Tamsaasa Kallatti:

Seenaa Islaamaa Itiyoophiyaa fi duudhaalee hafuuraa ijaarsa mootummaa fi qaroominaaf oolchuun barbaachisaadha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Onkololessa 28/2019 (ENA)-Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, seenaa Islaamaa Itiyoophiyaa fi duudhaalee hafuuraa ijaarsa mootummaa, qaroomina, tuurizimii fi hariiroo idil-addunyaaf oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Itti aanaan ministira muummee ergaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, waltajjii xumura yaa’ii idilee 1ffaa kan waggaa 2ffaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa irratti argamuusaaniitti gammachuu qaban ibsaniiru.

Seenaa Nabii Yuusuf barumsa guddaa Qur’aana Qulqulluu keessatti argaman keessaa tokko ta’uu ibsanii, jaalala maatii, gantummaa, rakkoo fi qormaata keessa darbuun amantii fi obsaan dhugaa injifachuun akka danda’amu barsiisa jedhaniiru.

Itoophiyaanis seenaa ishee keessatti shiraa fi gantummaa hedduu keessa darbitee, gufuuwwan mudatan injifachuun ulfinaa fi qaroomina ishee duraanii irra akka deebitu amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru.

Itoophiyaan seenaa Islaamaa keessatti iddoo addaa akka qabdu kan ibsan yoo ta’u, biyya Um Ayiman, Mu’azzina jalqabaa Bilaal fi hijraa jalqabaa keessatti seenaa addaa qabdu, akkasumas biyya Najjaashii ta’uu yaadachiisaniiru.

Harar, magaalaa qulqulluu Musliimotaaf sadarkaa afraffaa irratti argamtu jedhamtee beekamtu, Itiyoophiyaa keessatti argamti. Hambaa seenaa fi aadaa kana ijaarsa mootummaa, tuurizimii fi hariiroo idil-addunyaaf sirnaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Mootummaan Ida’amuu hafuura amantii akka humna guddaa biyyaalessaatti akka ilaalu ibsaniiru.

Humna kana sirnaan yoo itti fayyadamne, mootummaa cimaa ijaaruu akka dandeenyu ibsaniiru. dhaabbileen amantii cimaa fi gahumsa qaban akka ta’an mootummaan deeggarsa taasisaa turuu isaa himaniiru.

Waan nuti biyya keenyaaf hin hojjenne eenyullee nuuf hin hojjetu; waan nuti hin guddifne eenyullee nuuf hin guddifatu; nagaa biyya keenyaa yoo nuti hin eegne eenyullee nuuf hin eegu jechuunis ibsaniiru.

Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa dabarsaniin, “Namoonni ummataaf baay’ee fayyadan, isaan Rabbi biratti namoota jaallatamoo ta’aniidha” akkuma jedhame, jireenya ummata keenyaa, fayyaa, barnootaa fi nageenya kan fooyyessuu; qaroomina Ida’amuu Itiyoophiyaa ijaaruuf hojii gaarii hojjennee darbuun nurraa eegama” jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015