Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Bu'aa Sagantaa Asharaa Magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra – Jiraattota Godina Jimmaa
Jun 29, 2026 560
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf, saganticharratti waggaa waggaadhaan hirmaachaa jirra jechuun jiraattonni Godina Jimmaa ENA’n dubbise ibsaniiru. Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti sagantaan jalqabsiisa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamaan Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii, Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu fi hoggantoonni mootummaa Godinaa fi aanaa biroon bakka argamanitti eegalameera. Kana malees, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa fi hojjettonni dhaabbilee mootummaa dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaachaa jiru. Jiraattota godinichaa biqiltuu dhaaburratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Barsiisaa Biyyaa Abbaadiggaa, faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra jedhani.   Waggoottan darbatanitti biqiltuun naannoo isaaniitti dhaabaman naannicha, magariisaa taasisuu isaanii ibsuun, dhuunfaan biqiltuu dhaaban irraas fayyadamoo ta'uu jalqabuu isaanii dubbataniiru. Hundi namaa hirmaannaa sagantaa biqiltuu dhaaburratti taasisu akka jabeessus dhaamsa dabarsaniiru. Qonnaan bultoonni Abbaaraayyaa Sheekii fi Mahaammadsaanii Abbaadiggaa gamasaaniitiin, biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman bifa naannoo isaanii jijjiiruu irra cinatti dhiqama biyyee akka ittiseef ibsaniiru. Biqiltuu kanaan dura dhaabamerraa faayidaa argachaa jiran hordofuun, har'as roobni utuu isaan hin daangessin biqiltuu dhaaburratti hirmaachaa akka jiran dubbataniiru. Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulli; biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman faayidaalee hedduu argamsiisaniiru jedhan.   Kunis jijjiirama qilleensaa ittisuu fi dhiqama biyyoo hanbisuu dabalatee faayidaa guddaan kan irratti argamedha jedhaniiru. Sagantaa kanaan naannichatti omishtummaan bunaa fi dammaa guddachuu isaa ibsuun, qabeenya bishaanii keenya eeguu fi lammiileef carraa hojii uumuu dandeessiseera jedhaniiru. Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gama isaaniitiin; naannichatti waggoottan torban darban keessatti biqiltuu dhaabaman keessaa dhibbeentaa 85 kan ta'an qabachuu isaanii dubbataniiru. Naannichatti sagantaan ashaaraa magariisaa bu'aa qabatamaa fidaa waan jiruuf cimee akka itti fufus hubachiisaniiru. Godina Jimmaatti Ganna kana biqiltuu miiliyoona 365 dhaabuuf karoorfachuu kan ibsan ammoo Bulchaa Ol'aanaa Godinichaa Obbo Tijjaanii Naasiridha.   Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa Dalool, Ajajaa kudhanii Ashannafii Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaarratti yeroo shanaffaatiif hirmaachaa akka jiran dubbataniiru. Ashaaraan magariisaa faayidaalee dinagdee damee hedduu akka qabu hubachuu isaaniitiin ganamaan saganticharratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.  
Bara baajataa kana maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 fi 700 ol gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’an
Jun 29, 2026 393
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Bara baajataa kana maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 ol gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii Biiroon Qonnaa, Bishaan, Intarpiraayizii fi Inarjii Bulchiinsa Dirree Dhawaa beeksise. Hawaasa gargaarsa lagatee oomishtummaa irratti bobba’u uumuu fi bu’aawwan gama kanaan galmeeffamaniif beekamtii kennuun cimee akka itti fufu ibsameera. Itti-aantuun Hogganaa Biirichaa Aaddee Misraa Abdallaa ENA’f akka ibsanitti; naannolee baadiyyaa Dirree Dhawaa keessatti, bakka hanqinni roobaa jiruttti, hawaasni eeggattummaa fi gargaarsa irraa ba’ee oomishaa akka ta’uuf hojiileen bal’aan hojjetamaniiru. Waggoota shanan darbanii keessattis hojiileen Misooma jallisii xixiqqoo,Inisheetivii sagantaa Maaddii guutuu, Misooma midhaanii fi kuduraalee, akkasumas, Misooma fi eegumsa qabeenya uumamaa irratti hojjetaman, hawaasni Sagantaa Seefti Neetii Misooma Baadiyyaa (PSNP) irraa gara oomishtummaatti akka ce’u taasiseera jedhan. Keessattuu, oomishaa fi oomishtummaa kilaasstara baadiyyaa guddisuuf hojiileen hojjetaman, dhaloota gargaarsa tuffatu uumuun bu’aan akka galmeeffamu gochuu isaanii ibsaniiru. Hawaasni horsiisee bulaa fi qonnaan bulaas qabeenya uumamaa fi bu’uuraalee misoomaa ijaaramanitti fayyadamuun, imala gargaarsa irraa gara oomishtummaatti taasisaa jiru saffisiisuuf akka danda’ames dubbataniiru. Fakkeenyaaf, hawaasni ganda baadiyyaa Uluul Mojoo guutummaatti gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii hoggantuun tun eeraniiru. Bara baajataa kanaanis maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 fi 700 ol gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii ibsaniiru. Qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota qonnaa fi hojiiwwan daldalaa xixiqqoo irratti ce’umsa taasisan kanaan, hojiin isaanii akka milkaa’uuf kaappitaala jalqabaa fi deeggarsi ogummaa taasifamuufis kaasaniiru. Hawaasa gargaarsa irraa gara oomishtummaatti ce’an kanaaf dhuma ji’a kanaa irratti beekamtii fi badhaasni akka kennamuufis ibsameera.
Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Adam Faaraah
Jun 29, 2026 683
Waxabajjii 22/2018(ENA) : Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii obbo Adam Faaraah ibsani. Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin mari’ataniiru.   Cheen Haayin wayita sana Paartiin Kooministii Chaayinaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuufi Paartiin Badhaadhinaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarse dhiyeessaniiru. Paartichi ergaa isaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin nageenyiifi tasgabbii waaraan, tokkummaan biyyaalessaafi badhaadhinni gama hundaa akka mirkanaa’u amantaa qabu ibseera. Bu’aan filannichaa deeggarsa uummanni Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaaf qabu kan agarsiisuufi yeroo itti aanuttis paartichi uummata Itiyoophiyaa hirmaachisuun galma Itiyoophiyaa biyya fakkeenyummaatti ceesisuuf qabame akka dhugoomsu eereera. Paartichi waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman hojiirra akka oolaniif hojjechuu akka itti fufu akkasumas guddina biyyoota lameeniif tumsa cimaa akka uumu mirkaneesseera. Obbo Adam Faaraah gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa hariiroo uummattootaafi mootummootaa akkasumas tumsi Paartii Kooministii Chaayinaa waliin qabu cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.   Paartileen lameen yaadamoota mandhaleen hogganamuun furmaatawwan maddisiisuun bu’aa galmeessisuu eeruun, dhimmoota dam-daneessa irratti tumsaan hojjechuu irra darbee deeggarsa gama maraa dameewwan garaagaraarratti taasifamaa jiraniif galateeffataniiru. Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa albuuda, tajaajila, paarkii industirii, hubannoo namtolchee (artificial intelligence) fi ijaarsa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Qaamonni lamaan bu’aawwan gama hundaan argame itti fufsiisuu fi hariiroo paartilee cimsuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Adam Faaraah
Jun 29, 2026 683
Waxabajjii 22/2018(ENA) : Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii obbo Adam Faaraah ibsani. Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin mari’ataniiru.   Cheen Haayin wayita sana Paartiin Kooministii Chaayinaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuufi Paartiin Badhaadhinaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarse dhiyeessaniiru. Paartichi ergaa isaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin nageenyiifi tasgabbii waaraan, tokkummaan biyyaalessaafi badhaadhinni gama hundaa akka mirkanaa’u amantaa qabu ibseera. Bu’aan filannichaa deeggarsa uummanni Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaaf qabu kan agarsiisuufi yeroo itti aanuttis paartichi uummata Itiyoophiyaa hirmaachisuun galma Itiyoophiyaa biyya fakkeenyummaatti ceesisuuf qabame akka dhugoomsu eereera. Paartichi waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman hojiirra akka oolaniif hojjechuu akka itti fufu akkasumas guddina biyyoota lameeniif tumsa cimaa akka uumu mirkaneesseera. Obbo Adam Faaraah gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa hariiroo uummattootaafi mootummootaa akkasumas tumsi Paartii Kooministii Chaayinaa waliin qabu cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.   Paartileen lameen yaadamoota mandhaleen hogganamuun furmaatawwan maddisiisuun bu’aa galmeessisuu eeruun, dhimmoota dam-daneessa irratti tumsaan hojjechuu irra darbee deeggarsa gama maraa dameewwan garaagaraarratti taasifamaa jiraniif galateeffataniiru. Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa albuuda, tajaajila, paarkii industirii, hubannoo namtolchee (artificial intelligence) fi ijaarsa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Qaamonni lamaan bu’aawwan gama hundaan argame itti fufsiisuu fi hariiroo paartilee cimsuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Manni  maree ministirootaa walga’iisaa idilee gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtee dabarse
Jun 26, 2026 4150
Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Manni maree ministirootaa walga’iisaa idilee 57ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murteewwan dabarseera. 1. Manni marichaa jalqaba walii galteewwan deeggarsaa fi liqii sadii waldaa misoomaa addunyaa waliin mallatteeffamanirratti mari’ate. Kan jalqabaa imaammata misooma guddinaa fulla’aa fi hunda hammataa raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba afurii fi miiliyoona soddomii torbaa fi kuma dhibba afurii (437,400,000) irratti mari’ate. Kan lammataa sagantaa qabannaa lafaa hawaasa irratti xiyyeeffatee walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona afurtamii shanii fi kuma dhibba shanii (145,500,000) ti. Kan sadaffaa pirojektii oomishtummaa misooma jallisii fulla’aa jijjiirama haala qilleensaan hin miidhamne raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona 54 fi kuma dhibba jaha(54,600,000) ti. Manni marichaa wixinee labsii waliigalteewwan liqii sadanuu irratti mari’atee mana maree bakka bu’ootaaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 2. Itti aansuun manni marichaa wixinee dambiiwwanii dhaabbileen ministeera bishaanii fi inarjii, tajaajila galmee fi mana kitaabaa fi tajaajilli madaallii fi qormaata barnootaa tajaajiloota garagaraa kennaniif kaffaltiiwwan tajaajilaa kaffalaman murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Manni marichaas danbiiwwanirratti mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.   3. Itti aansuun Manni marichaa wixinee labsii walii galtee miseensummaa Niwu develoopimanti baankii Itiyoophiyaa dhaabuuf dhihaaterratti mari’ate. Manni marichaas dhimmicharratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 4. Manni marichaa itti aansuun wixinee imaammataa industirii konistiraakshinii irratti mari’ateera Manni marichaas bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa mana marichaaf raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2019 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 5. Xumurarrattis wixinee imaammataa misooma magaalaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana marichaan guyyaa itti raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessuusaa odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame ni mul’isa.
Aadaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti gara boqonnaa haaraatti ce'aa jira – Obbo Mallas Alamuu
Jun 25, 2026 3529
Waxabajjii 18/2018 (ENA)– Itiyoophiyaa keessatti dirree siyaasaa bal'isuudhaan ijaarsi sirna diimokiraasii gara boqonnaa haaraatti ce'aa jiraachuu isaa, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Mallas Alamuu ibsan. Filannoon waliigalaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame, paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an 42 fi lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman adeemsa sagalee kennuu keessatti kan hirmaatan filannoo seena-qabeessa ta'ee xumurameera. Gamtaan Afriikaa, IGAD, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivilii hedduun adeemsi filanichaa bilisa, haqa-qabeessaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaa ragaa ba'uun mirkaneessaniiru. Guyyaa filannoo sanas lammiileen ganama sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga halkan walakkaatti hiriiruun, ijaarsa sirna dimokiraasiitiif kutannoo qaban gochaan agarsiisaniiru. Obbo Mallas Alamuu ENA'f akka ibsanitti; filannoon waliigalaa 7ffaan filannoo paartilee fi imaammataa qofa osoo hin taane, filannoo sirnaati. Dhaabbileen dimokiraasii fi ummatni Itiyoophiyaa abbaa aangoo ta'uun bilisummaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaanii filannoo gochaan mirkaneessan ta'uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni fedhii diimokiraasii dhugaa qaban firaafis diinaafis kan itti agarsiisan ta'uu eeranii; filannoo duraatii hanga filannoo boodaatti qindoominni agarsiifame kan dinqisiifatamuu dha jedhaniiru. Filannichi dorgommii paartilee siyaasaa irra darbee, kabaja biyyaalessaa fi bilisummaan kan itti mul’ate waan ta'eef “ Itiyoophiyaan mo'atteetti" jedhaniiru. Barii jijiiramichaarraa eegalee riifoormiin siyaasaa bal'aan taasifame cunqursaa fi baqattummaa paartilee hambisuun, dirree dorgommii siyaasaa fayyaalessa ta'e akka uumamu taasisuu isaa ibsaniiru. Fooyya'iinsi seeraa fi imaammata filannoo waliigalaa 6ffaa fi 7ffaa keessatti hirmaannaa paartilee guddisuudhaan, ijaarsi aadaa diimokiraasii haaraa akka dhalatu gochuu isaa ibsaniiru. Kunis paartileen siyaasaa maddi aangoo sagalee ummata irraa kennamu ta'uu hubachuudhaan, ijaarsa aadaa dimokiraasii keessatti gahee ijaarsaa irraa eegamu akka ba'atan carraa uumuusaa ibsaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatillee paartileen siyaasaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun, ijaarsa aadaa dimokiraasiitiif qaamolee ashaaraa isaanii kaa’an galatteeffataniiru. Mootummaan jijjiiramaa dhimmoota faayidaa biyyaalessaa irratti dorgommii irra hojii gamtaatti xiyyeeffate diriirsuun , filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti paartileen dorgomtoota ta'an faayidaa biyyaalessaa irratti ejjennoo tokko akka qabaatan godheera jedhan. Kunis bu'aa dimokiraasii guddaa ta'uu isaa kaasuun; garaagarummaan akkuma eegametti ta'ee, paartilee gidduutti amanamummaa uumuun qaamolee Itiyoophiyaaan akka dadhabdu barbaadanii fi diinota seenaa akka qaaneffatan taasiseera jedhaniiru.  
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa wixinee labsii fooyya'e sagalee guutuun raggaasise
Jun 25, 2026 2816
Waxabajjii 18/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 28ffaa gaggeesseen labsii bilisummaa odeeffannoo qorachuun raggaasiseera. Walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasii obbo Iwunatuu Allanaa wayita yaada murtoo kana mana marichaaf dhiyeessan, labsichi gaazexeessitoonni kaffaltii tokko malee qaamolee garaagaraarraa odeeffannoo fudhachuun faayidaa uummataaf akka oolchan gargaara jedhan.   Kanneen odeeffannoo gaafatan biroonis baasii sanadicha garagalchuuf barbaachisu qofaa uwwisuun odeeffannoo argachuu akka danda’an dubbataniiru. Adabbiin wixinee labsii Kanaan taa’e warreen seera yakkaan hin hammatamne qofa kan ilaallatu ta’uu kaasanii, adabbiiwwan biroon bu’uura seera yakkaan kan ilaalaman ta’uu himaniiru. ‎‎Dhuma irrattis manni marichaa wixinee labsii kana labsii lakkoofsa 1427/2018 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera. Gama biraan manni marichaa gabaasaafi yaada murtoo Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaa wixinee labsii Manneen Murtii Shari’aa Federaalaa ilaalchisee dhiyeesse qorachuun raggaasiseera. Walitti qabduun korichaa Itsagannat Mangistuu, wixineen labsii fooyya’e kun sirna haqaa Itiyoophiyaa fooyyessuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Wixineen labsii kun dhaddacha ijibbaataa Mana Murtii Shari’aa Federaalaa hundeessuuf, akkasumas waliin gahiinsa hojii manneen murtii babal’isuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru. Haaluma Kanaan wixineen labsichaa labsii lakkoofsa 18/2018 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. #ENA_Afaan Oromoo #ENA
Waadaa Ummataaf Seenne gochaan raawwachuun dirqama seenaa keenya ni baana - Obbo Fiqaaduu Tasammaa
Jun 25, 2026 2762
Waxabajjii 18/2018 (ENA)-Paartiin Badhaadhinaa waadaa ummataaf seene gochaan raawwachuun dirqama seenaasaa gahumsa guutuun akka ba'u ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa wajjira muummee paartichaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsan. Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti lammiileen kan filatan nagaa, dimookiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii ta'uus dubbataniiru. Dhaabbileen Federaalaa Paartii Badhaadhinaa, hoggantoonni olanoon dhaabbilee federaalaa miseensa paartichaa ta'an bakka argamanitti waltajjii gabaasa xumuraa filannoo waliigalaa torbaffaa Finfinneetti gaggeessaa jiru. Waltajjicharratti Obbo Fiqaaduu Tasammaa haasaa taasisaniin; hoggantoonni dhaabbilee federaalaa milkaa'ina filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaaf gumaacha guddaa taasisuusanii ibsaniiru. Hoggantoonni kunniin filannicha qindeessuun, hordoffiin, falmiiwwan filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu fi dhaabbilee hawaasa siivilii waliin hidhata cimaa uumuun gumaacha olanaa gochuu isaanii dubbataniiru. Filannichi nagaa, haqaa fi bilisa ta'ee injifannoo Paartii Badhaadhinaatiin akka xumuramu gochuun dirqama seenaa ba'achuun akka danda'ames ibsaniiru. Milkaa'inni filannichaa Paartiin Badhaadhinaa caasaa cimaa qabaachuusaa qabatamaan kan itti mirkanaa'e ta'uusaa akka taatee seenaatti kaasaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaas filannicha milkaa'inaan hogganuun cimiina dhaabbilee dimookiraasii Itiyoophiyaa qabatamaan akka argisiise ibsaniiru. Paartileen siyaasaa miira dorgommii gaarii fi tumsaatiin socho'uun, dhaabbileen siivikii fi miidiyaaleen gabaasa madaalawaa dhiyeessuun milkaa'ina filannichaatiif qooda ijaarsaa ba'achuu isaanii eeraniiru. Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaas loogii malee bilisa ta'ee filannicha taajjabuun dirqama seenaa isaa ba'achuu isaa ibsaniiru. Ummannis guyyaa filannichaa barii subii kaasee hanga halkan walakkaatti obsaan sagalee kennuun isaa ijaarsa sirna dimookiraasiitiif kutannoo qabu gochaan akka mirkaneesse yaadachiisaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan lammiileen kan filatan nagaa, dimookiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii ta'uus hubachiisaniiru. Kanaanis Paartiin Badhaadhinaa filannoon dura waadaa uummataaf seene hojiin raawwachuun dirqama seenaasaa gahumsa guutuun akka ba'u mirkaneessaniiru. Hoggantoonni dhaabbilee federaalaas paartichi waadaa seene dandeettii guutuun raawwachuun fayyadamummaa hundagaleessa Itiyoophiyaa fi ummata isheetiif xiyyeeffannoon hojjachuu akka qaban dhaamaniiru. See less  

Hawaasummaa
Hojiin Tajaajila lammummaa yeroo Gannaa hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa jira
Jun 29, 2026 256
Waxabajjii 22/2018 (ENA) : Hojiin tajaajila lamummaa yeroo Gannaa fayyadamummaa hawaasaa harka qalleeyyii dabaluun cinaatti, hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa dhufuu Bulchiinsi Godina Baalee beeksise. Hojiin tajaajila lamummaa yeroo Gannaa aanota Godinichaa kurnan keessatti har'a eegalamee jira. Sirna baninsa hojii taajila lamummaa magaalaa Goorootti eegalame kanarratti Ittigaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa damee Godina Baalee Obbo Seeyfaddiin Hasan akka jedhanitti, tajaajilli lammummaa yeroo Gannaa fayyadamummaa hawaasaa harka qalleeyyii dabaluun cinaatti hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa dhufuu dubbataniiru.   Hojii tajaajila lamummaa yeroo Gannaa kanaanis ijaarsa manneen harka qalleeyyii kuma 2 ol dabalatee hojiilee namoomaa hedduun guyyoota 60 keessatti hojjachuuf karoorfamuus akeekan. Hojii tajaajilaa kanaanis tola ooltota miliyoona 1.3 ol ta'an hirmaachisuun lammiilee harka qalleeyyii hedduu fayyadamoo taasisuuf hojitti galamuu yaadachiisan. Tajaajila kanaanis baasii sanduuqa mootummaarraa bahuu malu birrii bilioona 14.5tti tilmaamamu akka hanbisu dubbataniiru. Bulchaan Aanaa Gooroo obbo Isheetu Taklee gama isaaniitiin , tajaajilli lamummaa yeroo gara yerootti geeggeffamuun fayyadamummaa hawaasaa fooyyessuun cinatti hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa dhufuu dubbatan. Tajaajila lamummaa bara kanaatiinis Gandoota aanicha 29 keessatti ijaarsi manneen harka qalleeyyii dabalatee hojiin namoomaa hedduun kan hojjatamu ta'uu dubbatan. Harka qalleeyyii ijaarsi mana jireenyaa eegalameef keessaa qaroo dhabeeyyii Obbo Adam Aloo yaada kennaniin, mana jireenyaa isaaniif eegalametti hedduu gamaduun galateeffataniiru.
Ajandoota saddettan Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 gaggeeffamuuf qophaa'an
Jun 29, 2026 354
Ajandaa Lakkoofsa 1: Ijaarsa Biyyaa 1.1 Dhimmoota eenyummaa fi abbaa biyyummaa 1.2 Seenaa fi eenyummaa 1.3 Eenyummaa fi duudhaalee waliinii kan biyyaalessaa (dhimmoota duudhaalee ilaallatanis dabalatee) 1.4 Ijaarsa biyyaa fi dhimmoota bulchiinsa sabdaneessummaa 1.5 Dhimmoota Afaanii 1.6 Dhimmoota eegumsa aadaa, seenaa fi hambaa akkasumas dhimmoota biroo hudduu Ajandaa Lakkoofsa 2: Caasaa fi gurmaa’insa Mootummaa akkasumas Sirna Siyaasaa, bakka bu'iinsa Siyaasaa fi sirna filannoo 2.1 Caasaa fi gurmaa’insa Mootummaa 2.1.1 Caasaa mootummaa fi akaakuu sirna bulchiinsaa 2.1.2 Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu 2.1.3 Hiika saboota, sablammootaa fi ummattootaa 2.1.4 Bara aangoo hojii hoggantoota mootummaa Federaalaa fi Naannolee 2.1.5 Hariiroo mootummaa Federaalaa fi Naannolee; qoodinsa aangoo, federaalizimii fiisikaalaa fi qoodinsa qabeenyaa mootummoota Federaalaa fi Naannolee 2.1.6 Bulchiinsaa fi daangaa naannolee; hundeeffama naannolee haaraa fi daangaa bulchiinsa naannolee 2.1.7 Caasaa fi shoora qaama seera baastuu 2.1.8 Aangoo Heera Mootummaa hiikuu 2.1.9 Sirna fooyya'iinsa Heera Mootummaa 2.2 Dhimmoota bakka bu'iinsa siyaasaa fi Sirna Filannoo 2.2.1 Sirna filannoo biyyattii 2.2.2 Sirna paartilee baay'ee (multi-party system) 2.2.3 Caasaa paartilee siyaasaa 2.2.4 Gahee hojii mootummaa fi paartii biyya bulchaa jiruu adda baasuu 2.2.5 Hundeeffama caasaa naannoolee filannoo 2.2.6 Itti fayyadama qabeenya mootummaa paartilee siyaasaa Ajandaa Lakkoofsa 3: Magaalota Federaalaa (Finfinnee fi Dirree Dhawaa) 3.1 Dhimma Finfinnee 3.1.1 Eenyummaa seeraa Finfinnee; walitti dhufeenya Finfinneen naannoo Oromiyaa waliin qabduu fi dhimma qooda baajata magaalaa Finfinnee 3.1.2 Dhimma Magaalaa Guddoo Federaalaa 3.1.3 Dhimma poolisii fi mana murtii Finfinnee 3.1.4 Daangaa Finfinnee fi moggaasa maqaa bakkootaa 3.1.5 Afaan hojii Finfinnee 3.1.6 Hambaa seenaa Finfinnee fi dhimma hammattummaa 3.2 Dhimma Dirree Dhawaa 3.2.1 Eenyummaa seeraa Dirree Dhawaa 3.2.2 Haala bulchiinsa Egeree Dirree Dhawaa, bakka bu'iinsa ummata ishee fi walitti dhufeenya Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee waliin qabdu 3.2.3 Bakka bu'iinsa Dirree Dhawaa mootummaa Federaalaa keessatti; dhimma bakka bu'iinsa Dirree Dhawaan Mana Marii Federeeshinii keessatti qabaattu Ajandaa Lakkoofsa 4: Dhimmoota Amantaa,Hambaalee Seenaa fi Araara Ilaallatan 4.1.1 Sekwulaarizimii (addaan ba'uu amantii fi mootummaa) fi bilisummaa amantii gidduutti madaallii fayyaalessa eeguu 4.1.2 Bilisummaa amantii fi daangaa isaa 4.1.3 Eegumsa dhaabbata amantii hordoftoota lakkoofsa xiqqaatanii 4.1.4 Dhimma duudhaalee aadaa fi amantii waliin walitti bu'an 4.2 Haaloo Seenaa fi dhimmoota Araaraa 4.2.1 Qollifamuu seenaa fi fayyadamummaa addaa 4.2.2 Adeemsa araaraa fi beekamtii kennuu 4.3 Walitti dhufeenyaa fi waliin jireenya amantiiwwan gidduu jiru ilaalchisee 4.3.1 Wal-dhabdee amantiiwwan gidduu jiranii fi furmaata isaanii 4.3.2 Toftaalee marii amantiiwwan gidduu jiru jabeessuu 4.4 hariiroo Amantiin jireenya ummataa fi walitti dhufeenya hawaasummaa keessatti qabu 4.4.1 Shoora amantiin dhaabbilee ummataa keessatti qabu 4.4.2 Waltajjiiwwan amantii, miidiyaa fi mariiwwan ummataa 4.4.3 Ittifayyadama sagalee dhaabbilee amantii fi mirga hawaasaa Ajandaa Lakk 5: Ijaarsa Dhaabbilee, Olaantummaa Seeraa fi Mirgoota Namoomaa 5.1 Mirga Namoomaa 5.1.1 Bu’uura Heeraa fi Seeraa Eegumsa Mirgoota Namoomaa 5.1.2 Mirga Buqqaatota Biyya Keessaa 5.1.3 Mirga Garee Qaama Miidhamtootaa, Namoota Saaxilamoo fi garee qoqqobaman 5.1.4 Eegumsa Mirgoota Namoomaa Waldhabdee fi Haala Nagaa Keessatti 5.1.5 Bu’uuraalee Dhaabbilee Eegumsa Mirgoota Namoomaa Cimsuu 5.1.6 Dhimmoota Itiyoophiyaanota Biyya Alaa (Diyaaspooraa) jiraatan. Mirga lammummaa dachaa fi dhimmoota biroof beekamtii kennuu 5.2 Olaantummaa seeraa 5.2.1 Olaantummaa seeraa (seera qabeessummaa) 5.2.2 Walqixxummaa seera duratti 5.2.3 Itti gaafatamummaa 5.2.4 Dhaqqabamummaa Haqaa 5.3 Ijaarsa dhaabbilee 5.3.1 Bilisummaa, walabummaa fi dhaqqabummaa dhaabbilee dimokiraasii 5.3.2 Walabummaa fi itti gaafatamummaa dhaabbilee haqaa 5.3.3 Walabummaa, bilisummaa fi gurmaa’ina dhaabbilee nageenyaa 5.3.4 Madaallii, walabummaa fi itti gaafatamummaa damee mootummaa sadan 5.3.5 Giddu-galeessummaa dhaabbilee, walabummaa fi itti gaafatamummaa miidiyaa 5.3.6 Bilisummaa, gahee fi itti gaafatamummaa jaarmiyaalee hawaasa siivikii Ajandaa lakk.6: - Dhimma hawaas-dinagdee fi qonnaan bultootaa fi horsiiseebultootaa 6.1 Dhimmoota hawaas-dinagdee 6.1.1 Dhimma dubartootaa fi dhimmoota kanaan walqabatan 6.1.2 Bulchiinsa qabeenyaafi Raabsa qabeenya haqa qabeessa 6.1.3 Qabeenya lafaa fi abbummaa 6.1.4. Bakka bu’ummaa lakkoofsa ummataa fi bulchiinsa hunda hammate 6.1.5 Tajaajila hawaasummaa (fayyaa, barnootaa fi sadarkaa jireenyaa) . 6.1.6 Mirga hojjetaa fi haala hojii haqa qabeessa 6.1.7 Misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo 6.1.8 Mirga qabeenya uumamaa fi faayidaa qooduun 6.1.9 Diinagdee, invastimantii fi oomishtummaa hunda hammate 6.1.10 Wabii hawaasummaa fi carraa hojii 6.2.2. Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa 6.2.1 Hirmaannaa fi walqixxummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa guddisuu 6.2.2 Galteewwan qonnaa yeroo fi haqa qabeessa ta’een argachuu ilaalchisee. 6.2.3 Jecha 'Qubattoota' jedhu Heera Mootummaa keewwata 40 keewwata xiqqaa 5 fi keewwata 41 keewwata xiqqaa 8 irratti ibsame fooyyessuu 6.2.4 Carraa gabaa bilisaa fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu 6.2.5 Misooma waliinii fi deeggarsa dinagdee hawaasa qonnaan bulaa fi horsiiseebultootaa 6.2.6 Imaammata misoomaa jireenya horsiisee bultootaa irratti xiyyeeffate Ajandaa lakk.7: Malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii 7.1 Rakkoolee bulchiinsa gaarii fi dhimmoota malaammaltummaa. 7.2 Sirna farra malaammaltummaa ijaaruu 7.3 Sirna bulchiinsa gaarii ijaaruu 7.4 Tajaajila mootummaa haqa qabeessa 7.4.1 Tajaajila mootummaa haqa qabeessaa fi hunda hammate 7.4.2 Ramaddii fi qacarrii humna namaa dandeettii irratti hundaa’e Ajandaa Lakk 8: Ijaarsa Nageenyaa 8.1 Sababoota waldhabdee fi karaalee itti hiikan 8.2 Waldhabdee fi garee hidhate ilaalchisee 8.3 Bu’uura nagaa itti fufiinsa qabu 8.4 Malawwan aadaa waldhabdee hiikuu beekamtii kennuu, cimsuu fi ammayyaadhaan walitti makuu 8.4.1 Beekkamtii aadaa fi bu’uura seeraa 8.4.2 Dhimma araaraa fi dhiifamaa 8.4.3 Dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee nagaa 8.4.4 Haqaa ce’umsaa 8.5.5. Adeemsa nagaa ijaaruu keessatti gahee dhaabbilee amantaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Damee ogummaa leenjifamneen biyya keenya ciminaan tajaajiluuf qophiidha- Eebbifamtoota qabxii olaanoo galmeessisan
Jun 28, 2026 543
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Eebbifamtoonni qabxii olaanoon eebbifaman Yunivarsiitii Amboo damee ogummaa isaaniitiin ciminaa biyya isaanii tajaajiluuf qophii ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Amboo kaleessa barattoota 930 damee barnootaa adda addaatiin digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan eebbiseera. Eebbifamtoonni qabxii olaanoo kuni ENA’f yaada kennan beekumsaa fi dandeettii waggoota darban keessatti horatan hojiitti hiikuuf qophaa’uu isaanii mirkaneessaniiru. Yuunivarsiiticha kutaa qoricha beeyladaatiin qabxii 3.95 fi meedaaliyaa argachuun kabajaan kan eebbifame Heenook Darajjee yeroo ofii sirnaan yoo fayyadaman, galma ifa ta’ee fi cimina yoo qabaaan kaayyoo ofii galmaan ga’uun rakkisaa hin ta’u jedheera. "Damee ogummaa ani jaalladhu irratti kabajaan eebbifamuu kootti baay'een gammada," kan jedhu Heenook , Guddina biyyaa saffisiisuun damee ogummaa isaatiin ciminaa fi walqixxummaan hawaasa tajaajiluuf qophii ta’uu ibseera. Kana malees, eebbifamtichi beekumsaa fi dandeettii yeroo yunivarsiiticha keessa turetti argate fayyadamuun, carraa hojii mataa isaa uumuun of jijjiiruuf qophii ta’uu ibseera. Gama biraatiin dameema barnootaa kanaan barattoota dubaraa dippaartimantii sana keessa jiran keessaa sadarkaa olaanaa 3.78’n eebbifamte Tsiggee Chubaaroo, waliin dubbisuu fi qo’achuun danda’uun bu’aa fooyya’aa akka argamsiise dubbatteetti. Qormaata hunda darbuu fi milkaa'uu danda'uu isheetiin gammachuu guddaa ishee qooddatteetti. Itti dabaluunis damee ogummaa isheetiin ciminaan hawaasa tajaajiluuf qophii guutuu ta’uu ibsiteetti. Gama biraatiin ammoo, beekumsa ogummaa yeroo yunivarsiiticha keessa ture keessatti argateen hojii mataa isaa uumuun ofii fi biyya isaa jijjiiruuf karoorfachuusaa Saayinsii Kompiitaraatiin kan eebbifame Lalisaa Milikeesaa dubbatera. Barattoonni biroo yeroo isaaniitti ogummaadhaan yoo itti fayyadaman bu’aa fi gammachuu akka qabaatan dubbateera.
Diinagdee
Bara baajataa kana maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 fi 700 ol gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’an
Jun 29, 2026 393
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Bara baajataa kana maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 ol gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii Biiroon Qonnaa, Bishaan, Intarpiraayizii fi Inarjii Bulchiinsa Dirree Dhawaa beeksise. Hawaasa gargaarsa lagatee oomishtummaa irratti bobba’u uumuu fi bu’aawwan gama kanaan galmeeffamaniif beekamtii kennuun cimee akka itti fufu ibsameera. Itti-aantuun Hogganaa Biirichaa Aaddee Misraa Abdallaa ENA’f akka ibsanitti; naannolee baadiyyaa Dirree Dhawaa keessatti, bakka hanqinni roobaa jiruttti, hawaasni eeggattummaa fi gargaarsa irraa ba’ee oomishaa akka ta’uuf hojiileen bal’aan hojjetamaniiru. Waggoota shanan darbanii keessattis hojiileen Misooma jallisii xixiqqoo,Inisheetivii sagantaa Maaddii guutuu, Misooma midhaanii fi kuduraalee, akkasumas, Misooma fi eegumsa qabeenya uumamaa irratti hojjetaman, hawaasni Sagantaa Seefti Neetii Misooma Baadiyyaa (PSNP) irraa gara oomishtummaatti akka ce’u taasiseera jedhan. Keessattuu, oomishaa fi oomishtummaa kilaasstara baadiyyaa guddisuuf hojiileen hojjetaman, dhaloota gargaarsa tuffatu uumuun bu’aan akka galmeeffamu gochuu isaanii ibsaniiru. Hawaasni horsiisee bulaa fi qonnaan bulaas qabeenya uumamaa fi bu’uuraalee misoomaa ijaaramanitti fayyadamuun, imala gargaarsa irraa gara oomishtummaatti taasisaa jiru saffisiisuuf akka danda’ames dubbataniiru. Fakkeenyaaf, hawaasni ganda baadiyyaa Uluul Mojoo guutummaatti gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii hoggantuun tun eeraniiru. Bara baajataa kanaanis maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 fi 700 ol gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii ibsaniiru. Qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota qonnaa fi hojiiwwan daldalaa xixiqqoo irratti ce’umsa taasisan kanaan, hojiin isaanii akka milkaa’uuf kaappitaala jalqabaa fi deeggarsi ogummaa taasifamuufis kaasaniiru. Hawaasa gargaarsa irraa gara oomishtummaatti ce’an kanaaf dhuma ji’a kanaa irratti beekamtii fi badhaasni akka kennamuufis ibsameera.
Lageen keenya har'a carraaqqii fi dafqaan yaalamaa, jiraattotaaf gammachuu kan kennan ta’aa jiru - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 29, 2026 337
Waxabajjii 22 / 2018 (ENA): Lageen keenya har'a carraaqqii fi dafqaan yaalamaa, jiraattotaaf abdii fi gammachuu kan kennan, madda gammachuu ta'aa jiru jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee. Piroojektiin Qarqara Laga Qabbanaa'aa Magaalaa Finfinneef simboo dabalataa ta’eera jedhan Kaantiibaan Adaanech Abeebeen. Lagni kun namaan kan bade, namaan misoome jedhan.   Kan uumaan nu badhaase Qabbanaa'aa, namni balleesse, namni kennaan uumamaa kun baduun isa gaabbisiise ammoo Qabannaan irra deebiin akka dhalatu taasiseera jedhan. Lagni Qabbanaa'aa barootaaf sirbaa fi yaadannoon qofaan maqaan isaa waamamaa ture har’a irra deebiin dhalateera. Artisti Tsahaayee Yohaannis "Bishaan Qabbanaa" jechaa, baay'een isaanii daakanii kan guddatan yaadannoo ijoollummaa yeroo kakaasuu fi Doctor Kabajaa Artisti Alii Birraa "Bishaan Addis Ababaa" jechaa yeroo dinqisiifatu; waggoota dheeraa keessatti garuu yaadannoo qofa baatee eenyummaan uumamaa lagichaa badee, bakka dhangala'aa fi kosiin gatamuu ta'ee, fooliin isaa namatti dhihaachuu dhowwee kan irraanfatame akka ture yaadachiisaniiru.   Kunoo, laggeen faalama, dhukkubaa fi bakka kuusaa kosii turan kunniin, har'a carraaqqii fi dafqaan yaalamaa, jiraattotaaf abdii fi gammachuu kan kennan madaa gammachuu ta'aa jiru jedhan. Pirojektiin dinqisiisaan yeroo gabaabaa keessatti ijaarame kun, projektoota magaalattii gurguddoo biroo waliin ida'amee Finfinnee boonsaa miidhaginaa akka taasises ibsaniiru.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 2549
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 3549
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru.   Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ispoortii
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 281
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 4877
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bu'aa Sagantaa Asharaa Magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra – Jiraattota Godina Jimmaa
Jun 29, 2026 560
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf, saganticharratti waggaa waggaadhaan hirmaachaa jirra jechuun jiraattonni Godina Jimmaa ENA’n dubbise ibsaniiru. Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti sagantaan jalqabsiisa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamaan Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii, Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu fi hoggantoonni mootummaa Godinaa fi aanaa biroon bakka argamanitti eegalameera. Kana malees, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa fi hojjettonni dhaabbilee mootummaa dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaachaa jiru. Jiraattota godinichaa biqiltuu dhaaburratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Barsiisaa Biyyaa Abbaadiggaa, faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra jedhani.   Waggoottan darbatanitti biqiltuun naannoo isaaniitti dhaabaman naannicha, magariisaa taasisuu isaanii ibsuun, dhuunfaan biqiltuu dhaaban irraas fayyadamoo ta'uu jalqabuu isaanii dubbataniiru. Hundi namaa hirmaannaa sagantaa biqiltuu dhaaburratti taasisu akka jabeessus dhaamsa dabarsaniiru. Qonnaan bultoonni Abbaaraayyaa Sheekii fi Mahaammadsaanii Abbaadiggaa gamasaaniitiin, biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman bifa naannoo isaanii jijjiiruu irra cinatti dhiqama biyyee akka ittiseef ibsaniiru. Biqiltuu kanaan dura dhaabamerraa faayidaa argachaa jiran hordofuun, har'as roobni utuu isaan hin daangessin biqiltuu dhaaburratti hirmaachaa akka jiran dubbataniiru. Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulli; biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman faayidaalee hedduu argamsiisaniiru jedhan.   Kunis jijjiirama qilleensaa ittisuu fi dhiqama biyyoo hanbisuu dabalatee faayidaa guddaan kan irratti argamedha jedhaniiru. Sagantaa kanaan naannichatti omishtummaan bunaa fi dammaa guddachuu isaa ibsuun, qabeenya bishaanii keenya eeguu fi lammiileef carraa hojii uumuu dandeessiseera jedhaniiru. Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gama isaaniitiin; naannichatti waggoottan torban darban keessatti biqiltuu dhaabaman keessaa dhibbeentaa 85 kan ta'an qabachuu isaanii dubbataniiru. Naannichatti sagantaan ashaaraa magariisaa bu'aa qabatamaa fidaa waan jiruuf cimee akka itti fufus hubachiisaniiru. Godina Jimmaatti Ganna kana biqiltuu miiliyoona 365 dhaabuuf karoorfachuu kan ibsan ammoo Bulchaa Ol'aanaa Godinichaa Obbo Tijjaanii Naasiridha.   Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa Dalool, Ajajaa kudhanii Ashannafii Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaarratti yeroo shanaffaatiif hirmaachaa akka jiran dubbataniiru. Ashaaraan magariisaa faayidaalee dinagdee damee hedduu akka qabu hubachuu isaaniitiin ganamaan saganticharratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.  
Biqiltoonni har'a dhaabnu jijjiirama qilleensaaf furmaata - Afyaa'ii Sa’aadaa Abdurahmaan
Jun 29, 2026 228
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Biqiltoonni har’a dhaabnu kun biyya keenya qofaaf osoo hin taane addunyaa guutuuf furmaata jijjiirama qilleensaa ta’u jedhan Af-yaa’iin Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahmaan. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa naannoo Oromiyaa Godinoota adda addaatti eegalamaa jira. Sagantaan biqiltuu dhaabuu kun magaalaa Shaggar, kutaa magaalaa Buraayyuu, aanaa annee Diimaatti, bakka Afyaa’iin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahmaan fi Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa hawaasa naannoo waliin ta’uun gaggeeffameera. Aadde Sa’aadaan wayita sana akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphataa jira jedhani. Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa ammayyummaa magaalaaf gaheen ashaaraa magariisaa olaanaa dha jedhan. Waggoota darbanitti magaalichatti biqiltuun miiliyoona 71 ol dhaabamuu eeruun kantiibaan kun, lafti manca’e deebi’ee akka dandamatu kan taasisee fi namoota hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin magaalichatti biqiltuuwwan gosa adda addaa fi faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 19.1 dhaabuuf qophiin taasifamuus kantiibaan kun eeraniiru. Biqiltuun dhaabame kaayyoo yaadameef akka ooluuf hawaasni of eeggannoo addaa gochuu fi eegumsa gochuu akka qabus dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti Ganna kana biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban ni dhaabamu
Jun 29, 2026 350
Waxabajjii 22/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti Ganna kana biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban akka dhaabaman Itti aanaan Pireezidaantii Naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Godinaalee naannichaa adda addaa keessatti sagantaan jalqabsiisa Ashaaraa Magariisaa baranaa kan adeemsifame yoo ta'u, Itti Aanaan Pireezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti argamuun ashaaraa isaanii kaa'aniiru. Itti aanaan Pireezidaantii obbo Awwaluu Abdii wayita sana akka dubbatanitti, hojiilee sagantaa ashaaraa magariisaa waggoota darban raawwatamaniin hojii misooma diinagdeetiif bu'uura kaa’aa jiru jedhani. Keessattuu sagantichaan biqiltuuwwan dhaabaman kan nyaataaf oolan madda diinagdee dabalataa ta'uu eegaluu isaanii ibsaniiru.   Kana qofa osoo hin taane, sagantichi naannichaa keessatti dargaggoota baay'eedhaaf carraa hojii kan uume yoo ta'u, gabbina biyyee fi magariisummaa naannoo dabaluu isaas dubbataniiru. Sagantichi imala gargaarsarraa gara oomishtummaatti taasifamaa jiru galmaan ga'uufis gargaaraa akka jiru eeraniiru. Ganna kanaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban lafa hektaara kuma 94 irratti ni dhaabamu jedhaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa gama isaaniitiin, Godinichatti sagantaan biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu adeemsifamaa ture faayidaa hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Waggoota darbanitti biqiltuuwwan dhaabamee kanaan miidhaginni Haroo Dandii dabalaa dhufuu isaa kaasanii, biqiltuun har'a dhaabnu kun dhaloota boruutiif faayidaa guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabbii kana irratti jiraattonni naannichaa bal'inaan hirmaataniiru.    
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 25750
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 8906
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 12105
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015