ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan guyyaa baniinsa Shaampiyoonaa Atileetiksii dargaggoota guddattoota Afriikaa Meedaaliyaa afur harkatti galfatte
Jul 17, 2025 4
Adoolessa 10/2017 (TOI)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18 gadii sadaffaa eda Naayijeeriyaa Abukataatti jalqabameera. Atileetonni Itiyoophiyaa baniinsarratti dorgommiiwwan xumuraa shan irratti hirmaatteetti. Dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 18 gadiin meetira 1500niin Elsaabeex Amaaree meedaaliyaa Meetii, Dastaa Taaddasaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfataniiru. Atileet Tirhaas Gabrahiywoot dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 20 gadii meetira 3000’n meedaaliyaa Meetii harkatti galfatteetti. Akasumas dorgommii dhiiraa waggaa 18 gadii meetira 1500’n Saamu’eel Gabrahawaariyaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfachuu federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Dorgommii xumuraa utaalchoo kuruphisaa dubartootaa waggaa 20 gdiin Nyachook Chool, Atileet Nibrat Kindee dorgommii xumuraa dhiiraa meetira 10000 waggaa 20 gadiin sadarkaa keessa hingalle. Itiyoophiyaan baniinsa shaampiyoonichaan Meetii lamaa fi Naasa lama walumaa gala Meedaaliyaa afur harkatti galfatteetti. Itiyoophiyaan dorgommii Kanaan dhiira 30 fi dubartoota 27 walumaa gala Atileetonni 57 nihirmaachifti. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18gadii sadaffaan amma Adoolessa 13 bara 2017tti nigaggeeffama.
Miidiyaaleen seenessoota biyya ijaaran kan baratti darbanirratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu
Jul 16, 2025 110
Adoolessa 09/2017(TOI)- Miidiyaaleen seenessoota biyya ijaaran kan baratti darbanirratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban pirezidaantiin akkaadaamii ga’oomaa hooggansa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa ibsan. pirezidaantiin akkaadaamii ga’oomaa hooggansa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa Hoogantootaa fi galaalchota tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf leenjii kennaa jiru. Miidiyaaleen odeeffannoo dhiheessuun gamatti hojiilee jijjiirama bu’uraa fidan hojjechuu akka qaban ibsan obbo Zaadiig. Miidiyaaleen hojiiwwan galaalchummaa biyya ijaaruu fi galma biyyaalessaa waloof lammiileen tokkummaan akka dhaabatan godhanirratti xiyyeeffachuu qabu jedhaniiru. Miidiyaaleen ijaarsa biyyaaf qooda ijoo akka qaban eeranii, hojii kana gama si’oomsuutiin qooda ijaaraa bahuu akka qaban kaasaniiru. Galaalchonnis oduu guyya guyyaarra darbee hojii dhiibbaa uumuu danda’u hojjedheeraa? Jechuun dhimmoota fulla’insa qabanirratti xiyyeeffachuun akka ofga’oomsan himaniiru. Miidiyaaleen rakkoolee agarsiisuu qofa osoo hinta’iin furmaata fiduu qabu kan jedhan pirezidaantichi, hojiin ijaaraa galaalchummaa gumaacha akka qabu dubbataniiru. Gabaasni miidiyaalee abdii kan namatti horanii fi ifa kan agarsiisan ta’uu ta’uu akka qaban dubbataniiru. Akkuma riqichi walitti nama fidu seenessi sammuu namootaa walitti fida kan jedhan pirezidaantichi, miidiyaaleen seenessa waloorratti xiyyeeffachuun biyyii fi mootummaan walitti dhiheenyaan akka hojjetan haala mijataa uumuu akka qaban kaasaniiru. Galaalchonni seenessoota baratti darban bocuun, sagalee ummataa ta’uun akkasumas dhaabbilee gama cimsuutiin qooda murteessaa qabu jedhaniiru. Keessummaa odeeffannoo sirrii fi haqaa lammiilee qabsiisuun akkasumas hubannoosaanii guddisuun faayidaa fi fedhii biyyasaaniif akka dhaabatan gochuuf ittigaafatama guddaa qabu jedhaniiru. Galaalchaan qormaataa fi rakkoof osoo hinjilbeeffatiin onneerraa hojjechuun hojiilee biyya ijaaranii fi dhaloota qaran hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti Voolkaanoon dhoheera
Jul 16, 2025 66
Adoolessa 09/2017(TOI)-Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo mudachuusaa biiroon turizimii naannichaa beeksise. Dhohiinsi Volkaanoo kun xiyyeeffannoo tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan hawachuu biirichi beeksiseera. Biiroo Tuurizimii naannichaatti daarektarri qabeenya tuurizimii beeksisuu fi misooma gabaa obbo Abduu ahimad, kaleessaa eegalee Ertaallee irraa km 15 fagaatee bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo haaraan mudateera jedhan. Mudannoon kun Tuuristootaa fi jiraattotarratti miidhaa akka hingeessifne eeranii, mudannoon kun tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan guddaa hawateera jedhaniiru. Tuuristoonni naannawichatti argaman dhiheenyarratti argamuun dinqisiifannaan xiyyeeffatanii hordofaa akka jiran ibsaniiru. Dhohiinsi Voolkaanoo dhiibbaan Maagmaa lafa jalatti argamu yoo dabalu ykn baqaqaa uumuun karaa ittiin bahu wayita argatu kan uumamu ta’uu qorattoonni damee kanaa nidubbatu.
Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jirti-Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa
Jul 16, 2025 46
Adoolessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jiraachuu Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa ibsan. Raayyaan ittisaa sagantaa jalqabsiisa ashaaraa magariisaa mooraa muummee qajeelcha waliigalaa ministeera ittisaatti gaggeesseera. Etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Biraanuu Juulaa, de’eetaawwan ministeera ittisaa, qondaaltonni jeneralonnii fi ataasheewwan loltuu biyyoota garagaraa sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru. Ataasheewwan loltuu Yaada TOI’f kennan keessaa Itiyoophiyaatti attaasheen loltuu Maalaawii Birgaadar Jeneraal Kiriispiin Roobart Piitii akka ibsanitti, Itiyoophiyaan ashaaraa magariisaatiin hojii muuxannoon irraa fudhatamu hojjechaa jirti. Hojiin kun Afriikaa qofa osoo hintaane addunyaan hundi fakkeenya godhachuu akka qabdu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Attaasheen loltuu Xaaliyaanii Koloneel Maarkoo Poodiidii akka ibsanitti, ashaaraan magariisaa addunyaa faalamarraa walaboomte dhalootaaf dabarsuuf murteessaadha jedhan. Gama Kanaan Itiyoophiyaan hojii addunyaaf fakkeenya ta’u hojjechaa akka jirtu arguusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan ashaaraa magariisattiin hojii biyyootaa f fakkeenya ta’u hojjechaa jirti kan jedhan attaashee loltummaa gamtaa Afriikaa fi Itiyoophiyaatti attaashee loltummaa Moozaambiik Koloneel Farnaandoo Makanzii Jiimoodha. Fuulduras biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa fakkeenya godhachuun sagantaa kanarratti akka hirmaatan Koloneelichi dubbataniiru. Bara kana Mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Bara baajataa xumurametti hojiileen guddinaa fi badhaadhina walii galaa Mirkaneessuu dandeessisan hedduun raawwatamaniiru.
Jul 16, 2025 60
Adoolessa 09/2017(TOI)-Bara baajataa xumurametti hojiileen qabeenya ofiin Birmadummaa Nyaataa Mirkaneessuu, Guddina fi badhaadhina walii galaa mirkaneessuu dandeessisan bal’aan hojjetamuu Ministirrii Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kamiil ibsan. Waltajjiin hojiiwwan gurguddoo walta’insa Mootummaa fi paartiin Bara baajataa xumurame hojjetaman gamaggamu Diree Dawaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicha Irratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti Aanaa Ministira Muummeetti hogganaan jiddugala Qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii Adam Faaraah dabalatee, hoggantoonni waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi hogantoonni waajjira Dameelee , Minitiroonni, fi Hoggantoonni Olaannoon Naannoolee argamaniiru. Tattaaffii gargaaramuu keessaa bahuu, carraa hojii uumuu, tasagabbii gabaa fi qaala’insi gatii hir’achuun fi dhimmoota biroo ilaaluun hojiiwwan gurguddoo raawwattaman fi bu’aawwan galmaa’an ilaachisuun mariin bal’aan gaggeeffameera. Dhimmoota kana irratti ibsa kan kennan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, lammiileef carraa hojii biyya keessaa fi biyya alaatti mijeessuu fi uumuun milkaa’inni gaariin galmaa’eera. Itiyoophiyaatti carraan hojii ogummaan gaggeeffamu akka jiraatuuf gochuuf lammiileen beekumsaa fi dandaandeettii argataniin guddinaa fi badahaadhina biyyaa mirkaneessuuf qoodasaanii akka bahan ta’aa jiraachuu dubbataniiru. Carraa hojii uumuu irra darbe dameelee biroon bu’aan qabatamaan galmaa’uusaanii kaasuun fuulduratti jabaatee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru. Hogganaan Damee Siyaasaa fi Ijaarsa Dandeettii Paartii Badhaadhinaa Dr.Sammaa Xurunaa bara baajataa xumurame walta’insa Paartii fi Mootummaan hojiiwwan bal’aa raawwataman ibsaniiru. Bara baajataa qabametti, Bu’aawwan argaman itti fufsiisuun raawwiin caalu akka jiraatu tattaaffiin qindaa’aan nitaassifama jedhaniiru. De’eetaan Ministira Daldalaa fi walitti hidahaminisa Riijinii Dr.Abdulhakiim Muluu gama isaaniin, riifoormii Dinagdee Gooroo tassisuun guddinaa fi Misooma Damdaneessa itti saffisiisuu danda’uu kaasaniiru. Qaala’insa jireenyaa tasgabbeesuuf tattaaffiin bal’aan taassifamuu ibsaniiru.
Siyaasa

Manni maree ministirootaa karoora misooma biyyaalessaa fi sektarootaa bara 2018 bakka ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad argamanitti qorachuu eegale
Jul 14, 2025 305
Adoolessa 07/2017 (TOI)- Manni maree ministirootaa karoora misooma biyyaalessaa fi sektarootaa bara 2018 bakka ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad argamanitti qorachuu eegaleera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Bara 2017 guddinni mul’atuu fi imalli guddinaa bara 2018 dhufuuf ittifufuuf bu’ura cimaa ta’u galmaa’uusaa ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin ibsaniiru. Kana ka’umsa godhachuun Manni maree ministirootaa karoora guutuu sektaroota hundaa bara 2018 fi karoora misoomaa biyyaalessaa qorachuu eegaluusaa dubbataniiru.Ministirri muummee fi miseensonni mana maree ministirootaa qorannoo fi mariin cinaatti asharaa magariisaa kaa’uusaanii eeraniiru.
Hojii Seenessa waloo ijaaruun carraa waloo egeree murteessuuf hojjetamu keessatti qoonni miidiyaalee olaanaadha-Obbo Zaadiig Abrihaa
Jul 14, 2025 189
Adoolessa 07/2017 (TOI)- Hojii Seenessa waloo ijaaruun carraa waloo egeree murteessuuf hojjetamu keessatti qoonni miidiyaalee olaanaa ta’uu pirezidaantiin akkadaamii ga’ooma hooggansaa Obbo Zaadiig Abrihaa ibsan. Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa (TOI)n jiddugala ga’ooma hooggansa Afriikaa waliin ta’uun qooda galaalchonni seenessaa fi ijaarsa biyyaarratti qaban irratti leenjii kennaa jira. Hooggantoonnii fi hojjettoonni biirolee TOI jiddugalaa fi naannolee leenjii guyyoota afuriif turu kanarratti hirmaachaa jiru. Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggansa Afriikaa obbo Zaadig Abrihaa maalummaa, barbaachisummaa, humna senessaa fi dhimmoota Kanaan walqabataniratti ibsa kennaniiru. Leenjichi seenessi eenyummaa bifa qabsiisuuf, namoota kakaasuuf, aadaa ceesisuuf, akkasumas murteessuuf kan fayyadu ta’uu kaasaniiru. Seenessi kan addunyaa ittiin ilaallu ta’uu eeranii, biyyi seenessashee dagatte akkaataa ka’uu itti dandeessu hinbeektu jedhaniiru. Seenessi eenyummaa kan sirreessuu fi biyyi kan dhalatu seenessa waloon akka ta’e akka ta’e obbo Zaadiig ibsaniiru. Seenessa waloo ijaaruun carraa waloo egeree murteessuuf kan gargaaru ta’uu eeranii, adeemsa ijaarsa seenessa waloof qoonni miidiyaalee olaanaa Ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaa keessatti sirna paartii hedduu cimaa ijaaruuf dandeettii hooggantoota paartilee siyaasaa guddisuuf xiyyeeffannoon taasifameera
Jul 14, 2025 167
Adoolessa 07/2017 (TOI)- Itiyoophiyaa keessatti sirna paartii hedduu cimaa fi tasgabbaa’aa ijaaruuf dandeettii hooggantoota paartilee siyaasaa guddisuuf xiyyeeffannoon taasifatamee hojjetamaa akka jiru ibsame. Manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa, akkaadaamiin ga’ooma hooggansa Afriikaa fi inistiitiyuutiin demokiraasii paartii hedduu Nezerlaandis waliin hojjechuuf walii galtee gamsadee mallatteessaniiru. Walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa mallattoo waliigalteerratti aakka jedhanitti, sirna demokiraasii Itiyoophiyaa keesatti gabbisuuf dandeettii hooggansaa fi miseensotaa beekumsarratti hundaa’ee gabbisuun nibarbaachisa. Kanaaf ammoo leenjiiwwan dandeettii miseensota hooggansa paartilee siyaasaa gabbisan qopheessuun murteessaadha. Manni marichaa qooda fudhattoota garagaraa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu eeranii, akkaadaamii ga’ooma hoggansa Afriikaa waliin ta’uun hojjechuunsaa hooggansa beekumsaan gaggeessu ijaaruuf kutannoo qabu agarsiisa jedhaniiru. Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hoogansa Afriikaa Zaadiig Abrihaa akka ibsanitti, ijaarsa sirna demokiraasii gabbataa Itiyoophiyaa keessatti dandeettii miseensota hooggansa paartilee siyaasaa guddisuun murteessaa waan ta’eef akkaadaamichi xiyyeeffatee nihojjeta. Akaadaamichi qajeelfama leenjii fi karooraa fi tarsiimoo ijaarsa misooma hooggansaa paartilee siyaasaa beekumsa mandhaleen deeggarame baasuusaa ibsaniiru. Inistiitiyuutii demokiraasii paartii heddumminaa Nezerlaanditti bakka bu’aan Itiyoophiyaa Dr. Yinnabab Nigaatuu gamasaaniin, Ijaarsa sirna paartii heddumminaa cimaa Itiyoophiyaa irratti deegarsa teekniikaa fi faayinaansii gochaa akka jiru የkaasaniiru. Sirna demokiraasii paartii hedduu keessatti ijaaramaa jiruuf qooda fudhattoota garagaraa waliin hojjechaa turuusaanii ibsanii, akkaadaamii ga’oomaa kana waliinis waliin hojjechuuf har’a mallatteessuusaanii dubbataniiru. Walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa waliigaltee dhaabbileen lamaan haala Kanaan sirna paartii hedduu gabbataa fi tasgabbaa’aa ijaaruuf mallatteessan bu’a qabeessa gochuuf humna guutuun akka hojjetan ibsaniiru.
Bara bajatichaa hojiin Seenaa Gargaaramuu Itiyoophiyaa jijiiruuf bu’uura ta’an hojjetamaniiru-Obbo Adam Faaraah
Jul 14, 2025 138
Adoolessa 07/2017(TOI)-Bara baajatichaatti gargaaramuu keessaa bahuuf hojiin hojjetaman seenaa hiyyummaa Itiyoophiyaa jijiiruuf bu’uura kan kaa’anidha jedhan Itti Aanaan Pirezidaantii Paraatii Badhaadhinaa fi Hogganaa waajjira muummee Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarah. Waltajjiin Gamaggama raawwii Hojii Paartii Badhaadhinaa bara baajataa 2017 Magaalaa Diree Dawaatti gaggeeffamaa jira. Saganticha irrtti obbo Adama Faarah haasaa taassisaniin, barri baajataa 2017 hojii hedduun bara itti hojjetaman, bara tattaaffii fi bara milkaa’inaa ta’uu kaasaniiru. Paarticha qabeenya namaa fi Meeshaan Cimsuuf, Odeeffannoo Ammayyaa’aan gurmeessuuf, akkasumas seenessa waloo fi fudhatamummaa mirkaneessuuf hojiin hojjetame milkaa’uu ibsaniiru. Paartii Yaadaan, gurmaa’insaan fi hojmaataan tokkoome uumuuf, hojiin hojjetame milkaa’aa akka ture eeruun, kanaanis yaa’ii paartii Idilee Waggaa 2ffaa fi Ayyaana Hundeeffamaa waggaa 5ffaa karaa qindaa’een kabajuun danda’ameera jechuusaanii kan gabaase Faanaa Miidiyaa korporeeshinidha. Guddini Dinagdee Itiyoophiyaa fulla’aa akka taa’uuf xiyyeeffannoon hojjetamuu kan ibsan obbo Adama Faarah, kanaanis bu’aan abdachiisaan galmaa’uu hubachiisaniiru. Hojiin sosochiin hojjetaman bu’aa qabeessa kan turanii fi marii biyyoolessaa uummata hirmaachisaa irratti akka hirmaatuu ta’uusaan adeemsi marichaa karaa milkaa’ina qabuun itti fufuu hubachiisaniiru. Hojii Seenessa caalmaa fi fudhatamni akka mirkanaa’u hojii hojjetameen milkaa’inoonni gaarii tokkummaa biyyoolessaa jabeessan galmaa’uu kaasaniiru. Injifannoowwan bara baajatichaatti galmaa’an itti fufsiisuun fi hanqinoota turan furuun, uummata hirmaachisuuun badhaadhina walii galaa mirkaneessuuf hojjechuu akka barbaachisu cimsanii dubbataniiru.
Yuunivarsiitiin ittisaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa uumaa jira-Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa
Jul 12, 2025 342
Adoolessa 05/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa ammayyaa uumaa akka jiru pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa ibsan. Yuunivarsiitichi maandisummaa, saayinsii fayyaa, biizinasii, bulchiinsa qabeenyaa fi sagantaalee barnootaa biroon digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan leenjise har’a eebbisiiseera. Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri jallisii fi naannawoota gammoojjii Dr. Abrahaam Balaayi, de’eetaan ministira fayyaa fi itti aanaan walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Dr. Darajjee Dhugumaa , qondaaltonni ittisaa olaanoon, attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa fi maatii eebbifamtootaa sirna eebbaarratti argamaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii ittisaa Itiyoophiyaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa, Yuunivarsiitichi dameelee barnootaa garagaraan loltummaan, siviilii fi barattoota biyyoota ollaa leenjisaa jira jedhaniiru. Yuunivarsiitichi hooggantoota loltuu fi siviilii raawwii ergama raayyaa ittisaa sadarkaa olaanaan gahan horachaa akka jiru ibsaniiru. Gama teeknooloojiitiin hojiilee biyya ceesisan hojjechaa akka jiru eeraniiru. Yuunivarsiitichi karaa maqaa raayyaa madaaluun kan caaseffame yoo ta’u hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojiilee qorannoo fi qu’annoo garagaraa fihojiilee hawaasa fayyadan biroo hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Itiyoophiyaan raayyaa ammayyaa ijaaruuf alaa galchitu biyya keessatti bakka buusuuf hojiilee garagaraa hojjechaa akka jirtu dabalanii ibsaniiru. Barattoonni beekumsaa fi ogummaa argataniin biyyasaanii ga’oomaan tajaajiluu akka qaban ergaa dabarsaniiru. Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa bara 2025 Afriikaarraa Yunivarsiitiiwwan shan keessaa tokko ta’uuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.
Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate cimee ittifufeera-Dr. Biqilaa Hurrisaa
Jul 11, 2025 271
Adoolessa 04/2017(TOI)-Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate Itiyoophiyaatti cimee ittifuuusaa hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Dameen ummataa fi hariiroo idil addunyaa waajjira muummee Paartii badhaadhinaa raawwii bara bajataa 2017 fi karoora bara bajataa 2018 magaalaa Arbaa Mincitti qorachaa jira. Hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa wayita kana, Itiyoophiyaan damee dinagdee, siyaasaa fi dippilomaasiin addababayii addunyaarratti jijiirama hatattamaa galmeessisaa jirti jedhaniiru. Kana milkeessuuf dirree siyaasaa tasgabbaa’aa uumuudhaan obbolummaa fi waggaa obboleettummaa umattoota jidduutti cimaa itti dhufedha jechuun ibsaniiru. Qaamoleen guddina biyyaa boodatti deebisuuf dhama’an shirri isaan xaxan ummataa fi mootummaan fashalaa’aa dhufuu ibsaniiru. Adeemsi ijaarsa seenessa tokkummaa sabdaneessummaa milkaa’inaan hojjetamaa jiraachuu kan kaasan Dr. Biqilaan, milkaa’inni amma ammaatti galmaa’e ittifufsiisuuf nihojjenna jedhaniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo kibba Itiyoophiyaa obbo Gabramasqal Caalaa gamasaaniin, paartichi badhaadhina waliigalaa mirkaneessaa jira. Mirga sabaa fi sablammootaa kabachiisuun biyya tasgabboofte ijaaruuf haala gaariin raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Fuulduras misooma eegalaman ittifufsiisuun badhaadhina waliigalaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru. Waltajji guyyoota lamaaf qophaa’e hooggantoonni hariiroo ummataa paartichaa fi ogeeyyonni hirmaachaa jiru.
Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun itti fufuun nihojjetma
Jul 10, 2025 262
Adoolessa 03/2017 (TOI)- Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun cimee akka itti fufu waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu ibsan. Dameen ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa waltajjii qorannoo raawwii karoora 2017 fi karoora bara 2018 magaalaa Hararitti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture har’a Xumureera. Hooggantoonni federaalaa fi naannoo damee ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa akkasumas qaamni dargaggootaa fi dubartoota paartichaa waltajjicharratti hirmaataniiru. Waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu wayita kana akka jedhanitti, bara bajataa 2017 duudhaa ijaarsa aadaa demokiraasii cimsuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaniiru. Paartileen siyaasaa waliin hojjechuun naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti mana maree walooj gurmaa’uun aadaan waliin hojjechuu gabbachaa dhufuu eeraniiru. Hojiileen paartilee siyaasaa waliin eegalaman aadaa f i barbmaata haaraa fidaa akka jiran kaasaniiru. Hojiileen waloo ciminaan akka ittifufan ibsanii, paartileen siyaasaas ijaarsa aadaa demokiraasiif hojii hojjetan ciminaan akka ittifufan himaniiru. Yeroo ammaa qaamoleen mootummaa fi hawaasni siviilii sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuuf calqabbiin gaariin uumamuusaa eeraniiru. Keessumaa gumaacha dargaggootaa fi dubartootaaga’oomsuu fi caalaatti guddisuuf akkasumas ittifayyadamasaanii gabbisuuf waltajjichi haala mijataa uumuusaa kaasaniiru. Fuulduras akkaataa kallattii kaa’ameen dhimmoota xiyyeeffannoo barbaachisan irratti xiyyeeffannoo kennamee aadaa godhachuun akka hojjetamu himaniiru.

Hawaasummaa
Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti Voolkaanoon dhoheera
Jul 16, 2025 66
Adoolessa 09/2017(TOI)-Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo mudachuusaa biiroon turizimii naannichaa beeksise. Dhohiinsi Volkaanoo kun xiyyeeffannoo tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan hawachuu biirichi beeksiseera. Biiroo Tuurizimii naannichaatti daarektarri qabeenya tuurizimii beeksisuu fi misooma gabaa obbo Abduu ahimad, kaleessaa eegalee Ertaallee irraa km 15 fagaatee bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo haaraan mudateera jedhan. Mudannoon kun Tuuristootaa fi jiraattotarratti miidhaa akka hingeessifne eeranii, mudannoon kun tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan guddaa hawateera jedhaniiru. Tuuristoonni naannawichatti argaman dhiheenyarratti argamuun dinqisiifannaan xiyyeeffatanii hordofaa akka jiran ibsaniiru. Dhohiinsi Voolkaanoo dhiibbaan Maagmaa lafa jalatti argamu yoo dabalu ykn baqaqaa uumuun karaa ittiin bahu wayita argatu kan uumamu ta’uu qorattoonni damee kanaa nidubbatu.
Bulchiinsi magaalichaa waldhaansa kale dhiquu waliin gahuuf damee dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechaa jira-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 14, 2025 185
Adoolessa 07/2017 (TOI)- Bulchiinsi magaalichaa waldhaansa kale dhiquu(Diyaaliisisii) waliin gahuuf damee dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Gareen Invastimantii Meedrook meeshaalee tajaajila waldhaansaa kale dhiquuf oolan hoospitaala speeshaalaayizedii waliigalaa miniliik lammaffaaf deeggarsaan kenneera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, bulchiinsi magaalaa hojii namarratti xiyyeeffatee hojjetuun, waldhaansa kale dhiquu babal’isuuf hojjechaa jira. Bulchiinsi magaalichaa Hoospitaalota Zawudituu fi Minilik lammaffaatti baasii ofiitiin waldhaansa kale dhiquu tolaan akka argatan taasisaa turuunsaa niyaadatama. Tajaajila kana bal’isuuf diyaasporaa dabalatee tumsa mootummaa fi dhuunfaatiin hojjetamaa jira jedhaniiru. Kunis lammiileen harka qalleeyyii waldhaansa akka argatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Deeggarsi meeshaalee waldhaansaa Meedirook Invastimant taasises agarsiiftuu hojii tumsaan hojjetamuu ta’uu eeraniiru. Deeggarsi har’aa kun maashinii fi siree waldhaanamtoonni torbanitti al sadii ittiin waldhaanaman kan guuttatedha jedhaniiru. Hoogganaan biiroo fayyaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa gamasaaniin, Kanaan dura Hoospitaalota Ispeeshaalaayizdii yaadannoo Zawudituu fi Miniliik lammaffaatti maashinoota kale dhiqan 20’n waldhaanamtoota 144’f tajaajilli kennamaa turuu yaadachiisaniiru. Deeggarsi maashiniin kale dhiqu 20, sireen ammayyaa 10 fi galteewwan waldhaansaa biroon har’a meedirook irraa argame faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Deeggarsi har’aa baay’ina waldhaanamtootaa dachaan kan guddisuu fi waggaa sadan dhufaniif waldhaansa kale dhiquu walirraa hincinne kennuu kan dandeesisu ta’uu ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee Invastimantii Meedirook Obbo Jamaal Ahimad, Meedirook harka qalleeyyotaaf deeggarsa taasisaa fi hojii dhukkubsattoota baraaru hojjechaa akka jiru ibsanii, hojii kanaanis kabajaa fi gammachuun nutti dhagahama jedhaniiru. Dhaabbatichi ittigaafatama hawaasummaa bahuuf deeggarsasaa cimsee akka ittifufu dubbataniiru.
Tajaajilichi Hojii Riiformiitiin Hoj-maata Ammayaa’aa Itiyoophiyaa Madaalu Ijaareera
Jul 14, 2025 111
Adoolessa7/2017(TOI)-Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa hojii riifoormii hojjeteen hoj-maata Ammayyaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaruu Daarekteerri Olaantuun Tajaajilicha Salaamaawwit Daawwit Ibsan. Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa galmeessitoota naannoo fi qooda fudhattoota waliin walga’ii gamaggama raawwii karoora hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti xiyeeffate gaggeessaa jira. Daarektarri Olaantuun tajaajilichaa Salaamaawiit Daawwit, Daarektarri Olaantuun Baqattootaa fi Baqaa deebi’anii Xayibaa Hasan, Hogganaa fi Miseensi Koree Dhaabbataa Dhimma Hariiroo alaa fi nagaa Mana Maree bakka bu’oota uummataa,Qondaaltonni Mootummaa Olaanoon waltajjicha irratti argamaniiru. Daarektarri olaantuun tajaajilichaa Salaamaawiit Daawwit, haasaa baniinsaa taassisaniin, tajaajilichi jijiirama biyyoolessaa dura rakkoo hedduun akka ture yaadachiisaniiru. Ulaagaa Idil Addunyaa guutuurratti hanqinoonni akka turan eeruun, Tajaajilichi fedhii Hawaasaa waliin osoo wal hin simiin turuu kaasaniiru. Jijiirama biyyoolessaan booda Itiyoophiyaan kallattii hundaan Riifoormii Ariifataa fi hunda hammate gochuun, imala badhaadhinaarratti akka argamtu eeruun, tajaajilichis rakkowwan bu’uurarraa furuuf riifoormii gaggeessuu ibsaniiru. Kanaafis ajandaawwan riifoormii 11 bocuun gara hojiitti galuu kaasuun, sirna fudhannaa ragaa baayoomeetirikii boodatti hafaa ta’e gara hojmaata ammayyaatti jijjiiruu danda’uu dubbataniiru. Paaspoortii Elektiroonikii maxxansuun rakkinicha hiikuu danda’uun duubatanii, sanadoonni imalaa kudhanii ol akka ammayaa’an ta’uusaanii hubachiisaniiru. Tajaajila kennamu ammayyeessuun cehumsi milkaa’aan gara Dijiitaalayizeeshiniitti ta’uu ibsuun, hojiiriifoormii dhaabbatichaan hojmaata ammayyaa Itiyoophiyaaf mijatu ijaarree jirra jedhan . Gama Fedhii lammiileen bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalmaatii Ammayyeessuu fi saffisiisuun itti quufiinsa hawaasaa guddisuuf cimnee hojjenna jedhaniiru. Qooda fudhatoonnis milkaa’ina tajaajilichaaf qooda isaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Du’a pirezidaantii Naayijeeriyaa duraaniitti gadduusaanii ibsan
Jul 14, 2025 152
Adoolessa 06/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Du’a pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii Muhammadu Buhaariitti gadduusaanii ibsan Ministirri muummee ergaa gaddaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin, maqaa mootummaa fi ummata Ititoopiyaatiin maatii muhaammad Buhaarii, ummataa fi mootummaa Naayijeeriyaaf jajjabina hawwaniiru. Wayita gaddaa kanaatti yaanni keenya isin wajjin jira jechuun ibsaniiru. Muhaammaduu Buhaarii kaleessa waaree booda kilinikii Landanitti argamu keessatti waldhaanamaa osoo jiranii waggaa 82tti lubbuunsaanii darbuu CGTN maatiisaanii eeree gabaaseera.
Diinagdee
Bara baajataa xumurametti hojiileen guddinaa fi badhaadhina walii galaa Mirkaneessuu dandeessisan hedduun raawwatamaniiru.
Jul 16, 2025 60
Adoolessa 09/2017(TOI)-Bara baajataa xumurametti hojiileen qabeenya ofiin Birmadummaa Nyaataa Mirkaneessuu, Guddina fi badhaadhina walii galaa mirkaneessuu dandeessisan bal’aan hojjetamuu Ministirrii Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kamiil ibsan. Waltajjiin hojiiwwan gurguddoo walta’insa Mootummaa fi paartiin Bara baajataa xumurame hojjetaman gamaggamu Diree Dawaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicha Irratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti Aanaa Ministira Muummeetti hogganaan jiddugala Qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii Adam Faaraah dabalatee, hoggantoonni waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi hogantoonni waajjira Dameelee , Minitiroonni, fi Hoggantoonni Olaannoon Naannoolee argamaniiru. Tattaaffii gargaaramuu keessaa bahuu, carraa hojii uumuu, tasagabbii gabaa fi qaala’insi gatii hir’achuun fi dhimmoota biroo ilaaluun hojiiwwan gurguddoo raawwattaman fi bu’aawwan galmaa’an ilaachisuun mariin bal’aan gaggeeffameera. Dhimmoota kana irratti ibsa kan kennan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, lammiileef carraa hojii biyya keessaa fi biyya alaatti mijeessuu fi uumuun milkaa’inni gaariin galmaa’eera. Itiyoophiyaatti carraan hojii ogummaan gaggeeffamu akka jiraatuuf gochuuf lammiileen beekumsaa fi dandaandeettii argataniin guddinaa fi badahaadhina biyyaa mirkaneessuuf qoodasaanii akka bahan ta’aa jiraachuu dubbataniiru. Carraa hojii uumuu irra darbe dameelee biroon bu’aan qabatamaan galmaa’uusaanii kaasuun fuulduratti jabaatee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru. Hogganaan Damee Siyaasaa fi Ijaarsa Dandeettii Paartii Badhaadhinaa Dr.Sammaa Xurunaa bara baajataa xumurame walta’insa Paartii fi Mootummaan hojiiwwan bal’aa raawwataman ibsaniiru. Bara baajataa qabametti, Bu’aawwan argaman itti fufsiisuun raawwiin caalu akka jiraatu tattaaffiin qindaa’aan nitaassifama jedhaniiru. De’eetaan Ministira Daldalaa fi walitti hidahaminisa Riijinii Dr.Abdulhakiim Muluu gama isaaniin, riifoormii Dinagdee Gooroo tassisuun guddinaa fi Misooma Damdaneessa itti saffisiisuu danda’uu kaasaniiru. Qaala’insa jireenyaa tasgabbeesuuf tattaaffiin bal’aan taassifamuu ibsaniiru.
Bu’aan misooma bunaan naannoo Oromiyaarraa argame ittifufsiisuun fayyadama qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf nihojjetama
Jul 16, 2025 57
Adoolessa 09/2017 (TOI)- Bu’aan misooma bunaan naannoo Oromiyaarraa argame bal’isuun fayyadama qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf akka hojjetamu pirezidaantiin naannichaa Shimallis Abdiisaa beeksisan. Waltajjiin qorannoo raawwii fi milkaa’inoota omishaa fi omishtummaa Bunaa guddisuuf hojiilee bara bajataa 2017 hojjetamaniin argamanii fi karoora bara bajataa 2018 qoratu har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Waltajjicharratti Pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa, imalli badhaadhinaa biyyattii akka milkaa’u Bunni gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru dubbataniiru. Ommishaa fi omishtummaa Bunaa dabaluun fi qulqullinasaa fooyyessuun addunyaarratti dorgomaa akka ta’u cehumsa caasaa dinagdee dhugoomsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu ibsaniiru. Mootummaan, qonnaan bulaa fi alergitoonni Bunaa qindoomina uumaniin oomishtummaa fi galiin bu’aan fooyya’aan argameera jedhan. Haala Kanaan alergitoonni qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’u deeggarsa cimsuun alatti buna misoomsuurratti akka hirmaatan gaafatanii, mootummaan naannichaas deeggarsa malu akka taasisu himaniiru. Daarektarri olaanaa abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa gamasaaniin akka biyyaatti waggoota muraasaan asitti misooma Bunaan bu’aan olaanaan argamaa jira. Misooma Bunaa babal’isuun gamatti argannoo alergiinis bu’aan olaanaan galmaa’aa jiraachuu eeranii, bu’aan kun naannolee fi qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamuusaatiin akka ta’e himaniiru. Alergiin Bunaa barootaaf to’annoo alergitoota muraasa harka kan ture jijjiiruun qonnaan bulaa dabalatee alergitoonni haaraas akka keessa galan hojmaanni kaa’ameera jedhan. Bara bajataa xumurame buna toonii kuma 469 irraa doolaariin biiliyoona 2 tuqaa 65 argamuu yaadachiisanii, bara bajataa 2018 buna toonii kuma 600 gabaa addunyaaf dhiheessuun galii doolaara biiliyoona 3 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu,oomishtummaa fi qulqullina bunaa naannichaa guddisuuf inisheetiivonni garagaraa bocamanii tumsa taasifameen bu’aan quubsaan argameera jedhaniiru. Naannihatti buna babal’isuuf waggoottan shanan darban hojii hojjetameen baayina bunni waggaa waggaan dhaabamu harka 23 guddisuun akka danda’ame beeksisaniiru. Oomisha bunaa waggaatti naannichatti oomishamu kuntaala miiliyoona 4 irraa gara kuntaala miiliyoona 15 tuqaa 15tti guddisuun akka danda’ame himaniiru. Kana malees naannichatti lafti heektaara miiliyoona 3 tuqaa 3 irra Bunni misoomaa akka jiru eeranii, omishtummaa misooma Bunaa naannichaa heektaararraa kuntaala 6 tuqaa 5 irraa gara kuntaala 9tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.
Oomishtummaa damee qonnaa naannichaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamu onnachiisaadha-Koree dhaabbataa
Jul 15, 2025 143
Adoolessa 08/2017(TOI)- Oomishtummaa damee qonnaa naannichaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamu onnachiisaa ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti Koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa ibse. Miseensonni koree dhaabbatichaa sochii hojii qonnaa wayitaawaa naannoo Gaambeellaa dawwataniiru. Dursituun garee miseensota koree dhaabbataa adde Lubaabaa Sayid daawwannaan booda yaada TOI’f kennaniin, mootummaan dqmee qonnaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennee oomishtummaa guddisuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Naannoon Gaambeellaa damee Kanaan qabeenya dilbii waan qabuuf misooma cimsuun akka biyyaatti karoora gargaaramuu jalaa bahuuf qabameef humna guddaa ta’a jechuun ibsaniiru. Naannoon Gaambellaa oomishtummaa damee qonnaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf tattaaffiin taasifamu abdiqabeessa ta’uu ibsaniiru. Miseensi koree dhaabbataa adde Itaagany Isheetuu, naannichatti walabummaa nyaataa mirkaneessuu fi gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qabeenya dilbii naannichaa sirnaan misoomsuun yoo danda’ame qabeenyi biyyaaf gahu akka jiru miraneessineerra jedhaniiru. Itti aanaan hoogganaa biiroo qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa naannichaa Daagim Milashiin, ganna kana lafti heektaarri kuma 172 sanyiin facaafamuu kaasanii, oomisha fooyya’aa argachuuf hojiin qindoominaa ciminaan itti fufu jedhaniiru. Bara oomishaa kana lafa sanyiin facaafamerraa midhaan kuntaala miiliyoona 5 galchuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Baankiin Afrii egziim deeggarsa pirojektoota misoomaa fi walitti hidhamiinsaa Afriikaaf taasisu ittifufa
Jul 14, 2025 129
Adoolessa 07/2017(TOI)- Baankiin alergii fi alaa gala (Afrii egziim bank) deeggarsa pirojektoota misoomaa fi walitti hidhamiinsaa Afriikaaf taasisu cimsee akka ittifufu beeksise. Manni maree hojii raawwachiisaa gamtaa Afriikaa 47ffaa fi walgahiin tumsa waloo walakkaa waggaa hawaasota riijinii gamtichaa 7ffaan Ikuwaatoor Giinii Maalaabootti Taa’ameera. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf walgahichaan cinaatti yeroo hojiisaanii xumuramanii kan gaggeeffaman pirezidaantii baankii Afrii egziiim fi dura taa;’aa boordii piroofeesar Benediikt Ormaah waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis tumsa tarsiimawaa gamtaa Afriikaa fi baankii Afrii egziim gabbisuu fi deeggarsa misoomaa fi walitti hidhamiinsa Afriikaaf taasisu caalaa cimsuuf akka hojjetan ibsniiru. Baankichi Kooveed-19 ittisuu dabalatee deeggarsa fulla’aa biyyoota miseensa gamtaa Afriikaa fi komishinichaaf taasisaa jiru dura taa’an kun leellisaniiru. Dabalataanis dura taa’ichi pirezidaantii baankichaa haaraa Dr. Joorgi Ilombii waliin kan mari’atan yoo ta’u gamtaan Afriikaa deeggarsa barbaachisu akka isaaniif taasisu mirkaneessuusanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argame nimul’isa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’aniiru
Jul 13, 2025 206
Adoolessa 06/2017(TOI)- Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii hooggantuun dame seeraa fi imaammataa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Gabreelaa Abrihaam ibsan. Itiyoophiyaatti mirga waraqaa raga jiraattotaa mirkaneessuuf, tajaajilamtootaa fi tajaajila kennitoota jidduutti wal amantaan akka jiraatu, iftoominni, ittigaafatamnii fi hojmaata mijataa sadarkaa biyyaalessaatti diriirsuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa hojiirra ooleera.. Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaatti hooggantuun dame seeraa fi imaammataa Gabreelaa Abrihaam turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, Finfinnee fi naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa fi raawwachuu fi dhaabbilee waliin walitti hidhata uumuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Haala Kanaan amma ammaatti jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii fi dhaabbilee 55 waliin walitti hidhanni uumamuusaa dubbataniiru. Bara bajataa 2018 galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa caalaatti guddisuuf karoorfamuu fi walitti hidhata dhaabbilee waliin jiru cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru. Galmee kana keessumaa naannoleetti babal’isuuf walitti hidhata dhaabbilee waliin taasifamu caalaatti cimsuuf xiyyeeffatamuu dubbataniiru. Bara bajataa xumurame naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaaalaa ilaalchisee hojiin hubannoo cimaan hojjetamuusaa fi bu’aanis argamuu beeksisaniiru. Hooggansa olaanaa irraa eegalee xiyyeeffannoon waan hojjetameef hawaasni waraqaa eenyummaaf akka galmaa’u gochuurratti hojiin guddaan hojjetameera jedhaniiru.
Itiyoophiyaan teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaroomsuu barbaachisa-Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa
Jul 12, 2025 182
Adoolessa 05/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaruunakka barbaachisudaarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa dameelee Saayinsii fi Teeknoloojii garagaraatiin leenjii guddattootaa 4ffaa golambaa saayinsiitti eegalchiiseera. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa guddattootaa fi dargaggoota ga’oomsuuf leenjii gannaa akkasumas dhaabbilee barnootaa waliin ta’uun beekumsaa fi ogummaa akka gabbifatan hojjetamaa jira jedhaniiru. Hubannoon namtolchee yeroo dhihoo asitti meeshaa ijoo biyyoonni rakkoosaanii ittiin furatan ta’aa dhufuusaa kaasaniiru. Itiyoophiyaattis hubannoo namtolcheetti gargaaramuun gama hundaan adda duree ta’uuf guddattootarratti hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru. Damee Kanaan beekumsa bu’uraa horatanii addunyaarratti dorgomuu akka danda’an leenjiincimee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Hojiiwwan inistiitiyuutichi xiyyeeffannoo kennuuf keessaa damee Kanaan humna namaa cimsuu fi hubannoo uumuun isa tokko ta’uu ibsanii, leenjiin gannaa hubannoon namtolchee kennu waggaa 4ffaa qabate kan eeramu ta’uu kaasaniiru. Waggaa sadii dura sagantaan leenjii kun barattoota 15niin akka jalqabame ibsanii, yeroo ammaa bu’aalee abdii namatti horan galmaa’aa akka jiran dubbataniiru. Guddattoota marsaa 4ffaan leenjichaaf galmaa’an kuma 3 keessaa 300 ulaagaa guutanii leenjii galuusaanii ibsaniiru. Leenjiin baatii lamaaf turu Kanaan guddattoonni bu’uraalee hubannoo namtolchee, Roobootiksii, Pirogiraamiingii fi barnoota biroo akka baratan dubbataniiru. Leenjii teekniikaan alatti leenjii furtuu rakkinaa, hojii garee, kalaqaa fi komunikeeshinii fi ogummaawwan jireenyaa ogummaa gabbifachuu dandeessisan biroon akka kennamuuf eeraniiru.
Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramichi haala mijataa uumeera-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 9, 2025 248
Adoolessa 02/2017(TOI)-Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramiin hojii uumuu Afriikaa haala mijataa uumuusaa Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittiaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan fayyadama dargaggootaa mirkaneessuuf hojjehaa jirti. Dargaggoonni biyyattii kan hojii uumanii fi fayyadamoo carraa hojii akka ta’an hojii hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu eeraniiru. Keessumaa carraalee hojii filmaataa bal’isuu, teeknooloojiiwwan fooyya’an damee garagaraan hubachiisuu fi hirmaannaa sochii dinagdee dargaggoo guddisuuf isaan ijoo ta’uu eeraniiru. Haala Kanaan foramiin carraa hojii uumuu guyyoota sadan darban taa’amaa ture dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhufeenyasaanii akka cimsan haala mijataa uumuusaa beeksisaniiru. Waltajjichi muuxannoo waliiqooduun gufuulee damee knaan mudataniif furmaata waloo barbaaduuf haalli dandeessisu akka uumaman gochuusa ibsaniiru. Foramichi kallattii fuulduraas akka kaa’e dabalanii dubbataniiru. Afriikaan misooma fulla’aa akka mirkaneessitu dinagdee, misoomaa fi bu’ura misoomaan walitti fiduun tumsa waloo fi carraaqqii akka gaafatu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan tumsa carraa hojii fi dameewwan garagaraan biyyoota Ardii Afriikaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan gamaTeekinooloojiin Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqisiisaadha-Ministiroota Foramii Kalaqa Hojii Afrikaa Irratti Hirmaatan
Jul 9, 2025 189
Adoolessa 02/2017(TOI)-Itiyophiyaan guddina ishee saffisiisuuf gama Teekiniooloojiin hojii hojjechaa jirtu dinqisiisaa fi biyyoonni Afriikaa biroon muuxannoo kan irraa fudhatan ta’uu Ministiroonni Fooramii kalaqa hojii Afriikaa 3ffaa irratti hirmaatan ibsan. fooramii kalaqa hojii 3ffaa Ministeerrii hojii fi kalaqaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheesse Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministiroonni, Dippiloomaatonni, Hayyoonni, Qorattoonni, Hojii Uumtonnii Biyyoota Afriikaa adda addaa irraa dhufanii fi bakka bu’oonni dhaabbilee Idila Addunyaa waltajjicha irratti hirmaachaa jiru. Hirmaattooni kaleessa waaree booda yaadannoo Injifannoo Adwaa, golambaa Saayinsii , Ministeera Hojjetaa fi ogummaa jala jiran daawwataniiru. Namoota daawwannichaa irratti yaada kennan keessaa Ministira Hojjetaa, hojii fi bobbii hojii Gaanaa Abdul- Rashiid Pelipuwoo, Magaalaan Finfinnee guddina Si’ataa irra jiraachuushee Arguusaanii dubbataniiru. Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa guddina magaalittii saffisiisan ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan hojiiwwan guddina ishee saffisiisuuf eegalte Biyyoota Afriikaa biroof fakkeenyadha jedhaniiru. Ministirri Hojjeta Sudaan Kibbaa Jeneraal Jemsi Hoot Maayi gama isaaniin, Hojii teeknooloojii Itiyoophiyaan golambaa Saayinsii keessatti hojjechaa jirtu daawwachuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan Daawwataman Itiyoophiyaan Omishtummaa caalaatti guddisuuf Qonna Ammayyaa irratti karoora qabdu kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojii Itiyoophiyaan eegalte wabii nyaataa Afriikaa waliin wal qabatee rakkoowwan ka’an furuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Itiyophiyaan hojii Misoomaa Biyyoota Afriikaaf muuxannoo ta’u raawwachaa jiraachuu Kan dubbatan ammoo walitti qabduu Boordii dhaabbata misooma Intarpiraayizoota xiqqaa fi jiddugaleessaa Maalaawii BonfiiskaaZamiiraadha. Dhaabbata Misooma Itarpiraayizoota xixiqqaa fi gidduugaleessaa Maalaawwiitti dura teessuun boordii Boonfiskaa Zaamiiraa ibsaniiru.
Ispoortii
Itiyoophiyaan guyyaa baniinsa Shaampiyoonaa Atileetiksii dargaggoota guddattoota Afriikaa Meedaaliyaa afur harkatti galfatte
Jul 17, 2025 4
Adoolessa 10/2017 (TOI)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18 gadii sadaffaa eda Naayijeeriyaa Abukataatti jalqabameera. Atileetonni Itiyoophiyaa baniinsarratti dorgommiiwwan xumuraa shan irratti hirmaatteetti. Dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 18 gadiin meetira 1500niin Elsaabeex Amaaree meedaaliyaa Meetii, Dastaa Taaddasaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfataniiru. Atileet Tirhaas Gabrahiywoot dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 20 gadii meetira 3000’n meedaaliyaa Meetii harkatti galfatteetti. Akasumas dorgommii dhiiraa waggaa 18 gadii meetira 1500’n Saamu’eel Gabrahawaariyaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfachuu federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Dorgommii xumuraa utaalchoo kuruphisaa dubartootaa waggaa 20 gdiin Nyachook Chool, Atileet Nibrat Kindee dorgommii xumuraa dhiiraa meetira 10000 waggaa 20 gadiin sadarkaa keessa hingalle. Itiyoophiyaan baniinsa shaampiyoonichaan Meetii lamaa fi Naasa lama walumaa gala Meedaaliyaa afur harkatti galfatteetti. Itiyoophiyaan dorgommii Kanaan dhiira 30 fi dubartoota 27 walumaa gala Atileetonni 57 nihirmaachifti. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18gadii sadaffaan amma Adoolessa 13 bara 2017tti nigaggeeffama.
Magaalichatti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera
Jul 8, 2025 420
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banamuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dirreen ispoortii 122 fi bakkeewwan daa’imman itti tapahatan kuma 1 fi 155 kutaa Magaalotaa 11tti baasii birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraan guyyaa hara’aa tajaajilaaf banamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a ganama bu’uuraalee Misoomaa dirreewwanIspoortii fi bakkeewwan daa’imman itti taphatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Naannoo Kondeemineemii Marii Loqqee fi Kolfee Qaraaniyootti Ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf banaa goodhaniiru. Saganticha irratti Kantiibaa Adaanech akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa bara Baajataa 2017tti Pirojektoota kuma 15 fi 960 ijaaruun Xumureera. Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaruuf Baasii Birrii Biiliyoona 5 bahe Keessaa Dhibbentaa 50 kan ta’u Jiraattonni Magaalichaa akka buusan Dubbataniiru. Bulchiinsi Magaalichaa waggoota lamaan darban bakka Daa’imman kuma 3 fi dhibba 800 ol itti taphatan ijaaruusaa ibsaniiru. Yeroo, Beekumsaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Qindeessuun Daa’immanii fi dargaggootaaf dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiiwwan kun daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun gahoomanii akka guddataniif kan isaan dandeessisu ta’uu eeruun, gara fuulduraatti damee Ispoortiin waltajjii Ardii fi Addunyaa irrattii bu’aa fooyya’aa fiduuf qooda akka qabu eeraniiru. Hogannaan biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa Balaayi Dajan gama isaaniin, bakkeewwan Shaakala Ispoortii Magaalichatti Ijaaraman dhaloota Qaamaa fi sammuun gahoomee biyya fudhatu ijaaruuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniru
Waancaa Afriikaa dubartootaan Maaliin Taanzaaniyaa Mo’atte
Jul 8, 2025 242
Adoolessa 01/2017(TOI)- Tapha ramaddii sadii Waancaa Afriikaa dubartootaa 13ffaan Maaliin Taanzaaniyaa 1 fi 0’n mo’atteetti. Tapha Istaadiyoomii Berkanne Munisipaalitti taphatameen taphattuun sarara duraa Saraatuu Turaa’oree sa’aatii dabalataa tapha walakkaa jalqabaatiin goolii lakkoofsifteettii. Maaliin taphaan caalamtus goolii lakkoofte eegsisuun xumurteetti. Akkaataa qabxii kanaatiin Maaliin ramaddii sadiin qabxii sadiin sadarkaa lammaffaa qabattetti. Tapha jalqabaa ramaddii Kanaan gaggeeffameen waancaa Afriikaa ammatti kan ofharkaa qabdu Afriikaan Kibbaa Gaanaa 2 fi 0’n mo’atteetti. Garichas dursaa jirti. Itti fufuun ramaddichaan Gaanaan Maalii Waliin, Taanzaaniyaan Afriikaa Kibbaa waliin nitaphatu.
Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 649
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jirti-Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa
Jul 16, 2025 46
Adoolessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jiraachuu Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa ibsan. Raayyaan ittisaa sagantaa jalqabsiisa ashaaraa magariisaa mooraa muummee qajeelcha waliigalaa ministeera ittisaatti gaggeesseera. Etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Biraanuu Juulaa, de’eetaawwan ministeera ittisaa, qondaaltonni jeneralonnii fi ataasheewwan loltuu biyyoota garagaraa sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru. Ataasheewwan loltuu Yaada TOI’f kennan keessaa Itiyoophiyaatti attaasheen loltuu Maalaawii Birgaadar Jeneraal Kiriispiin Roobart Piitii akka ibsanitti, Itiyoophiyaan ashaaraa magariisaatiin hojii muuxannoon irraa fudhatamu hojjechaa jirti. Hojiin kun Afriikaa qofa osoo hintaane addunyaan hundi fakkeenya godhachuu akka qabdu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Attaasheen loltuu Xaaliyaanii Koloneel Maarkoo Poodiidii akka ibsanitti, ashaaraan magariisaa addunyaa faalamarraa walaboomte dhalootaaf dabarsuuf murteessaadha jedhan. Gama Kanaan Itiyoophiyaan hojii addunyaaf fakkeenya ta’u hojjechaa akka jirtu arguusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan ashaaraa magariisattiin hojii biyyootaa f fakkeenya ta’u hojjechaa jirti kan jedhan attaashee loltummaa gamtaa Afriikaa fi Itiyoophiyaatti attaashee loltummaa Moozaambiik Koloneel Farnaandoo Makanzii Jiimoodha. Fuulduras biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa fakkeenya godhachuun sagantaa kanarratti akka hirmaatan Koloneelichi dubbataniiru. Bara kana Mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Raayyaan Ittisaa Ashaaraa Magariisaa Aadaa Hojii godhachuun cimsee itti fufa – Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Jul 16, 2025 51
Adoolessa 09 /2017(TOI)-Raayyan Ittisaa Bakka Kaampii Jireenyaa fi bakka dirqama irra Jirutti Ashaaraa Magariisaa Aadaa hojii godhachuun cimsee akka itti fufu Etaamaajoor Shuumiin Walii galaa humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Mataduree ‘’Dhaabuun Bayyanachuu’’ jedhuun Waxabajjii 20/2017faatti eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Raayyaan Ittisa Biyyaa Sagantaa Jalqabbii Ashaaraa Magariisaa Bara Kanaa qajeelcha Mooraa muummee Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Gaggeeffameera. Etaamajor Shuumiin humnoota waraanaa Waliigala Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Dee’eetaan Ministira Raayyaa Ittisa, Qondaaltonni Olaanoo fi Attaashonni Waraanaa Biyyoota adda addaa irraa dhufan sagantaa jalqabbii Kana Irratti argamaniiru. Etaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa Walii Gala Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Raayyichi Waggoottan darban Sagantaawwan Ashaaraa Magariisaa Raawwatamaniin Hirmaannaa Olaanaa Taassiseera. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti yeroo eegalamee eegalanii Uwwisa Bosonaa Guddisuun, Wabii nyaataa Mirkaneessuu fi Jijjiirama Qilleensaa Ittisuun Bu’aa fidaa jira jedhaniiru. Raayyan Ittisa Biyyaas Qooda Mataasaa Bahuun Ashaaraasaa kaa’aa akka jiru dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa raayyichi guyyaa hara’aa eegalee qaxanaa dirqama irra jirutti fi kaampii jireenyaa dabalatee biqiltuu dhaabuuun Hojii Ashaaraa Magariisaa Aadaa Godhachuu cimsee akka ittin fufu mirkaneessaniiru. De’eetaan Ministira Raayaa Ittisa Baiyyaa Toomaas Tuut gama isaaniin, raayyaan Ittisa Biyyaa Dirqama itti kenname cinaatti eegumsa nannoo irratti dammaqinaan hirmaachaa jira jedhaniiru.
Godinichatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiru
Jul 15, 2025 102
Adoolessa8 /2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa bahaatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Abinnt Zagayyee akka ibsanitti, Biqiltuuwwan Dhaabbatan keessaa dhibbantaa 35 biqiltuuwwan nyaataaf oolan kanneen akka Avokaadoo, Muuzii,Paappayaa, Burtukaanaa fi kanneen biroo ta’uu ibsaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kana gaggeeffamuun Aanaale Godinichatti argaman 11 keessatti lafti hektaarri kuma 59 ol qophaa’eera jedhaniiru. Qonnaan Bulaan, Dargaggoonni fi kutaan hawaasa adda addaa sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Biqiltoonni sagantichaan Dhaabaman Sirna Ikkooloojii Naannawaa eeguu fi omishtummaa dabaluuf qofa osoo hin taane faayidaa Dinagdee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Godinichi biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta’iin bakkeewwan bosonaa dura turan daangessuun eeguu fi kunuunsuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaa irratti kan hirmaatan Jiraattonni Godinichaa Aanaa Boosat, waggoottan darban biqiltuuuwwan dhaabuurra darbee kunuunsuu fi eeguun Itti Gaafatamummaa isaanii bahachaa turuu isaanii ibsaniiru. Akkasumas, Uwwisa Bosonaa Godina isaanii guddisuuf bakkeewwan biqiltuun dhaabbatan daangessuu dabalatee biqiltuuwwan dhaabbatan akka qabataniif eeguumsa taassisaa jiraachuu beeksisaniiru. Bara kana Ashaaraa isaanii kaa’uuf sagantaa dhaabbii biqiltu irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru
Hawaasni Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan Dhaabamn akka qabatan Xiyyeeffannoo Barbaachisu Kennuu Qaba
Jul 15, 2025 79
Adoolessa 08/2017 (TOI)-Hawaasni Ashaaraa Magariisaf hirmaanaa taassisuu cimsuun biqiltuuwwan dhaabaman akka qabatan kunuunsa barbaachisaa akka taassisan sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti, Hojii Gaggeessaa Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa ibsaniiru. Waajjirri Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi dhaabbileen biroon mata duree ‘’dhaabuun bayyanachuu‘’ jedhuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa Paarkii Inxooxxootti gaggeessaniiru. Hoggantoonni Hojii Olaanoon Magaalichaa fi kutaan hawaasa adda addaa saganticha irratti hirmaataniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti hojii gaggeessa olaanaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee injiinar Wandimmuu Seettaa, qabeenya uumamaa sirnaan eeguu dadhabuu keenyaan balaa umamaa adda addaaf saaxilamoo taanee turreerra jedhaniiru. Dhiibbaa Jijiiramni Qilleensaa fidu dandamachuuf mootummaan waggoottan torban darban sagantaa Ashaaraa Magariisaa haala itti fufinsa qabuun hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantichi lammmiilee kaayyoo tokkoof dammaqinaan hirmaachisuu dubbatanii, kanaanis milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu kaasaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Komishinariin qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa Yimar Kabbadaa gamasaaniin, ashaaraan magariisaa kaka’umsa guddaa dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte ittiin ijaarrudha jedhaniiru. Dhaabbii fi kunuunsa biqiltuuf hundi keenya hirmaannaa taassisnu cimsinee itti fufuu qabna jedhaniiru. Daarektarri olaanaan Ejensiin galmeessa sivilii fi ragaa bu’uura hawaasummaa Yooseef Nugusee, biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabbtan kunuunsuun firiif akka gahaniif hojjenna jedhaniiru. Hojii gaggeessaan komishinii Ibiddaa fi soda balaa damee ekkaa Niqoodimoos Buchee gama isaaniin, sababa balaa uumamaan miidhaa qaqqaban ittisuuf Ashaaraa Magariisaa Aadaa godhachuu akka qabnu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 4286
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 3910
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.