Tamsaasa Kallatti:

Shiraan hulaa galaanaa akka dhabnuu fi humni galaanaa keenya akka diigamu taasifamuunsaa biyya keenya rakkoolee garagaraaf saaxileera

Omkoloolessa 28/2019 (ENA) - Shiraan hulaa galaanaa akka dhabnuu fi humni galaanaa keenya akka diigamu taasifamuunsaa biyya keenya rakkoolee garagaraaf saaxileera jedhan ajajaan humna galaanaa Itiyoophiyaa Vaayis Admiiraal Kinduu Gazzuu

Gamtaan waldaa humnoota waraanaa fi raayyaa poolisii Itiyoophiyaa duraanii yaa’ii walii galaa afraffaa gaggeessaa jira.

Hoggantoonni olaanoo humnoota waraanaa Itiyoophiyaa, hoggantoonni, miseensonnii humna galaanaa fi keessummoonni waamaman yaa’icharratti argamaniiru.

Ajajaan olaanaa kun yaa’icharratti akka ibsanitti, gaaffiin hula galaanaa Itiyoophiyaa biyya biraa weeraruuf kan akeekame osoo hin ta’iin, karaa seera idil addunyaa fi dippilomaasii furmaata argachuuf carraaqqii taasifamudha.

Dhimmichi karaa dippilomaasii furmaata akka argatu hula galaanaa jalaa fudhatame deebisiisuuf qophiidha jechuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan galaana diimaarraa fagaachuunshee cabiinsa seenaa biyyattii mudate keessaa tokko ta’uu kan ibsan Vaayis Admiiraal Kinduun, humni galaanaa keenya shiraan akka diigamu akkasumas Hulaa galaanaa akka dhabnu taasifamuunsaa biyya keenya rakkoo garagaraaf saaxileera jedhaniiru.

Walitti hidhamiinsi Itiyoophiyaan galaana diimaa waliin qabdu waraana addunyaa lammaffaa booda qofa akka hin eegalamne kaasanii, hariiroon daldalaa biyyi keenya Asabii fi Mitsiwwaa waliin qabdu bara qaroominaa durii kan fulla’u ta’uu ibsaniiru.

Miseensonni humnoota waraanaa fi raayyaa poolisii Itiyoophiyaa duraanii barasaaniitti tajaajila loltummaa keessatti muuxannoon horatanii fi ashaaraan seena qabeessi kaa’an dhaloota ammaa fi egereef fakkeenya kan ta’udha jedhaniiru.

Muuxannoon kunii fi miirri jaalala biyyaa ijaarsa humna galaanaa ammaa fi dhaloota itti aanuuf fakkeenya akka ta’u ibsuusaanii odeeffannoon miidiyaa onlaayinii ittisaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015