Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan.
Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha.
Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.
Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru.
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.