Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Naannoo Hararii dhimmoota adda addaa irratti mari'atee murtee dabarse

Onkololessa 29/ 2019 (ENA):Manni Maree Naannoo Hararii(kaabineen) walgahii idilee isaan dhimmoota adda addaa irratti mari’atee murtoo dabarseera.

Manni Marichaa misoomsitoota 16 kaappitaala birrii biiliyoona lamaa fi miiliyoona dhibba jahaa fi miliyoona shantamii jahaa ol galmeessaniif lafti ramaddiin akka kennamuufii murtee dabarseera.


 

Murteen lafa kennuu abbootii qabeenyaa faayidaa addaa biyyaalessaa fi naannoo qabaniif, keessattuu kanneen hoteelaa fi turizimii, industirii fi maanufaakchariingii, qonnaa fi oomishaa, tajaajila walmakaa fi hospitaalota, akkasumas damee bashannanaa irratti bobba’aniif kan murtaa’edha.

Invastaroota lafti ramadameef damee misoomaa irratti bobba’anis faayidaa biyyaalessaa fi naannoo kan qaban ta’uu fi ummata fayyadamoo kan taasisan ta’uu hubachiifameera.

Manni Maree Bulchiinsaas lafti abbootii qabeenyaaf kenname misooma barbaadamuuf akka ooluu fi hatattamaan hojii akka eegaluuf kallattii kaa’ee jira.

Manni Maree Bulchiinsaa ajandaa kanarratti marii gadi fageenyaa gaggeesse sagalee guutuun murtee kana raggaasiseera.

Mootummaan naannichaa damee invastimantii daran kakaasuuf ciminaan hojjechaa akka jirus ibsameera.

Invastaroota dameewwan dantaa biyyaalessaa fi ummata fayyadamoo taasisan irratti bobba’aniif deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu akeekkachiifameera.

Manni Maree Bulchiinsichaa ajandaalee biroo irrattis mari’atee murtii ni dabarsa jedhamee eegama.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015