Naannoo Tigraayitti dhaloota nageenya waaraa fi tokkummaa cimsu horachuuf abdiin ifaa uumameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Tigraayitti dhaloota nageenya waaraa fi tokkummaa cimsu horachuuf abdiin ifaa uumameera
Onkoloolessa 28/2019 (ENA)- Naannoo Tigraayitti dhaloota tokkummaa nageenya waaraa fi obbolummaa irratti hundaa’e ijaaruudhaan addunyaa dijitaalaarrattis shoora bahu horachuuf abdiin ifaa uumamuusaa gaazexessaan televizhinii duraanii Damooraa Yahiyaa ibse.
Fedhiin ummata Tigraayi inni guddaan nagaa yoo ta’u, gaaffileen siyaasaa inni qabus karaa nagaa qofa akka furamuuf akka barbaadu ibseera.
Kanaaf dhaabbilee nagaa booressan mormuudhaan nageenyasaa eeggachuu qaba jedheera.
Dhaloota seenaa aarsaa waggoota hedduu guduunfuudhaan teeknooloojii, nagaa fi tokkummaa irratti xiyyeeffatu uumuun akka barbaachisu gaazexessaan kun hubachiiseera.
Haala Kanaan qoodni dargaggootaa murteessaa ta’uu fi rakkoo jiran karaa nagaa furuun akka barbaachisu eereera.
Kana malees bulchiinsa yeroo naannichaa cimsuu fi mootummaa federaalaa waliin ta’uun misooma saffisiisuun itti gaafatama nama hundaa ta’uu dubbateera.
Naannichi hojii misoomaa biyyaalessaa kanneen akka misooma kooriidaraa, tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob fi hidha haaromsaa guddichaan wal qabatan irratti hirmaachuun magaalotasaa misoomsuu akka qabu ibseera.
Naannoon Tigraayi gara nageenya waaraa, tokkummaa, teeknooloojii fi misoomaatti akka cehu tumsi dargaggootaa, ummataa fi bulchiinsichaa murteessaa ta’uu dubbateera.