ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Sirreeffamtoota seeraa 600 oliif dhiifamni taasifame
Sep 10, 2026 49
Sirreeffamtoota seeraa 600 oliif himannaan irratti baname adda cituun dhiifamni taasifameefi Qaammee 5/2018 (ENA): Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa namoota dhuunfaa sirna heera mootummaa humnaan kuffisuuf yaalii gochaa turan jedhamanii mana amala sirreessaa jiran hiikuuf ji’oota 5 darbaniif mootummaa waliin hojjechaa akka ture beeksiseera. Sirreeffamtoonni ajaja mana murtiitiin to'annoo seeraa jala turan obbo Kiristaan Taaddalaa Dabalatee 600 ol dhiifamni taasifameefii akka gad lakkifaman yoo ta’u, kanneen dhaddacharra turan ammoo himannaan isaanii adda kutuun akka gad lakkifaman Komishinarri omishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa obbo Biraanuu Adeeloo ENAtti himaniiru. Dhiifamaa fi himannaan isaanii adda cituun dabalataan mirgi isaanii seeraan addaan citee ture akka deebi'u ibsameera. Sirreeffamtoonni 28 gaaffii dhiifamaa dhiyaateef waan hin fudhanneef mana amala sirreessaa keessa akka jiran ibsameera.
Afyaa'iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar ergaa baga ittiin isin gahee dabarsa
Sep 10, 2026 92
Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan Qaammee 5/2018 (ENA) : Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar bara haaraa 2019 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Obbo Aganyoo ergaa isaaniin, barri haaraan namoonni kaleessarraa akka barataniifi boru abdiin ijaaruuf imala haaraa kan itti jalqabanidha jedhan. Itiyoophiyaan aadaa, afaan duudhaa hedduu qabaachuu eeruun, heddumminni kun qabeenyaa fi miidhagina walooti malee kan qoodinsaa miti jedhan. Barri haaraan seenessi garaagartee kan itti cabu, tokkummaan sabdaneessummaa kan itti bu’uureeffamuu akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniru. Manni Maree Federeeshinii jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii gaggesseen itti gaafatamummaa mootummaan itti kenne sadarkaa olaanaan bahachuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru. Manni marichaa walqixxummaa ummattootaarratti kan hundaa’e tokkummaan sabdaneessummaa akka cimu, hiikni heera mootummaa akka kennamuu fi qoodinsi galii mootummaa federaalaa fi naannoolee akka fooyya’uuf hojiileen hojjetamuu kaasaniiru. Obbo Aganyoo Itiyoophiyaanota hundaaf barri haaraan kan nagaa, jaalalaa, tokkummaa fi Badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.
Ayyaana sababeeffacuun richiitiin ni dhukaafama
Sep 10, 2026 72
Ayyaana Bara Haaraa 2019 Sababeeffachuun Richiitiin ni dhukaafama - Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Qaammee 5/2018(ENA): Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Bara Haaraa sababeeffachuun halkan har'aa Qaammee 5, 2018 halkan waarii sa'aatii 6:00 hanga 6:15tti richiitiin kan dhukaafamu ta'uu beeksiseera. Boru Fuulbaana 1, 2019 kan kabajamu Ayyaana Bara Haaraa 2019 simachuuf qophii taasifameen, dhukaasni richiitii kun Hoteela Sharaatan Addiis, Hoteela Monaarkii fi bakkeewwan Koka Kolaa Itoophiyaatti daqiiqaa 15f kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Kanas hawaasni odeeffannoo gahaa fi sirrii akka qabaatuuf Qajeelchi Waliigalaa Ol’aanaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ergaa dabarsera.
Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Sep 10, 2026 67
Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan Qaammee 5/2018(ENA): Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo bara haaraa 2019 sababeeffachuun lammiilee Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanota hidda dhaloota Itiyoophiyaa guutuu biyyattii fi biyya alaa jiraniif ergaa bara haaraa dabarsaniiru. Afyaa’iin kun ergaa isaanii keessatti barri haaraan bara kanaa seenaa siyaasaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti bakka addaa akka qabu ibsaniiru. Filannoon biyyaalessaa 7ffaan bifa bilisaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’een akka gaggeeffame kan hubachiisan Afyaa’iin kun sadarkaa seena qabeessa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haaraan aangoo heera mootummaa isaa fudhatee mootummaa itti ijaaru irra jirra jedhan. Barri haaraan kun jijjiirama seenaa qofa osoo hin taane seenaa keessatti boqonnaa haaraa Itiyoophiyaan fooyya’aa, cimtuu fi dimokiraatawaa itti ijaaramtu ta’uu ergaa isaanii keessatti akeekaniiru. Afyaa’iin kun waggoota shanan darbanitti Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan imala jijjiirama biyyattii bu’uura seeraa fi guutuu ta’een raawwachuu isaa, akkasumas hojiiwwan seera baasuu, to’annoo fi bakka bu’ummaa itti gaafatamummaa guddaadhaan raawwachuu isaa yaadachiisaniiru. Manni maree 7ffaan imala jijjiiramaa eegalame itti fufsiisuun mala dhaabbilee cimsuun badhaadhina waliigalaa biyyattii mirkaneessuuf itti gaafatamummaa seena qabeessa bahachuu ibsaniiru. Afyaa’iin Taaggasaa Caafoo barri haaraa kan nagaa, jaalala, tokkummaa fi badhaadhina akka ta'u hawwii qaban dabarsaniiru.
Pireesidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Sep 10, 2026 110
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan Qaammee 5/2018 (ENA): Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen Ayyaana bara haaraa 2019 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Barri haaraan bara imala abdii qabeessa dhiifamaafi mariin eegalle itti cimsinu, Itiyoophiyaaf dursa kennuun daandii qajeelaarra imallu, kan nagaa, jaalalaa, tokkummaafi milkaa’inaa nuuf haa ta’u jedhaniiru.
Siyaasa
Yaa’iin marii biyyaalessaa milkaa’inaan xumuramuunsaa Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa kan banee fi abdii ifaa kan fidedha
Sep 10, 2026 170
Qaam’ee 5/2018 (ENA)- Yaa’iin marii biyyaalessaa dhimmoota biyyaarratti hammataa fi hirmaachisaa ta’e milkaa’inaan xumuramuunsaa Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa kan banee fi abdii ifaa kan fide ta’uu komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa ibsan. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojiilee yeroo hojiisaa hafetti xumuramuu qaban akka raawwatu beeksiseera. Komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa hojiilee ijoo bara 2018tti hojjetamanii fi hojiilee ijoo yeroo yeroo hafetti raawwataman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin barri bajataa 2018 milkaa’inaan xumuramuusaa dubbatanii, milkaa’inoota keessaa yaa’iin marii biyyaalessaa milkaa’inaan xumuramuunsaa kan eeramu ta’uu dubbataniiru.
Barri Haaraan injifannoowwan dabalataa gama dippilomaasiitiin galmeessuuf caalaatti kan itti hojjennuudha
Sep 9, 2026 481
Qaammee 4/2018 (ENA): Barri Haaraan, milkaa’inoota dippilomaasii baroota darban galmaa’an irraa ka’uun injifannoowwan dabalataa galmeessuuf, mul’ata haaraa horachuuf, akkasumas dandeettii haaraa guddisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu isaa Itti gaafatamaan Waajjira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Addaam Tasfaayee ibsan. Ministeerri Dhimma Alaa fi dhaabbileen itti waamamani isaanii ministeerichaaf ta’an, Guyyaan Daneessummaa mata-duree “Daneessummaan miidhagina Itoophiyaati” jedhuun kabajaniiru. Sirna kabaja ayyaanichaa irratti hoggantoonni hojii olaanoon Ministeera Dhimma Alaa fi dhaabbileen itti waamamni isaanii ministerichaaf ta’an, dippilomaatonni akkasumas hojjettoonni waajjirichaa argamaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Ministeera Dhimma Alaa, Obbo Addaam Tasfaayee, ergaa dabarsaniin, guyyaan Daneessummaa kabajamaa jiru kun yeroo filannoon waliigalaa biyyattii milkaa’inaan itti xumuramee fi Mareen Biyyaalessaa milkaa’inaan itti gaggeeffame waan ta’eef, yeroo seena qabeessa ta’uu ibsaniiru. Bara xumurame keessatti dameewwan bu’uuraalee misoomaa, diinagdee, eegumsa naannoo fi dippilomaasii, akkasumas dameewwan biroo keessatti milkaa’inoonni olaanoon galmaa’uu isaanii ibsaniiru. Guyyoonni Qaammee olka’insa, cichoomina, Daneessummaa fi Egeree yaadachuun milkaa’inoota galmeessine itti lakkoofsinu, akkasumas bara haaraaf mul’ata haaraa itti qopheessinu ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inoota dippilomaasiin galmaa’an bu’uura godhachuun, bara haaraa keessatti bu’aa caalmaa fi injifannoowwan dabalataa galmeessuuf kutannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga guyyaa gamtaa Afriikaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Sep 9, 2026 360
Qaam’ee 4/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga guyyaa gamtaa Afriikaan isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin, Itiyoophiyaan dhaabbata tokkummaa Afriikaa duraaniirraa eegalee amma gamtaa Afriikaa ammaatti imala Ardichaa keessatti sagalee cimaa ta’uudhaan kan turtee fi ammallee sagalee ta’aa jirtudha; Finfinneenis bakka jireenyaa gamtoomina ardii taatee ni tajaajilti jedhaniiru.
Ijaarsi seenessa waloo walitti fidaan tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hojjetamaa jiru bu’aa buusaa jira
Sep 9, 2026 264
Qaam’ee 4/2018 (ENA) - Ijaarsi seenessa waloo walitti fidaan daneessummaa fi sabdaneessummaa Itiyoophiyaa bu’ureeffate, kan tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hojjetamaa jiru bu’aa buusaa akka jiru daarektarri olaanaa wiirtuu barsiisa heera mootummaa fi federaalizimii Dr. Hayilayyasuus Dastaa ibsan. Sabdaneessummaa gabbisuun tokkummaa biyyaalessaa, nagaa fi guddina misoomaa cimsuuf murteessaa ta’uusaa daarektarichi dubbataniiru. Itiyoophiyaan sabdaneessummaan kan miidhagde, ummattoota duudhaalee fi galmoota biyyaalessaaf hojjetan akkasumas carraa waloomaatiin walitti hidhatan qabdudha. Doktar Hayilayyasuus Dastaa ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, daneessummaa fi sabdaneessummaa Itiyoophiyaa ijaarsa seenessa waloof oolchuudhaan seenessa walitti fidu gama ijaaruutiin bu’aaleen galmaa’aniiru.
Itoophiyaan Qormaatilee adda addaa Cichoominaan Keessa Darbuun Injifannoowwan Boonsaa Galmeessaa Jirti — Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii
Sep 9, 2026 301
Qaammee 3/2018 (ENA) — Itoophiyaan qormaatilee adda addaa cichoominaan keessa darbuun injifannoowwan boonsaa galmeessaa akka jirtu Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagaar ibsan. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii, Guyyaa Cichoominaa mata duree “Cichoominaa Itoophiyaa, Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun, Golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti sagantaalee garaagaraatiin kabajaniiru. Sagantaa kanarratti hojiiwwan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa Itoophiyaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa, Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Saayibarii fi Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa raawwachaa jiran yaadatamaniiru. Kaayyoon guyyaa kanaa inni guddaan, hojiiwwan dhaabbileen kunneen dameewwan garaagaraa keessatti cichoominaa fi olka’iinsa Itoophiyaaf hojjechaa jiran beekamtii kennuu fi ergama isaanii itti aanu sadarkaa olaanaadhaan akka itti fufan jajjabeessuu ta’uun ibsameera. Akkasumas, badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf tattaaffii biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti gahee dhaabbilee kanaa, bu’aawwan argamaa jiran akkasumas muuxannoowwan gaarii irratti mariin gaggeeffameera. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii kunneen adeemsa ijaarsa biyyaarratti faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuu, nageenya cimsuu fi ol’aantummaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti hojiiwwan boonsaa raawwachaa jiranis saganticharratti yaadatamaniiru. Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagaar yeroo kanatti akka jedhanitti, Itoophiyaan qormaatilee garagaraa cichoominaan keessa darbuun injifannoowwan boonsaa galmeessaa jirti. Filannoo Waliigalaa marsaa torbaffaa milkaa’inaan gaggeeffamuu isaa kan yaadachiisan Af-yaa’iin kun, ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa fi adeemsi marii biyyaalessaa karaa bu’a qabeessa ta’een xumuramuun isaanii agarsiistota cichoomina Itoophiyaanotaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataan, gaaffii abbummaa hulaa galaanaa deebisuuf tattaaffiin dipilomaasii jalqabame, agarsiistuu imala cichoominaa Itoophiyaa kan biraa ta’uu eeraniiru. Haa ta’u malee, imalli guddinaa fi badhaadhinaa biyyaalessaa kun akka hin milkoofneef qaamoleen keessaa fi alaa hojjetan jiraachuu eeruun, sochiiwwan akkanaa ittisuuf tokkummaa biyyaalessaa hin raafamne, waliigaltee cimaa biyyaalessaa fi walitti dhufeenya hawaasaa uumuun murteessaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Dhaloonni har’aa biyya abbootiin keenya wareegama kaffaluun tursiisan cichoominaan eeguun, dhaloota itti aanuuf dabarsuuf itti-gaafatamummaa guddaa akka qabuus hubachiisaniiru. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii immoo biyya cimsuu fi nageenya ishee mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran ibsaniiru.
Cichoominaa fi Itoophiyummaan Wal-irraa adda hin ba’an
Sep 8, 2026 628
Qaammee 03/2018 (ENA): Qormaatilee hedduun Itoophiyaa seenaa ishee keessatti dabarsite fi ciminni biyya baraaruu eenyummaa uummata Itoophiyaa waliin kan wal-irraa adda hin bane ta'uu miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Izziin gidduugaleessaa Daalol beeksisan. Magaalaa Jimmaatti Qaammee3 "Guyyaa Cichoominaa" sababeeffachuun sagantaaleen adda addaa gaggeeffamaa jiru. Sagantaa kana irratti hogganoonni fi miseensonni Waraana Iizzii gidduugaleessaa Daalol, Kantiibaan Magaalaa Jimmaa, bakka bu'oonni dhaabbilee nageenyaa fi keessummoonni affeeramani biroon argamaniiru. Itti gaafatamaan Ijaarsa Xiinsammuu gidduugala Iizzii Daalol Leetanaal Koloneel Argaawu Laggasaa, cichoominnii fi Itoophiyummaan kan wal-irraa adda hin baane ta’uu, uummatti Itoophiyaa ciminaa fi mo'atummaadhaan har'as biyya isaatiif dhaabbachuu isaa ibsaniiru. Cichoominni yaadni jedhu jabaachuu, yeroo rakkoo danda'anii mo'achuu fi amaanaa kennameef kutannoodhaan dhaabbachuu kan gaafatu ta'uu ibsuun; Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa biyya fi uummata isaatiif aarsaa kan kafalu, nagaa fi nageenya uummataa kutannoodhaan kan eegu tajaajilaa uummataa ta'uu dubbataniiru. Leetanaal Koloneel Argaawu akka jedhanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa diina biyyaa fi uummata yaaddessu duubatti deebisuuf Loltuu jabaa kutannoodhaan kan qolatu ta’uu ibsaniiru. Miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Iizzi gidduugaleessa Daalol Shaambal Fitsum Bisiraatii fi Shaambal Engidawu Taaddasaa akka jedhanitti, Itoophiyummaan cichoomina hin sarmine ta’uu ibsaniiru. Biyya abbootiin keenya dhiiga isaaniitiin eeganii nuuf dabarsan, Rayyaan Ittisa Biyyaa dhiiga isaatiin eegee kan ittifuufsiisu ta'uu dubbataniiru. Haaluma walfakatuun, miseensonni Iizzii giddugala kanaa Siiniyer Waaraant Ofiseer Ahimad Abdallaa fi Ajajaa dhibbaa Yooseef Gurbiyaawu, Rayyaan Ittisa Biyyaa har'as teeknoolojii gahaadhaan deeggaramee dhaabbannaa jabaa irratti kan argamu ta'uu ibsuun, miseensa waraana kanaa ta'uun baay'ee kan nama boonsudha jedhaniiru. Miseensonni Loltuu gidduugala Iizzii kanaa ENA'f akka ibsanitti, cichoomina jechuun biyya fi uummataaf amanamummaadhaan dhaabbachuu fi aarsaa ta'uudha; biyyaaf lubbuu kafaluun Rayyaa Ittisa Biyyaatiif boonsa guddaadha. Nagaa fi tokkummaa Itoophiyaa eegsisuuf kutannoodhaan hojjechuu keenya itti fuufna jedhaniiru. Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar sagantaa kana irratti argamuun akka jedhanitti, Itoophiyaan waggoota hedduudhaaf qormaata keessa kan dabarsite ta'us, aarsaa ijoollee isheetiin jabaattee har'as mo'atummaadhaan dhaabbatteetti jechuun ibsaniiru. Obbo Xahaan dabalataan akka ibsanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa olaantummaa Itoophiyaatiif har'as aarsaa kafaluudhaan biyya fi uummata eegaa, biyya ceesisaa jira jedhaniiru.
Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojiilee qabatamaa raawwataniin fakkeenya cichoominaa ta’aniiru
Sep 8, 2026 468
Qaam’ee 3/2018 (ENA)- Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojiilee qabatamaa raawwataniin fakkeenya cichoominaa ta’uusaanii ajajaan itti aanaa qajeelcha walii galaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Malaakuu Faantaa ibsan. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Qaam’ee 3 guyyaa cichoominaa yaadannoo injifannoo Adwaatti sagantaalee garagaraan kabajamaa jiru. Ajajaan itti aanaa qajeelcha walii galaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Malaakuu Faantaa wayita kana akka jedhanitti, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojii bu’a qabeessa hojjetaniin fakkeenya cichoominaa ta’aniiru. Guyyaan kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa bayyanachuutti cehuushee kan agarsiisu ta’uu dabalanii dubbataniiru. Raayyaan ittisa biyyaa, poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo (INSA) fi inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa fayidaa ummataa fi biyyaa gama kabachiisuutiin hojiilee bu’a qabeessa hojjetaniiru jedhaniiru. Gaachana biyyaa fi fakkeenya cichoominaa ta’uudhaan akkasumas dameesaaniitiin hojiilee bu’a qabeessa hojjechuudhaan gumaacha olaanaa biyyaaf gumaachuusaanii eeraniiru. Guyyaan kun boqonnaa seenaa guddaa bu’aa caaluuf waadaa kan itti galamu ta’uu ibsaniiru.
Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha- Pireesidaanti Ordiin Badirii
Sep 8, 2026 459
Qaammee 3/2018 (ENA): Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha jedhan Pireesidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii. Naannoo Harariitti Qaammeen 3 Guyyaan Cichoominaa kabajameera. Sagantaa kana irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, miseensonni raayyaa ittisaa fi humnoonni nageenyaa biroo, abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi kanneen biroo argamaniiru. Milkaa'ina har'a arganne kanaaf iccitiin guddaan qormaata adda addaa keessa osoo jirruu ciminaan hojjechuu fi qabsaa'uudha jedhan Ordiin Badiriin. Injifannoo fi bu’aa ba’ii gurguddaa galmeessisuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuu dandeenyeerra jedhan. Akkasumas ciminni safartuu kutannoo hin sarbamne kan duudhaawwan misoomaa, jiraachuu fi abbaa biyyummaa birmadummaa keenya eeguuf gatii kaffalamu ta’uu dubbataniiru. Rakkoolee nu mudatan irraa baqachuu osoo hin taane, hamileedhaan fudhannee dandeettii gara balbala carraa haaraatti ce'uu horachuu keenyatu kanaan nu gahe jedhan. Hojii ijaarsa sabaa obbolummaa , akkasumas tokkummaa fi waliin jireenyaa jalqabne itti fufuu qabnas jedhaniiru. Itiyoophiyaa wareegamaa fi gootummaa abbootii keenyaatiin kabajamte cimsuu itti fufna kan jedhan immoo humnoota nageenyaa saganticha irratti argamanidha. Hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii nageenyaa cimsuun eegalame cimsuun gahee keenya ni bahanna jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Hawaasummaa
Afyaa'iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar ergaa baga ittiin isin gahee dabarsa
Sep 10, 2026 92
Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan Qaammee 5/2018 (ENA) : Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar bara haaraa 2019 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Obbo Aganyoo ergaa isaaniin, barri haaraan namoonni kaleessarraa akka barataniifi boru abdiin ijaaruuf imala haaraa kan itti jalqabanidha jedhan. Itiyoophiyaan aadaa, afaan duudhaa hedduu qabaachuu eeruun, heddumminni kun qabeenyaa fi miidhagina walooti malee kan qoodinsaa miti jedhan. Barri haaraan seenessi garaagartee kan itti cabu, tokkummaan sabdaneessummaa kan itti bu’uureeffamuu akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniru. Manni Maree Federeeshinii jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii gaggesseen itti gaafatamummaa mootummaan itti kenne sadarkaa olaanaan bahachuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru. Manni marichaa walqixxummaa ummattootaarratti kan hundaa’e tokkummaan sabdaneessummaa akka cimu, hiikni heera mootummaa akka kennamuu fi qoodinsi galii mootummaa federaalaa fi naannoolee akka fooyya’uuf hojiileen hojjetamuu kaasaniiru. Obbo Aganyoo Itiyoophiyaanota hundaaf barri haaraan kan nagaa, jaalalaa, tokkummaa fi Badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.
Ayyaana sababeeffacuun richiitiin ni dhukaafama
Sep 10, 2026 72
Ayyaana Bara Haaraa 2019 Sababeeffachuun Richiitiin ni dhukaafama - Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Qaammee 5/2018(ENA): Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Bara Haaraa sababeeffachuun halkan har'aa Qaammee 5, 2018 halkan waarii sa'aatii 6:00 hanga 6:15tti richiitiin kan dhukaafamu ta'uu beeksiseera. Boru Fuulbaana 1, 2019 kan kabajamu Ayyaana Bara Haaraa 2019 simachuuf qophii taasifameen, dhukaasni richiitii kun Hoteela Sharaatan Addiis, Hoteela Monaarkii fi bakkeewwan Koka Kolaa Itoophiyaatti daqiiqaa 15f kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Kanas hawaasni odeeffannoo gahaa fi sirrii akka qabaatuuf Qajeelchi Waliigalaa Ol’aanaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ergaa dabarsera.
Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Sep 10, 2026 67
Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan Qaammee 5/2018(ENA): Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo bara haaraa 2019 sababeeffachuun lammiilee Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanota hidda dhaloota Itiyoophiyaa guutuu biyyattii fi biyya alaa jiraniif ergaa bara haaraa dabarsaniiru. Afyaa’iin kun ergaa isaanii keessatti barri haaraan bara kanaa seenaa siyaasaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti bakka addaa akka qabu ibsaniiru. Filannoon biyyaalessaa 7ffaan bifa bilisaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’een akka gaggeeffame kan hubachiisan Afyaa’iin kun sadarkaa seena qabeessa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haaraan aangoo heera mootummaa isaa fudhatee mootummaa itti ijaaru irra jirra jedhan. Barri haaraan kun jijjiirama seenaa qofa osoo hin taane seenaa keessatti boqonnaa haaraa Itiyoophiyaan fooyya’aa, cimtuu fi dimokiraatawaa itti ijaaramtu ta’uu ergaa isaanii keessatti akeekaniiru. Afyaa’iin kun waggoota shanan darbanitti Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan imala jijjiirama biyyattii bu’uura seeraa fi guutuu ta’een raawwachuu isaa, akkasumas hojiiwwan seera baasuu, to’annoo fi bakka bu’ummaa itti gaafatamummaa guddaadhaan raawwachuu isaa yaadachiisaniiru. Manni maree 7ffaan imala jijjiiramaa eegalame itti fufsiisuun mala dhaabbilee cimsuun badhaadhina waliigalaa biyyattii mirkaneessuuf itti gaafatamummaa seena qabeessa bahachuu ibsaniiru. Afyaa’iin Taaggasaa Caafoo barri haaraa kan nagaa, jaalala, tokkummaa fi badhaadhina akka ta'u hawwii qaban dabarsaniiru.
Pireesidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Sep 10, 2026 110
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan Qaammee 5/2018 (ENA): Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen Ayyaana bara haaraa 2019 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Barri haaraan bara imala abdii qabeessa dhiifamaafi mariin eegalle itti cimsinu, Itiyoophiyaaf dursa kennuun daandii qajeelaarra imallu, kan nagaa, jaalalaa, tokkummaafi milkaa’inaa nuuf haa ta’u jedhaniiru.
Diinagdee
Barri haaraan tokkummaa biyyaalessaa cimsuun miira hojii olaanaadhaaan hojiileen misoomaa hunda galeessaa kan itti gabbatanidha
Sep 10, 2026 99
Qaam’ee 5/2018 (ENA)- Barri haaraan tokkummaa biyyaalessaa cimsuun miira hojii olaanaadhaaan hojiileen misoomaa hunda galeessaa kan itti gabbatanidha jedhan pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii dubbatan. Pirezidaanti Ordiin Badrii ‘guyyaan egeree” naannichatti wayita kabajamu ergaa dabarsaniin, barri 2018 addaa fi seena qabeessadha jedhaniiru. Filannoo biyyaalessaa 7ffaa karaa nagaa, demokiraatawaa fi bilisa ta’een gaggeessinee ummanni abbaa aangoo ta’uusaa sagaleesaatiin kan itti mirkaneesse waltajjiin demokiraasii guddaan kan itti gaggeeffamedha jechuun ibsaniiru. Bu’urri hawaasummaa Paartilee dorgomtootaa waliin hojjechuun kaa’amuusaatiin bu’aaleen waliigaltee biyyaalessaa gabbisan kan itti argamedha jedhaniiru. Adeemsa siyaasaa fi demokiraasii cinaatti, barri 2018 hojiileen misoomaa hawaasummaa fi dinagdee gurguddoon jireenya lammiilee fooyyessan kan itti galmaa’anidha jechuun ibsaniiru. Misoomni kooriidaraa, hawattoonnii turuzimii fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan hatattamaan ijaaramanii tajaajilaaf bara itti oolan ta’uu kaasaniiru. Hojii qonnaa fi misooma naannawaa, sagantaa ashaaraa magariisaan wabii nyaataa mirkaneessaa jirra jedhaniiru. Barri 2018 kaka’umsii fi kutannoon olaanaan kan itti mul’ate, hirmaannaa fi fayyadamni ummata keenyaa kan itti mirkanaa’e ta’uu ibsaniiru. Barri haaraas tokkummaa biyyaalessaa kan itti cimsinu, olaantummaa seeraa kan itti mirkaneessinuu fi bu’ura misoomaa cimaa kan itti keenyudha jedhaniiru. Hojiilee fayyadamummaa ummattoota magaalaa fi baadiyyaa jiraatan mirkaneessaniif xiyyeeffannoon adda ni kennamaaf jechuun hubachiisaniiru. Nageenyaa fi olaantummaa seeraa naannichaa caalaatti cimsuudhaan duudhaa wal danda’uu fi walooma ummataa cimsuuf hojiin hojjetamu xiyyeeffannoon ni kennamaaf jechuun ibsan.
Magaalaan Shaggar tajaajila ummataa ammayyeessuuf cehumsa dijitaalaa si’achiisaa jirti
Sep 10, 2026 95
Qaam’ee 5/2018 (ENA)- Magaalaan Shaggar tajaajila ummataa ammayyeessuu fi mul’ata magaalaa egeree milkeessuuf cehumsa dijitaalaa si’achiisaa jiraachuu kantiibaan magaalattii Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsan. Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa Qaam’ee 5 guyyaa egeree sababeeffachuun kutaa magaalaa Ekkaa Xaafootti kan ijaarame gamoo tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kantiibichi wayita kana akka jedhanitti, magaalaan Shaggar mul’ata magaalaa egeree milkeessuuf teeknooloojii, dijitaalaayizeeshinii fi misooma magaalaa fulla’aa xiyyeeffannaan hojiirra oolchaa jirti.
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 10, 2026 99
Imala Itoophiyaan gara Naannoo Daldala bilisaa Afrikaatti taasistu hojii qabatamaan mirkaaneessee Itoophiyaan imala gara Naannoo daldala walaba Afrikaatti (AfCFTA) taasistu hojii qabatamaan mirkaneessaa jirti. Har'a magaalaa Moojotti argamuun, lafa hektaara 60 irratti kan ijaarame Buufata Loojistikii ammayyaa babal’isuu keessaa marsaa jalqabaa eebbifneerra. Pirojektiin kun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif akkasumas Itoophiyaatiif gahee olaanaa kan qabudha. Pirojektiin guddan kun, waggaatti kontenaara fe’umsaa faana 20 dheeratan (TEU) hanga miliyoona tokkootti siqan keessummeessuu kan danda’an buufataalee fi manneen kuusaa ammayyaa qaba. Fe’umsawwan goggogaa biyya keessatti akka fe’amanii fi ergaman taasisuun, sharafa alaa qusachuu qofa osoo hin taane, lammiilee keenyaaf carraa hojii bal’aa ni uuma. Saffisa hojiiwwan buufatichaa guddisuuf, yeroo jalqabaatiif biyya keenya keessatti Kireeniin Baabura Irratti Hojjetu (Rail-Mounted Gantry Crane) ijaaramee jira; kunis kontenaaroota sarara baaburaa irratti geejjibsiisuu fi dabarsuu saffisa olaanaadhaan raawwata. Adeemsi hojii guutuun isaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa ammayyaatiin kan walitti hidhame waan ta'eef, maamiltootaaf tajaajila saffisaa fi amanamaa akka kennamu ni taasisa. Sararri kun Itoophiyaa-Jibuutii qofa irratti kan hundaa’e osoo hin taane, qaama Kooridarii “DASU” kan Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Ugaandaa walitti hidhu ta’uun isaa, sadarkaa loojistikii addunyaa irratti gahee Itoophiyaan qabdu ni fooyyessa. Kunis walitti hidhamiinsa dinagdee naannawaa keenyaa gara sadarkaa guddinaa haaraatti kan ceesisu, akkasumas ga’umsa Itoophiyaa damee loojistikii addunyaa keessatti kan cimsu milkaa’ina seena qabeessadha.
Misoomnii fi guddinni si’ataan magaalaa Finfinnee raajiidha
Sep 10, 2026 95
Qaam’ee 5/2018 (ENA)-Misooma kooriidaraa fi ijaarsa dinagdee magariisaa dabalatee misoomni si’ataa fi guddinni magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kan raajeffamu ta’uusaa Itiyoophiyaatti itti aanaan ambaasaaddaraa Jarman Dr. Fardiinaand Fon Bahee ibsan. Magaalaan Finfinnee guyya guyyaatti jijjiiramaa fi guddina haaraa galmeessisaa jiraachuushee arguusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaatti itti aanaan ambaasaaddaraa Jarman Dr. Fardiinaand Fon Bahee ENA’f akka ibsanitti, jijjiiramni magaalattiin waggoota sadan darban galmeessisaa jirtu raajiidha. Waggoottan sadan Itiyoophiyaa keessa turanitti misooma kooriidaraa fi hojiilee misoomaa magaalattiitti hojjetamaa jiraniin jijjiirama guddaa arguusaanii dubbataniiru. Misoomni Finfinnee keessatti hojjetame magaalattii namoota lafoo fi bishkileetiin deemaniif mijattuu kan taasisee fi bashannanaaf filmaata ta’uu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru magaalattiin miidhagduu fi bakka magariisaa akka taatu gumaacha taasisuusaa dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo barana gaggeeffame qofaan biqiltuuwwan miiliyoona 800 ol dhaabamuusaa kaasanii waggoottan darban biqiltuuwwan hedduun dhaabamuusaanii dubbataniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaginaa fi eegumsa naannoon olitti faayidaan dinagdeef qabu olaanaa ta’uusaa ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa
Sep 10, 2026 726
Mootummaan Ida’amuu ergama teeknoolojii ammayyaa addunyaan bira geessee fi gahuuf jirtu teeknoolojii guddina dinagdee fi hawaasummaaf fayyadamuu qabu keessaa tokko kan ta’e Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence - AI) teeknoolojii furtuu fi xiyyeeffannoo guddaa kennameefii hojjechaa jira. Itoophiyaan teeknoolojii kanaan addunyaa waliin tarkaanfachuun, humna dargaggootaa ijaaruu fi tajaajila uummataa ammayyeessuu irratti hojii seena-qabeessa raawwachaa jirti. Hojiilee gurguddoo fi dhaabbilee Hubannoo Namtolchee (AI) guddisuuf hojjetaman, fayyadamummaa lammiilee fi bifa biyyaas olkaasuun sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti guddisuun beekamtii argatteetti. Hojiilee gurguddoo Itoophiyaan agama kanaan hojjette ijoo isaanii isiniif dhiyeessina Itti dhiyaadhaa. 1. Dhaabbilee fi Inisheetiiviiwwan Hubannoo Namtolchee Gurguddoo (Key AI Institutions & Initiatives) Mootummaan bu'uura teeknoolojii fi beekumsaa uumuuf dhaabbilee fi sagantaalee gurguddoo armaan gadii diriirsee jira: Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa (Ethiopian Artificial Intelligence Institute - EAII): Bakkaa fi Dhaabbata: Finfinnee keessatti kan hundeeffame dhaabbata qorannoo fi misooma teeknoolojii hubannoo namtolchee (AI) ti. Gummaacha fi Hojii: Instityootiin kun fayyaa, qonna, tajaajila faayinaansii, fi seera kabachiisuu keessatti meeshaalee teeknoolojii AI fi algorizimoota biyya keessaa oomishaa jira. Keessattuu teeknoolojii afaanota biyya keessaa (Afan Oromo, Amharic, etc.) fi sirna adda baasa fuulaa (face recognition) ijaaruun tajaajila uummataaf dhiheessa. Inisheetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miliyoona 5 (5 Million Ethiopian Coders Initiative): Ergamaa fi Hojii: Dargaggoota biyya keessaa leenjii koodingii, barnoota AI (Artificial Intelligence), data science, fi ‘cloud computing’ toora intarnetaatiin leenjisuun dandeettii dijitaalaa isaanii guddisuuf sagantaa guddaa jalqabamedha. Hanga ammaatti karooraan ol hojjetaeera. Fayyadamummaa: Dargaggoota miliyoona hedduun lakka'amaniif teeknoolojii ammayyaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta'an uumuu fi carraa hojii teeknoolojii dijitaalaatiin deeggarame bantee jira. Teeknooloojii Daataa fi Muster AI (Tech Hubs & Data Centers): Ijaarsa giddugala Daataa sadarkaa idil addunyaa (National Data Center) fi bakka leenjii dargaggootaa uumuudhaan, hubannoo namtolchee irratti qorannoon akka babal’atuu fi oomishni teeknoolojii akka babal'atu deeggarsa ni kenna. 2. Fayyadamummaa Lammiilee Mirkanaa'e Teeknoolojiin AI yaad-rimee qofa ta'ee osoo hin hafiin, jireenya guyyaa guyyaa lammiilee irratti jijjiirama fidaa jira: Sektaara Fayyaa keessatti: Hubannoo Namtolchee(AI) fayyadamuun fakkiiwwan yaala fayyaa (medical imaging/X-ray/CT scan) xiinxaluudhaan dhukkuboota akka kaansarii fi daranyoo sombaa dafee adda baasuu fi wallaansa saffisaa kennuuf deeggarsa gochaa jira. Sektaara Qonnaa keessatti: Hubannoo namtolchee fayyadamuun dhukkuboota biqilootaa fi gabbina biyyee balleessan xiinxaluudhaan qonnaan bultootaaf gorsa teeknoolojiin deeggarame kennuu, akkasumas lafa qonnaa sattalaayitiidhaan hordofuun bu’aa olaanaa kennaa jira. Afaanota Biyya Keessaa ammayyeessuu: AI fayyadamuun afaanota akka Afaan Oromoo fi Amaaraa toora intarnetiitiin hiikuun, dubbii ykn sagalee gara barreeffamatti jijjiiru (speech-to-text) fi qorannoo NLP (Natural Language Processing) irratti hojjechuun lammiileen afaan dhaloota isaaniitiin teeknoolojii akka fayyadaman taasisaa jira. Faayinaansii fi FinTech: Bankiilee fi dhaabbilee maallaqaa keessatti sirna AI fayyadamuun odeeffannoo soobaa (fraud detection) ittisuu fi tajaajila baankii toora intarnetan kennamu saffisiisuun tajaajila olaanaa kennaa jira. 3. Fakkeenyummaa Sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti Qabu Hojiileen AI Itoophiyaa keessatti hojjetaman fakkeenyummaa fi dhiibbaa guddaa sadarkaa ardii fi addunyaatti uumanii jiru: Giddugaleessa Teeknoolojii Afrikaa (African AI Hub): Itoophiyaan Inistitiyuutii AI hundeessuun fi bajata guddaa itti ramaduun Afrikaa keessatti biyyoota muraasa teeknoolojii kanaan fuulduratti tarkaanfatan keessaa tokko taatee jirti. Biyyoonni Afrikaa biroonis muuxannoo fi qorannoo ‘EAII’ irraa muuxannoo horachuuf Itoophiyaa daawwachaa jiru. Biyyoonni Afrikaa muuxannoo AI Itoophiyaan galmeessifte kana gara biyyoota Afrikaa birootti akka babal’isaniif Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Gamtaan Afrikaa Dursaa Damee Hubannoo Nam-tolchee (Artificial Intelligence - AI) fi Fayyaa Dijitaalaa taasisuun muude. Beekumsaa fi Misooma Biyya Keessaa: Galteewwan Hubannoon Namtolchee addunyaa irratti oomishamu baay'inaan afaanotaa fi aadaa dhihaa irratti hunda'a. Itoophiyaan garuu teeknoolojii AI aadaa, afaan fi haala dinagdee Afrikaatiif ta'u oomishuu keessatti fakkeenya guddaa taatee jirti. Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee: Itoophiyaan akka Afrikaatti isa jalqabaa kan ta’e yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuun waadaa galtee gara hojiitti seenteetti. Dorgomtummaa Idil-Addunyaa: Dargaggoonni inisheetiivii leenjii AI fi koodarootaa baratan gabaa idil-addunyaa (remote jobs, global IT market) irratti dorgomuu danda'aniiru. Kaniinis Itoophiyaa biyya teeknoolojii ammayyaatiin beekamtuu fi qophii qabdu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira. Walumaagalatti, mul'atni Mootummaa Ida'amuu AI irratti qabu Itoophiyaa teeknoolojii biyya biraatii Bitattuu qofa osoo hin taane, teeknoolojii Oomishtuu fi kalaqxua sadarkaa Afrikaa fi idil addunyaatti akka taatu gochuuf bu'uura cimaa kaa'eera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Imala Dijiitaala Itoophiyaa
Sep 10, 2026 159
Itoophiyaan guddina hundagaleessa imala badhaadhina milkeessu galmaan ga'uuf tarkaanfilee gurguddaa galmoota tarsimaa'a waliin qopheessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Tarkaanfilee tarsiimaa'a kanneen keessaa dijiitaala Itoophiyaan isa tokkoo dha. Itoophiyaa Dijiitaalaa 2030n waggoota dhiyootti dandeettii teeknoolojii biyyattii ol kaasuu xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirti. Guddinni teeknoloojii dijiitaalaa Itoophiyaa saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, karoora Dijiitaatala Itoophiyaa 2030 (Digital Ethiopia 2030) irratti huda'uun utubaa dinagdee biyyattii ta'aa jira. Keessattuu tajaajilawwan mootummaa fi dhuunfaa gara sirna dijiitaalaatti jijjiiruun milkaa'ina guddaan argameera. Tarsiimoon kun utubaawwan gurguddoo sadii irratti hundaa'a. "Itoophiyaan Dijiitaalaa 2030 dhaqqabamummaa bal'isuu, carraa wal-qixa uumuu fi dhaabbilee fi uummata hunda biratti amantaa uumuu irratti xiyyeeffata. Misooma digiitaalaa kana keessatti dhimmoonni ijoon akka armaan gadiitti ibsamu: 1. Bu'uuraalee Misoomaa fi (Telecom) Lakkoofsa Maamiltootaa: Lakkoofsi maamiltoota bilbila (mobile) miliyoona 97 kan gahe yoo ta'u, fayyadamtoonni intarneetaa miiliyoona 57 qaqqabaniiru. Tajaajila 4G fi 5G: Magaalonni kuma1 fi 030 ol tajaajila intarneeta saffisaa 4G kan argatan yoo ta'u, karoora 'Digital Ethiopia 2030' tiin tajaajila 5G gara magaalaa 100tti babal'isuuf hojjetamaa jira. 2. Kaffaltii Dijiitaalaa Kaffaltiin dijitaalaa Itoophiyaa keessatti waggoota dhihoo as saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, tajaajiloonni garaagaraa fi sirnoota kaffaltii haaraa fayyadamuun bakka jiranitti bittaa, gurgurtaa fi kaffaltii gibiraa raawwachuun ni danda'ama. Telebirr fi Kaffaltiiwwan Biroo: Sirni kaffaltii maallaqa harkaa malee ykn dijiitaalaa gabaa keessatti baay'ee babal'ateera. Telebirr, Ethiopay, fi appilikeeshiniin baankota dhuunfaa fi mootummaa tajaajila dinagdee saffisiisaniiru. 3. Eenyummeessa Dijiitaalaa (Fayda - National ID) Sirni eenyummeessa biyyaaleessaa dijiitaalaa (Fayda) lammiilee miiliyoona dhibbaa ol walitti hidhuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, kutaalee tajaajila baankii,tajaajiloonni biroon fi tajaajilawwan mootummaa argachuuf akka ulaagaa ijoo ta'etti tajaajilaa jira. Faayidaan eenyummeessaa imala dijitaalessuu kan milkeessudha. Tajaajilootni hedduunis waraqaaa eenyummeessa dijitaalaan kennamuu eegalaniiru. 4.Tajaajilawwan Mootummaa Dijiitaalessuu Mootummaan Itoophiyaa tajaajilawwan isaa 900 ol gara sirna digiitaalaatti jijjiireera. Kunis iftooma uumuuf, rakkoo bulchiinsa gaarii , qisaasama yeroo fi maallaqaa hanbisuun hawaasni tajaajila si’ataa akka argatuuf gargaareera. Walumaagalatti, imalli dijiitaalaa Itoophiyaa hojii dhabdummaa hir'isuu, kalaqa haaraa jajjabeessuu, fi dinagdee beekumsaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee tarkaanfataa jira. Tajaajila wiirtuu tokkoo masoob sadarkaa biyyaalessati babal’isuun imala dijiitaala 2030 dhugoomsuu fi itti fayyadama hawaasaa guddisuuf hojjetamaa jira. Galmi isaa dorgommii dirree teeknoloojii jaarraa 21ffaa keessa seenuu yoo ta'u, kenni tajaajila mootummaas iftooma, haqa qabeessummaa si'ataa taasisuun al-seerummaafi hoj-maata badaa qolachuuf kan gargaarudha. Kanaanis imala dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti qabame kan milkeessudha.
Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti-tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Sep 10, 2026 94
Egereen kan murtaa’u hojii har’a hojjennuuni! Milkaa’inni boruu kan bocamu carraaqqii keenya har’aatiini. Kan darberraa muuxannoo gaarii fudhachuun, kan har’aa sirriitti hubachuun har’arra dhaabachuun mul’ata boruu ijaaruun amantaa cimaa fi amala mootummaan keenya ittiin beekamudha. Beekumsa man-dhalee teeknooloojii ammayyaa waliin walitti hidhuun egeree baraaruuf qophaa’uun itti gaafatama guddaa dhaloota kanarraa eegamu akka ta’e mootummaan cimseetu amana. Dijitaalaayizeeshinii akka damee dinagdeetti fudhachuun xiiyyeeffannoon guddaan kennameefii hojjetamaa kan jiru kanaafi. Itiyoophiyaan dhaloota dhufuuf mindaa malee idaa hin dhaalchiftu. Dhimma yeroon gaafatuuf deebii kennuu dadhabuun idaa dhalootaati. Biyyi keenya guddattoota miiliyoonaan lakkaa’aman mana barumsaa keessatti soorachiisuun kan barsiiftu kanaafi; dargaggoota miiliyoonaan lakkaa’aman leenjii koodarsii bilisaatiin ga’oomsaa kan jirtu kanaafi; yunivarsiitii hubannoo nam-tolchee kan jalqabaa hundeessaa kan jirtu kanaafi. Egereen beekumsa teeknooloojii malee, egereen nageenya saayibarii malee, egereen birmadummaa odeeffannoo malee balaa jiraachuu akka ta’e mootummaan keenya ni hubata; kanaaf ammoo dhaloota ni qopheessa. Damee dinagdee jedhamaa kan ture qonni bara dheeraaf boodatti hafaa kan jedhame fuulduraaf teeknooloojiin alatti itti fufiinsisaa balaarra jira. Balaawwan uumamaa fi nam-tolchee of eeggannoon duraa fi deebii kennuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaadha. Tajaajiloota mootummaa qulqullinaa fi hatattamaan lammiilee qaqqabsiisuuf hojmaatileen baroota darbanii boruuf mitii har’aafiyyuu nama hin baasan. Dargaggoota sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda’anii fi hojii uuman baay’isuuf ogummaan dijitaalaa baay’ee barbaachisa. Itiyoophiyaan wantoota kana irratti xiyyeeffachuun hojjechaa waan jirtuufidha “Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti” kan jennuuf. Qaam’ee guyyaa shanaffaa guyyaa egeree jennee kabajuun keenya barri itti aanu dandettii dorgommii teeknooloojii kan barbaadu, murteen odeeffannoo xiinxaluu irratti hundaa’e kan itti kennamu, qorannoowwqan qonnarraa amma saayinsii hawaatti teeknooloojii dijitaalaan kan gargaaraman jala bultiirra waan jirruuf dhaloota kana madaalu baay’isuuf akka hojjennu hubachiisuufi. Qaam’ee 5 moggaasa guyyaa egeree jedhuun kabajamuunsaa dijitaalaayizeeshiniin ijaarsaa fi kabajamuu birmadummaa Itiyoophiyaa egereef biyyi keenya cehumsa dijitaalaayizeeshiniirra akka jirtu ibsuufi.
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 5 Guyyaa Egeree ilaalchisuun dabarsan
Sep 10, 2026 137
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 5 Guyyaa Egeree sababeeffachuun dabarsan Cehumsa Tekinooloojii Biyyaalessaa waraqatarraa gara dijiitaalaa, fayyadamtummaarraa gara kalaquutti! Kaleessa barachuufi sirreessuun, har’a kutannoo olaanaan ijaaruun tiraanisfoormeeshiniin dijiitaalaa aaddaa keenya hoggayyuu ta’aa jira. Daldalaafi tajaajila ni si’oomsa, walgeettii odeeffannoo ni mirkaneessa, sektaroota ni ammayyoomsa! Sochiin Koodaroota Itoophiyaa miliyoona 5 dargaggoota kalaqxoota artifiishaal intelejensii taasisuudhaan galma keenya miiliyoona 7tti qajeelaa kan jirru yoo ta’u, walgeettiifi qulqullina tajaajila dijiitaalaa mirkaneesseera. Birmadummaan saayiberii humna biyyaalessaatiin gabbate immoo maxxantummaa tekinooloojiiwwan to’achuu hin dandeenyerraa nu baraaree, Itoophiyaan haaraa misooma dijiitaalaatiin humna mataa isheetiin dhaabbattu boqonnaa haaraarra ta'uushee kabajaan ni labsa! #DigitalEthiopia2030
Ispoortii
Baayer Muniik Boodoo Giliimti fi Maanchistar Yunaayitid Saabaah waliin ni taphatu
Sep 10, 2026 100
Qaam’ee 5/2018 (ENA)-Sagantaan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa boqonnaa liigii marsaa jalqabaa har’a xumurama. Baayer Muniik halkan keessaa sa’aatii afuritti kilaba Noorweeyi Bodii waliin Istaadiyeemii Aliyaanzi Areenaatti ni taphata. Sagantaa biraatiin Manchistar Yunaayitid fi Saabaah halkan keessaa sa’aatii afuritti Istaadiyeemii Oldtiraafoorditti ni taphatu. A.L.Atti bara 2017 kan hundeeffame kilaba Azarbaajaan kan ta’e Saabaah yeroo jalqabaaf shaampiyooni liigiitti hirmaata. Sagantaalee birootiin yeroo jalqabaaf shaampiyoonsi liigiitti kan hirmaatu kilabni Xaaliyaanii Koomoo Arbii Layipziig fi Silaaviyaa Piraag Leensi waliin sa’aatii wal fakkaataa halkan sa’aatii afuritti ni taphatu. Fiinerbaachee Roomaa waliin akkasumas PSV Ayindihoven Shaakaataar Doneski waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45tti ni taphatu.
Guyyaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dorgommii haaraattti
Sep 8, 2026 334
Qaammee 3/2018(ENA): Dorgommiiwwan kubbaa miilaa addunyaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa turtii ji'ootaa booda har'a eegalama. Dorgommichi bifa haaraan gaggeeffamuu erga jalqabee kun bara dorgommii 3ffaadha. Dorgommichaan har'a taphoonni jaha yoo taphataman, galgala sa'aatii 4:00tti taphni Riyaal Maadriid, Intarmiilaan waliin Saantiyaagoo Barnaabaawoo irratti taphatu xiyyeeffannoo argateera. Shaampiyoonaan dorgommichaa yeroo 15'n Riyaal Maadriid, waggoota lamaan darban waancaa irraa fagaatee turus, kilabicha irra deebiin leenjisummaan kan fudhatan Joosee Mooriinoo fi kilabichatti kan makame taphataa akka Kiliyaan Mbaappeefaa qabatee bara dorgommichaa eegaleera. Shaampiyoonii Awurooppaa yeroo 3 kan ta'e Intarmiilaan dorgommii baraa haaraa Seeri ‘A’ Itaaliitiin taphoota jalqabaa sadi injifachuu danda'eera. Shaampiyoonsi Liigiin waancaa isaa jalqabaa kan fudhate garuu waggoota 16 dura akka lakkoofsa awurooppaa bara 2010 Leenjisaa Riyaal Maadriid ammaa Joosee Moriinoon wayita durfamu ture. Dorgommii Shaampiyoons Liigii kanaan Maanchester Siitiin gara Istaadiyoo De Diraagaawoo imaluun sa'aatii 4tti Poortoo waliin taphata. Kana malees Astoviilaan sa'aatii 1:45tti gara Siwiizarlaandi imaluun Kilab Biruuzhin waliin yoo taphatu, galgala sa'aatii 4:00tti Boruushiyaa Doortimundi ammoo Viyaariyaal keessummeessa
Tapha torbee sadaffaa Pirimeeyeer Liigii Ingilizii har'a gaggeeffamen Arsenaal yoo injifatu, Maanchister Yunaayitid qixa ba'e
Sep 7, 2026 361
Qaammee 1/ 2018(ENA) - Darbiin Landan 216ffaan olaantummaa Arsenaaliin xumuramun,Arsenaal galchii 2 fi 1'n Cheelsii injifateera. Kaayi Haavartiizii fi Maartiin Oodiigaardii galchiiwwan Arsenaal injifannoo goonfachiisan tokko tokko galchaniiru. Kanaanis Arsenaal piriimeer liigichaan taphoota 3 walitti aansuun injifateera. Moorgaan Roojarsi ammoo galchii tokkoottii Cheelsii injifatamuurraa hin oolchine galcheera. Liigichaan Cheelsiin ALA 2021 kaasee Arsenaal Injifate hin beeku. Liigichaan Tapha dursee gaggeeffamen Maanchister Yunaayitid Eevartoon waliin 2 qixa xumuraniiru. Biraan Mibeemoofi Beenjaamiin Sheeskoon galchii Yunaayitid yoo lakkoofsisan Taayirik Joorji fi Maatiilaand Naayiliis Eevartooniif goolii galchuun qixa bahaniira.
Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama.
Sep 6, 2026 462
Qaammee 1/2018 (ENA): Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama. Taphni Darbii Landan galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Emirates keessatti gaggeeffama. Arsenaal fi Cheelsiin garaagarummaa gooliitiin qabxii 6’n wal qixa, sadarkaa sadaffaa fi 4ffaa bahaniiru. Abbaan Dirree Arsenaal taphoota liigii lamaan irratti goolii 4 galchuun gooliin tokkollee isatti hin lakkaahamne. Kunis cimina garee kanaa, keessattuu ittisa isaa agarsiisa. Morkataan isaa Cheelsiin taphoota lama irratti goolii 7 kan lakkoofsise yoo ta'u, isaan keessaa shan isatti lakkaahamaniiru. Sochiin weeraraa Cheelsii gaarii ta'us, ittisa irratti dadhabina qaban sirreessuu qabu. Walmorkattoonni Landan lamaan liigii kanaan yeroo wal argan kun yeroo 69ffaadha. Taphoota 68 kanaan dura Arsenaal 28 yoo injifatu, Cheelsiin ammoo 20 injifateera.Taphoota 18 hafan qixaan xumuramaniiru. Arsenaal taphoota sanaan goolii 97 yoo galchu, Cheelsiin ammoo 85 galcheera. Arsenaal tapha liigii shanan darban keessaa sadii injifateera; kanneen hafan lama ammoo qixa ba'aniiru. Cheelsiin yeroo dhumaaf bara 2021 liigichaan Arsenaal injifate. Shaampiyoonaa liigii ammaa Arsenaal bara haaraa kana taphoota jalqabaa lamaan injifachuun haala gaariin duula isaanii eegalaniiru. Morkattoonni Cheelsiin jalqaba gaarii taasisaniiru, taphoota liigii isaanii lamaan injifachuun isaanii ni yaadatama. Kanaaf, taphi kilaboota Landan lamaan gidduutti taasifamu cimaa ta'a jedhamee eegama. Gaheessi Ganna 41 Kiriis Kaashaanaag tapha eegamaa kana Abbaa Mutree olaanaa ta’uun ni taphachiisu. Tapha biraatiin ammoo Evartan Istaadiyeemii Hiil Dikiinsan irratti Maanchistar Yunaayitid keessummeessa. Evartan taphoota lama irratti qabxii tokko qofa yoo qabaatu, morkataan isaa Maanchistar Yunaayitid ammoo qabxii sadii qaba. Torbee lammaffaa irratti Ipiswichi Town 5 fi 2’n injifate Maanchistar Yunaayitid walitti aansuun injifannoo isaa dheeressuuf kan taphatu ta'a.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata gama barbaaduutiin qooda adda durummaa bahachuu qabdi-Kilaver Gateetee
Sep 7, 2026 535
Qaam’ee 2/2018 (ENA)- Afriikaan marii fi furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaa irratti hirmaannaa cimaa bahachuu akka qabdu hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa fi misoomaa Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’iin kun mata duree “roodmaappii abdiirraa gara gochaatti; Yebellem-Antaaliyaa-Finfinnee” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee wayita kana akka jedhanitti, gumaachi Afriikaan gadhiisii kaarboonii idil addunyaaf gumaachitu dhibbantaa afur ta’us garuummoo rakkoo guddaa baattee jirti. Dhugaank un seenaa miidhama Afriikaa ta’ee itti fufuu akka hin qabne dubbatanii Afriikaan dandeettii humna haaromfamaa guddaa, qabeenya albuudaa humna namaa dargaggoo fi gabaa guddachaa dhufutti gargaaramuudhaan sadarkaa idil addunyaatti furmaatilee qiyyaasuudhaan qooda adda duree bahachuu akka qabdu ibsaniiru. Afriikaan galmoota haala qilleensaa A.L.A amma bara 2030tti qabaman hojiirra oolchuuf wagga waggaan doolaara biiliyoona 277 ishee barbaachisus kan argachaa jirtu dhibbantaa 11 qofa jedhan. Har’allee Afriikaanonni miiliyoona 600 ol ta’an tajaajila elektiriikii waan hin arganneef humna haaromfamaa babal’isuun bu’ura dinagdee ta’uu qaba jedhaniiru.
Ashaaraan magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaan qooda ijoo gumaachaa jira – Gamtaa Afriikaa
Sep 5, 2026 680
Hagayya 30/2018 (ENA) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi lubbu qabeeyyiin akka eegaman qooda ijoo gumaachaa akka jiru Gamtaa Afriikaatti daarektarri naannawa itti fufiinsa qabuu fi dinagdee Biluu Harsan Niyaambee ibsan. Daarektarichi turtii ENA waliin taasisaniin,ashaaraan magariisaa qilleensa qulqulluu dabalatee faayidaalee eegumsa sirna dachee argamsiisuun olitti, gadhiisii kaarboonii hir’isuudhaan hoo’a qilleensaa dabalaa deemu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Lafti dhiqamee fi haalli uumama lafaa naannawaa akka bayyanatu gochuun miidhaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti qooda ijoo bahachaa akka jiru dubbataniiru. Walumaa gala ashaaraan magariisaa faayidaalee hunda galeessa hedduu kan qabu inisheetiivii biyyaalessaa ta’uu kaasaniiru. Biyyoonni Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuurratti muuxannoo wal jijjiiruu akka qaban daarektarichi ibsanii; gama Kanaan rakkoolee eegumsa naannoorratti isaan mudatuuf furmaata kaa’uuf Itiyoophiyaarraa muuxannoo fudhachuu akka danda’an ibsaniiru. Itiyoophiyaanis muuxannoo mulkaa’aa kana biyyoota Afriikaa biroof qooduudhaan qooda adda durummaa bahachuu akka qabdu daarektarichi kaasaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Sep 3, 2026 653
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu. Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu. Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu. Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera. Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera. Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru. Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera. Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 1032
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 18418
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17166
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.