Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan

Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru.

Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru.

Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera.

Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015