Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan milkaa’ina misoomaa guddina waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessan galmeessisaa jirti

Onkoloolessa 27/2019 (ENA)-Itiyoophiyaan misooma Invastimanrii anniisaa, Industirii fi hojiilee oomishtummaarratti hojii hojjetteen milkaa’inoota guddina fulla’aa mirkaneessan galmeessisaa akka jirtu dura teessuun wiirtuu bulchiinsa Afriikaa Benediktaa Laasii ibsan.

Dura teessuun kun kana kan ibsan yaa’ii paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad arganaitti gaggeeffamerrattidha.

Dura tessuun ku akka ibsanitti, guddini oomisha Itiyoophiyaa biyya keessaa yeroo yerootti jijjiirama agarsiisaa dhufuusaa eeraniiru.

Yaa’iin kun yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamuunsaa Itiyoophiyaan mirga carraa ofii murteeffachuu Afriikaaf fakkeenya ta’uushee agarsiisa jedhaniiru.

Kana malees Paartileen aangoo qabachuusaaniin dura hojii mootummaaf qophii ga’aa gochuu, dhaabbilee qorannoo fi qu’annoo cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Afriikaan hanqina faayinaansii misoomaa qabaattus qabeenya guddaa akka qabdu eeranii, paartileen dhaabbileen bulchiinsaa fi dhaabbileen idil addunyaa tumsaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Akkasumas ajandaa 2063 fi walii galtee naannoo daldala bilisaa Afriikaa hubachuun murtoowwan murteeffaman mootummoonni yoo jijjiiramanis akka itti fufan paartileen qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru.

Hirmaannaan dubartootaa fi dargaggootaa cimuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Yaa’icha kan qopheessan mootummaa Itiyoophiyaa fi paartii badhaadhinaa galateeffataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015