Godina kibba lixaa Oromiyaatti abbootii warraa miiliyoona 1 tuqaa 3 ol miseensa inshuraansii fayyaa taasisuuf karoorfameera - ENA Afaan Oromoo
Godina kibba lixaa Oromiyaatti abbootii warraa miiliyoona 1 tuqaa 3 ol miseensa inshuraansii fayyaa taasisuuf karoorfameera
Onkoloolessa 28/2019(ENA)- Godina kibba lixaa Oromiyaatti abbootii warraa miiliyoona 1 tuqaa 3 ol miseensa inshuraansii fayyaa taasisuun namoota miiliyoona 5’f tajaajila waldhaansaa waliin gahuuf karoorfamuu waajjirri fayyaa godinichaa ibseera.
Inshuraansiin fayyaa hawaasaa namni kamiyyuu hanqina maallaqaatiin tajaajila waldhaansaa akka hin dhabne taasisuun olitti dandeettii faayinaansii dhaabbilee fayyaa cimsuun qulqullina tajaajilaa guddisuuf akka gargaaru eerameera.
Itti gaafatamaan waajjira fayyaa godinichaa obbo Fu’aad Saabiit akka ibsanitti, bardheengaddaa abbootiin warraa miiliyoona 1 caalan miseensa inshuraansii fayyaa ta’uun namoonni miiliyoon 4 caalan tajaajila waldhaansa tolaa argataniiru.
Baranas abbootii warraa miiliyoona 1 tuqaa 3 ol miseensa inshuraanii fayyaa taasisuun namoota miiliyoona 5’f waldhaansa kennuuf karoorfameera jedhaniiru.
Paartii badhaadhinaatti itti gaafatamaan dame siyaasaa kibba lixa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaa Fiixaa miseensota inshuraansii fayyaa horachuun duulaan osoo hin daangeffamiin sirnaan gaggeeffamuu fi tajaajilli kennus si’ataa fi itti quufinsa maamiltootaa kan mirkaneessu ta’uu akka qabu ibsaniiru.
Paartii badhaadhinaatti itti gaafatamaan waajjira dame godina kibba lixa Oromiyaa obbo Didhaa Guddataa gamasaaniin, mootummaan lammii fayyaalessaa fi dandeettii oomishaa qabu horachuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Hawaasni tajaajila fayyaa qulqulluu fi haqa qabeessa akka argatu kan didiirfame sagantaan inshuraansii fayyaa karoora damee fayyaa keessatti of danda’uu keessatti qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru.