Bunaafi naagaa hin dhabiinaa; Bunaafi Oromoo - ENA Afaan Oromoo
Bunaafi naagaa hin dhabiinaa; Bunaafi Oromoo
Bunni wiirtuu jireenya guyyaa guyyaa ummata Oromoo qofa osoo hin taane; eebba guddaa hiika hafuuraa, hawaasummaa fi falaasama gadi fagoo qabudha. Ummata Oromoo biratti bunni akka dhugaatii idilee qofaatti kan ilaalamu osoo hin taane, walitti dhufeenya seenaa gadi fagoo kan qabudha. Ummanni Oromoo bunaa fi nagaa adda baasee hin ilaalu;kanaafidha bunaa fi nagaa hin dhabiinaa jedha. Kanaaf Bunni akka nageenyaatti ilaalama.
Ummanni Oromoo aadaa, duudhaa fi safuu gabbataa kan qabu yoo ta'u, jireenya isaa keessatti wantootni hafuu hin qabne hedduu ni jiru. Isaan keessaa bunni iddoo olaanaa fi addaa qaba. Bunni Oromoo biratti dhugaatii qofa miti; mallattoo kabajaa, nagaa, jaalalaa, tokkummaa fi araaraati.
Oromoon buna waliin hidhata jireenyaa fi safuu cimaa qaba. Fakkeenyaaf, yeroo makmaaku, "Bunaa fi nagaa hin dhabiinaa" jedhee eebbisa. Eebbichi kun bu'uura jireenyaa fi nagaa waan ta'eef, bunaafis dursa kenna.
Aadaa hawaasummaa Oromoo keessatti keessummaan yeroo mana namaa dhaqu, kabajni guddaan kennamuufii fi nagaa gaafachuun cinaatti, "Buna siniif dhaabna" ykn "Buna siif danfisna" jedhamee simatama. Kunis keessummaaf qalbii bal'aa, simannaa hoo'aa fi jaalala qaban kan argisiisudha.
Jila, ayyaana ykn sirna kamirraattuu bunni iddoo olaanaa qabaata; jilli buna malee guutuu hin ta'u. Aadaa Oromoo keessatti buna qalaa jedhamee kan beekamu iddoo guddaa qaba.
Kana malees, bultii guyyaa guyyaa keessatti hojiin guyyaa kan jalqabamu buna dhaabbachuunii fi eebbifataniidha. Namni hojiidhaaf deemu ganama barii buna dhugee eebba maatiitiin karaa saaqqata; akkasumas galgala hojiidhaa yeroo deebi’anis dhiphina guyyaa sanaa boqochuuf buna waliin dhuguun baramaadha.
Bunni hariiroo hawaasaa cimsa. Bunni qofaa hin dhugamu. Buna Maatiin walitti qabamee qofaa isaa dhuga osoo hin taanee, ollaanii fi firoottanis akkaataa walitti dhiyeenya isaaniitiin waliin taa’anii buna dhugu. Yeroo kana walitti dhufeenyi hawaasummaa, jaalallii fi waliif yaaduun ni cima. Maatiinii fi ollaan buna waliin dhugaa, dhimma hawaasummaa, rakkoo fi waan garaa garaa irratti mari’atu; mariidhaanis furmaata walii kennuun dhimma waloo dhalootaa dhalootatti ceesisu.
Dabalataan, bunni aadaa Oromoo keessatti araarsituu cimaa ta'ee tajaajila. Namoota gidduutti wal dhabdeen yeroo uumamu, maanguddoonni biyyaa araara buusuuf buna dhaabsifatu. Buna walii wajjin dhuguun miira jibbaa balleessisee garaa walii laaffisa. Sirna gurguddoo kan akka jaarsummaa ergachuu ykn gaa’elaaf deemuu fi kkf irrattis bunni ni dhaabbata ykn ni danfisama; kunis milkaa’ina dhimmichaa fi eebba maatiitiif mallattoo ta'a.
Walumaagalatti, bunni ummata Oromoo biratti dhugaatii idilee qofa osoo hin taane, utubaa duudhaa, eenyummaa, safuu fi tokkummaa hawaasichaa ti. Jireenya guyyaa guyyaa irraa eegalees hanga sirna gurguddoo jilaa fi araaraatti, bunni iddoo olaanaa qaba. Oromoon jireenya isaa keessatti nagaa, jaalalaa fi walqixxummaa ibsuuf buna fayyadama. Kanaafuu, hariiroon bunni Oromoo waliin qabu kan baroota dheeraaf dhalootaa dhalootatti darbe, kabajaa fi jaalala guddaan kan eegamu dha.
Itoophiyaan addunyaaf wantoota hedduu gumaachiteetti. isaan keessaa bunni isa tokkodha.
Bunni kennaa uumamaa guddaa Itoophiyaan addunyaaf laatte keessaa tokko ta'e, aadaan buna dhuguu ummata Itoophiyaa mara birattillee haala kabaja guddaa qabuun kan beekamudha.
Itoophiyaan lafa argama bunaa ta'uun addunyaa irratti maqaa guddaa qabdi. Bunni ishees buna orgaanikaa jedhamuun gabaa aadunyaa irratti jaalatamaa fi kabaja guddaa qaba.
Aadaa kana keessatti, sabaa fi sablammoonni Itoophiyaa hundi buna akka aadaa fi duudhaa abootii irraa dhaalaniin walitti dabarsaa ulfina kennaafii waliin dhugu.
Naannoolee biyyattii garaagaraa keessatti sirni qophii bunaa garagara ta’us kaayyoon isaa garuu tokkuma. Innis kabajaa keessummaa, araara buusuu, fi jaalala jajjabeessuudha.
Bunni hawaasummaa cimsee, walii-galtee fi wajjin-jiraachuu saboota biyyattii jiran kan calaqqisiisu dha. Kanaafuu, bunni lafa kanarraa ka’ee addunyaa maratti urgaa’uun isaa qofa utuu hin ta’iin, biyya keessattis simboo tokkummaa fi aadaa gabbataa sabaa fi sablammoota Itoophiyaa ta’ee tajaajilaa jira.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
#Mootummaa Ida’amuu