Yaadamni Ida'amuu obbolummaa Afriikaanotaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Yaadamni Ida'amuu obbolummaa Afriikaanotaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba
Onkololeessa 28/2019 (ENA)-- Yaadamni Ida'amuu Itoophiyaa qofa utuu hin ta’iin biyyoota Afriikaa tokkummaa fi tumsa cimsuun obbolummaa uummatootaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan.
Yaa’iin paartiilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mataduree “guddina hoogganuu paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.
Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ENA’f akka ibsanitti , yaada Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojiirra kan oole yaadamni Ida'amuu damee hundaan bu'aa fidaa jira.
Ida’amuun Itoophiyaarra darbee Afriikaattis bu'aa guddaa kan fidu ta'uu kaasanii, sadarkaa Afriikaatti jireenya lammiilee jijjiiran hojiirra oolchuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.
Afriikaatti paartiileen sagalee caalu argatanii mootummaa hundeeffattan jireenya uummata isaanii jijjiiruuf kutannoodhaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Yaa’icharratti irratti hojiirra oolmaa yaada ida’amuun Itoophiyaa keessatti jijjiiramoota dhufan dhiyaachuunii fi biyyootonni Afriikaa muuxannoo fudhachaa jiraachuu eeraniiru.
Yaadamni ida’amuu Itoophiyaarra darbee tokkummaa biyyoota Afriikaa, tumsaa fi hariiroo uummataa fi uummataaf qabu guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Itoophiyaan yeroo dhihoo asitti yaa’iiwwan idil-addunyaa hedduu keessummeessaa kan jirtu ta'uu kaasanii, koonfiraansota idil-addunyaa 250 ol biyyattiitti gaggeeffamuun isaa Itoophiyaan nagaaf fi yaa’ichaaf filatamtuu ta'uu agarsiisa jedhaniiru.
Konfiraansii Turizimiif, hariiroo uummataa fi uummata biyyoota Afriikaa fi akkasumas hojii dippilomaasii cimsuu irratti yaa’ichi faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Yaa’ichi hoggantoota biyyoota Afriikaa garagaraa irraa dhufan Finfinnee akka daawwatan fi pirojektoota misoomaa magaalichatti raawwataman akka ilaalan carraa kan uume ta'uu dubbataniiru