Nagaa cimsuuf hojii dhaabbilee amantaa waliin hojjechuuf haallimijate cimee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Nagaa cimsuuf hojii dhaabbilee amantaa waliin hojjechuuf haallimijate cimee itti fufa
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Nagaa cimsuuf hojii dhaabbilee amantaa waliin hojjechuuf haallimijate cimee itti fufa jedhan ministirri nagaa obbo Muusaa Adam ibsan.
Ministirichi paatriyaarkii qulqulluu phaaphaasii phaaphaasotaa zeaksuma wa’icagee zemanbara Taklahayimaanoot fi abbootuu qulqulluu bataskaana Ortodoksii waliin sagantaa wal barumsaa taasisaniiru.
Ministirichi wayita kana akka jedhanitti, ministirri nagaa biyyattii keessatti nagaa cimsuuf hariiroo dhaabbilee amantaa waliin eegale cimsee itti fufa.
Mootummaan ida’amuu seenaan bataskaanittii akka eegamuu fi dhaabbatichu akka cimu yoomiyyuu caalaa xiyyeeffatee akka hojjetu dubbataniiru.
Paatriyaarkii qulqulluu phaaphaasii phaaphaasotaa zeaksuma wa’icagee zemanbara Taklahayimaanoot gamasaaniin, bataskaanittiin nagaa biyyaalesaa mirkaneessuu fi hordoftoonnis hojiisaanii guyya guyyaa akka raawwatan hojjechaa jiraachuu ibsanii, hojiin kun cimee itti fufa jedhaniiru.
Ministeera nagaatti de’eetaan ministiraa walitti bu’iinsa furuu fi ijaarsa nagaa Dr. Keyiraddiin Tazarraa gamasaaniin mootummaan ida’amuu bataskaanittiin ijaarsa biyyaa keessatti amantoota biyyattii biroo waliin ta’uun qoodni bahatte sirriitti akka hubatu ibsaniiru.
Nageenya waaraa mirkaneessuuf ministeerichi hojiilee bataskaanittii waliin eegalaman cimsee akka itti fufu ibsuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa.
Sagantaa wal barumsaa kanarratti hojii gaggeessaan olaanaa walii galaa bataskaana Ortodoksii Itiyoophiyaa qulqulluu Abuna Saawiroos, barreessaan olaanaa qulqulluu sinoodoosii qulqulluu abuna diiyosqoriiyos barreessaan walii galaa gumii walii galaa dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa argamaniiru.
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa
See less