Angafoota Oduu
Bajanni Bulchiinsa magaalaa Finfinnii bara 2018 Birriin biiliyoona 350 tuqaa 13 ta’uun ragga’e
Jul 12, 2025 15
Adoolessa 05/2017(TOI)-Manni marii bulchiinsa magaalaa Finfinnee bajata bara 2018 birrii biiliyoona 350 tuqaa13 gochuun mirkaneesse. Manni marii naannichaa walgahii idilee 4ffaa bara hojii waggaa 4ffaa taa’eera. Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo faayinaansii Abdulqaadir Reedwaan, wixinee bajataa 2018 bulchiinsa magaalichaa mana mareef bal’inaan dhiheessaniiru. Birriin biiliyoona 350 tuqaa 13 bara bajataa 2018’f qabamuu kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu caalmaa birrii biiliyoona108 ykn dhibbantaa 45 guddachuu ibsaniiru. Bajata waliigalaarraa baasii idileef birriin biiliyoona 91 tuqaa 8, hojiilee kaappitaalaaf birriin biiliyoona 246 tuqaa 3 kan ramadame yoo ta’u, kan hafe birriin biiliyoona 12 ofeeggannoof qabamuu ibsaniiru. Bajanni kaappitaalaa akka guddatu kan godhame hojiilee namarratti xiyyeeffatanif, misooma manaaf, misooma magariisaa fi pirejektoota ijoo bulchiinsa magaalichaaf xiyyeeffannoo kennuun waan barbaadameef ta’uu kaasaniiru. Bajatichi mul’ata magaalattii, pirojektoota hojjetamaa jiranii fi fedhii misooma haaraa, riifoormiiwwan bulchiinsaa karoorfamaniif, hojii tajaajila fooyyessu, hojii tajaajiloota ammayyeessuu hatattamaa fi bu’a qabeessummaan hojjechuuf yaadamee qophaa’uu himaniiru. Bajata waliigalaarraa birriin biiliyoona 238 ol kan ta’u taaksii, galii mana qopheessaarraa birriin biiliyoona 56 ol, galii taaksii hintaanerraa birriin biiliyoona 46 ol fandii daandiirraa birriin biiliyoon 1tuqaa 8, liqii fi gargaarsa biyya alaarraa birriin biiliyoona 6 tuqaa 98 akka walitti qabamu eeraniiru. Manni marichaa wixinee bajataarratti mari’atanii sagalee guutuun mirkaneesseera.
Yuunivarsiitiin ittisaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa uumaa jira-Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa
Jul 12, 2025 13
Adoolessa 05/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa ammayyaa uumaa akka jiru pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa ibsan. Yuunivarsiitichi maandisummaa, saayinsii fayyaa, biizinasii, bulchiinsa qabeenyaa fi sagantaalee barnootaa biroon digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan leenjise har’a eebbisiiseera. Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri jallisii fi naannawoota gammoojjii Dr. Abrahaam Balaayi, de’eetaan ministira fayyaa fi itti aanaan walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Dr. Darajjee Dhugumaa , qondaaltonni ittisaa olaanoon, attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa fi maatii eebbifamtootaa sirna eebbaarratti argamaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii ittisaa Itiyoophiyaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa, Yuunivarsiitichi dameelee barnootaa garagaraan loltummaan, siviilii fi barattoota biyyoota ollaa leenjisaa jira jedhaniiru. Yuunivarsiitichi hooggantoota loltuu fi siviilii raawwii ergama raayyaa ittisaa sadarkaa olaanaan gahan horachaa akka jiru ibsaniiru. Gama teeknooloojiitiin hojiilee biyya ceesisan hojjechaa akka jiru eeraniiru. Yuunivarsiitichi karaa maqaa raayyaa madaaluun kan caaseffame yoo ta’u hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojiilee qorannoo fi qu’annoo garagaraa fihojiilee hawaasa fayyadan biroo hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Itiyoophiyaan raayyaa ammayyaa ijaaruuf alaa galchitu biyya keessatti bakka buusuuf hojiilee garagaraa hojjechaa akka jirtu dabalanii ibsaniiru. Barattoonni beekumsaa fi ogummaa argataniin biyyasaanii ga’oomaan tajaajiluu akka qaban ergaa dabarsaniiru. Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa bara 2025 Afriikaarraa Yunivarsiitiiwwan shan keessaa tokko ta’uuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.
Kan mul'ate

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa guutuu addunyaan walitti fiduun qooda adda durummaa bahaa jira
Jul 11, 2025 110
Adoolessa 04/2017(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa guutuu addunyaan walitti fiduun qooda adda durummaa bahaa akka jiru de’eetaan ministira geejjibaa fi lojistiksii Dhangee Boruu ibsan. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaleeessa balallii haaraa Hanooy Veetinaamitti jalqabeera. De’eetaan ministira geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, hooggantoonno olaanoo daandii qilleensichaa bakka bu’oonni dhaabbilee daldalaa Veetinaam sagantaa jalqabsiisa balalliirratti argamaniiru. Daandiin qilleensichaa torbanitti al Afur Hanooyi Veetinaamitti nibalali’a. De’eetaan ministira geejjibaa fi lojistiksii Dhangee Boruu wayita kana akka ibsanitti, balalliin imaltootaa daandiin qilleensichaa Hanooyi Veetinaamitti taasisu hariiroo biyyoota lamaanii niguddisa. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu milkaa’inaa ta’uu ibsanii, karoorri dinagdee akka biyyaatti qabaman akka milkaa’an gumaaacha taasisaa akka jiru kaasaniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa addunyaa guutuu waliin walitti fiduun qooda adda durummaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gamasniin, balalliin daandiin qilleensichaa eegale biyyoota lamaan jidduutti carraalee hedduu akka banu dubbataniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiif qooda olaanaa bahaa akka jiru kan ibsan ammoo ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraalii dhimmoota jiddugaleessa bahaa, Isiyaa fi biyyoota Paasfiik Dawaanoo Kadir gamasaaniin, balallii jalqabame kun biyyoota lamaaniif faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu himaniiru.
Magaalichatti pirojektoonni fayyadamummaa Uummaichaa mirkaneessan kuma 15 fi 960  tajaajilaaf gahaniiru
Jul 11, 2025 59
Adoolessa 04/2017(TOI)-Magaalichatti bara Baajataa 2017 xumurametti pirojektoonni kuma 15 fi 960 Mootummaa fi Hirmaannaa Hawaasaan xumuramanii tajaajilaaf ga’uusaanii Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Ibsan. Yaa’iin Idilee 4ffaa Mana Maree 3ffaa Bara Hojii Waggaa 4ffaa Magaalaa Finfinnee Gaggeeffamuu Jalqabameera. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gabaasa raawii karoora bara 2017 dhiheessaniiru. Gabaasa Isaaniin Bara baajataa 2017tti fayadamummaa Hawaas-Diinagdee Uummatichaa mirkaneessuuf hojiin misoomaa hedduun raawwatamuu ibsaniiru. Kanneen keessaa, Gidduu Gala Konveekshininii Idil Addunyaa Addis, gidduugalawwan gabaa, Fayyaa, Barnoota, Aartii fi Bu’uuraalee Misoomaa biroon kan eeramanidha jedhaniiru. Ijaarsii fi haaromsi Mannen harka qal’eeyyii kuma 8 fi 786 tola ooltota qofaan kan ijaaraman yoo ta’u, Manneen Jireenyaa Baajata Bulchiinsa Magaalichaan ijaaraman kuma 5 fi 176 ta’uu ibsaniiru. Misooma kooriidaraan, Kaazaanchis, Boolee, Lidataa, Laaftoo, Arat kiiloo fi kanneen biroon hirmaanna dhuunfaa fi mootummaan suuqiiwwan kuma 5 fi 563 xumuramuu kan kaasan kantibittiin, sheediiwwan hojii kuma 1 fi 64 gara tajaajilaatti galaniiru jechuun ibsan. Sosochii ijoollummaan duraan Magaalaan Finfinneetti Daa’imman guddisuuf Magaala Mijattuu taassisuuf hojii eegalamaniin bakkeewwan daa’imman itti taphatan kuma 1 fi 155 ijaaramuu ibsaniiru. Dargaggootaaf Dirreewwan Shaakala Ispoortii 122 xumuramanii tajaajila eegaluu ibsaniiru. Bara baajatichaatti boqonnaa jalqabaan Misooma Koriideraa dabalatee bakkeewwan dhaabbii konkolaataa 153 fi terminaalonni xumuramanii tajaajila eegaluu ibsaniiru. Hojiiwwan misoomaa biroo dabalatee pirojektoonni kuma 1 fi 960 ijaaramanii tajaajilaaf ga’uusaanii kaasuun kanneen keessaa 16 pirojeektoota gurguddoodha jedhaniiru. Kanarra darbee kuma 9 kan ta’an hirmaannaa Hawaasaa fi tajaajila tola oolotaan kan hojjetaman ta’uu, kaasaniiru. Hojii Bu’uuraalee Misoomaa dhaqababumaa daandii fi qulqullina qaban, sochii tiraafikaa magaalichaa fooyyessuu danda’an ijaaruuf hojii hojjetameen, Asfaaltii, kobilii, cirracha, fi daandii miilaa Km kuma 1 fi 392 ta’uu hojjetamuu eeraniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Yuunivarsiitiin ittisaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa uumaa jira-Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa
Jul 12, 2025 13
Adoolessa 05/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa ammayyaa uumaa akka jiru pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa ibsan. Yuunivarsiitichi maandisummaa, saayinsii fayyaa, biizinasii, bulchiinsa qabeenyaa fi sagantaalee barnootaa biroon digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan leenjise har’a eebbisiiseera. Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri jallisii fi naannawoota gammoojjii Dr. Abrahaam Balaayi, de’eetaan ministira fayyaa fi itti aanaan walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Dr. Darajjee Dhugumaa , qondaaltonni ittisaa olaanoon, attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa fi maatii eebbifamtootaa sirna eebbaarratti argamaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii ittisaa Itiyoophiyaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa, Yuunivarsiitichi dameelee barnootaa garagaraan loltummaan, siviilii fi barattoota biyyoota ollaa leenjisaa jira jedhaniiru. Yuunivarsiitichi hooggantoota loltuu fi siviilii raawwii ergama raayyaa ittisaa sadarkaa olaanaan gahan horachaa akka jiru ibsaniiru. Gama teeknooloojiitiin hojiilee biyya ceesisan hojjechaa akka jiru eeraniiru. Yuunivarsiitichi karaa maqaa raayyaa madaaluun kan caaseffame yoo ta’u hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojiilee qorannoo fi qu’annoo garagaraa fihojiilee hawaasa fayyadan biroo hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Itiyoophiyaan raayyaa ammayyaa ijaaruuf alaa galchitu biyya keessatti bakka buusuuf hojiilee garagaraa hojjechaa akka jirtu dabalanii ibsaniiru. Barattoonni beekumsaa fi ogummaa argataniin biyyasaanii ga’oomaan tajaajiluu akka qaban ergaa dabarsaniiru. Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa bara 2025 Afriikaarraa Yunivarsiitiiwwan shan keessaa tokko ta’uuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.
Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate cimee ittifufeera-Dr. Biqilaa Hurrisaa
Jul 11, 2025 126
Adoolessa 04/2017(TOI)-Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate Itiyoophiyaatti cimee ittifuuusaa hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Dameen ummataa fi hariiroo idil addunyaa waajjira muummee Paartii badhaadhinaa raawwii bara bajataa 2017 fi karoora bara bajataa 2018 magaalaa Arbaa Mincitti qorachaa jira. Hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa wayita kana, Itiyoophiyaan damee dinagdee, siyaasaa fi dippilomaasiin addababayii addunyaarratti jijiirama hatattamaa galmeessisaa jirti jedhaniiru. Kana milkeessuuf dirree siyaasaa tasgabbaa’aa uumuudhaan obbolummaa fi waggaa obboleettummaa umattoota jidduutti cimaa itti dhufedha jechuun ibsaniiru. Qaamoleen guddina biyyaa boodatti deebisuuf dhama’an shirri isaan xaxan ummataa fi mootummaan fashalaa’aa dhufuu ibsaniiru. Adeemsi ijaarsa seenessa tokkummaa sabdaneessummaa milkaa’inaan hojjetamaa jiraachuu kan kaasan Dr. Biqilaan, milkaa’inni amma ammaatti galmaa’e ittifufsiisuuf nihojjenna jedhaniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo kibba Itiyoophiyaa obbo Gabramasqal Caalaa gamasaaniin, paartichi badhaadhina waliigalaa mirkaneessaa jira. Mirga sabaa fi sablammootaa kabachiisuun biyya tasgabboofte ijaaruuf haala gaariin raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Fuulduras misooma eegalaman ittifufsiisuun badhaadhina waliigalaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru. Waltajji guyyoota lamaaf qophaa’e hooggantoonni hariiroo ummataa paartichaa fi ogeeyyonni hirmaachaa jiru.
Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun itti fufuun nihojjetma
Jul 10, 2025 142
Adoolessa 03/2017 (TOI)- Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun cimee akka itti fufu waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu ibsan. Dameen ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa waltajjii qorannoo raawwii karoora 2017 fi karoora bara 2018 magaalaa Hararitti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture har’a Xumureera. Hooggantoonni federaalaa fi naannoo damee ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa akkasumas qaamni dargaggootaa fi dubartoota paartichaa waltajjicharratti hirmaataniiru. Waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu wayita kana akka jedhanitti, bara bajataa 2017 duudhaa ijaarsa aadaa demokiraasii cimsuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaniiru. Paartileen siyaasaa waliin hojjechuun naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti mana maree walooj gurmaa’uun aadaan waliin hojjechuu gabbachaa dhufuu eeraniiru. Hojiileen paartilee siyaasaa waliin eegalaman aadaa f i barbmaata haaraa fidaa akka jiran kaasaniiru. Hojiileen waloo ciminaan akka ittifufan ibsanii, paartileen siyaasaas ijaarsa aadaa demokiraasiif hojii hojjetan ciminaan akka ittifufan himaniiru. Yeroo ammaa qaamoleen mootummaa fi hawaasni siviilii sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuuf calqabbiin gaariin uumamuusaa eeraniiru. Keessumaa gumaacha dargaggootaa fi dubartootaaga’oomsuu fi caalaatti guddisuuf akkasumas ittifayyadamasaanii gabbisuuf waltajjichi haala mijataa uumuusaa kaasaniiru. Fuulduras akkaataa kallattii kaa’ameen dhimmoota xiyyeeffannoo barbaachisan irratti xiyyeeffannoo kennamee aadaa godhachuun akka hojjetamu himaniiru.
Itiyoophiyaan Bara bajatichaatti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjetteetti-Ministeera dhimma alaa
Jul 10, 2025 124
Adoolessa 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Bara bajataa xumurametti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjechuushee Ministeerri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo raawwii dippilomaasii bara bajatichaa ijoo ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniinis bara bajatichaatti dameelee dippilomaasii hundaan hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa eegsisanii fi maqaa gaarii biyyaa beeksisan hojjetamuu beeksisaniiru. Biyyoota ollaa waliin hariiroo fayyadama waloo irratti hundaa’e humna elektiriikii fi bu’ura misoomaa daandiin caalaatti cimsuu fi nageenya waaraa gaanfa Afriikaatti buusuuf hojiileen milkaa’oon raawwatamuu ibsaniiru. Bara bajatichaatti fayyadama haqa qabeessa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisee haqa Itiyoophiyaa hawaasa addunuyaaf hubachiisuun akka danda’ame dubbataniiru. Bara bajatichaatti waliigalteewwan gamlamee fi gama hedduu biyyoota garagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru. Waliigalteewwan kunneen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan eegsisanii fi dhageettii fi fudhatama waltajjii addunyaarratti qabdu kan gabbisanidha jedhaniiru. Dippilomaasiin lammiileerratti xiyyeeffateenis Itiyoophiyaanota biyyoota garagaraatti haala rakkisaa keessa turan fayyaa fi kabajnisaanii eegamee biyyatti akka deebi’an taasifamuu ibsaniiru.
Lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’aniiru-Minsteera dhimma alaa
Jul 10, 2025 103
Adoolessa 03/2017(TOI)- Bara bajataa xumurametti lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’uusaanii Minstirri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo hojiilee dippilomaasii ijoo bara bajataa 2017 ilaalchisuun galaalchotaaf ibsa kennaniiru. Bara bajatichaatti Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii hariiroo gamlamee fi gama hedduu faayidaa biyyaalessaa kabachiisan uumuun, walitti dhufeenya riijinii akkasumas tumsa ardii fi idil addunyaa cimsa raawwatteetti jedhan. Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii bu’a qabeessa hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu caalaatti cimsuu dandeessisanii fi walitti hidhamiinsa riijinii saffisiisan raawwachuushee himaniiru. Hidha haaromsaa Ityoophiyaa guddicha ilaalchisuun haqa Itiyoophiyaan qabdu hawaasa addunyaa hubachiisuuf hojiin dippilomaasii cimaan hojjetamuusaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan Komishiniin sulula Naayil akka hundaa’u gochuun fedhii itti fayyadama haqa qabeessaaf qabdu qabatamaan agarsiifteetti jedhaniiru. Itiyoophiyaan ollootashee waliin walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf lammiilee biyyoota garagaraa 968’f carraa barnootaa kennuushee dubbi himaan kun dabalanii himaniiru. Bara bajatichaa waliigalteewwan faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisan 11 mallatteeffamanii paarlaamaan mirkanaa’uusaanii ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsaniiru. Dippilomaasii dinagdeetiinis hawaasni addunyaa waa’ee riifoormii dinagdee gooroo fi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa hubannoo argachuun deeggarsa akka taasisu gochuuf hojjetamuu eeraniiru. Dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen bara bajatichaa lammiileen biyyoota 21 keessatti rakkoo keessa turan kuma 131 biyyatti deebifamuu dubbataniiru. Ministeerri dhimma alaa bara bajatichaatti nageenyaa fi kabaja lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffatee hojjechuusaa himaniiru. Dandeettiin Itiyoophiyaan konfaransii idil addunyaa keessummeessuuf qabdu guddachaa dhufuu eeranii, dhiheenyatti yaa’iiwwan idil addunyaa jajjaboon nitaa’amu jedhaniiru. Kanneen keessaa yaa’iin sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaa fi yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan akka adeemsifaman eeraniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa Ameerikaatti argaman yeroo Viizaa eyyamameefiin olitti turuun waan isaan gaafachiisuuf ofeeggannoo gochuu akka qaban dubbi himaan kun ibsa kennaniin hubachiisaniiru. Lammiileen biyya biroo Viizaa Itiyoophiyaa argatanii dhufan yeroo turtii kennameefiin olitti turuun akkaataa seera biyyattiin kan adabsiisuuf ta’uu hubachuun ofeeggannoo akka taasisan cimsanii dubbataniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajatichaatti Karoora Qabate Milkeessuuf Hirmaannaan Taassise Bu’aa Qabeessadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo
Jul 7, 2025 270
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajataa 2017tti Karoora Qabate Milkeessuuf hirmaannaan taassisee bu’aa qabeessa akka ta’e Af-yayaa’ii Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni Marichaa Walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseen gabaasa raawwii hojii bara baajatichaa dhihaatee irratti mariin gaggeeffameera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo wayita kanatti, manni maricha labsiiwwan baasu sirnaan hojiirra akka oolaniif mirkaneeffamuun dura Qorannoon barbaachisaan akka taassifamu kaasaniiru. Seeronni erga Mirkanaa’anii boodas sirnaan hojiirra ooluu isaa odiitii gochuun jalqabamuus beeksisaniiru. Manni Marichaa hojii to’annoo fi hordoffii haala kallattii taa’een gaggeeffamuu fi hojmaata itti gaafatamummaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Marichaa bara Baajatichaatti hojiiwwan karoorran qabatan milkeessuuf hirmaannaa taassisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Itti fufuunis Manni Marichaa bara hojii waggaa 5ffaa ciminoota turan ittifufsiisuun hanqinoota turan guutuun hojii fooyyee qabu raawwachuuf miseensonni hundi qooda isaanii bahu akka qaban kaasaniiru. Gabaasicha kan dhiheessan Itti Aantuun Af- yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo akka ibsanitti, Manni marichaa hojiiwwan karoorfame gahumsan raawwachuuf qindoominaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Keessumaa manani marichaa ergamoota gurguddoo afur seeraan kennameef galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjete bu’aa qabeessadha jedhaniiru. Seeronni osoo hin Raggaassifamiin Dura Ogeeyyiin Kutaa Seeraa Mana Marichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii fi miseensonni koree dhaabbii qorannoo bal’aa akka Gaggeessan Ibsaniiru. Kanarra darbees waltajjii hubannaa fi Marii Hawaasaa Mijeessuun Iftoomina Seerotaa Keessatti akka Uumamu ta’eera jedhaniiru. Bara Baajatichaatti Manni Marichaa walga’ii Idilee 43ffaa fi walga’ii addaan Labsiiwwan adda addaa 50 ol qorachuun raggaassisuu ibsaniiru. Hojii Dippiloomaasii Paarlaamaan Jiloota Paarlaamaa biyyoota adda addaa waliin Hariiroo Dippiloomaasii faayidaa biyyoolessaa cimsan hojjetamaniiru jedhaniiru. Gabaasichaan Manni Marichaa koreewwan dhaabbii 13n karoora qaama raawwachiiftuu deeggaruu fi hordofuu ibsaniiru. Miseensonni mana marichaa hojiiwwan bakka bu’ummaa Filannoo Naannoo waggaatti yeroo lama gaggeessan sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu fi gaaffii hawaasni kaasu sadarkaa sadarkaan deebii argachuu isaanii kaasaniiru.
Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera
Jul 6, 2025 372
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale bu’aa ba’ii hambisuun tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan taasisuu jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ibsan. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoo Naannichaa daawwannaa guyyaa shanaffaatiin hojiiwwan misoomaa garagaraa godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru. Daawwannaa kanaa sochii hojii caasaa gurmaa’insa gandaa dhiheenya naannichatti caaseffame ilaalaniiru. Jiraattonni aanaa Dalloo Mannaa TOI’n wayita kana dubbise bulchiinsi gandaa bu’aa bayii hambisuun tajaajila mootummaa si’ataa dhiheenyatti akka argatan taasiseera. Hajjii Kaliif Abdullaahii fi Aliyyii Toree akka jedhanitti, caasaan gandaa naannawasaaniitti gurmaa’e qe’eesaaniirraa osoo hinfagaanne tajaajiloota mootummaa garagaraa dhiheenyatti akka argata taasisuusaa dubbataniiru. Tajaajilli kun akka fulla’u qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Hawaasni tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatu akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii hatattamaan akka furamu yaaduun Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa kana gurmeessuunsaa nibeekama. Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa godina Baaleetti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Hawaasummaa
Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennudha
Jul 10, 2025 124
Adoolessa 03/2017(TOI)-Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennu Ta’uu Itti Aanaan Daarekteera Olaanaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr. Fireewu Tagany ibsan. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheessan irratti marii irna nyaataa Itiyoophiyaarratti Xiyyeeffate gaggeessaa jira. Saganticha irrtti barreeffama ka’umsaa kan dhiheessan Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr.Fireewu Tagany akka jedhanitti, Itiyoophiyaan milkaa’ina galmoota misoomaa fulla’aaf qooda mataashee bahaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsa sirna soorataa eegaluun biyya adda duree ta’uushee ibsaniiru. Kanaanis Innisheetivoota Misoomaa adda addaa hojiirra oolchuu jalqabuu ishee eeruun , Maaddii Guutuu, Misooma Qamadii, Ashaaraa Magariisaa fi kanneen biroo akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Konfaraansiin Sirna Soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2ffaan Adoolessa 20 hanga 22/2017tti Qopheessummaa Itiyoophiyaa fi xaaliyaaniin Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uuu ibsaniiru. Yaa’ichi Itiyoophiyaatti gaggeeffamuunsaa maqaa qaarii biyyattii mul’isuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsuun, keessumattuu imala cehumsa sirna soorataa Itiyoophiyaan eegalteef beekamtii kan kennu ta’uu dubataniiru. Iiyoophiyaan jijiiramaa asitti sagantaawwan biyyoolessaa adda addaa cehumsa sirna soorataa saffisiisan bocuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ishee ni beekama. Innisheetivota Kanneen akka Sagantaa Maaddii Guutuu, Misoomaa Qamadii, Ashaaraa Magariisaa, Soorata barattootaa, Sosochii Itiyoophiyaan Haa omishituu fi waadaa saqoxaa akka fakkeenyaatti ni caqafamu. Qopheessummaa Itiyoophiyaan kan gaggeefamu yaa’iin sirna soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii milkaa’inaan keessummeessuuf hojiileen haaldureen hojjetamaa jiru.
Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa jira
Jul 10, 2025 109
Adoolessa 03/2017(TOI)- Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa isaa cimsaa akka jiru ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay ibsan. Miseensonni raayyaa izzii jiddugalaa Daalol sagantaa xumuraa dorgommii feestivaalii Ispoortii guyyoota kudhan darban gaggeessaa turee fi dhiiga arjoomuu har’a gaggeesseera. Wayita kana ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay, raayyaan hojii idileessaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun ga’umsaan raawwachaa gootummaan ittifufuusaa dubbataniiru. Kana cinaattis tajaajiloota hawaasummaarratti ga’umsaan hirmaachuun tumsa isaa cimsaa ittifufuusaa ibsanii, miseensonni Izzichaa gama Kanaan hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiran beeksisaniiru. Feestivaaliin Ispoortii har’a xumurame raayyaa fi Ispoortiin tokko ta’uu hubata nii qaamolee milkaa’ina dorgommichaaf oolmaa oolan galateeffamuu qabu jedhaniiru. Hoogganaan waajjira Izzii jiddugaleessaa Daalool Koloneel Bazzaabih Yimar gamasaaniin, dorgommiin Ispoortii ga’umsa raayyaa caalaatti gabbisuuf kaayyeffate gaggeeffamuusaa dubbataniiru. Kooronni Izzicha jalatti argaman dorgommii Ispoortiirratti hirmaachuusaanii kaasanii, dorgommichis milkaa’uusaa eeraniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar wayita kana ergaa dabarsaniin, Izziin jiddugalaa Daalol naannawichatti nagaan cimee akka ittifufu qooda olaanaa bahachaa jira jedhaniiru. Hojiin Izzichaa caalaatti akka milkaa’u bulchiinsichi waan irraa eegamu hunda akka raawwatu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni rayyaa olaanoon, pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggantoota Afriikaa Zaadiig Abrahaa, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi keessummoonni waamaman sgantaa xumuraa kanarratti argamaniiru.
Miidiyaaleen yaa’ii sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu beeksisuu qabu-Dr. Maandafroo Nugusee
Jul 10, 2025 90
Adoolessa 03/2017(TOI)- Miidiyaaleen yaa’ii sirna nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu dursuunbeeksisuu akka qaban daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee hubachiisan. Yaa’iin sirna nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaan Adoolessa 20 amma 21 bara 2017 qophheessummaa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin nigaggeeffama. Bakka bu’oonni biyyoota 160 yaa’ii kanarratti akka argaman ni’eegama. Xiyyeeffannoon yaa’ichaas Invastimantii tiraanisfoormeeshinii sirna nyaataa fi faayinaansiin,hunda galeessummaa cehumsa srna nyaataa fi sirna ittigaafatamummaa waada galama gama raawwachuutiin jiru cimsuu kan jedhanidha. Mariin paanaalii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa fi inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheessan taa’amaa jira. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee, itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa qonnaa Itiyoophiyaa Wandaallee Habtaamuu, hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee fi keessummoonni biroon waltajjicharratti argamaniiru. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafroo Nugusee wabiin nyaataa nama dhuunfaan, hawaasaan fi sadarkaa biyyaatti mirkaneessuun murteessaadha jedhaniiru. Galmi guddaan akka biyyaatti qabame birmadumaa nyaataa mirkaneessuu akka ta’e himaniiru. Birmadummaan nyaataa akkaataa nyaata itti oomishnu to’annaa keenya jala galchuu fi lammiileen kanneen biroorratti osoo hin hirkatiin ofiikenyaa sooruu danda’uu akka ta’e dubbataniiru. Cehumsi sirna nyaataa birmadummaa nyaataa kan ofkeessatti qabate ta’uu eeranii, mootummaan dhimmicharratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru himaniiru. Cehumsi nyaataa adeemsa oomishuurraa amma fayyadamtoota bira gahutti hojiin hundagaleessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxannoowwan cehumsa sirna nyaataarratti qabdu waltajjii addunyaarratti dhiheessaa akka jirtu ibsaniiru. Yaa’iin sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaan Itiyoophiyaatti taa’amuunsaa hojii Itiyoophiyaan cehumsa sirna nyaataaf raawwatteef beekamtii kan kennedha jedhan. Miidiyaaleenis yaa’ii sirna nyaataa Dh.M.G lammaffaa Itiyoophiyaan keessummeessitu kana duranii akka beeksisan waamicha dhiheessaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu itiyoophiyaa Seeifee Darribee imalli badhaadhinaa Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf murteessaadha jedhaniiru. Akka biyyaatti faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf oomishaan ofdanda’uurra darbee kanneen biroofis ta’uun birmadummaa nyaataa guutummaan mirkaneessuu qoonni qabu murteessaa ta’uu himaniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa qonna dabalatee ajandaawwan biyyaalesaa garagaraa irratti mariiwwan paanaalii gurguddoo qopheessaa akka jiru himanii mariin har’aas qaama ergama biyyaalessaa bahuuti jedhaniiru. Itiyoophiyaan riifoormiiwwan mandhalee tiraanisfoormeeshinii sirna nyaataan, wabii nyaataa irkaneessuu fi damee qonnaan taasifteen bu’aan galmeessifte yaa’icha akka keessummeessiftu filatamuusheef sababa ta’uun beekameera.
Diinagdee
Bajanni Bulchiinsa magaalaa Finfinnii bara 2018 Birriin biiliyoona 350 tuqaa 13 ta’uun ragga’e
Jul 12, 2025 15
Adoolessa 05/2017(TOI)-Manni marii bulchiinsa magaalaa Finfinnee bajata bara 2018 birrii biiliyoona 350 tuqaa13 gochuun mirkaneesse. Manni marii naannichaa walgahii idilee 4ffaa bara hojii waggaa 4ffaa taa’eera. Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo faayinaansii Abdulqaadir Reedwaan, wixinee bajataa 2018 bulchiinsa magaalichaa mana mareef bal’inaan dhiheessaniiru. Birriin biiliyoona 350 tuqaa 13 bara bajataa 2018’f qabamuu kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu caalmaa birrii biiliyoona108 ykn dhibbantaa 45 guddachuu ibsaniiru. Bajata waliigalaarraa baasii idileef birriin biiliyoona 91 tuqaa 8, hojiilee kaappitaalaaf birriin biiliyoona 246 tuqaa 3 kan ramadame yoo ta’u, kan hafe birriin biiliyoona 12 ofeeggannoof qabamuu ibsaniiru. Bajanni kaappitaalaa akka guddatu kan godhame hojiilee namarratti xiyyeeffatanif, misooma manaaf, misooma magariisaa fi pirejektoota ijoo bulchiinsa magaalichaaf xiyyeeffannoo kennuun waan barbaadameef ta’uu kaasaniiru. Bajatichi mul’ata magaalattii, pirojektoota hojjetamaa jiranii fi fedhii misooma haaraa, riifoormiiwwan bulchiinsaa karoorfamaniif, hojii tajaajila fooyyessu, hojii tajaajiloota ammayyeessuu hatattamaa fi bu’a qabeessummaan hojjechuuf yaadamee qophaa’uu himaniiru. Bajata waliigalaarraa birriin biiliyoona 238 ol kan ta’u taaksii, galii mana qopheessaarraa birriin biiliyoona 56 ol, galii taaksii hintaanerraa birriin biiliyoona 46 ol fandii daandiirraa birriin biiliyoon 1tuqaa 8, liqii fi gargaarsa biyya alaarraa birriin biiliyoona 6 tuqaa 98 akka walitti qabamu eeraniiru. Manni marichaa wixinee bajataarratti mari’atanii sagalee guutuun mirkaneesseera.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa guutuu addunyaan walitti fiduun qooda adda durummaa bahaa jira
Jul 11, 2025 110
Adoolessa 04/2017(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa guutuu addunyaan walitti fiduun qooda adda durummaa bahaa akka jiru de’eetaan ministira geejjibaa fi lojistiksii Dhangee Boruu ibsan. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaleeessa balallii haaraa Hanooy Veetinaamitti jalqabeera. De’eetaan ministira geejjibaa fi loojistiksii Dhangee Boruu, hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, hooggantoonno olaanoo daandii qilleensichaa bakka bu’oonni dhaabbilee daldalaa Veetinaam sagantaa jalqabsiisa balalliirratti argamaniiru. Daandiin qilleensichaa torbanitti al Afur Hanooyi Veetinaamitti nibalali’a. De’eetaan ministira geejjibaa fi lojistiksii Dhangee Boruu wayita kana akka ibsanitti, balalliin imaltootaa daandiin qilleensichaa Hanooyi Veetinaamitti taasisu hariiroo biyyoota lamaanii niguddisa. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu milkaa’inaa ta’uu ibsanii, karoorri dinagdee akka biyyaatti qabaman akka milkaa’an gumaaacha taasisaa akka jiru kaasaniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa addunyaa guutuu waliin walitti fiduun qooda adda durummaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gamasniin, balalliin daandiin qilleensichaa eegale biyyoota lamaan jidduutti carraalee hedduu akka banu dubbataniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiif qooda olaanaa bahaa akka jiru kan ibsan ammoo ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraalii dhimmoota jiddugaleessa bahaa, Isiyaa fi biyyoota Paasfiik Dawaanoo Kadir gamasaaniin, balallii jalqabame kun biyyoota lamaaniif faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu himaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaara kuma 416 ol Qonna Gannaan Misoomaa jira
Jul 11, 2025 51
Adoolessa 04/2017(TOI)-Godina Shawaa Bahaatti Lafti Hektaarri Kuma 416 ol Qonna Gannaan Misoomaa Jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa Beeksise. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa obbo Abinat Zagayyee TOI’f akka ibsanitti, Godinichatti Qonna Gannaa bu’aa qabeessa gochuuf qophiin haalduree xumuramee hojii qabatamaa keessa galameera. Bara omishichaatti lafti hektaarri kuma 416 fi 771 sanyiin facafamuun , omisha kuntaala miiliyoona 19 tuqaa 7 galchuuf karoorfameera jedhaniiru. Karooricha milkeessuuf galtee Fayyadamuu, Deddebi’anii Qotuu, Sararaan Facaasuu fi Aramaa Ittisuu irratti xiyyeeffannoo kennuu kaasaniiru. Dhiheessii galtee ilaalchisee xaa’oon biyyee kuntaalli kuma 451 fi 314 Qonnaan bulaaf rabsamuu ibsuun oomishtummaa biyyee eeguuf, xaa’oon uumamaa hojiirra ooluu dubbataniiru. Godinichatti hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 417 fi 304 qotamuu eeruun, kana keessaa Hektaarri Kuma 94 fi 669 Sanyiin faca’uu ibsaniiru. Aanaawwan Godinichaatti kilaastara Qonnaa Babal’isuun midhaan dheedhii, Biilaa, Agadaa, midhaan zayitaa akka isooman eeraniiru. Qonnaan bulaan Qonna Gannaan omishtummaa guddisuuf xaa’oo fi sanyii filatamaa dursanii fudhachuun, lafa isaanii deddeeebi’anii qotuun, xaa’oo uumamaa qopheessuunii fi itti fayyadamuun kutannoosaanii argisiisaa jiraachuu dubbataniiru. Omishtummaa guddisuuf qonnaan bulaa dabalatee hogantoonni Gandaa, Aanaa fi Godinaa fi ogeessonni Qonnaa hordoffii fi deeggarasa gochaa jiraachuu Obbo Abinat Ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramichi haala mijataa uumeera-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 9, 2025 150
Adoolessa 02/2017(TOI)-Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramiin hojii uumuu Afriikaa haala mijataa uumuusaa Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittiaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan fayyadama dargaggootaa mirkaneessuuf hojjehaa jirti. Dargaggoonni biyyattii kan hojii uumanii fi fayyadamoo carraa hojii akka ta’an hojii hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu eeraniiru. Keessumaa carraalee hojii filmaataa bal’isuu, teeknooloojiiwwan fooyya’an damee garagaraan hubachiisuu fi hirmaannaa sochii dinagdee dargaggoo guddisuuf isaan ijoo ta’uu eeraniiru. Haala Kanaan foramiin carraa hojii uumuu guyyoota sadan darban taa’amaa ture dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhufeenyasaanii akka cimsan haala mijataa uumuusaa beeksisaniiru. Waltajjichi muuxannoo waliiqooduun gufuulee damee knaan mudataniif furmaata waloo barbaaduuf haalli dandeessisu akka uumaman gochuusa ibsaniiru. Foramichi kallattii fuulduraas akka kaa’e dabalanii dubbataniiru. Afriikaan misooma fulla’aa akka mirkaneessitu dinagdee, misoomaa fi bu’ura misoomaan walitti fiduun tumsa waloo fi carraaqqii akka gaafatu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan tumsa carraa hojii fi dameewwan garagaraan biyyoota Ardii Afriikaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan gamaTeekinooloojiin Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqisiisaadha-Ministiroota  Foramii Kalaqa Hojii Afrikaa Irratti Hirmaatan
Jul 9, 2025 93
Adoolessa 02/2017(TOI)-Itiyophiyaan guddina ishee saffisiisuuf gama Teekiniooloojiin hojii hojjechaa jirtu dinqisiisaa fi biyyoonni Afriikaa biroon muuxannoo kan irraa fudhatan ta’uu Ministiroonni Fooramii kalaqa hojii Afriikaa 3ffaa irratti hirmaatan ibsan. fooramii kalaqa hojii 3ffaa Ministeerrii hojii fi kalaqaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheesse Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministiroonni, Dippiloomaatonni, Hayyoonni, Qorattoonni, Hojii Uumtonnii Biyyoota Afriikaa adda addaa irraa dhufanii fi bakka bu’oonni dhaabbilee Idila Addunyaa waltajjicha irratti hirmaachaa jiru. Hirmaattooni kaleessa waaree booda yaadannoo Injifannoo Adwaa, golambaa Saayinsii , Ministeera Hojjetaa fi ogummaa jala jiran daawwataniiru. Namoota daawwannichaa irratti yaada kennan keessaa Ministira Hojjetaa, hojii fi bobbii hojii Gaanaa Abdul- Rashiid Pelipuwoo, Magaalaan Finfinnee guddina Si’ataa irra jiraachuushee Arguusaanii dubbataniiru. Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa guddina magaalittii saffisiisan ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan hojiiwwan guddina ishee saffisiisuuf eegalte Biyyoota Afriikaa biroof fakkeenyadha jedhaniiru. Ministirri Hojjeta Sudaan Kibbaa Jeneraal Jemsi Hoot Maayi gama isaaniin, Hojii teeknooloojii Itiyoophiyaan golambaa Saayinsii keessatti hojjechaa jirtu daawwachuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan Daawwataman Itiyoophiyaan Omishtummaa caalaatti guddisuuf Qonna Ammayyaa irratti karoora qabdu kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojii Itiyoophiyaan eegalte wabii nyaataa Afriikaa waliin wal qabatee rakkoowwan ka’an furuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Itiyophiyaan hojii Misoomaa Biyyoota Afriikaaf muuxannoo ta’u raawwachaa jiraachuu Kan dubbatan ammoo walitti qabduu Boordii dhaabbata misooma Intarpiraayizoota xiqqaa fi jiddugaleessaa Maalaawii BonfiiskaaZamiiraadha. Dhaabbata Misooma Itarpiraayizoota xixiqqaa fi gidduugaleessaa Maalaawwiitti dura teessuun boordii Boonfiskaa Zaamiiraa ibsaniiru.
Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 5, 2025 288
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Sagantaan “aadaa harak hojetuu” biroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetwoork waliin ta’uu qopheesse ifatti jalqabsiiseera. Af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil, walitti qabaan boordii Addis Miidiyaa Neetwoorkii fi paartii badhaadinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalachaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, hojii uumtonni, dargaggoonni, fi qooda fudhattoonni biroon saganticharratti argamaniiru. Sagantaan kun guyyaa 15tti al tokko ddis Miidiyaa Netwoorkiin kan dhihaatu yoo ta’u, yaadonni hojii uumuurratti dhaloota qaroomsan kan dhihaatan ta’uun himameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, karoora gargaaramuu jalaa bahuun badhaadhinatti geessu qabannee hojjechaa jirra jedhaniiru. Karoorri qabanne kan milkaa’u cimnee yoo hojjenne qofa kan jedhan kantiibaa Adaanech, kanaaf ammoo biyyoonni hojjetanii jijjiiraman fakkeenya ta’uu qabu jedhaniiru. Hojii filachuu fi dadhabummaa jalaa bahuun akka barbaachisu haala Kanaan hawaasa hubachiisuun ittiyaadamuu qaba jedhaniiru. Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootii Gadaa dabalatee dhaabbileen dhaloota qaran aadaa hojii lammiilee jijjiiruuf hojii hubannoo uunuu ciminaan akka hojjetan himaniiru. Manneen barnootaa fi bakka hojiitti lammiilee dadammaqsuun cimuu qaba jedhaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamiil gamasaaniin, akka biyyaatti aadaa hojii guddisuuf sagantaan maree oomishtummaa hawaasaa hojeeffamaa akka jiru kaasaniiru. Sagantaan maree kun hawaasni dilbii naannawasaa jiru beekuu fi hojjechuun bu’a qabeessa akka ta’u ulaa kan banudha jedhan. Sagantichi aadaan hojii akka guddatu kan gumaachu tarkaanfii guddaa ta’uusaa dubbataniiru. Gootummaa yeroon gaafatu hojjechuudhaan jjjiiramuun ofdanda’uudha kan jedhan ministirittiin, harki hojii bare biyyas nama dhuunfaas niguddisu jedhaniiru. Xiyyeeffannoon yoo hojjetame aadaa hojiirratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu misoomni kooriidarii Finfinnee agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru. Iyya ceesisuuf hojii qajeelfama ittiin yaadan, ciminaan hojjechuu fi qaxalummaa gochuun tumsuu qabna jechuun cimsanii dubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, bara bajatichaa namoota hojii barbaadan kuma 366’f carraan hojii dhaabbataa uumamuufii dubbataniiru. Dargaggoonni yaada hojii uumuu qaban sirni yaadasaanii gochatti jijjiiran diriirfamuu eeraniiru.
Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii  Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera-Dargaggoota 
Jul 4, 2025 232
Waxabajjii 27/2017(TOI)- Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera jechuun ibsan Dargaggoonni leenjii koodersii fudhatan. Biiroon Innooveeshinii fi Teekinoolojii Naannoo Sumaalee gama saatiin, dargaggoonni waktii Gannaa Boqonnaarra jiran leenjii koodarsii akka fudhatan qophii taassisuu isaa beeksiseera. Dargaggoota Leenjiin Itiyoo-koodarsi fudhatan keessaa Shirmaarkee Shekib Abdii, leenjiichi dargaggootaaf carraa gaarii waan ta’eef beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa akka argannu nu taassisaa jira jedheera. Beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argateen weebsaayitii uumuun hojii daldala dhuunfaasaa beeksisuuf fayyadamaa jiraachuu kaasuun, caaraa akkasii bilisaan argachuusaaf galateeffateera. Beekumsi argamu biyya irra darbee Sadarkaa Idil Addunyaatti kan barbaadamu waan ta’eef carraan kun dargaggoota biroo akka hin dabarre gorseera. Dabalataanis Dargaggoota Leenjicha argatan keessaa Abdiishukur Mahaammad Abdii fi Sekeriyyee Abdirehiman Alee, leenjiin koodersii gama hedduun faayidaa akka qabu beekumsaa fi dandeettii argannerraa hubanneerra jedhaniiru. Yeroon kun yeroo Teekinooloojii Dijiitaalaa ta’uu kan ibsan dargaggoonni barachuu, qophaa’uu fi yeroo waliin deemuun dirqama ta’uu kaasaniiru. Kanaaf , waqtii Gannaa Manni Barumsaa Idilee cufaa waan ta’eef dargaggoonni yeroo isaanii leenjii koodarsii fudhachuun akka itti fayyadaman hubachiisaniiru. Naannichatti Daarektarri Bulchiinsa Wiirtuu Odeeffannoo Abdii Aziiz Abdilaahii Leenjiin Itiyoo Koodarsii umuriin osoo hin daangessiin lammiilee hundaaf leenjii bilisaan kennamu beekumsa dijiitaalaa ta’uu fi hunduu carrichatti akka fayyadamu gorsaniiru. Keessumaa dragaggoonni beekumsa teekinooloojii yeroon barbaadu gonfachuun gahumsaa fi dorgomaa Idil Addunyaa ta’uuf leenjichi bay’ee akka isaan barbaachisu dubbataniiru. Naannichatti hanga ammaatti dargaggoonni kuma 48 ol leenjii Itiyoo koodarsii fudhatanii waraqaa ragaa fudhachuu ibsuun, dargaggoonni waqtii gannaa boqonnaarra jiran hundi leenjicha akka fudhatan waamicha dhiheessaniiru.
Ispoortii
Magaalichatti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin  ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera 
Jul 8, 2025 199
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banamuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dirreen ispoortii 122 fi bakkeewwan daa’imman itti tapahatan kuma 1 fi 155 kutaa Magaalotaa 11tti baasii birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraan guyyaa hara’aa tajaajilaaf banamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a ganama bu’uuraalee Misoomaa dirreewwanIspoortii fi bakkeewwan daa’imman itti taphatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Naannoo Kondeemineemii Marii Loqqee fi Kolfee Qaraaniyootti Ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf banaa goodhaniiru. Saganticha irratti Kantiibaa Adaanech akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa bara Baajataa 2017tti Pirojektoota kuma 15 fi 960 ijaaruun Xumureera. Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaruuf Baasii Birrii Biiliyoona 5 bahe Keessaa Dhibbentaa 50 kan ta’u Jiraattonni Magaalichaa akka buusan Dubbataniiru. Bulchiinsi Magaalichaa waggoota lamaan darban bakka Daa’imman kuma 3 fi dhibba 800 ol itti taphatan ijaaruusaa ibsaniiru. Yeroo, Beekumsaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Qindeessuun Daa’immanii fi dargaggootaaf dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiiwwan kun daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun gahoomanii akka guddataniif kan isaan dandeessisu ta’uu eeruun, gara fuulduraatti damee Ispoortiin waltajjii Ardii fi Addunyaa irrattii bu’aa fooyya’aa fiduuf qooda akka qabu eeraniiru. Hogannaan biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa Balaayi Dajan gama isaaniin, bakkeewwan Shaakala Ispoortii Magaalichatti Ijaaraman dhaloota Qaamaa fi sammuun gahoomee biyya fudhatu ijaaruuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniru
Hoggansii  fi gurmaa’insi  waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi  Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral  Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 554
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu qaba
Jul 9, 2025 156
Adoolessa 02/2017(TOI)-Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu akka qabu ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Ministeerri pilaanii fi misoomaa qophii yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa waliin ta’uun Qaam’ee 3 amma 5/2017tti jiddu gala konveenshinii Addis Intarnaashinaalitti keessummeessitu ilaalchisuun komishinii dinagdee Afriikaatti mari’achaa jira. Dhaabbileen idil addunyaa garagaraa fi bakka bu’oonni qaamolee deeggartootaa waltajjii marichaarratti hirmaachaa jiru. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa wayita kana akka jedhanitti, tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasiftuuf deeggarsi idil adunyaa cimuu qaba. Gumaachi Afriikaan faalama jijjiirama haala qilleensaaf taasiftu xiqqaa ta’us dhiibbaa uumamaa jiruun garuu giddaa miidhaman ta’uushee dubbataniiru. Sababa Miidhaawwan ongee, lolaa fi jijjiirama haala qilleensaa biroon gahaniin Afriikaan akka malee miidhamaa akka jirtu ibsaniiru. Afriikaa dhiibbaa kana qolachuuf tattaaffii gootuuf dhaabbileen idil addunyaa faayinaansii, teeknooloojii fi kanneen biroon deeggaruu qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan teessoo gamtaa Afriikaa waan taateef hojii jijjiirama haala qilleensaa qlachuuf hojjechaa jirtu biyyoota biroof muuxannoo qooduun deeggarsa taasisaa jirti.
Tattaaffi Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruuf taasiftuuf BRICS beekamtii kenneera-Dr. Fitsum Asaffaa
Jul 9, 2025 102
Adoolessa 02/2017(TOI)-Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan tattaaffii Itiyoophiyaan dinagdee magariisa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf beekamtii kennuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Itiyoophiyaan yaa’ii Koop 30 Biraazilitti gaggeeffamurratti ajandaawwanshee ittisa jijjiirama haala qilleensaa ibsachuuf qophii gochaa akka jirtu eeraniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan Biraazil Riiyoo Dejenerootti taa’ameera. Jilli Itiyoophiyaa ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’icharratti hirmaateera. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa hirmaannaa jilli kun yaa’icharratti taasise ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Yaa’ichi wayitii addunyaan jijjirama haala qilleensaaf amma barbaadamu deebii kennaa hinjirretti ejjennoon cimaa fi ifaa dhimmicharratti qabate Itiyoophiyaaf, riijinii fi Afriikaaf gaarii akka ta’e ibsaniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni jjjiirama haala qilleensaaf saaxilaman misooma cinaatti dinagdee magariisa hinmiidhamne ijaaruu akka qaban ibsuusaa himaniiru. Hawaasni addunyaa biyyoota jijjiirama haala qilleensaan miidhamaniif deeggarsa faayinaansii akka godhan waamichi taasifamuu dubbataniiru. Ajandaalee yaa’ichi irratti mari’ate keessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf tarkaanfii biyyoonni fudhachaa jiran keessatti argama. Ministirittin ibsa kennaniin, hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa fi bosona deebisuun misoomuuf sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu, hojiileen inarjii fi qonnaaf beekamtii kennuusaa ibsaniiru. Hawaasni addunyaa hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf hojjettuuf faayinaansiin akka deeggaru gaafatamuusaa kaasaniiru. Beekamtiin Itiyoophiyaan tattaaffii dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf BRICS irraa argatte hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 30ffaan(Koop 30) Baatii Sadaasaa 2018 Biraaziil magaalaa Beelemitti taa’ama. Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun yaada Riiyoo Dejenerootti ibsite Koop 30 irratti ajandaa gochuun akka dhihaattu Dr. Fitsum Asaffaa eeraniiru. Paaviliyooniin hojiilee ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoon hojjechaa jirtu agarsiisaaf akka dhihaatu kaasaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 11815
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015