Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Pirojektoonni Misoomaa garaa garaa eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an
May 26, 2026 10
Caamsaa 18/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Pirojektoonni Misoomaa garaa garaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Aanichatti pirojektoonni baajata Mootummaa fi hirmaannaa hawaasaan hojjetaman 18 qarshii miiliyoona 186 oliin ijaaramaan xumuramuun tajaajilaaf ga’aniiru.   Sirna eebbaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Biiroolee Oromiyaa obbo Huseen Fayyisoo, Itti Aanaan Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Gabayyoo Habtee dabalatee , hoggantoonni Godinaa fi Aanaa akkasumas keessummoonni garaa garaa fi kutaan hawaasaa adda addaa argamiiru. Sagantaa eebbaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Biiroolee Oromiyaa obbo Huseen Fayyisoo bu'uurri mootummaa gurmaa'insa Gandaa ta'uu fi iddoowwan hawaasni tajaajila si'ataa,ammayyaa'aa, qulqullina qabuu yeroon barbaadu argatee jireenya gaarii itti jiraatu ta’uu ibsaniiru.   Itti Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa obbo Gabayyoo Habtee mootummaan jijjiiramaa waggoottan saddeettanitti biyya hirkattummaa jalaa baasuuf innisheetivoota bocee hojiitti hiikuun jijjiiramni guddaan argamuu dubbataniiru. Waajjiraalee Gandoota dabalatee Piroojaktoonni garaagaraa Aanicha keessatti ijaaramaa turan gaaffii fi fedhii hawaasaa deebisuun rakkoolee kenniinsa tajaajila bu’uura irraa kan hiikan ta’uu Bulchaan Aanaa Waacaalee obbo Siyyum Kabbadaa ibsaniiru. Waajjira koomunikeeshinii Aanaa Waacaaleerraa
Filannoo walii galaa 7ffaa yeroo karoorfame keessatti gaggeessuuf qophiin hundi xumurameera
May 26, 2026 14
Caamsaa 18/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa yeroo karoorfametti gaggeessuuf qophiileen barbaachisoo ta’an hundi xumuramuu isaanii Walitti qabduun Booridii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu ibsaniiru. Yeroon callisaa (silent period) caamsaa 20 irraa eegalee kan jalqabu waan ta'eef, paartileen siyaasaa hundi yeroo gabaabaa hafe kanatti fayyadamuun hojii duula na filadhaa isaanii akka xumuran waamicha dhiyeessaniiru. Walitti qabduun Boordii Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu, qophii waliigalaa filannoo 7ffaan walqabatee taasifame ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru. Ibsa isaaniitiin Boordichi filannicha yeroo karoorfame keessatti haala milkaa'ina qabuun gaggeessuuf qophii hundaa xumuruun gara boqonnaa dhumaatti ce’uu isaa ibsaniiru. Boordichi galmeessa kaadhimamtoota paartilee siyaasaa fi adeemsa galmeessa filattootaa, dabalataan buufataalee filannoo addaa dabalatee yeroo kaahametti raawwachuu isaa eeraniiru. Adeemsa kanaan dura jiruun meeshaalee filannoo gurmeessuu fi gara naannoolee filannootti geejjibsiisuun hojiin hojjetamuu ibsuun, boordichi kana haala saffisa qabuun raawwachuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechuu isaa ibsaniiru. Ummanni filataa ta'e hubannoo gahaa akka argatu gochuuf, falmiiwwan dhimmoota adda addaa irratti Afaanota shaniin waltajjiiwwan qophaa’an 19 miidiyaaleen akka darban taasifameera jedhan. Dabalataan, qoodinsa sa'aatii qilleensaa bilisaa ilaalchisee sa'aatii raadiyoo 782.5, sa'aatii TV, 520 fi gaazeexaan dhimma 576 paartileef kennamuu isaa ibsaniiru. Milkaa'ina adeemsa filannoof dhaabbileen miidiyaa 64 fi gaazeexessitoonni kuma 1 fi 814 beekamtii gabaasa hojjachuu argachuu isaanii ibsaniiru. Boordichi qaamolee gartummaa siyaasaa irraa bilisa ta'an ramaduun, komiiwwan adeemsicha keessatti ka'an haala loogii irraa bilisa ta'een keessummeessaa turuu isaas eeraniiru. Yeroon yaada callisaa filannichaa caamsaa 20 irraa eegalee kan jalqabu waan ta'eef, paartileen siyaasaa hundi yeroo gabaabaa hafe kanatti duula na filadhaa isaanii akka xumuran walitti qabduun boordichaa waamicha dhiyeessaniiru. Filattoonnis gabatee yeroo kaa'ame bu'uureffachuun, caamsaa 24 guyyaa filannoo buufataalee filannoo isaaniitti argamuun mirga Heera Mootummaan isaaniitti fayyadamuun sagalee akka kennan dhaamsa dabarsaniiru.
Itiyoo-Teeleekom abbootiin aksiyoonaa, aksiyoona isaanii gabaa maallaqaafi boondii keessatti akka bulchan, akka bitani fi akka gurguran taasisu ifoomse.
May 26, 2026 68
Caamsaa 18/2018 (ENA): Dhaabbata misoomaa mootummaa irraa gara Waldaa Aksiyoonaatti kan ce'e Itiyoo Teeleekoom, gurgurtaa aksiyoonaa harka 10 gaggeesse irratti namoonni kuma 47fi 377 hirmaachuu ibse.   Dhaabbatichi ibsa miidiyaaf kenneen, gurgurtaa aksiyoonaan abbootiin aksiyoonaa Kuma 45 abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa ta'uu ibse. Sirna ifoomsuu irratti kan argaman Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu, aksiyoonni Miliyoona 10fi Kuma 700, Birrii Biliyoona 3fi Miliyoona 200’tti gurguramuu himan. Aksiyoona gurgurame keessaa bittaan namoota Kuma 45 mirkanaa'uu kan himan Aadde Firehiwoot, kanaanis aksiyoonni Miliyoona 10fi Kuma 100 kan Birrii Biliyoona 3’n bitameen abbaan qabeenyummaa dhaabbatichaa abbootii aksiyoonaaf mirkanaa'uu ifoomsaniiru. Sababa ragaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa "Fayda" guutuu ta'uu dhabuutiin namoota kuma tokkoofi 646 aksiyoonni isaanii ammatti kan hin mirkanoofne wayita ta'u, iyyattoonni lammiilee biyya alaa 248, aksiyoona Itiyoo Teeleekom bituuf ulaagaa waan hin guunneef, maallaqni isaan kaffalan mirkanaa'ee kan deebifamuuf ta'uus Aadde Fireehiwoot himaniiru. Yaa'iin Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa Itiyoo Teeleekoom jalqabaas bara 2019 ji'a Fulbaanaa keessa kan taa'amuu ta'u Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti Ganna baranaa biqiltuun shaayii miiliyoon 42 ol ni dhaabbata
May 26, 2026 73
Caamsaa 18/2018 ENA Naannoo Oromiyaatti Ganna baranaa biqiltuun shaayii miiliyoon 42 ol kilaasteraan akka dhaabamu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibseera. Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayirektara Muduraa kan ta’an obbo Chaalaachoo Addunyaa ENA’f waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiin kun muuxannoo hojii waggoota darban keessatti argaman irratti hundaa’uun kan adeemsifamu ta’uu isaati.   Kanaanis hanqinaalee kanaan dura mul’atan hiikuun, bara kanaaf biqiltuu gahaa ta’e qopheessuun gara hojii dhaabbiitti seenamaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma baala shaayii kana milkeessuuf caasaalee jiran hunda biratti hubannoon uumuun danda'ameera jedhan. Biqiltuun qophaa’e haala qabatama qilleensa naannichaa irratti hundaa’ee akkamitti akka dhaabamuufi kunuunsi akkamii taasifamuuf akka qabu boqonnaa qophii keessatti xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa akka jirus himaniru.   Misoomni baala shaayii kun bal’inaan godinaalee sadii keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, godinaaleen kunneen Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Baddallee ta’uus eeraniru. Obbo Chaalaachoon akka jedhanitti,naannichatti barana biqiltuu shaayii miiliyoona 100 fi miliyoona 22 qophaa’e keessaa, miliyoona 42 kan dhaabamu yoo ta’u, biqiltuun kunis lafa hektaara kuma 3 fi 168 irratti ni misooma jedhan. Naannichatti hanga ammaa misoomni shaayii lafti hektaarri kuma 2 fi 700 kan haguugame ta’uu himanii, misooma kana irraa lafa hektaara kuma 1 fi 280 ol yeroo ammaa oomisha kennaa jiraachuu himaniiru. Misooma kanan qonnaan bultoonni seekteroota jiran keessaa itti kan hirmaatanii fi caalaatti fayyadamoo gochuuf qonnaan bultoota giddu galeessa kan godhatee ta’uu himanii,walitti hidhaminsa gabaa uumuuf karoorfamee xiyyeeffanno guddaan hojjetamaa jiraachuu dubbatani. Hojiin misoomaa kun bu’aa qabeessa akka ta’uuf, lafti misoomaaf malu guutummaatti kilaasteraan kan adda bahe ta’uu eeranii, biqiltuuwwan buufata keessatti qophaa’anis yeroo ammaa sadarkaa dhaabbii irra gahuun isaanii kan mirkanaa’e ta’uu himaniiru. Naannichatti misoomni baala shaayii kun biyyee dhangaggaa’aa dandamatee omishaa kennuu kan danda’u akka ta’ee himanii, kutaalee naannicha biroo keessatti qorannoon deeggaruun sochiin taasifamaa jiru hoijirra oolaa kan jiruu ta’uus dubbataniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Hawaasummaa
Ajajni Bahaa ergama heera mootummaa isaa bahuudhaan fedhii nageenyaa fi misooma uummata keenyaa milkeesseera- Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa
May 26, 2026 184
Caamsaa 18/2018(ENA):Ajajni Bahaa ergama heera mootummaa itti kenname bahuudhaaf bobbii inni taasise fedhii nageenyaa fi misooma ummataa milkeessuu isaa Ajajaan Olaanaan Ajaja Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa ibsaniiru. Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa akka dubbatanitti, Ajajni Bahaa naannolee itti bobba’e kanneen akka Gojjam Kaabaa, Gojjam Lixaa, Godina Bulchiinsa Sablammii Awwii fi Godina Gondar Kibbaatti diina irratti tarkaanfii cimaa fudhachuun finxaaleyyii fi gantoota kan dhabamsiise yoo ta’u, heera mootummaa haala amansiisaan eeguudhaan abdii ummatummaa isaa ajaja hojiidhaan mirkaneessedha jedhaniiru. Hojii qindoomawaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaa fi humna nageenyaa naannichaan tarkaanfii cimaa garee finxaaleyyii irratti fudhatameen, yeroo amma raayyaa ittisaa dura dhaabbachuu dadhabee, boolla seenee jira jechuuf qofa olii fi gadi jechaa jira jedhaniiru. Gareen finxaleyyii ergamaa ta’e kun diinota seenaa keenyaa wajjin qindoomina uumuun Itiyoophiyaa mootummaa maleeyyii gochuuf ifaajus, gootummaa hawaasa misooma jaallatuu fi humna nageenyaatiin kaayyoon isaa guutummaatti fashalaa’uu danda’eera jedhan. Kanaafuu, humna ergamaa kana bakka dhokatee jiruutii baasanii dhabamsiisuuf qabsoo seera kabachiisuu taasifamu keessatti, ummanni eeruu kennuu barame taasisuudhaan itti gaafatamummaa lammummaa isaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru. Waltajjicharratti kan argaman Naannoo Amaaraatti Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantiitti Qindeessaan Damee Baadiyyaa Doktor Diras Saahiluu, hojii Ajajni Bahaa fi humni nageenyaa naannichaa hojjataniin naannichi gara nageenya isaa kan duraatti deebi'aa jiraachuu ibsaniiru. Hawasnis ilaalcha dogongoraa raayyaa ittisaa irratti dhiyaachaa ture dhabamsiisuun, piropaagandaa finxaaleyyiitiin osoo hin jilbeeffatiin hojiiwwan misooma naannichaa bal’inaan itti fufsiisaa akka jiru Doktor Diras ibsaniiru. Marii waliinii gaggeeffame kanaan Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantiitti Qindeessituu Damee Hawaasummaa Doktor Mulunash Dassee, hoggantoonni olaanoonii fi gaggeessitoonni Ajaja Bahaa argamuu isaanii Ajaja Bahaa wabeeffachuun AMICO’n gabaaseera.
Hojiileen Lammiilee itti fufinsaan fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu
May 25, 2026 432
Caamsaa 17/2018(ENA): Mootummaan fayyadamummaa ittifufinsa lammiilee qabu mirkaneessuuf hojiilee eegale cimsee akka itti fufu Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos ibsan.   Bulchiinsa magaalichaatti kutaaleen hawaasaa sagantaan wiirtuulee nyaataa Tasfaa Birihaan fayyadamaa turan dinagdeedhaan of dandasiisuu kaayyeffate adeemsifameera. Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos wayita sana akka himanitti, magaalattiin saffisa guddinaa olaanaa irratti argamti jedhani. Kanaanis keessattuu, misooma namaa irratti xiyyeeffatee fi misooma itti fufinsa qabuuf xiyyeeffannoo kennuudhaan bajata guddaa ramadee hojjetamaa jira jedhaniiru. Wiirtuuleen nyaataa Finfinnee keessatti ijaaraman mootummaan keessattuu erga jijjiirama biyyaalessaatii as misooma namaa irratti xiyyeeffateef xiyyeeffannoo guddaa kenne kan agarsiisudha jedhaniiru. Wiirtuuleen kun lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman kanneen guyyaatti al tokko nyaachuu hin dandeenye, kanneen rakkoo fayyaa hammaataa qabanii fi maanguddoota gargaarsa hin qabne dhaabbatummaadhan guyyaa guyyaatti nyaachisaa akka jiran dabalanii ibsaniiru. Har'as wiirtuulee nyaataa kutaa magaalaa hundatti argaman keessaa dubartoota 400 fayyadamoo turaniif deeggarsi maallaqaa fi meeshaalee hojii jalqabsiisuu danda'u taasifamuu isaa dubbataniiru. Dabalataanis, leenjii barbaachisaa kennuudhaan gara hojiitti akka galan ni taasifama jedhaniiru. Kanaanis bulchiinsi magaalichaa lammiilee gargaarsa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti ceesisuu hojii eegale cimee akka ittifufu ibsaniiru. Gara biraatiin, Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Qonjit Dabalaa; wiirtuulee nyaataa 29 magaalittii keessatti argaman keessaa lammiilee 400 fayyadamoo turan gara hojiitti galchuun danda'amuunsaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru. Kanaanis magaalattii keessatti wiirtuuleen nyaataa gargaarsa kan jajjabeessan qofa osoo hin taane, gara oomishtummaatti ce'uuf akka riqichaattis tajaajilaa jiraachuu isaanii agarsiiftuu tokkodha jedhaniiru.
Diinagdee
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Pirojektoonni Misoomaa garaa garaa eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an
May 26, 2026 10
Caamsaa 18/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Pirojektoonni Misoomaa garaa garaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Aanichatti pirojektoonni baajata Mootummaa fi hirmaannaa hawaasaan hojjetaman 18 qarshii miiliyoona 186 oliin ijaaramaan xumuramuun tajaajilaaf ga’aniiru.   Sirna eebbaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Biiroolee Oromiyaa obbo Huseen Fayyisoo, Itti Aanaan Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Gabayyoo Habtee dabalatee , hoggantoonni Godinaa fi Aanaa akkasumas keessummoonni garaa garaa fi kutaan hawaasaa adda addaa argamiiru. Sagantaa eebbaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Biiroolee Oromiyaa obbo Huseen Fayyisoo bu'uurri mootummaa gurmaa'insa Gandaa ta'uu fi iddoowwan hawaasni tajaajila si'ataa,ammayyaa'aa, qulqullina qabuu yeroon barbaadu argatee jireenya gaarii itti jiraatu ta’uu ibsaniiru.   Itti Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa obbo Gabayyoo Habtee mootummaan jijjiiramaa waggoottan saddeettanitti biyya hirkattummaa jalaa baasuuf innisheetivoota bocee hojiitti hiikuun jijjiiramni guddaan argamuu dubbataniiru. Waajjiraalee Gandoota dabalatee Piroojaktoonni garaagaraa Aanicha keessatti ijaaramaa turan gaaffii fi fedhii hawaasaa deebisuun rakkoolee kenniinsa tajaajila bu’uura irraa kan hiikan ta’uu Bulchaan Aanaa Waacaalee obbo Siyyum Kabbadaa ibsaniiru. Waajjira koomunikeeshinii Aanaa Waacaaleerraa
Itiyoo-Teeleekom abbootiin aksiyoonaa, aksiyoona isaanii gabaa maallaqaafi boondii keessatti akka bulchan, akka bitani fi akka gurguran taasisu ifoomse.
May 26, 2026 68
Caamsaa 18/2018 (ENA): Dhaabbata misoomaa mootummaa irraa gara Waldaa Aksiyoonaatti kan ce'e Itiyoo Teeleekoom, gurgurtaa aksiyoonaa harka 10 gaggeesse irratti namoonni kuma 47fi 377 hirmaachuu ibse.   Dhaabbatichi ibsa miidiyaaf kenneen, gurgurtaa aksiyoonaan abbootiin aksiyoonaa Kuma 45 abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa ta'uu ibse. Sirna ifoomsuu irratti kan argaman Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu, aksiyoonni Miliyoona 10fi Kuma 700, Birrii Biliyoona 3fi Miliyoona 200’tti gurguramuu himan. Aksiyoona gurgurame keessaa bittaan namoota Kuma 45 mirkanaa'uu kan himan Aadde Firehiwoot, kanaanis aksiyoonni Miliyoona 10fi Kuma 100 kan Birrii Biliyoona 3’n bitameen abbaan qabeenyummaa dhaabbatichaa abbootii aksiyoonaaf mirkanaa'uu ifoomsaniiru. Sababa ragaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa "Fayda" guutuu ta'uu dhabuutiin namoota kuma tokkoofi 646 aksiyoonni isaanii ammatti kan hin mirkanoofne wayita ta'u, iyyattoonni lammiilee biyya alaa 248, aksiyoona Itiyoo Teeleekom bituuf ulaagaa waan hin guunneef, maallaqni isaan kaffalan mirkanaa'ee kan deebifamuuf ta'uus Aadde Fireehiwoot himaniiru. Yaa'iin Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa Itiyoo Teeleekoom jalqabaas bara 2019 ji'a Fulbaanaa keessa kan taa'amuu ta'u Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti Ganna baranaa biqiltuun shaayii miiliyoon 42 ol ni dhaabbata
May 26, 2026 73
Caamsaa 18/2018 ENA Naannoo Oromiyaatti Ganna baranaa biqiltuun shaayii miiliyoon 42 ol kilaasteraan akka dhaabamu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibseera. Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayirektara Muduraa kan ta’an obbo Chaalaachoo Addunyaa ENA’f waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiin kun muuxannoo hojii waggoota darban keessatti argaman irratti hundaa’uun kan adeemsifamu ta’uu isaati.   Kanaanis hanqinaalee kanaan dura mul’atan hiikuun, bara kanaaf biqiltuu gahaa ta’e qopheessuun gara hojii dhaabbiitti seenamaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma baala shaayii kana milkeessuuf caasaalee jiran hunda biratti hubannoon uumuun danda'ameera jedhan. Biqiltuun qophaa’e haala qabatama qilleensa naannichaa irratti hundaa’ee akkamitti akka dhaabamuufi kunuunsi akkamii taasifamuuf akka qabu boqonnaa qophii keessatti xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa akka jirus himaniru.   Misoomni baala shaayii kun bal’inaan godinaalee sadii keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, godinaaleen kunneen Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Baddallee ta’uus eeraniru. Obbo Chaalaachoon akka jedhanitti,naannichatti barana biqiltuu shaayii miiliyoona 100 fi miliyoona 22 qophaa’e keessaa, miliyoona 42 kan dhaabamu yoo ta’u, biqiltuun kunis lafa hektaara kuma 3 fi 168 irratti ni misooma jedhan. Naannichatti hanga ammaa misoomni shaayii lafti hektaarri kuma 2 fi 700 kan haguugame ta’uu himanii, misooma kana irraa lafa hektaara kuma 1 fi 280 ol yeroo ammaa oomisha kennaa jiraachuu himaniiru. Misooma kanan qonnaan bultoonni seekteroota jiran keessaa itti kan hirmaatanii fi caalaatti fayyadamoo gochuuf qonnaan bultoota giddu galeessa kan godhatee ta’uu himanii,walitti hidhaminsa gabaa uumuuf karoorfamee xiyyeeffanno guddaan hojjetamaa jiraachuu dubbatani. Hojiin misoomaa kun bu’aa qabeessa akka ta’uuf, lafti misoomaaf malu guutummaatti kilaasteraan kan adda bahe ta’uu eeranii, biqiltuuwwan buufata keessatti qophaa’anis yeroo ammaa sadarkaa dhaabbii irra gahuun isaanii kan mirkanaa’e ta’uu himaniiru. Naannichatti misoomni baala shaayii kun biyyee dhangaggaa’aa dandamatee omishaa kennuu kan danda’u akka ta’ee himanii, kutaalee naannicha biroo keessatti qorannoon deeggaruun sochiin taasifamaa jiru hoijirra oolaa kan jiruu ta’uus dubbataniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti
May 26, 2026 151
Caamsaa 18/2018(ENA): Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jiraachuu Ishee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Itti waamamaan olaanaan Mootummaa Ministir Doktar Tasfaayee Baljigee ibsan. Gaaffiin Itiyoophiyaan dhimma abbummaa hulaa Galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa ta’uu isaa hubachiisaniiru. Ministirri Doktar Tasfaayee Baljigee ENA’f akka ibsanitti,Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tokkummaa dinagdee naannichaa mirkaneessan tarkaanfiiwwan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti jedhani. Gaaffiin Itiyoophiyaan haqa abbummaa hulaa Galaanaa qabduus, carraaqqii ishee walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaa uumuuf taasiftu irraa adda baafamee kan ilaalamu akka hin taane hubachiisaniiru. Humna elektiriikii Hidha haaromsaa Guddicha fedhii Itiyoophiyaatiin wareegama waliinii Itiyoophiyaanotaatiin ijaarame irraa maddu, walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaatiif gumaacha guddaa gumaacha jira jedhaniiru. Gara fuulduraattis, Ajandaa Gamtaa Afriikaa 2063 bu'uura godhachuun, Itiyoophiyaan tokkummaa dinagdee Ardii ariifachiisuuf qabeenya isheetti fayyadamuun kutannoodhaan akka hojjettu ibsaniiru,. Itiyoophiyaan Galaana Diimaa wajjin hidhata ishee uumamaa, seenaan, teessuma lafaa fi seera qabeessummaa walitti hidhe ta'uu isaa ibsanii, akka isheen abbummaa hulaa Galaanaa dhabdu gochuuf kiyyoo fi dabaan dhimmi deemame gaddisiisaa fi yaada Itiyoophiyaa dadhabsiisuu irraa kan madde ta'uu isaa dubbataniiru. Herregni Itiyoophiyaan qabeenya isheetti fayyadamtee guddina ishee mirkaneessinaan sodaa keenya taati jedhu, murtii boodatti hafaa fi dogoggoraa diinota seenaati jedhaniiru. Kanaanis, gaaffiin Itiyoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa qabdu bu'uura seenaa kan qabu, dhugaa uumamaa fi teessuma lafaa kan qabu, seera qabeessummaa fi loogii maleessummaa kan walitti hidhe dhimma jireenyaati jedhaniiru. Sadarkaa Idil-Addunyaatti biyyoota laatin Ameerikaa Booliviyaa fi Peeruu, Biraaziil fi Paaraaguway; Afriikaatti immoo muuxannoo Maalii, Senegaalii fi Kooti DiiVuwaar furmaata waliinii itti fayyadaman akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Gaaffiin Itiyoophiyaan Abbummaa hulaa galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa ta’uu isaa hubachiisaniiru Kanaanis, gaaffii Itiyoophiyaan abbummaa karra galaanaa seenaan, seeraa, teessuma lafaa fi madaalawaa qabdu karaa dippilomaasiitiin milkeessuun akka danda'amu dubbataniiru. Biyya ummata baay'ee qabduuf kun qananii osoo hin taane, dhimma faayidaa biyyaalessaa furtuu kabaja abbummaa dinagdee mirkaneessudha jechuun ibsaniiru. Tajaajila bufata doonii fi loojistiksiitiif qabeenyi guddaan waggaa waggaan baasii ta'u,dorgammii daldalaa Idil addunyaa fi imala guddinaa irratti dhiibbaa guddaa akka uume hubachiisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 1242
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 972
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 1024
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani.   Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 1693
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 1286
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti  hojiin misooma sululaa raawwatameera 
May 18, 2026 1258
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera. Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru. Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru. Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru. Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru. Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru. Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru. sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru. Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 19440
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 3578
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 5101
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015