ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannichatti Oomishaalee galii qonnaan-bulaa guddisanii fi daldala Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jul 6, 2026 282
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti oomishaalee galii Qonnaan-bulaa guddisanii fi gabaa Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennamuusaa Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsan. Naannichatti Godina Shawaa Bahaa Aanaa Bosetitti hojiin omisha boloqqee kilaateraan facaasuu bakka hoggantoonni Naannoo, Godinaa fi Aanaa argamaniin eegalameera. Wayita sana Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa, naannichatti omishtummaa qonnaa dachaan dabaluu cinaatti, galii qonnaan-bulaa guddisuuf oomishaalee Al-ergiirratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin har'a Aanaa Boset Ganda Dongoree Ciyoositti ,boloqqee kilaasteraan facaasuun jalqabame kun agarsiistuu kanaaf ragaa tokko ta'uusaa eeranii, muuxannoowwan gaggaariin akkasii akka babal'atan ni taasifama jedhaniiru. Keessattuu, qonnaan-bultoonni naannichaa galii qonna irraa argatan caalaatti akka guddisaniif, oomishaalee dibataa ooyruusaaniirratti kilaasteraan akka misoomsan xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabuu Waaqoo gama isaaniitiin, godinichatti waggaa darbe lafa hektaara kuma 90 ta'u irratti oomishaaleen dibataa facaafamuu isaanii yaadachiisanii, bara kana gara hektaara kuma 130tti guddisuuf karoorfamuu dubbataniiru. Hojii eegalame caalaatti bu'a-qabeessa gochuuf galteewwan qonnaa hundi yeroon akka qoonnaan -bulaa qaqqabu taasifamuusaa ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Booset Obbo Guutamaa Biiftuu gama isaaniitiin, lafa qonna gannaaf qophaa'e hektaara kuma 64 keessaa lafti hektaarri kumni 58 lafa kilaasteraan kan misoomu ta'u ibsaniiru. Aanichatti oomisha boloqqee ooyruu qonnaan bulaarratti kilaasteraan misoomu irraas hektaara tokko irraa hanga kuntaala 30 argachuuf karoorfamuus dubbataniiru
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataarratti argamuun ibsaa fi deebii ni kennu
Jul 6, 2026 201
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad Boru Waxabajjii 30,bara 2018 gabaasa raawwii hojii mootummaa kan bara baajataa 2018 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka dhiyeessan ibsame. Akka Heera Mootummaa RDFI keewwata 55 keewwata xiqqaa 17 fi Labsii Naamusaa fi Hoojimaata Mana Marichaa lakkoofsa 6/2008 keewwata 81 keewwata xiqqaa 1 fi 3 bu'uura godhateen, Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa RDFI Muummee Ministiraa fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu, akkasumas hojimaata qaama raawwachiisaa qorachuu, hordofuu fi to'achuuf aangoo qaba. Bu'uura Heera Mootummaa fi dambii hojimaata fi naamusaa miseensota mana marichaa kanaan, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa RDFI 6ffaan bara hojii waggaa 5ffaa, Walgahii Idilee 30ffaa Kibxata Waxabajjii 30 bara 2018 gaggeessuun, Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad mana marichatti argamuun gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2018 mootummaa fi baajata waggaa kan bara baajataa 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marii irraa ka'aniif ibsaa fi deebii ni kennu jedhamee eggama. Haaluma kanaan, manni marichaa gabaasaa fi yaada murtoo Koreen Dhaabbataa Dhimmoota Pilaanii, Baajataa fi Faayinaansii wixinee baajataa bara 2019 ilaalchisee dhiyeessu qorachuun labsii baajataa ni raggaasisa jedhamee akka eegamu ragaan mana marichaa irraa argame ni mul’isa.
Hojiiwwan milkaa'oon bara baajataa kanaan ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin raawwataman guddina damee kanaaf dandeettii guddaa uumaniiru
Jul 6, 2026 211
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Bara baajataa kanatti Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin hojiiwwan milkaa'oon hedduun raawwataman galmawwan karoorfaman milkeessuu bira dabree, guddina damee kanaatiif dandeettii guddaa kan uuman ta'uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee ibsaniiru. Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhaminsa naannawaa dhaabbilee itti waamamaa waliin ta'uun raawwii karoora bara baajataa 2018 gamaggamaa jira. Waltajjicharratti haasaa kan taasisan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee, bara baajataa kanatti ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin raawwiin karooraa hojii galmaa’e baay'ee olaanaafi milkaa'aa akka ture addeessaniiru. Hojiiwwan biyyaalessaa hedduunis bara kana keessa kan karoorfamee olitti milkaa’inni olaanaan akka itti galmaa’e eeraniiru. Riifoormiin dhaabbataa milkiidhaan raawwatamuusaa eeranii, hojjettootaaf naannoo hojii mijataa uumuu birattis hojiileen jajjabeessoon raawwatamuu isaanii dubbataniiru. Keessattuu, kenninsa tajaajila dhaabbatichaa fooyyessuuf hojiileen ijaarsa dandeettii raawwataman bu'a qabeessa ta'uu kaasanii; ministeerichii fi dhaabbileen itti waamamaa ta'an tajaajiloota kennan guutummaatti gara sirna dijiitalaatti ceessisuu danda'uu isaanii eeraniiru. Haaluma kanaan, hayyama daldalaa, galmeessa, fooyya'iinsaa fi haaromsuu waliin kan walqabatan tajaajiloota miiliyoona 3.4 ol ta'an toora intarneetiin kennuun danda'ameera jedhaniiru. Sirna daldalaa ammayyeessuu fi daldala al- ergii guddisuuf ilaalchisees hojiileen damee hedduu raawwatamuu kan ibsan ministirichi; milkaa’inoonni kunneen biyyattiin bara baajataa kanaan daldala ala-ergiirraa galii doolara biiliyoona 10.7 argachuuf karoorfatte milkeessuuf kan dandeessisanii fi dandeettii guddaa kan uuman ta'uu ibsaniiru. Dabalataan, wiirtuulee gabaa ammayyaa babal'isuun hojiileen jajjabeessoon raawwatamuu isaanii fi yeroo ammaa kana lakkoofsi wiirtuulee kanaa 31 ol gahuusaa dubbataniiru. Kanaan walqabatee, ijaarsi wiirtuulee gabaa loonii Sadarkaa lammaffaa 10 kan eegalame yoo ta'u, isaan keessaa lamaan isaanii xumuramanii bara baajataa kanaan tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii beksisaniiru.
Konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha haala milkaa’ina qabuun adeemsisuuf qophiin gahaan taasifameera - Koomishinara Olaanaa Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Jul 6, 2026 368
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Konfiraansii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa guddicha milkaa’inaan gaggeessuuf qophiin gahaan taasifamuu isaa Koomishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru. Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa, konfiraansii marii biyyaalessaa ijoo Adoolessa 8 irraa eegalee gaggeeffamuuf qophii duraa ilaalchisee ibsa miidayaaf kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti, waliigalatti bakka bu’oonni aanaalee, naannoo, federaalaa fi lammiilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan kuma 4 ta’an konfiraansii biyyaalessaa guddicha Giddugala Walgahii addi konveenshi keessatti gaggeeffamu irratti akka hirmaatan beeksisaniiru. Marii Giddugala Konveenshinii Addisitti gaggeeffamu kana irratti hirmaattota argamaniif haalli mijataan kan qophaa'e yoo ta'u, keessattuu dhimmootni hirmaattotaaf barbaachisoo ta'an hundi qophaa'uu Komiishinar Masfin ibsaniiru. Hirmaattota kutaalee biyyattii adda addaa irraa dhufaniif, komishinichi namoota tajaajila tolaa kennan waliin qindoomuun deeggarsa barbaachisu hunda akka kennus eeraniiru. Hirmaattonni kun Adooleessa 1 irraa jalqabee gara Finfinneetti seenuu akka jalqabanis ibsameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Walitti dhufeenyi Yuunivarsiitii, Hospitaalotaa fi Industirii Guddina Damee Fayyaa Afrikaaf Murteessaadha – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 6, 2026 211
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Guddina damee fayyaa Afrikaaf walitti dhufeenyi yunivarsiitiiwwan, hospitaalotaa fi industirii cimsuu akka barbaachisu itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru. Yaa'iin Barnoota Yaalaa Afriikaa 2ffaan mataduree "Humna Ogeessa Fayyaa Afriikaa Carraalee fi Qormaatilee Haarawaa Gara Fuulduraaf Qopheessuu" jedhuun har'a Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabeera. Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xuruunaa kora kana yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan muraasa darban keessatti barnoota ogeessota fayyaa babal'isuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetteetti. Manneen barnoota yaalaa haarawaan banamuu fi dhaabbileen turan akka ciman taasifamuu ibsuun, carraawwan dargaggoonni Itiyoophiyaa damee saayinsii fayyaa keessatti akka hirmaatan gargaaru guddisuuf hojjetameera jedhan. Waliigaltee naannawaa cimsuuf Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee ogeessota fayyaa biyyoota obboleeyyanii Afriikaa irra dhufaniif leenjiin kennamuus kaasaniiru. Itiyoophiyaan gaggeessummaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin sirna fayyaa Itiyoophiyaa humna uumama diijitaalaa fi hubannoo namtolcheen walitti hidhuun tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf hojjetaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e, inforamaatiksiin fayyaa, fayyaa diijitaalaa, roobootiksii fi qorannoo fayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame irratti kan xiyyeeffatu Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee kan jalqabaa banuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoon Namtolchee damee fayyaa keessatti jijjiirama ariifachiisaa fidaa jira kan jedhan Obbo Tamasgeen, akka ardiitti jijjiirama kana keessatti kalaqxoota, gaggeessitootaa fi babaliistota ta'uun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Jijjiiramni kun yuunivarsiitota irraa jalqabamuu akka qabu eeranii, hidhata akkaadaamii, warshaa fi shaakala kilinikawaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha jedhan. Utubaawwan sadan kunniin yeroo waliin hojjetan, kalaqni laaboraatoorii irraa gara dareetti, daree irraa gara ciisicha dhukkubsattootaatti, akkasumas ciisicha dhukkubsattootaa irraa gara gandaa fi magaalaa Afriikaa tokkoon tokkootti ga’uu danda’a jedhan. Afriikaan qormaata fi carraa kanaan dura argamee hin beekne waliin ga’uu irratti akka argamtu eeranii, Itiyoophiyaan yeroo mara guddina damee fayyaa ardichaaf kutannoo qabdu qabatamaan argirsiisaa jirti jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Siyaasa

Manni Maree Federeeshinii raawwii hojii koreewwan dhaabbataa qoratee raggaasise
Jul 6, 2026 355
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Manni Maree Federeeshinii raawwii hojii koreewwan dhaabbataa qoratee raggaasiseera. Manni maree Federeeshinii yaa'ii idilee isaa lammaffaa gaggeessaa jira. Ganama har’aa Manni marichaa gabaasa raawwii hojii koreewwan dhaabbii dhimma baajata deeggarsa fi galii waloo, akkasumas hiika Heera Mootummaa fi hordoffii raawwii murtiiwwan bara bajataa 2018 qoratee, mari’atee raggaasiseera. Miseensonni mana marichaa gabaasa raawwii hojii koreewwan dhaabbiitiin dhiyaatan irratti gaaffilee fi yaada adda addaa kan dhiyeessan yoo ta’u, hoggantoonni koreewwaniis deebii fi ibsa kennaniiru. Af-yaa’ii mana maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar, gabaasa raawwii hojii dhiyaate kan dhiyeessan yoo ta’u, Manni marichaa sagalee guutuun raggaasiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uuradha - Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Jul 2, 2026 3715
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uura ta’uu Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa beeksise. Ibsa tajaajilichi baaseen, Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti marsaa marii haaraa, hunda hammatee fi tarsiimoo keessa akka jirtu ibseera. Marsaan kun hirmaannaa bal’aa ummataatiin garaagarummaa caasaa fi siyaasaa jaarraa hedduuf ture hiikuuf, waltajjii qaroome irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf carraa seena qabeessa ta’edha. Aadaa siyaasaa yeroo dheeraaf waldhabdee fi komii keessootiin guutamee ture jijjiiruun mul’anni hunda hammatee fi waliigaltee biyyaalessaa bu’uura ijoo birmadummaa fi biyya badhaate taasisuu har’a hojiirra oolaa jira. Yeroo ammaa mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhimma filannoo osoo hin taane, dirqama seenaa biyya cimtuu, birmadummaa fi tasgabbaa'aa ijaaruu gaafatudha. Biyya akka Itiyoophiyaa aadaa fi ilaalcha siyaasaa garaa garaa qabdu keessatti, yaada paartii tokko qofa fe’uun furmaata waaraa fiduu hin danda’u. Kanaaf barbaachisummaan Marii Biyyaalessaa yeroo kamuu caalaa mul’achaa jira. Ajandaaleen marii gurguddoo saddeet Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa labse sagalee, abdii fi mul’ata lammiilee Itiyoophiyaa kutaalee biyyattii hundarraa fi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa dhufan kan calaqqisiisudha. Ajandaawwan kanneen milkaa’inaan hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa paartii tokkoo qofa miti; hirmaannaa dammaqinaan fi si’aa’inaa lammiilee Itiyoophiyaa hundaa gaafata. Milkaa’ina adeemsa seena qabeessa kana keessatti paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivikii, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonnii fi dhaabbileen biroo gahee mataa isaanii bahuu qabu jedheera. Adeemsi kun ijaarsa sirna dimokraatawaa Itiyoophiyaa jabeessuun biyya nagaa, wal amantaa fi tumsaan jiraatu dhaloota itti aanuuf dabarsee kennuuf carraa seenaa guddaadha. Carraa kanatti ogummaadhaan fayyadamnee hiree egeree biyya keenyaa waliin murteessuu qabna. Kanaaf yaadota hin barbaachifne ajandaalee adeemsa marii biyyaalessaa booressuuf socho’an dura dhaabbannee waldhaggeeffachuu fi wal hubachuuf dursa kenninee, adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti mallattoo gaarii mataa keenyaa kaa’uu qabna. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ogeeyyiin konfiraansii marii guddicha irratti ibsa ogummaa kennan beekumsa irratti hundaa’e hubannoon waloo akka uumamuuf hojjechuu qabu
Jul 2, 2026 2012
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Ogeeyyiin konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha irratti ibsa ogummaa kennan mariin sababaan akka qajeelfamuuf beekumsa irratti hundaa’e hubannoon waloo akka uumamuuf hojjechuu qabu. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii guddicha irratti ogeessota ibsa ogummaa kennan waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Waltajjicharratti Koomishinara Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa, Itti aanaa Koomishinara Olaanaa Hiruut Gabrasillaasee, komishinaroonni komishinichaa biroo fi hayyoonni affeeramanii argamaniiru. Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa wayita kana haasaa taasisaniin,Hayyoonni konfiraansii kana irratti ibsa ogummaa kennan damee ogummaa fi sadarkaa itti gaafatamummaa adda addaa irraa akka dhufan ibsaniiru. Komishinichi itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa akka itti kenname eeruun waggoota afran darban keessatti hojiiwwan hedduu milkaa’inaan raawwachuu isaa yaadachiisaniiru. Konfiraansiin marii guddichi adeemsa seenaa guddaa ta’uu ibsuun, adeemsi kun garee adda addaa saddeetitti kan qoodamu ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni yeroo konfiraansichaa ogummaa isaaniif amanamoo ta’anii beekumsa isaanii waliif qooduun adeemsichi sammuudhaan akka gaggeeffamu itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariin furuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf ni gargaaru – Hayyoota
Jul 1, 2026 3605
Waxabajjii 24/2018 (ENA): Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariidhaan furuun nageenyaa fi misooma waaraa dhugoomsuuf ni dandeessisu jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa. Ajandaalee yaa’ii Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 gaggeefamuuf dhiyaatan keessaa ijaarsa biyyaa, caasaa fi gurmaa’insa mootummaa, akkasumas sirna siyaasaa, bakka bu'insa siyaasaa fi sirni filannoo kanneen eeramaniidha. Dabalataanis, dhimmoota magaalota Federaalaa, dhimmoota amantii, haaloowwan seenaa fi dhimmoota araaraa, ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee akkasumas dhimmoota qonnaan bulaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii fi ijaarsi nageenyaa dhimmoota ijoo kan irratti marii’atamudha. Dhimmoota kanneen irratti hayyoota ENA’n dubbise keessaa ijaarsa biyyaatiif haala qaroomeen siyaasaa bilchaataa ta'een mari'achuun dhimma bu'uuraa ta'uu ibsaniiru. Koomishiniin Marii Biyaalessaa Itiyoophiyaas hojiin inni jalqabe kana galmaan ga’uuf gaheen isaa olanaadha jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa. Mariin olantumaa yaadaatiin imaammata filannoo biyyaaf tolu kan itti qophaa'u waan ta'eef, hojiirra oolmaa isaatiifis hirmaannaa ho’aa lammiilee kan gaafatu ta'uu dubbataniiru. Yaada isaanii kanneen kennan keessaa barsiisaan muummee barnoota bulchiinsa uummataa Yuunivarsiitichaa Dr. Fiqaaduu Toleeraa akka ibsanitti, mariin nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf gargaara jedhani. Haala kanaan Komishiniin Marii Biyyaalessaa uummata sadarkaa sadarkaan hirmaachisuun ajandaaleen inni adda baase, rakkoolee turan mariidhaan furuuf kan dandeessisan ta'uu dubbataniiru. Kanaanis hirmaannaan dammaqaa uummatni fi dhaabbileen siiviilii qaban, akkasumas paartileen siyaasaa dhimma biyyaa irratti waliin hojjechuunsaanii kan jajjabeeffamu ta'uu dubbataniiru. Yuunivarsiitii Jimmaatti Muummee barnoota Fookloorii Gargaaraan Pirofeesaraa Kaamiil Mahaammad gama isaaniitiin, duudhaalee marii mandhaalee gara aadaa siyaasaatti fiduun akka barbaachisu ibsaniiru. Adeemsi rakkoolee mariidhaan furuu hojii irra ooluun isaa nagaa fi misooma waaraa galmaan gahuuf akka dandeessisu eeraniiru. Hojiin Koomishinii Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaas garaagarummaa yaadaa gara teessootti fiduun fageenyi inni deeme kan jajjabeeffamu fi aadaa siyaasaa haaraa lafa qabsiisuuf carraa seenaa ta'uu dubbataniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haaraa hundaa’u imala badhaadhina jijjiirama biyyaalessaatiin uumame itti fufsiisuuf imaanaan uummataa irra jira
Jun 30, 2026 3775
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Bu’aa filannoo waliigalaa torbaffaa bu’uura godhachuun kan ijaaramu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa imala badhaadhina jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf imaanaa ummataa akka qaban dura taa’oonni koree dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibsaniiru. Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggaa shan shaniin ummataan kan filataman sirna filannoo waliigalaa, bilisaa, kallattii, haqa qabeessaa fi iccitii ta’een akka ta’e Heera mootummaa FDRE keewwata 54 irratti ifatti ibsameera. Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame hordofuun, injifataan Paartii Badhaadhinaa baatii Fulbaana dhufu keessa mootummaa haaraa ni hundeessa jedhamee eegama. Akka Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Karoora, Baajata fi Faayinaansii Mana Maree Dassaalenyi Wadajoo himanitti, filannoo waliigalaa torbaffaan fedhii cimaa lammiileen misooma, nagaa fi bulchiinsa gaariif qaban mirkaneessee jira jedhan. Bu’aa filannoo waliigalaa bu’uura godhachuun kan ijaaramu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa imala badhaadhinaa jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaa uumte itti fufsiisuuf imaanaa ummataa qaba jedhaniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii dhimma fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi ispoortii mana marichaa Doktar Taaddalee Buraakaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti piroojektoonni misooma biyyaalessaa hedduun ijaaramaa akka jiran himaniiru. Badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojii hordoffii fi to’annoo cimaa akka raawwatu manni maree haaraa kana ummanni imaanaa itti kenname ta’uus ibsaniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii seeraa fi haqaa mana maree kanaa kan biraan obbo Isaa Boruu, paartiileen siyaasaa filannoo booda dorgommii gara tumsaatti jijjiiruun dimokiraasii cimaa fi mootummaa ta’e ijaaruuf hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Hawaasni mootummaa cimsuu akka qabu eeruun, akkasumas mootummaan waadaa ummataaf gale raawwachuun piroojektoota misoomaa misoomaaf bu’a qabeessa ta’an ijaaruu qaba jedhani. Badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi kaayyoo misooma biyyaalessaa galmaan gahuuf qaamoleen hundi gahee isaa bahuu akka qabus ibsaniiru. Manni marichaa itti gaafatamummaa seerota galma misoomaa galmaan gahuu danda’an baasuu fi Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina taasisuu danda’u baafachuu qaba jedhaniiru. Misooma koridarii dabalatee pirojektoonni misoomaa adda addaa milkaa’inaan raawwatamaa akka jiran hubachiisuun, hawaasni beekumsa, anniisaa fi dandeettii qabuun mootummaa waliin hiriiruun guddina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee isaa bahachuutu irraa eegama jedhan. #ENA_Afaan Oromoo #ENA
Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Adam Faaraah
Jun 29, 2026 4393
Waxabajjii 22/2018(ENA) : Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii obbo Adam Faaraah ibsani. Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin mari’ataniiru. Cheen Haayin wayita sana Paartiin Kooministii Chaayinaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuufi Paartiin Badhaadhinaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarse dhiyeessaniiru. Paartichi ergaa isaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin nageenyiifi tasgabbii waaraan, tokkummaan biyyaalessaafi badhaadhinni gama hundaa akka mirkanaa’u amantaa qabu ibseera. Bu’aan filannichaa deeggarsa uummanni Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaaf qabu kan agarsiisuufi yeroo itti aanuttis paartichi uummata Itiyoophiyaa hirmaachisuun galma Itiyoophiyaa biyya fakkeenyummaatti ceesisuuf qabame akka dhugoomsu eereera. Paartichi waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman hojiirra akka oolaniif hojjechuu akka itti fufu akkasumas guddina biyyoota lameeniif tumsa cimaa akka uumu mirkaneesseera. Obbo Adam Faaraah gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa hariiroo uummattootaafi mootummootaa akkasumas tumsi Paartii Kooministii Chaayinaa waliin qabu cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Paartileen lameen yaadamoota mandhaleen hogganamuun furmaatawwan maddisiisuun bu’aa galmeessisuu eeruun, dhimmoota dam-daneessa irratti tumsaan hojjechuu irra darbee deeggarsa gama maraa dameewwan garaagaraarratti taasifamaa jiraniif galateeffataniiru. Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa albuuda, tajaajila, paarkii industirii, hubannoo namtolchee (artificial intelligence) fi ijaarsa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Qaamonni lamaan bu’aawwan gama hundaan argame itti fufsiisuu fi hariiroo paartilee cimsuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaanti Hasan Sheek Mohaammad waliin mari'atan
Jun 29, 2026 3952
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin mari'ataniiru. Dr. Abiyyi gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Walitti hidhamiinsa diinagdee nageenyaa fi tasgabbii akkasumas tasgabbii naannawicharratti mari’anneerra jedhan. Biyyoonni lameen daangaarra darbee ummattootaa fi egeree kan qoddatan ta’uu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataarratti argamuun ibsaa fi deebii ni kennu
Jul 6, 2026 201
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad Boru Waxabajjii 30,bara 2018 gabaasa raawwii hojii mootummaa kan bara baajataa 2018 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka dhiyeessan ibsame. Akka Heera Mootummaa RDFI keewwata 55 keewwata xiqqaa 17 fi Labsii Naamusaa fi Hoojimaata Mana Marichaa lakkoofsa 6/2008 keewwata 81 keewwata xiqqaa 1 fi 3 bu'uura godhateen, Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa RDFI Muummee Ministiraa fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu, akkasumas hojimaata qaama raawwachiisaa qorachuu, hordofuu fi to'achuuf aangoo qaba. Bu'uura Heera Mootummaa fi dambii hojimaata fi naamusaa miseensota mana marichaa kanaan, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa RDFI 6ffaan bara hojii waggaa 5ffaa, Walgahii Idilee 30ffaa Kibxata Waxabajjii 30 bara 2018 gaggeessuun, Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad mana marichatti argamuun gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2018 mootummaa fi baajata waggaa kan bara baajataa 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marii irraa ka'aniif ibsaa fi deebii ni kennu jedhamee eggama. Haaluma kanaan, manni marichaa gabaasaa fi yaada murtoo Koreen Dhaabbataa Dhimmoota Pilaanii, Baajataa fi Faayinaansii wixinee baajataa bara 2019 ilaalchisee dhiyeessu qorachuun labsii baajataa ni raggaasisa jedhamee akka eegamu ragaan mana marichaa irraa argame ni mul’isa.
Walitti dhufeenyi Yuunivarsiitii, Hospitaalotaa fi Industirii Guddina Damee Fayyaa Afrikaaf Murteessaadha – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 6, 2026 211
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Guddina damee fayyaa Afrikaaf walitti dhufeenyi yunivarsiitiiwwan, hospitaalotaa fi industirii cimsuu akka barbaachisu itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru. Yaa'iin Barnoota Yaalaa Afriikaa 2ffaan mataduree "Humna Ogeessa Fayyaa Afriikaa Carraalee fi Qormaatilee Haarawaa Gara Fuulduraaf Qopheessuu" jedhuun har'a Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabeera. Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xuruunaa kora kana yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan muraasa darban keessatti barnoota ogeessota fayyaa babal'isuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetteetti. Manneen barnoota yaalaa haarawaan banamuu fi dhaabbileen turan akka ciman taasifamuu ibsuun, carraawwan dargaggoonni Itiyoophiyaa damee saayinsii fayyaa keessatti akka hirmaatan gargaaru guddisuuf hojjetameera jedhan. Waliigaltee naannawaa cimsuuf Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee ogeessota fayyaa biyyoota obboleeyyanii Afriikaa irra dhufaniif leenjiin kennamuus kaasaniiru. Itiyoophiyaan gaggeessummaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin sirna fayyaa Itiyoophiyaa humna uumama diijitaalaa fi hubannoo namtolcheen walitti hidhuun tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf hojjetaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e, inforamaatiksiin fayyaa, fayyaa diijitaalaa, roobootiksii fi qorannoo fayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame irratti kan xiyyeeffatu Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee kan jalqabaa banuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoon Namtolchee damee fayyaa keessatti jijjiirama ariifachiisaa fidaa jira kan jedhan Obbo Tamasgeen, akka ardiitti jijjiirama kana keessatti kalaqxoota, gaggeessitootaa fi babaliistota ta'uun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Jijjiiramni kun yuunivarsiitota irraa jalqabamuu akka qabu eeranii, hidhata akkaadaamii, warshaa fi shaakala kilinikawaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha jedhan. Utubaawwan sadan kunniin yeroo waliin hojjetan, kalaqni laaboraatoorii irraa gara dareetti, daree irraa gara ciisicha dhukkubsattootaatti, akkasumas ciisicha dhukkubsattootaa irraa gara gandaa fi magaalaa Afriikaa tokkoon tokkootti ga’uu danda’a jedhan. Afriikaan qormaata fi carraa kanaan dura argamee hin beekne waliin ga’uu irratti akka argamtu eeranii, Itiyoophiyaan yeroo mara guddina damee fayyaa ardichaaf kutannoo qabdu qabatamaan argirsiisaa jirti jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Miidiyaaleen nageenya ijaaruu keessatti gahee isaanii cimsuu qaba
Jul 6, 2026 204
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayee akka jedhanitti, miidiyaaleen nageenya ijaaruuf gumaacha qaban cimsuu akka qaban ibsaniiru. Komishinichi marii biyyaalessaa milkeessuu keessatti gahee miidiyaan taphachuu danda’u irratti ogeessota miidiyaaf leenjii kennaa jira. Baniinsa leenjii kanaa irratti Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayee akka jedhanitti, miidiyaaleen nageenya ijaaruu keessatti gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru. Waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi dantaa biyyaalessaa kabachiisuuf midiyaan meeshaa murteessaa fi ijoo ta’uus hubachiisaniiru. Hojiin miidiyaa odeeffannoo kennuu kuni, hojii dhala namaa baraaruu ta’uu eeruun, odeeffannoo sirrii ta’e akka argatan gochuudhaan sochiiwwan guyyaa guyyaa hawaasaa karaa gaariin qajeelchuu keessattis miidiyaaleen gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Bulchiinsichatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa karaa qindaa’een furuun bu’aawwan qabataan argamaniiru
Jul 6, 2026 173
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ka’an hojmaata qindaa’een deebisuun bu’aawwan qabatamaan galmaa’uusaanii Kantiibaan Bulchiinsichaa obbo Kadir Juhaar ibsani. Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara hojii 3ffaa waggaa 5ffaa yaa’ii idilee 12ffaasaa gaggeessaa jira. Kantiibaa bulchiinsichaa obbo Kadir Juhaar gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 mana mareef dhiheessaa jiru. Akka Gabaasa isaaniin ibsanitti, gaaffilee bu’uuraa misoomaa fi bulchiinsa gaarii jiraattota bulchiinsichaa karaa qindaa’een furuuf xiyyeeffannoon hojjetameera. Bara kana dabalatee hojiileen waggoottan shanan darban keessa raawwataman gaaffilee kana deebisuu irratti bu’aawwan qabatamaan kan argaman ta’uu kaasaniiru. Keessattuu, hojiileen bu’uuraalee misoomaa uummataa gara oomishtummaatti ceessisuuf raawwataman, pirojektonni jallisii fi bishaanii gaaffilee uummata baadiyyaa qabatamaan kan deebisan ta’uusaanii ibsaniiru. 'Masoob' Tajaajilli wiirtuu tokkoo gaaffilee bulchiinsa gaarii baroota dheeraa hiikuu akka dandeessise dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qindaa’aan raawwatames magaalattii jireenyaa fi investimantiif filatamaa gochaa jiraachuus himaniiru. Waggoottan darban keessa damee investimantiitiin hojiileen raawwataman magaalattii wiirtuu industirii fi tajaajilaa taasisaa jiraachuu kaasanii, tarkaanfii hojiiwwan bu’aa qabeessaa fi qabatamaa kana gara sadarkaa olaanaatti ceessisuun cimee akka itti fufu ibsaniiru. Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara hojii 3ffaa waggaa 5ffaa yaa’ii idilee 12ffaasaan raawwii karooraa kantiibichi dhiheessan irratti mari’achuun gabaasicha ni raggaasisa jedhamee eegama. Yaa’iin guyyoota lamaaf gaggeeffamu kun gabaasicha malees raawwii karoora dhaabbilee mana mareef itti waamama ta’anii fi baajata bara baajataa 2019 Bulchiinsa Dirree Dhawaa irratti mari’achuun ni raggaasisa jedhamees eegama.
Diinagdee
Naannichatti Oomishaalee galii qonnaan-bulaa guddisanii fi daldala Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jul 6, 2026 282
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti oomishaalee galii Qonnaan-bulaa guddisanii fi gabaa Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennamuusaa Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsan. Naannichatti Godina Shawaa Bahaa Aanaa Bosetitti hojiin omisha boloqqee kilaateraan facaasuu bakka hoggantoonni Naannoo, Godinaa fi Aanaa argamaniin eegalameera. Wayita sana Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa, naannichatti omishtummaa qonnaa dachaan dabaluu cinaatti, galii qonnaan-bulaa guddisuuf oomishaalee Al-ergiirratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin har'a Aanaa Boset Ganda Dongoree Ciyoositti ,boloqqee kilaasteraan facaasuun jalqabame kun agarsiistuu kanaaf ragaa tokko ta'uusaa eeranii, muuxannoowwan gaggaariin akkasii akka babal'atan ni taasifama jedhaniiru. Keessattuu, qonnaan-bultoonni naannichaa galii qonna irraa argatan caalaatti akka guddisaniif, oomishaalee dibataa ooyruusaaniirratti kilaasteraan akka misoomsan xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabuu Waaqoo gama isaaniitiin, godinichatti waggaa darbe lafa hektaara kuma 90 ta'u irratti oomishaaleen dibataa facaafamuu isaanii yaadachiisanii, bara kana gara hektaara kuma 130tti guddisuuf karoorfamuu dubbataniiru. Hojii eegalame caalaatti bu'a-qabeessa gochuuf galteewwan qonnaa hundi yeroon akka qoonnaan -bulaa qaqqabu taasifamuusaa ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Booset Obbo Guutamaa Biiftuu gama isaaniitiin, lafa qonna gannaaf qophaa'e hektaara kuma 64 keessaa lafti hektaarri kumni 58 lafa kilaasteraan kan misoomu ta'u ibsaniiru. Aanichatti oomisha boloqqee ooyruu qonnaan bulaarratti kilaasteraan misoomu irraas hektaara tokko irraa hanga kuntaala 30 argachuuf karoorfamuus dubbataniiru
Hojiiwwan milkaa'oon bara baajataa kanaan ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin raawwataman guddina damee kanaaf dandeettii guddaa uumaniiru
Jul 6, 2026 211
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Bara baajataa kanatti Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin hojiiwwan milkaa'oon hedduun raawwataman galmawwan karoorfaman milkeessuu bira dabree, guddina damee kanaatiif dandeettii guddaa kan uuman ta'uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee ibsaniiru. Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhaminsa naannawaa dhaabbilee itti waamamaa waliin ta'uun raawwii karoora bara baajataa 2018 gamaggamaa jira. Waltajjicharratti haasaa kan taasisan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee, bara baajataa kanatti ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'aniin raawwiin karooraa hojii galmaa’e baay'ee olaanaafi milkaa'aa akka ture addeessaniiru. Hojiiwwan biyyaalessaa hedduunis bara kana keessa kan karoorfamee olitti milkaa’inni olaanaan akka itti galmaa’e eeraniiru. Riifoormiin dhaabbataa milkiidhaan raawwatamuusaa eeranii, hojjettootaaf naannoo hojii mijataa uumuu birattis hojiileen jajjabeessoon raawwatamuu isaanii dubbataniiru. Keessattuu, kenninsa tajaajila dhaabbatichaa fooyyessuuf hojiileen ijaarsa dandeettii raawwataman bu'a qabeessa ta'uu kaasanii; ministeerichii fi dhaabbileen itti waamamaa ta'an tajaajiloota kennan guutummaatti gara sirna dijiitalaatti ceessisuu danda'uu isaanii eeraniiru. Haaluma kanaan, hayyama daldalaa, galmeessa, fooyya'iinsaa fi haaromsuu waliin kan walqabatan tajaajiloota miiliyoona 3.4 ol ta'an toora intarneetiin kennuun danda'ameera jedhaniiru. Sirna daldalaa ammayyeessuu fi daldala al- ergii guddisuuf ilaalchisees hojiileen damee hedduu raawwatamuu kan ibsan ministirichi; milkaa’inoonni kunneen biyyattiin bara baajataa kanaan daldala ala-ergiirraa galii doolara biiliyoona 10.7 argachuuf karoorfatte milkeessuuf kan dandeessisanii fi dandeettii guddaa kan uuman ta'uu ibsaniiru. Dabalataan, wiirtuulee gabaa ammayyaa babal'isuun hojiileen jajjabeessoon raawwatamuu isaanii fi yeroo ammaa kana lakkoofsi wiirtuulee kanaa 31 ol gahuusaa dubbataniiru. Kanaan walqabatee, ijaarsi wiirtuulee gabaa loonii Sadarkaa lammaffaa 10 kan eegalame yoo ta'u, isaan keessaa lamaan isaanii xumuramanii bara baajataa kanaan tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii beksisaniiru.
Rakkoo damee invastimantiin jiru bu'uurarraa furuur xiyyeeffannoon hojjetama
Jul 4, 2026 1062
Waxabajjii 27/2018(ENA): Rakkoo damee invastimantiin mudatu bu'uurarraa furuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ahimad Indiriis ibsan. Sagantaa kanaanis carraawwan, haalota mijatoofi sochiiwwan Investimentii Magaalaa Shaggar dhiyaachuun marii bal'aan taasifameera. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa Magaalaa Shaggar ilaalchisuun fooramiin invastimentii Finfinnee Hoteela Iskaaylaayitiitti gaggeeffameera. Waltajjicharratti yaadaa fi gaaffiin hojii invastimentii keessatti mudachaa jiru hirmaattotarraa ka'ee marii'atameera. Fooramicharratti argamuun waltajjii marii kan gaggeessan obbo Ahimad, rakkoolee hojii keessatti Investeroota mudachaa jiru kaasuun tajaajila si’ataa kennuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa rakkoo bu'uuraalee misoomaa fi bulchiinsa gaarii gama Invastimentiin jiru furuun magaalaa Shaggar giddugala invastimentii taasisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetan ibsaniiru. Magaalaa shaggar magaalaa invastimentii fi hawaasaa taasisuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru. Daarektarri Manufakcheringii Industirii Itiyoophiyaa Dr.Milkeessaa Jaagamaa mootummaan rakkoo invastimentiin jiru furuuf kenna tajaajilaa teekinooloojiin deeggarame diriirsuusaa ibsaniiru. Tajaajila invastimantii si’ataa fi ammayaa’aa taassisuuf indoominaan hojjechuun murteessaa ta’uus ibsaniiru. Waltajjicharratti hoggantonni Federaalaa,Naannoo fi bulchiinsa magaalaa Shaggar dhimmichi ilaallatu,dureeyyonni biyya keessaa fi Alaa hirmaachuun marii’ataniiru.
Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa magaalaa shaggar ilaalchisuun fooramiin invastimentii gaggeeffamuu eegale.
Jul 4, 2026 764
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Carraalee gurguddoo Invastimantii fi kenna tajaajilaa magaalaa shaggar ilaalchisuun fooramii invastimentii finfinnee hoteela Iskaaylaayitiitti gaggeeffamaa jira. foramicharratti kantiibaan Magaalaa shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa Haasaa baninsaa taasisaniin magaalaa shaggar gidduugala invastimantii Afriikaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Investimentii shaggar dhugoomsuuf hudhaalee jiran maksuun, Haala mijataa jirutti fayyadamuun bu'aa qabeessa ta'uuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Waltajjicharratti hoggantonni Federaalaa,Naannoo fi bulchiinsa magaalaa shaggar dhimmichi ilaallatu,dureeyyonni biyya keessaa fi Alaa hirmaachaa jiru. Magaalichi dureeyyota carraa invastimantii argatanii hojiitti galan jajjabeessaa jiraachuu eeraniiru. Waltajjicharratti haala mijataa jiruutti fayyadamuu fi rakkoolee jiran maksuuf bal'inaan mariin akka gaggeefamu ibasameera. Agarsiisnii fiEksipoon idil addunyaa 2ffaan qopheessummaa magaala shaggariin guyyaa 2f turu kaleessaa eegaluunsa ni yaadatama.
Saayinsii fi teeknooloojii
Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale
Jul 6, 2026 215
Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 3412
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 4117
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa jirti
Jun 23, 2026 3122
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa akka jirtu waajjira ministira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriyaam Se’iid ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. Waajjira ministiira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriiyaam Se’iid Itiyoophiyaan Kanaan dura hojmaattota bittinnaa’aa turan eenyummaa dijitaalaatiin, kaffaltii fi waljijjiirraa daataatiin caasaalee dinagdee qindaa’aa keessatti galchuun hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa kaa’aa akka jirtu dubbataniiru. Biyyattiin tajaajila mootummaa walitti fiduun akkasumas dandeettii man-dhalee waloomaan guddisuu irratti akka argamtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiraa akka jirtu gorsituun kun ibsaniiru.
Ispoortii
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 2850
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 1779
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32
Jun 28, 2026 2700
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera. Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru. Haaluma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala. Ramaddii 3ffaa irraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaa irraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru. Kana malees Neezerlaandii fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi ISwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u. Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaandii fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 6230
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 819
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Hambaa guddaan Ijoollee keenyaaf dabarsinu Itiyoophiyaa Qulqulluu, Lalistuu, Fayyaaleettii fi Waaraa taate ta'uu qaba – Itti Aanaa ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 5, 2026 662
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Hambaa guddaan ijoollee keenyaaf hafu Itiyoophiyaa qulqulluu, lalistuu fi fayyaaleessaa taate ta'uu qaba jedhan Itti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti Aanaan Ministira Muummee sosochii biyyaalessaa "Itiyoophiyaa Qulqulluu Dhalootaaf" 3ffaa har'a jalqabsiisaniiru. Itti Aanaan ministira Muummee ergaa isaaniitiin; sochiin kun ijoollee keenyaa fi dhaloota dhufuuf biyya qulqulluu, fayyaaleessaa fi lalistuu ijaaruuf waadaa waliinii galle bifa haaraa dhaan kan haaromsinedha jedhaniiru. Faalamni pilaastikii, kosii fi sagalee dhimmoota eegumsa naannoo qofa akka hin taane ibsuun; fayyaa uummataa, indaastirii Tuuriizimii, investimentii fi carraa egeree biyya keenyaa waliin kallattiin kan walqabatan dhimmoota nageenya biyyaalessaa fi misoomaa ta'uu isaanii ibsaniiru. Marsaan sochii kanaa inni amma Axaraashaa Magariisaa (Ashaaraa Magariisaa), misooma Koriidarii fi misooma qarqara laggeenii waliin qindaa'ee kan raawwatamu yoo ta'u; jechootaan alatti bu'aawwan lakkaa'amuu danda'an, itti-gaafatamummaa dhaabbataa fi jijjiirama amala waaraa irratti akka xiyyeeffatu eeraniiru.
Jilli Hawaasa Dippilomaasii Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa magaalaa seena qabeettii Laallibalaatti gaggeesse
Jul 4, 2026 1445
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Miseensonni Jila Hawaasa Dippilomaasii Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Magaalaa seena qabeettii Lalibelaatti gaggeessan. Ambaasaaddaroonnii fi hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa teessoo isaanii Finfinnee godhatan Ashaaraa magariisa isaanii kan UNESCO’n galmaa’e Manneen Kiristaanaa Laalibalaatti kaa’aniiru. Jilli dippilomaasii magaalaa seena qabeettii Laalibalaa daawwachaa jiru kun kaleessa Waldoota addunyaa irratti beekamoo ta’an dhagaa tokko irraa bocaman daawwataniiru. Daawwannaa isaaniitiin alattis har’a iddoo hambaa ta’e bataskaana Laalibalaa kanatti ashaaraa isaanii kaa’aniiru. Jilli kun biqiltuu dhaabuun isaa sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yoo ta’u, kunis ajandaa misooma addunyaa kan hambaalee fi eegumsa naannoo walitti fidu ta’uu ibsameera. Daawwannaan kun Itiyoophiyaan bakka turistootaaf nageenyaafi hawwataa ta’uu ishee addunyaaf kan agarsiise yoo ta’u, damee turizimii haaromsuuf carraa guddaa uumeera. Bakka bu’oonni hawaasa addunyaa bakka hambaa kana irratti biqiltuu dhaabuun isaaniis akka agarsiisa tumsa addunyaa hambaalee addunyaa kunuunsuu fi jijjiirama qilleensaa waliin qolachuutti ilaalama.
Itiyoophiyaan sagantaalee tarsiimoo eegumsa naannoo hojiirra oolchuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fitsum Asaffaa
Jul 4, 2026 719
Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Biyya qulqulluu, fayyaa fi magariisaa dhaloota itti aanuuf dabarsuudhaaf kan eegalame duulli “Itiyoophiyaa Qulqulleettii Dhalootaaf” akka biyyaatti gaggeeffamaa ture marsaa sadaffaa har’a bakka itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti ifatti eegalameera. Ministirri Ministeera Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Duula Itiyoophiyaa qulqulluu jedhu marsaa sadaffaan bu’aa marsaa lamaan darban keessatti argame bal’inaan babal’isuun misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo biyyattiif dandeettii guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Sochiin kun lammiileef naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e uumuu fi Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo waloo ta’uu ibsaniiru. Babal’inni magaalaa, balfi pilaastikii baay’achaa dhufuu, keemikaalota balaafamaa fi balfa sirnaan bulchuu dhabuun, faalama sagalee fi rakkoolee naannoo biroo fayyaa lammiilee, nageenya naannoo fi imala keenya gara misooma itti fufiinsa qabuutti qormaata ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo hedduu hojiirra oolchaa jira jedhan. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee akka jedhanitti, Sochiileen Itiyoophiyaa Qulqullina marsaa lamaan darban gaggeeffaman eegumsa naannoo irratti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Marsaa jalqabaatiin namoota miliyoona 15 ol kan ,marsaa lammaffaatiin ammoo mala miidiyaa adda addaatiin namoota miliyoona 54 ol qaqqabsiisuun abbummaan akka hirmaatan taasifameera jedhani. Sochiin kun marsaa 3ffaan faalama pilaastikii, ittisa keemikaalota balaafamaa fi balfa balaafamaa, akkasumas ittisa faalama sagalee irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii eegumsa naannoo bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsuun, milkaa’inni isaas hirmaannaa ummataa cimaa fi kutannoo waloo akka barbaadu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 11397
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 13376
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.