Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara - ENA Afaan Oromoo
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara
Onkoloolessa 21/2019 (ENA): Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii magaalaa Bishooftuutti sochii turizimiifi misooma margaa fooyyessuuf ni gargaara jechuun Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan.
Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa buufataalee chaarjii elektirikii Bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Baatuu fi Hawaasaa akkasumas bakkeewwan shan Finfinneetti ijaarsise eebbisiisaa jira.
Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa sirna eebba buufataalee chaarjii elektriikii Bishooftuutti ijaaramaanii irratti haasaa taasisaniin akka ibsanitti; Bishooftuun Finfinnee irraa kiilomeetira 47 fagaattee kan argamtu, qabeenya uumamaa fi haroowwan isheetiin kan beekamtu wiirtuu turizimii fi diinagdeeti jedhaniiru.
Buufataaleen magaalattiitti ijaaramaan kun konkolaattota elektirikii salphaatti chaarjii gochuuf kan dandeessisan ta'uu yaadachiisuun, imaltoonni sababoota adda addaatiin gara Bishooftuu dhufan magaalattii keessa akka turan ni gargaara jedhaniiru.
Konkolaattota elektiriikii fayyadamuun fedhii boba'aa xiqqeessuuf, faalama qilleensaa hir'isuufi misooma margiisaa cimsuuf filannoo barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Fuulduraafis Bishooftuu fi naannoo isheetti buufataaleen chaarjii elektriikii dabalataa yeroo ijaaraman, bakka pirojektoota kanaatiif barbaachisu qopheessuu irraa eegalee hanga hojii jalqabsiisuutti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa irraa eegamu hunda akka taasisu mirkaneessaniiru.
hojii raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Elektriikii Itoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaawu gamasaaniin; magaalota gurguddoo ja'a keessatti buufataaleen chaarjii saffisaa konkolaattota elektriikii ammayyaa 11 ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota 96 chaarjii gochuu kan danda'an ta'uu ibsaniiru.
Dhaabbichi yeroo tokkotti hanga konkolaattota 150 chaarjii elektiriikii taasisuu kan dandeessisu uumuu isaas eeraniiru.
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektriikii fayyadama anniisaa qulqulluu jajjabeessuu bira darbee, faalama qilleensaa fi boba'aa irratti hirkattummaa jiru hir'isuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Fuulduraafis Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Jigjigaa, Dirredawaa, Jimmaa, Arbaa Minchii fi magaalota biroo keessatti buufataalee chaarjii elektriikii dabalataa babal'isuuf karoorri qabamuu isaa beeksisaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa