Tamsaasa Kallatti:

Hojii tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si’ataa, dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa taasisuuf ni hojjetama

Onkololeessa 28/2019 (ENA)--Hojii tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si’ataa, dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa taasisuuf ni hojjetama jedhan

Jilli pireezidantiin Mana murti waligalaa oromiyaa Dr. Otukkaanaa Odaan duurfamuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti argamuun daawwannaa hojii fi wal jijjiirraa muuxannoo gaggeesseera.

Dr. Otukkaanaa Odaa, Kaayyoon dawwanna kana hojiiwwan riifoormii manneen murtii walirraa qooddachuun hojii tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si’ataa, dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa taasisuuf akka ta’ee kaasanii jiru.

Pirezidantiin mana murtii waligalaa federaala Obbo Teewodiroos Mihrat, gama isaanitiin hojiiwwan riiformii sadarkaa federaalatti hojetamaa jiran akka Manneen Murtii biyyattii keessa jiran hundaaf ta’utti kan hojetaa jiran jedhan.

Riifoormiwwan wal fakkaataa sadarkaa manneen murtii biyyattii hundatti hojiirra ooluu akka qabaniif kan hojetan ta’uus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015