Naannoo Harariitti dandeettii oomishtummaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti dandeettii oomishtummaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Naannoo Harariitti dandeettii oomishtummaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu itti aantuun pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar ibsan.
Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii, naannicha aanaa Soofii ganda qileetti argamuun misooma jallisii bonee baranaa ifatti eegalchiisaniiru.
Itti aantuun pirezidaantii fi hoggantuun biiroo misooma qonnaa naannichaa Roozaa Umar akkasumas hooggantoonni naannichaa biroon sagantaa eegalchiisaa kanarratti argamaniiru.
Itti aantuun pirezidaantii fi hoggantuun biiroo misooma qonnaa naannichaa Roozaa Umar, misooma jallisii boneetiin barana lafti hektaara kuma 5 ol ni misooma jedhaniiru.
Lafa kanarraa oomisha kuntaala miiliyoona 1 ol galchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.
Jallisii bonee Kanaan Qamadii dabalatee midhaan garagaraa akkasumas kuduraa fi muduraan ni misooma jedhaniiru.
Itti fayyadama bishaan lafa keessaa waliin qindeessuun waggaatti al sadii misoomsuun baramaa dhufuusaas kaasaniiru.