Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Sagantaan jalqabsiisa gurgurtaa oomisha paappayyaa al-ergitootaa gaggeeffame

Onkololeessa 28/2019 (ENA)- Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Sagantaan jalqabsiisa gurgurtaa oomisha paappayyaa al-ergitootaa fi daldaltoota jimilaa gaggeeffameera.

Saganticharratti Itti aanaan Hoogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Dr. Alamuu Dasaa argamuun haasaa taaaisaniin qabeenya bishaanii, lafa mijaawaa fi humna oomishu gahaa osoo qabnuu waggoota dheeraaf lafti oomisha malee ta'aa ture oomisha wabii nyaataa mirkaneessaniii fi ce'umsa dinagdee qonnaan bulaa mirkaneessan misoomsuurratti jalqabbiin hojii gaarii jiru itti fufsiisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.


 

Hojii gaarii eegalame kana qorannoofi ogummaan deeggaruun qindoominaan babal'isuurratti kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.

Qabeenya guddaa hojii misooma qonnaatiif naannoon keenya lafa, bishaanii fi humna namaarratti qabdu qixa sirriitti hojiirra oolchuun ce'umsa dinagdee qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa keenyaa milkeessuuf Ogeessii fi hooggansi sadarkaan jiru cimee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee badhaadhinni uumamaa fi uummata walitti araarsuun Qonnnaan bulaan keenya hojjetee hiyyummaa keessaa akka bahuuf galma qabateen badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.


 

Guyyaa har'aa qonnaan bultoonni oomisha paappayyaa al-ergitootaa fi daldaltoota jimilaaf dhiheessaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataanis Bulchiinsi magaalaa Adaamaa Lafa qonnaa hektaara kuma 17 qabu tekinooloojii fi galteewwan qonnaatti gargaaramuun Qonnaan bultoonni oomishuun gabaaf dhiheessuun fayyadamoo akka ta'aniif qorannoodhaan oomishaalee misoomaniin adda baasuun hojiin jalqabame cimsuun babal'isuun hawaasni magaalaa Adaamaa nyaataan akka of-danda'uuf kan hojjetamu ta'uu ibsuuniiru. BQO irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015