaba ta’een qopheesse irratti hundaa’uun haala gaariin gaggeeffamaa jira. Adeemsi marii biyyaalessaa kun garaagarummaa siyaasaa fi hawaasummaa gadi fagoo fi walxaxaa Itoophiyaa mudachaa ture marii fi karaa nagaa ta’een furuuf carraa seenaa qabeessa banamedha. Adeemsi kun nagaa waaraa fi tokkummaa biyya keenyaa keessatti faayidaa guddaa waan qabuuf, qaamoleen hundi akka kan isaanii ta’etti kunuunsuu qabu. Komishinichi aangoo fi itti gaafatamummaa seeraan kennameef irratti hundaa’uun adeems marichaa walabummaa, hammattummaa fi hirmaachisummaa qaburratti hundaa’uun gaggeessuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechaa jira. Adeemsi marii kun paartii siyaasaa kamiyyuu, qaama mootummaa ykn garee addaa tokkoof ajandaa siyaasaa isaa raawwachiisuuf kan oolu miti. Kanarra fooyyeefi fudhatamummaa kan qabu fedhiifi ilaalchootni garaagaraa walqixa kan itti dhiyaatan, mariidhaan waliigaltee waliinii uumuuf kan itti hojjetamu waltajjii biyyaalessaadha. Adeemsa kana keessatti rakkoolee fi qormaatileen mudatanis jiru. Yeroodha gara yerootti hanqinoota Komishinicha ykn hirmaattota marii biratti mul’atan, akkasumas komiiwwan uumaman sirnaan furuufi deebii kennuuf carraaqqiin taasifameera. Bu’aan argame kunis tattaaffiiwwan akkasii dabalatee kan argamedha. Kana ilaalchisee, Komishinichi ibsa Paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABN) dhiheenya kana hojii fi adeemsa Komishinichaa ilaalchisee baase hordofee ibsa armaan gadii kennuun barbaachisaa ta’ee argameera. Haaluma kanaan, ilaalcha ABN adeemsi kun hammataa fi hirmaachisaa miti jedhu ilaalchisee, Komishinichi qorannoo fi mirkaneessa barbaachisaa erga taasisee booda, xumura paartii siyaasichaa kana akka hin qooddanne ibsuu barbaada. Waltajjii marii biyyaalessaa keessatti, bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garaagaraa, paartileen siyaasaa, dhaabbilee fi waldaalee, qaamolee mootummaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa, Itoophiyaanotni dhibba uumtootniifi beekamoon, humnoota duraanii hidhatan duraanii socho’aa turaniifi waamicha karaa nagaa fudhachuun galan, hawaasa diyaasporaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroo bakka bu’uummaan, sagaleewwan garaagaraa adeemsa kana keessatti hirmaachaa fi dhaggeeffatamaa jiru. ABN’nis paartilee siyaasaa hanga ammaatti adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaannaa taasisan keessaa isa tokkodha. Komishinichi komiifi iyyata hirmaataa marichaa kamiyyuu salphaatti kan bira darbu miti. Komiiwwan qaamolee garaagaraa, ABN dabalatee, dhiyeessaniifis sirna furmaata komii irratti hundaa’uun deebii kennaa jira. Yaadota ijaarsaa fi komiiwwan adeemsa marii fooyyessuuf dhiyaatanis sirnaan ilaaluun, hanga adeemsa marii fudhatama qabuufi bu’a qabeessa taasisuuf gumaachanitti, akka galteetti fayyadamuuf Komishinichi qophiidha. Kanaaf, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa carraa kanaan ABN fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo adeemsa marii isa hafe keessatti dammaqinaan akka hirmaataniifi waliigaltee waliinii uumuuf akka waliin hojjetan kabajaan waamicha dhiyeessa. Marii biyyaalessaa jechuun injifannoo gama tokkoo ykn mo’icha gama biraa miti. Marichi adeemsa Itoophiyaan rakkoolee ishee mudataniif furmaata waliinii ittiin barbaaddu, kan hundumaaf bu’aa fi injifannoo fiduuf gargaarudha. Komishinichis sagalee lammiilee fi hirmaattota marii hunda walqixa dhaggeeffachuufi adeemsa kana bilisummaafi walabummaan gaggeessuuf kutannoo qabu irra deebiin mirkaneessa. Dhumarratti, Komishinichi uummattoota Itoophiyaa, paartilee siyaasaa, waldaalee siiviikiifi dhaabbilee garaagaraa, milkaa’ina marii kanaaf gumaacha gaariifi itti fufiinsa qabu taasisan hundi ammas akkaataa jalqabaniin cimsanii akka itti fufan cimsee kabajaan gaafateera. Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti! Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa! Hagayya 11/2018 Finfinnee
Itiyoophiyaan dhiibbaa gaarii naannichatti uumaa jirtu irraa kan ka’e maqaan ishee guddachaa jira
Aug 17, 2026 234
Hagayya 11/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhiibbaa gaarii naannichatti uumaa jirtu irraa kan ka’e maqaan ishee guddachaa jira jedhan Daarektoreetii Waliigala Ittisaa Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaatti Daayreektarri Leenjii Letenaal Koloneel Minaasee Haayiluu. Itiyoophiyaan Nagaaf tasgabbii Gaanfa Afrikaaf gahee olaanaa bahachaa jirti jedhe Jilli Raayyaa Ameerikaa. Ka’umsa isaa Kaarood Ayilaand kan taasise Jilli Raayyaa Ameerikaa giddugala kabachiisa nageenyaa Raayyaa Ittisa biyyaatti leenjii kennuu eegaleera.   Leenjichi biyyoonni lameen damee loltummaan waloon hojjechuuf waliigaltee taasisan ka’umsa godhachuun kan qophaa’e yoo ta’u, wayita ergama loltummaa bahatan mirga namoomaa fi seeroota loltummaa idil addunyaa irratti kan xiyyeeffatedha. Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daayrektarri Olaanaa Hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Leetenaal Koloneel Minaasee Hayiluu akka jedhanitti, dhiibbaa gaarii Itiyoophiyaan naannawichatti uumaa jirtuun dhaggeeffatamummaan ishee guddachaa dhufeera. Biyyoonni tasgabbii dhaban Gaanfa Afrikaa keessa jiran Itiyoophiyaa malee furuun akka hin danda’amne hubachuun, faayidaa waliinii mirkaneessuuf Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiru jedhan.   Leenjichi Itiyoophiyaan ergama nageenya eegsisuuf keessattuu dirqama, sochiiwwan waraanaa yeroo gaggeessitu, mirga namoomaa fi seerota idil addunyaa eeguu keessattii beekuumsa haaraa kan uumuu ta’uu dubbataniiru. Leenjicha kennuu qofa osoo hin taane, muuxannoo bal’aa raayyaan Ittisaa qaburraayyis kan qooddatan ta’uu kaasaniiru.   Qindeessan leenjichaa Letenaal Koloneel Zaakarii Maakaartar gamasaaniin, Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti keessattuu nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Ameerikaan Itiyoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, leenjichi hojiiwwan loltummaan biyyoonni lameen caalmaatti bu’aa qabeessa akka ta’an isaan gargaara jechuu miidiyaa onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENA’f ergee ni mul’isa #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Hawaasummaa
    Haaromsa Aadaan Duudhaa ganamaa deebisuu
Aug 19, 2026 107
Aadaan: Jiruuf Jireenya, Amala, Safuu, Duudhaa, Beekumsa, Amantii, Uffannaa fi Og-Barruu Hawaasni tokko qooddachuu fi dhalootaa dhalootatti dabarsudha. Kunis eenyummaa, kabajaa fi mallattoo saba tokkoo agarsiisa.   Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiiramaa asitti dhaloota Aadaafi duudhaa Oromoon qabu beekuun ittiin jiraachuun dhaloota dhufuuf akka dhaalchisu xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira. Aadaafi duudhaa Oromoo humneessuufis haaromsa aadaa labsamuun hojirra oolaa jira. Haaromsi Aadaa hojii itti fufiinsaan dhaloota ijaaruuf kàn hojjetamu yoo ta’uu, kanaanis Aadaa hojii gabbisuu, kalaqa jajjabeessuu, ofitti amantummaa guddisuu, hariiroo hawaasaa jajjabeessuun dhalootaaf bu’uura jabaa kaa’uu akka ta’e ni ibsama. Haaromsa Aadaa taasifamaa jiruunis Aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa Oromoo bakkatti deebisuufi sochii imala jijjiiramaa biyyi keenya eegalte milkeessuuf xiiqiin hojjetamaa kan jirudha.   Yaadama guddaa haaromsa Aadaa irratti hojjetamaa jiru kana karaa guutuu ta’een milkeessuufis imaammata barnootaa keessatti Aadaaf safuun uummatichaa akka hammatamu taasisuu irraa eegalee, hanga gumii manneen barnootaatti akka irratti xiyyeeffatamu taasifamaa jira.   Dabalataan Manneen murtii Aadaa keessatti qabatamaan lafarratti akka mul’atu gochuun dhaloota sirna oromoo ganamaa akka qabatan taasisuu, Buusaa Gonofaa jajjebeessuun humna waloo gurmuu qabu bu’uuressuun qorqalbii sabaa kallattii hundaan ijaaruuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira. Haaromsi Aadaa beekkumsa oomishuun dhaloota roga hundaan ijaaruu,humna dinagdee biyyaa utubuun humneessuu, Artii Oromoo hammayyeessuun Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa fakkeenyummaasaa bakkatti deebisuuf xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamudha.  
Sirna Araaraa Furmaata Waan Hundaa Ta’e
Aug 19, 2026 131
Ummanni Itiyoophiyaa aadaa mataa isaa ganamaa wal dhabdee ittiin furu qaba. Barreeffama keenya kanaan sirna araaraa ummata Itiyoophiyaa muraasa isaanii ilaalla. Ummanni Itiyoophiyaa aadaa miidhagaa ittiina wal dhabdee furan qabu. Saboonni kuni kan waliin qabanis akkuma jirutti ta’ee, qofa qofaa isaanii kan aadaa fi duudhaa mataa isaaniin Sirna Araaraa qaban jira. Sirnoota Araaraa Oromoo, Amaaraa,Geedi’oo fi Gaamoo gabaabinaan ilaalla. Marii’ataan gowwaa hin qabu;warri wal marii’ate maseena qalee; warri wal hin mari’anne raada qale jedha Oromoon yeroo makmaaku. Kunis araarri jireenya dhala namaa keessatti baay’ee murteessaa fi barbaachisaa ta’uu isaa ibsuufidha. Namni tokko nama biraa wajjiin mitii matuma isaa waliinuu guyyaatti yeroo baay’ee wal-lola jedhu ogeessonni xiinsammuu. Kanaafuu, walitti-bu’uun (wal-dhabbiin) uumamuun isaa akka ajaa’ibaatti kan hubatamu miti Oromoo biratti. Eeleefi sumsumniyyuu walitti buuti jedha Oromoon gaafa waa'een walitti bu'uu ykn Wal -loluu uumama hin oolle ta'uusaa yeroo ibsu. Waldhabuun jireenya dhala namaa keessatti taatee nama mudatu ta'uunsaa kan hin oolle jedhee waan hubatuuf Oromoon ,akkuma malaaf Malli jiraa mucaaf harmi jira jedhan, waldhabdee kanas akkaataama ulfaatina isaatiin furmaata itti kenna. Kanas Oromoon araara jedhee waama. Sirna araaraa kana keessatti immoo qaamoleen adda addaa ni hirmaatu.   Sirni araaraa Oromoo biratti Jaarsummaa jedhama. Jaarsummaan adeemsaa fi akkaataa mataa isaa qaba. Ummata Oromoo biratti akkaataan ittiin jaarsummaan adeemsifamu garaagara haata ‘uyyuu malee galmi isaa tokkodha;innis araara buusuudha. Sirni kuni iddoo tokko tokkotti maqaa gara biraa qabaachuu mala fkn, jaarsummaa Oromoo Maccaa fi Tuulamaa, ‘koottu-dhufee’ Oromoo Arsii, Gaaddisa Oromoo Booranaa, sirna araara Gondooroo Oromoo Gujiifi Saba Geedi'oofaa eeruu dandeenya.   Yeroo sirni araaraa raawwatamutti meeshaaleen Ulfoo Araaraaf gargaaran ni jiru. Meeshaaleen ulfoo kunneen kabaja olaanaa waan qabaniif ummanni ni safeeffata. Kana malees marga lalisaa mataan isaa irraa hin cinne qabatu. Hariiroo waliin jireenya namootaa keessatti namni tokko itti yaadees haa ta'u tasa lubbuu namaa ykn yakka raawwachuu danda’a. Namni yakka raawwate immoo akkasumaan osoo hin araaramiin yoo hafe gareen miidhame aaloo baafannaatti akka yakki suni hin babal’anneef araarri murteessaadha jedha Oromoon. Kanaaf Araara tolfatee ittiin nagaa buufata.   Qaamni wal dhabe dhimma isaa gara jaarsummaa geeffachuu danda’a ykn immoo namni biraa jara sana gara jaarsummaatti fiduu mala. Maanguddoonni biyyaas dhimma sana ilaalan durumaan ummata keessaa filamanii jiru waan ta’eef dhimma sana ilaaluun furmaata itti kennu. Akkaataan jaarsummaan taa’amu haaluma dhimmi sanaa irratti hundaa’uun garaagara ta’uu mala. Kana jechuun dhimma yakkichaa irratti hundaa’a. Fakkeenyaaf namni lubbuu balleesse qixa warra wal reebanii ykn qaama wal miidhanii waliin walqixa hin ilaalamu. Jaarsoliin Odaa jalatti warra wal dhaban araarsu. Dhimma isaanii erga dhaggeeffatanii dhugaan garam jirti jedhanii qoratanii dhugaa baasu. Jaarsi hin laagu. Dhugaan ilmoo Rabbiiti jedha Oromoon;gama biraatiinimmoo dhugaan ilmoo ofii caalaa nama bararti jedha Oromoon gaafa dhugaan akka hin jallanne ibsu. Kanaaf erga dhugaa ilaalanii dhugaa arganii. Isa dhugaa argateef dhugaa muru. Beenyaan kan kaffalamuuf yoo ta’e beenyaa kaffalchiisu. Sana booda warra wal dhabe walitti fidanii wal hammachiisuun wal dhungachiisanii waadaa galchiisu akka isaan lammaffaa aaloo wal hin qabanneef. Warra lubbuu wal balleesse yoo ta’es gumaa baassisuun walitti araarsu. Gara fuula duraattis akka aaloo wal hin baaneef akka jarri firoomaniif akka warra soddaa ta’anis iddoon itti taasifamu jira.   Sirni araaraa Ummanni Oromoo qabu keessaa tokko sirna Ateeteedha. Haadholiin siinqee siinqee isaanii qabatanii gaafa warra wal dhabe gidduu seenan warri wal dhaban suni battaluma sana tola dhaabu. Kanas safuutu isaan ajaja. Murtii jaarsoliin kennan kan namoota ykn gareewwan waldhaban walitti araarsuufi hariiroofi walitti dhufeenyasaanii caalaatti cimsudha. Nama ykn garee murtii jaarsoliin kennan hojiirra oolchuu dide seeratu itti jiga, ni lagatama, hawaasa keessaa darbatama,duunaan biyyi ba’ee hin awwaalu, cidhas ta’e daboo yoo waammate namni hin dhaquufi. Horiinsaa yoo kufe ol hin qabaniifii. Oromoon yeroo makmaaku namni sitti jiguurra tulluun sitti jiguu wayya jedha. Kunis gaafa namni sitti jige kan sirraa olkaasu hin jiru; garuu gaafa tulluun sitti jige immoo namni tulluu sana sirraa kaasa jechuudha. Namni waan seera kana sodaatuufuu yoomallee waandabaa hojjetee waan jaarsoliin jedhan darba ta’e uummata keessaa baafama. Yeroo baay’ee namni safuu maanguddootaarra darbu hin jiru. Yoommoo namni jaarsarra darbees yeroo muraasaaf biyyaa akka rii’atamu ni taasifama. Kanaafuu dubbii jaarsi mure kan didu hin jiru. Ummanni Oromoo waliif akkuma sirna Araaraa qabu saba daangaa walii jiraatu waliinis sirna araaraa qaba. Fkn sirni araaraa Oromoo Gujii fi saba Geedi’oo agarsiiftuu tokkodha.   Gondooroon sirna araaraa fi jaarsummaa aadaa kan waliigaltee nageenyaa, tokkummaa fi obboolummaa saboota kana lamaan gidduutti uumamu gadi dhaabuuf dhimma itti bahanidha. Akkaataa/Adeemsa Araarri Isaa Itti Bu’u: Giddu-seentummaa Abbootii Gadaa fi Jaarsolii Aadaa: Abbootiin Gadaa Gujii fi Abbootiin Geedi’oo yeroo walitti bu’iinsi uumamu walitti dhufuun "Malkaa" ykn "Ardaa Jilaa" irratti walga’u. Dhiiga Naqachuu fi Hoolaa Qaluu (Malkaatti): Araarri Gondooroo malkaatti (garba/laga biratti) raawwatama. Kichuu/hoolaa nagaa fi obboolummaa bakka bu'u qaluudhaan dhiiga isaa walitti naqu. Kunis jecha walitti deebi'uu fi dhiiga walii xureessuu/dhangalaasuu dhaabuu argisiisa. Caffee Dhaabuu fi Kakuu,Waadaa Galuu (Abaarsaa): Maanguddoonni saboota lamaanii kakuu cimaa (abaarsa) ykn waadaa waliif isaan hidhu galu. Kana keessatti "Sanyiin lamaan kanaan booda wal miidhuu, wal ajjeesuu fi walitti bu'uu hin qabu; kan kakuu kana diige waaqnii fi lafti isa haa gubuu" jedhanii kakuu godhatu.   Sirni Araaraa ummanni Amaaraa qabu ‘shimgilinnaa’ jedhama. Kunis Sirni araaraa aadaa saba Amaaraa "Shiimgilinnaa" jedhama. Kana malees akka waliigalaatti "Irqii" jedhamuun ni beekama. Irqiin araaradha; nageenyadha. Sirni kun hawaasa Amaaraa biratti yeroo wal dhabdee, badiin ykn lolli uumamu maanguddoonni (jaarsoliin) gidduu galanii walitti bu'iinsa hiikuun nagaa fi tokkummaa itti deebisanidha.   Manguddoonni kabajamoo fi beekamoo ta'an jaarsummaaf dhiyaatanii gartuu lachuu mariisisu. Haaloo fi jibba duraan ture haquun waliif dhiifama gochuu fi kakuu raggaasisu.Akkataama ulfaatina miidhaa sanaan beenyaan miidhamaaf ni kaffalchiifama.   Sirni araaraa uummata Gaamoo keessatti beekamu Sirni araaraa fi jaarsummaa aadaa kan uummata Gaamoo (Gamo) keessatti beekamu "Dubusha" jedhama. Gaamoo keessatti Dubushaan bakka dirree aadaa fi waltajjii seeraa yoo ta'u, jaarsoliin araara raawwachiisan immoo ‘Dere Cima’ (Jaarsolii Biyyaa) jedhamu. Manguddoonni Gaamoo marga jiidhaa qabatanii warra wal dhabe gidduu yoo seenan kan isaaniin darbee lolu hin jiru. Hamma fedheyyuu yoo ta’e isaan gidduu galanii lola sana dhaabsisu. Kunis aadaa duudhaa ganamaa irraa kan maddedha.   Adeemsa Sirna Araaraa (Dubushaa): Waltajjii Dubusharratti Walitti Dhufuu: Yoo walitti bu'iinsi uumame, dhimmi sanaa gara dirree aadaa kan Dubusha jedhamu, kan mukkeen gurguddoo akka Odaa jalatti argamutti dhiyaata. Waltajjiin kun iddoo qulqulluu fi kabajamaa seera hawaasaa itti murteessanidha. Shoora Dere Cima (Jaarsolii Biyyaa): Jaarsoliin aadaa kabajamoon (Dere Cimaa) fi gamtaan hawaasaa waltajjii kana irratti walitti dhufu. Gamtaan dhaabbata aadaa gargaaramuudhaan miidhamaa fi miidhaa geessise adda baasaniis dhaggeeffatu.   Adabbii fi Beenyaa Murteessuu: Dhimma yakka ykn miidhaa dhiyaate irratti hundaa'uun, jaarsoliin dhugaatti madaaluudhaan yakkaamaa irratti adabbii aadaa (beenyaa ykn adabbii horii/beeyladaa) murteessu. Kunis haaloo fi gadoo garaa keessaa baasuuf gargaara. Sirna Kakuu : Walitti bu'iinsi cimaan kan akka ajjeechaa yoo mudate, deebi'amee akka wal hin miineef sirni kakuu fi abaarsa aadaa (Kallite) raawwatama. Kan kakuu kana diige hawaasa keessaa baafama. Eebba fi Waliif-dhiifama gochuu: Xumura irratti jaarsoliin eebba aadaatiin sirna sana goolabu. Namoonni walitti bu'an harka wal-fuudhuun, wal-dhungachuun dhiifama waliif taasisu.   #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa'iin Mannneen Murtii Aadaa Oromiyaa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffame
Aug 19, 2026 54
Hagayya 13/2018 (ENA) : Yaa'iin Mannneen Murtii Aadaa Oromiyaa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffameera. Xiyyeeffannoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma Aadaafi Duudhaa Uummata Oromootiif kenneen imala duudhaa ganamaatti deebi'uu keessatti Mootummaan Haaromsa Aadaa ifoomsuun milkaa'inootni gama hundaan argamaa jira. Uummatni Oromoo Uummata Aadaa dilbii hedduu qabuufi Sirna dimokiraasii Addunyaaf gumaache ta'uunsaa ni beekama .   Uummatni Oromoo sirna ofii kalaqeen akka wal bulchu, akka waliisaa tajaajiluufi haqa waloosaa ittiin mirkaneessuu qabu bakka isaa ganamaatti deebisuuf hammattoo seeraan deeggaruun hojiitti erga seenamee Uummanni qe'ee isaatti sirna isaatiin Afaan beekuun akka tajaajilamu taasiseera. Bu'uuruma kanaan Yaa'iin Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa bara baajataa 2018 Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti gaggeeffameera. Yaa’icharratti Bulchaan Godina Booranaa Obboo Abdusalaam Waariyoo haasaa taasisaniin , keessummoota yaa’icharrtti afeeramanii dhufan baga gara qe'ee keessan qe'ee hangafaa gara Booranaa nagaan dhuftan jedhaniiru. Godinni Booranaa Godina Aadaa Dilbii hedduu qabu, kan Aadaan ganamaa uummatichaa itti barataniifi hubatani ta’uusaa ibsaniiru.   Haaluma kanaan, Godina Booranaa Gandoota hunda keessatti Munneen Murtii Aadaa hundaa'anii tajaajila qaqqabamaafi si'aataa kennaa jiraachuun Haqni uummata keenyaa deebi'uun rakkoon hawaasaa furamaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Yaa'ii kanaarratti haasaa baninsaa kan taasisan hooggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruu ergaa baga nagaan dhuftani dabarsanii, Oromoon ganamarraa Heeraafi Seera addunyaaf fakkeenya ta'u kan qabudha jedhaniiru. Bu'uuruma kanaan Yaa'iin kun Godina Booranaa qe'ee angafaafi qe'ee duudhaa ganamaatti gaggeeffamuunsaa adda isaa taasisan jedhan.   Haaluma kanaan, xiyyeeffannoo Mootummaan jijjiiramaa Misooma Aadaaf kenneen Aadaan keenya Misoomaa, duudhaa ganamaatti deebisaafi, hammattoo seeraa itti tolchuun Uummatni keenya gama hundaan irraa fayyadamaa jiraachuufi haqa isaa Aadaa isaatiin argachaa jiraachuun isaa milkaa'inoota argaman keessaa muraasa. Itti dabaluunis, Jaarsoliin Mana Murtii Aadaa quuqama Aadaa keessaniif qabdaniin Uummata keessan tajaajilaa jiraachuu isaanii galateeffachuun qooda fudhattoota, Uummata Oromoo maraafi sagantaan kun akka milkaa'uuf qaamolee milkeessaniifi Hoggansa Godina Booranaa galateeffataniiru.  
Tajaajilli Lammummaa rakkoo Hawaas -Dinagdee furaa jira
Aug 19, 2026 94
Hagayya 12/2018 (ENA): Tajaajilli Lammummaa rakkoo Hawaas –Dinagdee lammilee hedduutiif furmaata ta'uun cinaatti, hariiroo obbolummaa cimaa hawaasa gidduuttis ijaaraa jira. Godina Jimmaatti sagantaan Tajaajila Lammummaa qindaa’aan Aanaalee Godinichaa hunda keessatti itti fufee gaggeeffamaa jira. Haaluma kanaan Aanaa Limmuu Kossaa Magaalaa Ambuyyeetti sagantaa addaa kenna tajaajila lammummaa mataduree "Gaarummaan Ol ka'insa Biyyaaf" jedhuun bakka hoggansi Federaalaa, Naannoo, Godinaafi keessummoonni garaagaraa argamanitti kenna tajaajila lammummaatiin deeggarsi garagaraa harka qalleeyyiif taasifameera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaa ganamaa Ummata Oromoo keessaa kan madde tajaajila lammummaa seeraan tumuun akka humna misoomaa cimaatti hojiirra oolchuudhaan bu'aawwan hedduunis galmaahaa jiru.   Bulchaa Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Musxafaa Shariif, hojii kenna tajaajila lammummaa calaqqee namoomaa olaanaa ta'uun cinaatti utubaa hojii misoomaa, dinagdeefi furtuu rakkoolee hawaasummaa akkasumas namoota abdiifi dawoo dhaban hedduudhaaf wabii ta'uun bakka itti dadhabanii fi kufanii kaasuun lammiin lammiif gaachanaa akka ta'ee qabatamaan agarsiisuu ibsaniiru. Akka Aanichaattis kenni tajaajila lammummaa hirmaannaa ummataan hojjatamaa jiraachuufi bara kana tajaajila lammummaa gosoota 76 tilmaama qarshii biiliyoona 3 ol ta'u raawwachuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuufi namootni kuma 2 ol fayyadamoo akka ta'an dubbataniiru. Hojiin tajaajila lammummaa gosa gara garaa qarshii miiliyoona 5tuqaa 6 ol ta'an namoota harka qalleeyyiif taasifamuu isaa dubbataniiru.   Bulchaa ittaanaan Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroo hojiilee kenna tajaajila lammummaa maallaqa qusachuu bira darbee ummata biratti miira waliin hojjechuu, misooma biyyaafi naannoo keessatti tokkummaan hirmaachuu, yeroo rakkoo walbira dhaabbachuu sadarkaa olaanaatti guddisaa himaniiru. Aanaa Limmuu Kossaa Magaalaa Ambuyyeetti sagantaa tajaajila lammummaa gaggeeffameenis namoota harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsi Beelladootaa, uffata halkaniifi firaashii, Meeshaalee Barnootaa,Yuuniformiin, Daakuu, Zayitaa Nyaataa, Cuucii Lukkuu, Eelee Elektirikii, Arjoomni dhiigaa gaggeeffameera. Akkasumas buufata fayyaa Ambuyyeetiif Hospitaalli Waliigalaa Limmuu Gannat meeshaalee wal’aansaa taasifameera. Dabalataanis Deeggarsi Kitaabolee garaagaraa barattootaaf taasisuu fi manneen harka qal’eeyyii bilookeetiin ijaaruufi hojiiwwan gara garaa raawwatamaniiru jechuun Komunikeeshiniin Aanichaa gabaasera.  
Diinagdee
Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis qophii guutuus qabu-Dr. Aragaawii Barihee
Aug 19, 2026 93
Hagayya 13/2018 (ENA)- Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu akka qaban hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee dubbata. Waajjirri qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa hirmaannaa ummataa ijaarsa hidha haaromsaa qindeessuudhaan milkaa’inaan akka xumuramu taasiseera. Hidhi haaromsaa hubannoo wal dhahaa bara hedduuf itti fayyadama haqa qabeessa bishaan Abbayyaa kan jijjiire ta’uu hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee ENA’tti himaniiru. Hidhi kun ijaaramuunsaa biyya kamiyyuu kan hin miinee fi inumaayyuu riijinicha inarjiidhaan kan walitti hidhe ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuusaa eeraniiru. Gibxi garuu dhugaa kana ganuudhaan akkuma Kanaan duraa wacaan waliin dhahuuf yaalaa turte yeroo ammaas itti fufuushee dubbataniiru. Abbayyaan kan biyyoonni inni keessa darbu tumsaan itti fayyadamani malee qabeenya dhuunfaa Gibxii miti kan jedhan Dr. Aragawiin, gama Kanaan duulli Gixbi waliin dhahuuf wixxifachaa jirtu dhaabachuu qaba jedhaniiru. Kaayyoon olaanaan Itiyoophiyaan qabdu tumsaan guddachuu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni tumsaan maal fiixa baasuu akka danda’an ijaarsa hidha haaromsaa guddichaan agarsiisuusaanii kaasanii, fuulduras hidha hedduuijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu qabu jedhaniiru. Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa irratti ummata qindeessuudhaan muuxannoon guddaan argamuusaa dubbataniiru. Muuxannoon kun hojiilee misoomaa akkasii fuulduratti hojjetamaniif galtee guddaa ta’uusaa ibsaniiru.
Dargaggoota hojii dhabdummaa hojii uumuudhaan kan mo’atan
Aug 18, 2026 188
Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa dargaggoota dameelee xixiqqaa fi giddu galeessaa adda addaan gurmeessuun hojii dhabdummaa hir'isuuf hojjechaa jira. Qonnaa fi bu’aalee qonnaan qindeessuun oomisha qonnaa, hojii mukaa fi sibiilaa, industiriin kooteejjii, tajaajilaa fi daldala, akkasumas eegumsa naannoo fi hojiilee deebisanii fayyadamuu hojiiwwan dargaggoonni itti gurmaa’an isa ijoodha.   Akka dargaggoonni yaada isaanii ENA’f kennan jedhanitti; abdii kutannaa hoji dhabdummaan isaan irra gahaa ture kalaqaan bakka buusanii hojii mataa isaanii irratti bobba’aniiru. Haala kanaan jireenya ofii fi jireenya maatii isaanii jijjiiruu bira darbee dargaggoota magaalattii biroof hojii uumuun guddina diinagdee magaalattiif shoora isaanii bahachaa jiraachuu dubbatani. Jiraattuu magaalattii kan taate Fooziyaa Kadir waggaa tokko dura hojii dhabdee rakkachaa akka turte dubbatteetti. Yeroo ammaa garuu carraa industiriin Goojjoo magaalittii uumeefiitti fayyadamtee hojii mukeen mocuu irratti bobba’uun of danda’uu bira darbitee namoota biroof carraa hojii uumuu dandeesseetti. Dargaggeessi biraa Abdurrazaaq Shawumoloo jedhamu hiriyyoota isaa sadii waliin ta'uun bulchiinsi magaalichaa industirii Goojjoo keessatti haala mijeesseefiin hiriyyoota isaa sadii waliin dhadhaa loozii omishuun gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbateera.   Bakka hojii dabalatee deeggarsi barbaachisaa ta’e akka isaaniif taasifamuu himuun; akkasumas wantootni nyaataa isaan qopheessan qoratamee qulqullinni isaanii mirkanaa’ee waan ta’eef, oomisha isaanii ofitti amanamummaa guutuudhaan gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo ta’uu danda’aniiru.   Toora qulqullinaa fi deeggarsa gosa kanaa hojiin abbootii qabeenyaa isaanii itti fufiinsa akka qabaatu taasiseera jedhan; kanaanis ofii isaaniitiin ala namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru.   Jituu Abdoo fi Hikmaa Mahaammadnaasiris carraa kanaan fayyadamoo warreen ta’anidha.   Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Magaalaa Jimmaatti gaggeessaan Garee Hojii Uumuu obbo Ashannaafii Girmaa akka jedhanitti, magaalicha keessatti pirojektoonni dargaggoota fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru.   Kanarraa kan ka’e bara baajataa xumurame keessatti industiriiwwan Goojjoo dabalatee waldaaleen kuma 3 fi 279 lammiilee kuma 31 fi 659’f carraa hojii uumuu danda’aniiru. Bu’a qabeessummaa waldaalee kanaaf liqii fi iddoo hojii dabalatee wantoonni barbaachisoon mijeeffamuu ibsaniiru. Bara baajataa haaraa kana keessatti waldaalee kuma 4 fi 100 gurmeessuun namoota hedduuf carraa hojii uumuuf karoorfamuu eeruun; dhimmoota walitti hidhamiinsa gabaa dargaggoonni ka’aniif deebii kennuuf qooda fudhattoota waliin hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan.
Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuudaarraa galii barbaachisaa argamsiisuuf Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiin shoora isaa bahaa jira
Aug 17, 2026 186
Hagayya 11/2018 (ENA): Itoophiyaan Albuudarraa galii isheef malu akka argattuuf Yunivarsiitiin Bulee Horaa Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jiraachuu beeksise. Dameen Albuudaa guddina dinagdee walii gaalaatiif fi argama sharafa alaa keessatti gumaacha olaanaa waan taasisuuf xiyyeeffannoon kan kennameef yoo ta'u, damicha ammayyeessuufi dandeettii isaa guddisuuf teeknooloojii, qorannoofi leenjii ogeessotaa irratti hojiiwwan hedduun hojetamaa jiru.   Akkasumas Hawaasa Naannichaa hojii Albuuda baasuu mala Aadaa irraa gara ammayyaatti ceesisuun, hojii Albuudaa baasuu fulla’aa fi fayyaalessa ta'e ijaaruuf carraaqqiin tasifamaa jira. Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuuda, Beekumsa Mandhalee, Qonnaafi beellada akkasumas damee Fayyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Itti gaafatamaan Kutaa Barnoota Gii’ooloojii fi Albuudaa Yuunivarsiitichaa Obbo Musxafaa Mahaammad akka ibsanitti, Yuunivarsiitichi yeroo ammaa sadarkaa digirii fi digirii lammaffaatiin (maastersiin) barattoota Maayiningii fi Gii’ooloojiitiin barsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii baruu fi barsiisuun alaas, hojii qo’annoo fi qorannoon rakkoo hawaasaa furuuf damee albuudaa irratti qorannoo garaa garaa gaggeessaa jiraachuu eraniiru. Yeroo ammaa Itoophiyaan damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuu ishee caqasuun, galii damicharraa argachuu qabdu akka argattuus barnootaan, qorannoofi deeggarsa ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jira jedhaniiru.   Hojii Albuudaa kanaan dura mala aadaa ture ammayyeessuuf leenjiifi deeggarsa ijaarsa dandeettii kennuudhaan hawaasni mala aadaa irraa gara ammayyaatti akka ce'u leenjiiwwan dandeessisan kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaa Pirezidaantii Akkaadaamii Barnootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Gabayyoo Ashaagiree akka jedhanitti, Yuunivarsiitichi damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan sagantaawwan sirrii ta'an qopheessee hojjechaa jira. Albuudni Sadarkaa Dhaabbataatti akka of danda'uuf Laabiraatooriiwwan kurfeessuu, barsiisota muuxannoo qaban walitti qabuufi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo garaa garaa waliin ta'uun barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasaa tumsaan hojjechaa jiru. Kanaafis laaboraatooriin ammayyaa gurmaa'uu eeruun, biyyattiin naannicharraa fayyidaa argachuu qabdu akka argattuus hojii barsiisuufi qorannoo irratti waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Tamasgeen Dabaloo gama isaaniitiin, Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo tokkootti akka irratti hojjetu mootummaan kan barbaadeef Naannoon Gujii Albuudota hedduu kan qabu waan ta'eefi jedhaniiru. Kanaafis Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo gudaatti godhatees hojjeta jedhaniiru.
Mootummaan Naannowwan Baadiyyaatti Pirojektii Annisa Aduu hojiirra oolchaa jira
Aug 17, 2026 209
Hagayya 11/2018 (ENA): Mootummaan Naannoowwan Sarara Elektiriikii gudaarraa fagaatanitti madden Anniisaa Aduu bal'isuuf carraaqqiin taasisu dhaqqabamummaa Elektiriikii dabalaa jiraachuu Ministeerri Bishaanfi Inerjii ibse. Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti Pirojektiin Aannisaan Aduu baajata birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarame eebbifamee tajaajila kennuu eegaluunsaa ibsameera. Deetaan Ministira Bishaaniifi Inerjii Dr.Injiinar Sulxaan Walii pirojekticha eebbisuun yeroo hojii eegalchiisaan akka jedhanitti, sarara gudaan alatti hojiin Annisaa babal’isuu raawwatamu dhaqqabamummaa elektiriikii dabalaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis dhaqqabamummaan Elektiriikii Itoophiyaa waggaa shaniin dura dhibbeentaa 43 irra kan ture gara 63 tti gudachuu ibsuun; kanaafis maddeen Annisaa Aduu shoora olaanaa gumaachuusaa dubbataniiru.   Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti ijaaramuun Isteeshiniin Annisaa Aduu Haalo Gubbaa, torban Baatee fi Haaro Eebbaa hojiif banaa ta’e maatii kuma 5 ol tajaajiluu kan danda'an ta'uu isaanii dubbataniiru. Naannowwan baadiyyaatti hojiin Tajaajila Elektiriikii dhaqqabsiisuu cimee kan itti fufu ta'uu eeruun; uummannis pirojektiiwwan ijaaraman eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa isaa akka bahatu hubachiisaniiru. Itti Aanaa Bulchaa Godina Harargee Lixaa Obbo Tashooma Kabbadaa gama isaaniitiin, Godinichatti bara bajataa kanaan birrii biiliyoona ja’a oliin pirojektiiwwan misoomaa ijaaramanii xumuramuun tajaajilaaf ga’uu ibsaniiru. Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti, kanaan dura tajaajila baabura Midhaan daaku argachuuf kiiloomeetira 25 ol deemuuf dirqamaa akka turaniifi amma garuu naannoo jireenya isaaniitti tajaajilicha argachuu danda'uu isaaniitti gammaduu isaanii dubbataniiru. Keessattuu tajaajila Elektiriikii Mana keessatti fayyadamuu isaaniitiin alatti hanga Manneen Barnootaafi Dhaabbilee Fayyaatti dhaqqabuusaatti gammaduu isaanii ibsaniiru. Pirojektiiwwan kunniin waggaa tokkofi ji'a ja'a hin guunne keessatti baasii birrii miiliyoona 800 oliin kan ijaaraman ta'uun; walumaagalatti humna kiiloowattii 931 ol maddisiisuu kan danda'u ta'uun ibsameera.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)    
Aug 11, 2026 479
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Taphni Arsenaal fi Maanchisteer Siitiin Waancaa Koomuniitii Shiildii fudhachuuf taasisan hawwiin eegama
Aug 16, 2026 287
Hagayya 10, 2018 (ENA): Taphi xumura Waancaa Koomuniitii Shiildii kan bara 2026 gidduu Arsenaal fi Maanchisteer Siitiitti har'a ni gaggeeffama. Taphi kun sa'aatii 11:00 irratti magaalaa guddoo Weels, Kaardif keessatti Istaadiyeemii seenaaqabeessa Pirinsiipaalitiitti kan gaggeeffamu ta'a. Taphi baninsa bara dorgommii haaraa kan xiyyeeffannoo guddaa qabu kun, shaampiyoonaa Piriimiyer Liigii Ingiilaand bara 2025/26 kan ta'e Arsenaal fi mo'ataa Waancaa FA (FA Cup) bara 2026 kan ta'e Maanchisteer Siitii kan walqunnamsiisudha. Arsenaal waggoota 22 booda kabaja Piriimiyer Liigii kan gonfataniif, Maanchisteer Siitiin immoo tapha xumura Waancaa FA irratti Cheelsii 1-0n mo'achuun gara tapha har'aatti dhihaataniiru. Akka odeeffannoon mul’isutti, seenaa Koomuniitii Shiildii keessatti Arsenaal Maanchisteer Siitii irratti olaantummaa guutuu qaba. Gara waltajjii kanaatti gareen lamaan kanaan dura si'a sadii kan walqunnaman yoo ta'u, taphoota sadanittuu Arsenaal mo'ateera. Gareen kunniin dhuma irratti akka L.A bara 2023tti tapha Koomuniitii Shiildii taasisaniin Arsenaal darbiin penaltiitiin mo'achuun isaanii ni yaadatama. Taphni kun kanaan dura Istaadiyeemii Weembilii Landan keessatti kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, barana immoo gara Istaadiyoomii seenaa qabeessa Pirinsiipaalitii magaalaa guddoo Weels Kaardifitti akka jijjiiramu taasifameera. Sababni isaas Istaadiyeemii Weembilii keessatti konsertiin muuziqaa kanaan dura qabame waan jiruuf akka ta'e beekameera. Kunis dorgommiin kun waggoota 20 booda irra deebidhaan gara magaalaa guddoo Weelsitti akka deebi'u taasiseera. Dorgommiin Koomuniitii Shiildii jalqaba dhihaatee akka L.A. bara 1908tti moggaasa "FA Charity Shield" jedhuun kan jalqabame yoo ta'u, dhiyoo kana akka L.A. bara 2002tti moggaasa ammaa "FA Community Shield" jedhutti jijjiirame. Dorgommiin kun shaampiyoonaa liigichaa fi mo'ataa Waancaa FA walqunnamsiisuun bansa bara dorgommii haaraa kan labsudha. Galii gurgurta tiikeetii fi beeksisa irraa walitti qabamu guutuun Ingiilaand keessatti dhaabbata arjoomaa fi hojiiwwan misooma kubbaa miilaa hawaasaatiif kan oolu ta'a. Maanchisteer Yunaayitid si'a 21 mo'achuun kilaba dorgommii kanaatti milkaa'ina guddaa kan qabudha. Arsenaal waancaa 17 fudhachuun isaatti ana. Maanchisteer Siitiin immoo si'a torba mo'ateera.  
PSG’n Aston Viilaa waliin; Tapha waancaa moo'attoota Awurooppaa
Aug 12, 2026 421
Hagayya 6/2018 (ENA): Taphni waancaa moo'attoota Awurooppaa har'a PSG fi Aston Viilaa gidduutti taphatama. Taphichi galgala sa'aatii 4 irratti ostiraaliyaa ‘Red Bull Arena’ keessatti taphatama. Kilabni PSG’n Faransaay tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan gahe, xumura shaampiyoonsi liigii irratti Arsenaaliin adabbiin injifachuun waancaa fudhachuuni. Luusiis Enrikeetiin kan durfamu ‘PSG’n bara darbes tapha wal fakkaatuun Tootinaam adabbiin injifachuun waancaa kana injifachuun isaa kan yaadatamu qaba. Gama biraatiin ammoo Aston Viilaan leenjisaa Unayi Emretiin hogganamu, tapha har'aaf kan darbe tapha xumuraa Liigii Awurooppaatiin kilaba Jarmanii Firaayibargi 3 fi 0’n injifateeti. Seenaa keessatti Aston Viilaan si’a tokko, bara 1982 Baarseloonaa injifachuun waancaa kana kaase. PSG fi Aston Viilaan kanaan dura dorgommii Awurooppaa qofaan wal argan, shaampiyoonsi liigii bara 2024/25 irratti jechuudha. Yericha PSG’n dirree isaa irratti 3 fi 1’n yoo injifatu, Aston Viilaan ammoo Viilaa Paarki irratti 3 fi 2 injifate. PSG’n waliigalatti 5-4’n injifachuun gara walakkaa xumuraatti darbuun shaampiyoonaa dorgommii kanaa isa jalqabaa ta'eera. Tapha kana daran adda kan godhu riikardii murteessummaa inni galmeessisudha.   Gamtaan Waldaalee Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) tapha kana akka to'atu abbaa murtii lammii Somaaliyaa ganna 34 Omar Artaan filateera. Kunis seenaa dorgommii kanaa waggoota 51 keessatti abbaa murtii lammii Awurooppaa hin taane tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa kan jalqabaa isa taasisa. Taphichi sa'aatii idilee daqiiqaa 90 booda qixaan yoo xumurame, sa'aatii dabalataa osoo hin kenniin, kallattiin gara adabbiitti ni deema. Gareen injifate badhaasa maallaqaa Yuuroo miiliyoona shan kan argatu yoo ta'u, gareen mo'ame ammoo Yuuroo miiliyoona afur argatu. Kilabiin dorgommii kana irratti milkaa'ina guddaa kan argate Riyaal Maadriid yoo ta'u, yeroo 6 waancaa kana injifateera. Baarseloonaa fi Essi Miilaan waancaa shan qabachuun itti aanu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 302
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira.   Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ashaaraa Magariisaa - Eegumsa Uumamaa Irraa Hanga Nyaata Biyyaalessaa fi Abbaa Biyyummaa Diinagdee!
Aug 14, 2026 286
Sagantaan Ashandaa Magariisaa biqiltuu dhaabuu ykn naannoo miidhagsuu caalaa akka ta’e agarsiisaa jira; misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura eegsisuuf, misoomsuu fi cimsuuf tarsiimoo jalqabbii biyyaalessaati. Sochiin biyyaalessaa guddaan kun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabnu cimsuu qofa osoo hin taane, sirna ikoo uumamaa keenya sirreessuu fi misoomsuun Itiyoophiyaa lafa magariisaa taasisaa jira. Itiyoophiyaan dandeettii mataa ishee fi tattaaffii waloo lammiilee isheetiin qabeenya uumamaa ishee eeguu fi misoomsuu akka dandeessu kan mirkaneesse yoo ta’u, jijjiirama qilleensaaf deebii kennuu keessatti biyyoota biroof fakkeenya ta’ee tajaajiluu kan danda’u milkaa’ina ummataa ta’uu hojiiwwan waggoota darban keessatti raawwataman mirkaneessee jira. Qabeenya uumamaa eeguun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, oomishtummaa qonnaa, wabii nyaataa mirkaneeffachuu fi guddina dinagdeefis bu’aa olaanaa qaba. Kanaafidha Ashaaraan Magariisaa xiyyeeffannoo misooma biyyaalessaa itti fufiinsa qabu isa ijoo taasifnee wabii nyaataa fi dinagdee keenya cimsuuf kan hojjenne. Dhaloonni kun qabeenya uumamaa isaa tiksuu fi misoomsuun fedhii bara kanaa guutuu bira darbee Itoophiyaa badhaatee fi mo’amuu hin dandeenye dhaloota itti aanutti dabarsee kennuuf itti gaafatamummaa qaba. Itoophiyaa boruuf bu'uura cimaa fi amanamaa kaa'uuf piroojektoonni misooma magariisaa qindoominaan jalqabne cimee itti fufa. Itti aanaa ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 688
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 29830
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 16584
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16178
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015