Sosochiin Ispoortii keenya tokkummaafi olka'insa biyya keenyaaf - ENA Afaan Oromoo
Sosochiin Ispoortii keenya tokkummaafi olka'insa biyya keenyaaf
Onkololessa 29/2019(ENA) : Ispoortiin fayyummaafi dagaagina qaamaa-qalbii cimsuun cinatti duudhaa waliin jireenyaa, jaalala, tokkummaafi hariiroo gaarii ijaaruu keessatti qooda olaanaa qaba.
Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaalee Magaalaa Eekkaa Xaafoofi Buraayyuutti ayyaana sabaafi-Sab-lammootaa bara kana kabajamu sababeeffachuun sosoochiin Ispoortii hunda-hirmaachisaa dhaadannoo "sosochiin Ispoortii keenya tokkummaafi olka'insa biyya keenyaaf" jedhuun gaggeeffamuu tajaajilli komunikeeshinii magaalaa Shaggar gabaaseera.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa