Tamsaasa Kallatti:

Bu'uuraaleen misoomaa haaraan sirna geejjibaa magaalittii ammayyeessaniiru

Onkoloolessa 28/2019 (ENA)--Bu'uuraalee misoomaa ammayyaa adda addaa magaalaa guddittiitti ijaarame sirna geejjibaa magaalaa ammayyeessuu isaanii Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Mootummaan ida’amuu misooma magaalaatiif xiyyeeffannoo kennuun hojiileen misoomaa faayidaa hedduu qaban raawwatamaniiru.

Keessattuu misooma koridarii fi qarqara lagaa miidhagina magaalotaa kanaan duraa jijjiiruun lammiileef jireenya mijataa, qulqulluu uumuun danda'meera.

Jijjiirrama gaarii kanaaf fakkeenya guddaan magaalaa Finfinnee yoo taatu, kanaan dura lafoo deemtootaa fi hanqina paarkingii irraa kan ka'e balaan tiraafikaa mudachaa ture sadarkaa olaanaatti hambisuun danda'ameera.


 

Itti-aanaan hogganaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarawu ENA’f akka ibsanitti, hojiileen misoomaa saffisaa fi dinqisiisoo ta’an magaalaa guddittii keessatti raawwataman magaalaan kun mijattuu fi nageenyi ishee mirkanaa'e filatamtuu ishee taasiseera jedhaniiru.

Keessattuu misooma koridaraa daandiiwwan lafoo deemtootaa bal'aan ijaaramuun Miilaan shaakala deemuu gabbisuun jireenya haaraa fideera.

Kunis fayyaaf, baasii akkasumas qilleensi akka hin faalamneef gumaacha ol'aanaa taasisaa jira.

Kanaan dura magaalaattiitti kan hin baratamne kanneen akka saayikilii tajaajilli geejjibaa mootor-maleeyyiin amma bal'inaan eegaluu isaanii eeraniiru.

Filannoowwan haaraan kun rakkina geejjibaa jiraattotaa hambisuu irra darbee geejjibaa magariisaa ijaaruuf faayidaa guddaa akka qaban dubbataniiru.


 

Walumaagalatti hojiileen misoomaa raawwataman filannoowwan geejjibaa magaalaatiif bal'isuun jireenya guyyaa guyyaa jiraattotaa salphaa taasisaa jira jedhaniiru.

Magaalattitti kanaan dura paarkingii lama kan hin caalle turuusaa yaadachiisanii, amma garuu yeroo tokkotti konkolaattota kuma kudhaniin lakkaa'aman keessummeessuu kan danda'an paarkingiiwwan hedduu ijaaramuu isaanii ibsaniiru.

Bu'uuraaleen misoomaa haaraan kun sirna geejjibaa magaalaatti ammayyaa’aa fi qabatamaa gochuu irratti jijjiirrama guddaa fidaa jiraachuu Obbo Daanyachoon dubbataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015