Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome - ENA Afaan Oromoo
Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome
Addunyaan Itoophiyaa maqaa qofaan ishee beeka malee haala gaariin seenaa fi qabeenya ishee sirriitti hin hubanne. Kunis karaalee ittiin Itoophiyaan beeksifamtu dhibuu isaati. Har'a garuu Marsareetiin Itoophiyaa fi qabeenya ishee addunyaatti sirriitti beeksisu ifatti eegaleera.
Itoophiyaan, lafa argama buna buna bosonaa addunyaaf gumaachitedha.
Maal kana qofaree Itoophiyaan bakka madda dhala namaatis. Maddi dhala namaa kuni immoo yeroo ammaa kana qilleensa qulqulluu ashaaraa magariisaa isaan dhaabeen aara galfachaa jira.
Itoophiyaan laggeen ishee, qilleensaa fi humna aduu gara anniisaatti jijjiirtee of bira darbitee ollaa isheef ifa taateetti.
Magaalonni Itoophiyaa miidhaganii abaaboo Afrikaa ta’anii mul’achaa jiru.
Itoophiyaan fakkeenya gootummaa, Boonsituu Afriikaanotaa, sagalee tokkummaa Paan Afriikaa taateetti.
Itoophiyaan qaroomina ishee durii har’as siidaan, barreeffama mataa isheen, weedduu fi sirbootaan fi pirojektii isheetiin dhalootaaf kaa’aa jirti.
Atileetonni ishee miira injifannootiin bakka deeman maratti kan injifatan, Itoophiyaa fi faajjii ishee addunyaaf beeksisaniiru.
Imala seena qabeessa gara ‘COP32’tti, marsariitiin kun waltajjii birmadummaa, qabeenyaa fi abdii Itoophiyaa, seenaa keenya irraa kaasee hanga raawwii keenya ammaatti, qaroomina keenya irraa eegalee hanga mul’ata egeree keenyaatti addunyaaf itti dhiheessinudha. Hambaa ishee durii beekaa; Seenaa Itoophiyaa dhugaa ba'aa!
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links