Piriimeer Liigii Ingilaandi tapha har’a haalaan eegamu - ENA Afaan Oromoo
Piriimeer Liigii Ingilaandi tapha har’a haalaan eegamu
Onkololeessa 29/2019 (ENA) : Piriimeer Liigii Ingilaandi taphoota torbee 10ffaan taphni har’a Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama.
Piriimeer liigichaan har’a waaree booda sa’aatii 11:00 irraa eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, Biraayitan - Bireentifoordi, Kiristaal Paalaas - Liiverpuul, Ippisiiwich Taawoo - Boornimaawuuz, akkasuma Sandarlaandi -Cheelsii waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin falmata.
Liigichaan sadarkaa 18ffaarratti kan argamu Yuunaayitiid taphoota 9 taphate keessaa tapha tokko qofa injifateera.
Taphoota 4 qabxii qooddachuun taphoota 4 mmoo injifatameera.
Taphoota salgan darbanirratti galchiiwwan 15 keessummeessun galchiin 10 qofa lakkoofsise.
Astoon Viilaan immoo galchiiwwan 13 keessummeessuun galchiiwwan 10 lakkoofsiseera.
Taphoota sagal keessaa 3 injifachuun, 3 qabxii qooddachuun, 3 immoo injifatameera.
Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 202 keessaa Maanchiister Yuunayitiid yeroo 108 injifachuun olaantummaa yoo qabaatu, Astoon Viilaan si’a 52 injifachuun, taphoota 42 immoo qabxii qooddataniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa