Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan  labsii Finfinnee baasuun xumurameera

Onkoloolessa 28/2019 (ENA)- Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa lammaffaan labsii Finfinnee baasuun xumurameera.

Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa lammaffaan Inisheetiivii 2040 paartilee siyaasaa Afriikaa” qopheessuuf waadaa kan itti galan labsii Finfinnee baasuun xumurameera.

Inisheetiiviin 2040 paartilee siyaasaa Afriikaa, paartileen siyaasaa gumaacha fulla’aa misooma Afriikaa fulla’aaf taasisan itti fufsiisuuf kan gargaarudha.

Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa Onkoloolessa 26 bara 2019 irraa eegalee mata duree “ guddina hoogganuu paartilee siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa” jedhuun guyyoota sadiif Finfinnee yaadannoo ijnifannoo Adwaatti gaggeeffamaa tureera.

Ummanni Itiyoophiyaa, ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi paartiinsaanii badhaadhinni  Afriikaanonni ajandaasaanii waloorratti akka mari’atan kaka’imsa fudhataniif waltajjicharratti galateeffamaniiru.

Inisheetiiviin 2040 paartilee siyaasaa Afriikaa waliigalteewwan demokiraasii, filannoo fi chaartarii bilchiinsaa, ajamdaa 2063, naannoo daldala bilisaa Afriikaa gamtaa Afriikaa fi kanneen biroon kan wal  sime ta’uun ibsameera.

Yaa’ii paartilee siyaasaa jalqabaa Gaanaatti gaggeeffamerratti kan ragga’e “labsiin Akraa” birmadummaa, bilisummaa fi tokkummaa bulchiinsaa biyyoota Afriikaaf garaagarummaa siyaasaa karaa nagaa furuuf ejjennoo qabachuunsaa ni beekama.

Paartilee siyaasaa fi cehumsa dinagdee Afriikaa irratti kan bahe “labsiin Finfinnee” baranaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa raggaaseera.

Labsii Finfinnee Kanaan paartileen siyaasaa Afriikaa bulchiinsa heera mootummaa, dhaabbilee ummataa bu’a qabeessa ta’an uumuuf, tasgabbii siyaasaa fi badhaadhina yeroo dheeraa ummattoota Afriikaaf qooda bahuuf waadaa galaniiru.

Inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa barreessaa olaanaa ta’uun akka gaggeessan kan muudaman hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa walgahiiwwan sekreetariyaatii inisheetiivichaa taa’uun waadaaleen labsicharratti barreeffaman hojiirra ooluusaanii akka hordofu itti gaafatamni kennameeraaf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015