Godina Lixa Oromiyaatti lafti heektaara kuma 900 qamadii jallisii Bonaan ni misooma - ENA Afaan Oromoo
Godina Lixa Oromiyaatti lafti heektaara kuma 900 qamadii jallisii Bonaan ni misooma
Onkololessa 29/2019 (ENA): Godina Lixa Oromiyaatti bara kana yeroo jallisii Bonaan lafa heektaara kuma 900 qamadiin misoomsuuf hojjetamaa jira.
Itiyoophiyaan waggoota muraasa darbanitti misooma qamadii jallisii Bonaa akka tarsiimoo dinagdee fi wabii nyaataa mirkaneessuutti bal’inaan hojiirra oolchaa jirti.
Kanaan dura oomishni qamadii rooba uumamaa Ganna qofa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, amma garuu babal’ina teeknooloojii fi hojmaata jallisiitiin Bonaan bal’inaan misoomsaa jira.
Gama kanaan naannoon Oromiyaa wiirtuu misoomaa ijoo jalqabbii guddaa kanaa ta’uun gara fuulduraatti tarkaanfachaa jira.
Keessattuu, Godina Lixa Oromiyaa keessatti argaman qabeenya bishaanii ol’aanaa, lafa bal’aa fi lalisaa, akkasumas haala qilleensaa mijataa ta’uu isaanii irraa kan ka’e naannoowwan misooma qamadii jallisii Bonaaf filatamaadha.
Bona kana Godina Lixa Oromiyaa keessatti lafa heektaara kuma 900 qamadiidhaan misoomsuuf karoorfame xiyyeeffannoo guddaadhaan hojiirra oolaa jira.
Bakka bu’aan itti aanaa Waajjira Qonna Godinichaa obbo Koorsaa Waaqjiraa ENAtti akka himanitti ,Qonnaan bultoonni oomishtummaa isaanii akka guddisanii fi wabii nyaataa isaanii akka mirkaneeffataniif waan gargaaruuf faayidaan misooma jallisii Bonaa olaanaadha jedhan.
Misoomni qamadii waggoota darban hojiirra oole bu’aa guddaa kan argamsiise yoo ta’u, fayyadamummaa qonnaan bulaa fi dargaggootaa mirkaneessee akka jiru eeraniiru.
Hanga ammaatti lafti heektaara kuma 300 misoomee sanyiidhaan uwwifamaa jiraachuu eeraniiru.
Misooma kanaaf tiraaktaroota qonnaa dabalatee galteewwan barbaachisoo ta’an baay’ina gahaa ta’een kan dhiyaatan ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bulaan Alamaayyoo Waaqtolaa ENA’f yaada kennaniin akka himanitti, qamadii jallisii Bonaan fayyadamoo ta’u isaanii ibsuun, baranas oomisha fooyya’aa argachuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Baranas qonnaan bultoota naannoo isaanii waliin ta’uun lafa heektaara 12 irratti qamadii misoomsaa akka jiran himaniiru.
Qonnaan bulaan biraa Balaay Hiikaa akka himanitti, dursanii lafa isaanii kilaastaraan qotuu fi galtee gahaa ta’e waan argataniif bu’aan gaariin ni eegama jedhaniiru.
Itti aanaan bulchaa aanaa Guutoo Giddaa fi itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa obbo Alamaayyoo Mulaatuu gamasaaniitiin akka himanitti, bara kana lafa heektaara kuma 18 ol qamadii jallisii Bonaan misoomsuuf karoorfameera jedhani.
Hojiin sanyii qamadii facaasuu yeroo ammaa bifa qindaa’een hojjetamaa akka jiru eeruun, gandoota aanichaa keessatti misooma jallisiif mijatoo ta’an babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa