Tapha Eegamaa Har’aa Liivarpuulii fi Arsenaal waliin Taphatan - ENA Afaan Oromoo
Tapha Eegamaa Har’aa Liivarpuulii fi Arsenaal waliin Taphatan
Onkololessa 22/2019 (ENA): Piriimarliigii Ingiliz torbee 9ffaa taphni Liivarpuulii fi Arsenaal har'a gaggeeffamu hawwii guddaan eegama.
Taphi kilaboota lamaan gidduutti taphatamu galgala sa'aatii 1:30 irratti Istaadiyeemii Anfildi Rood keessatti gaggeeffama.
Liivarpuul bara kana taphoota saddeet taphate keessaa 4 injifachuun tapha tokko mo'amuun, tapha sadii qixa bahuun isaa ni yaadatama.
Arsenaal taphoota taphateen goolii 11 galchuun, goolii 8 isaanitti kan gale yoo ta’u, qabxii 15’n sadarkaa 5ffaa irra jira.
Shaampiyoonaa yeroo sanaan Arsenaal taphoota 8 liigichaan taphate keessaa 7 moo'achuun al tokko mo'amuun isaa ni yaadatama.
Taphoota kanaan goolii 13 kan lakkoofsise yoo ta’u, shan immoo isatti lakkaa’ameera.
Arsenaal qabxii 21’n sadarkaa 2ffaa irra jira.
Arsenaalii fi Liivarpuul dorgommii hanga ammaatti taasifameen yeroo 246 waliin taphataniiru.
Liivarpuul yeroo 96 injifachuun olaantummaa isaa kan mirkaneeffate yoo ta’u , Arsenaal ammoo yeroo 83 injifateera.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
#Mootummaa Ida’amuu