Tamsaasa Kallatti:

Milkaa'ina Guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi ummattootaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba – Obbo Abdusalaam Waariyoo

Onkololessa 28/2019 (ENA)- Milkaa'ina Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota hunduu gahee isaa bahachuu qaba Jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa obbo Abdusalaam Waariyoo.


Mariin qooda fudhattoota kabaja ayyaan sabaa, sab lammootaa fi sablammoota waliin taasifameera.


Marii kanarratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam Waariyoo, Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota bara 1999 kabajamuu eegalu yaadachisaniru.


Naannoon Oromiyaas imala waggoottan 20 darbanii keessatti hirmaannaa hunda galeessa taasisaa turuun ni yaadatama jedhan.

 
Naannoon Oromiyaa Ayyaana kana Marsaa 2 qopheessuu kaasanii, Bara kana ammoo Marsaa 3ffaaf Magaalaa Jimmaatti kabajuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa qophii barbaachisu taasisaa jira jedhaniiru.


Milkaa'ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu waamicha taasisanii jiru.


Kabaja ayyaanichaa ji’a tokko hafe kana milkeessuu keessatti qooda fudhattoonni dhimmi ilaalu hundinuu hojii kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennanii, qindoomina sadarkaa federaalaa, naannoo, hanga Magaalaa Jimmaatti jiru cimsuun hojjechuun murteessaa ta’uu Dubbataniiru.


Ayyaana bara kanaa adda kan taasisu, sirna federaalawaa sabdaneessaa danoomaan faayamee, mariin waaromee hundeeffama Mootummaa Ida’amuun itti fufiinsa isaa mirkaneesse qabannee, waadaa ummata keenyaaf galle hojii qabatamaan dhugoomsuuf hojjechaa yeroo jirrutti ta’uudha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015