Tamsaasa Kallatti:

Paartiin badhaadhinaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa akka gaggeessu filatame

Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Paartiin badhaadhinaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa (APPS ) akka gaggeessu filatameera.


Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa mata duree “guddina hoogganuu paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.

Paartiin badhaadhinaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa olaantummaan akka gaggeessu yaa’ii Kanaan sagalee guutuun akka filatame beeksiseera.

Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa inisheetiivicha akka gaggeessan barreessaa muummee (Executive Secretary) ta’uun filatamaniiru.


Kunis hirmaannaa fi beekamtii Ardiii paartichaa kan agarsiisu boqonnaa guddaatti fudhatamuunsaa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015