Tamsaasa Kallatti:

Karoorri dandeettii ofii guddisuu cehumsa hunda galeessa mirkaneessuuf kan akeekedha – Obbo Masfin Malaakuu

Onkoloolessa 25/2019 (ENA) -  Karoorri dandeettii ofii guddisuu carraa ummata Oromoo gara cehumsa hunda galeessaatti ceesisuuf kan qophaa’e karoora tarsiimawaa ta’uun ibsame.

Godina lixa Oromiyaatti, leenjiin hooggantoota mootummaa fi paartii godinaa, magaalotaa fi aanaaleef kennamu eegalameera.

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaatti bulchaan godina lixa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuu baniinsa leenjichaarratti akka ibsanitti, injifannoowwan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa waggoottan darban argaman ummata Oromoo gara sadarkaa misoomaa olaanaatti kan ceesisan bu’ura kaa’aniiru.

Hoggansa dinagdee ga’umsaan gaggeessuu danda’u horachuudhaan, dinagdee bu’ura garagaraa qabuu fi rakkoo damdamachuu danda’u ijaaruuf carraaqqiin taasifame bu’aa argamsiisaa jiraatus, galmoota qabaman waliin walbiratti yoo ilaalamu  kan hafu ta’uu  eeraniiru.

Keessumaa rakkoon kenniinsa tajaajilaa, hojii dhabdummaan, qaala’insi jireenyaa fi rakkooleen naamusaa hundeerraa furuuf waggoottan shaman dhufan karoora dandeettii ofii guddisuun gaggeeffamuun cehumsa hunda galeessa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Karoorichi oomishtummaa guddisuun gamatti damee hundaan guddina waaraa fiduuf kan akeeke yoo ta’u,  leenjiin godinichatti kennamus hubannoo hoggantootaa cimsuu fi karooricha sadarkaa hundattihojiirra oolchuuf qophaa’ummaa uumuuf kan akeeke ta’uu dubbataniiru.

Karooricha milkeessuuf carraalee misoomaa hundatti gargaaramuun, humna namaa beekumsaa fi ogummaan ga’oomsuu,  oomishtummaa guddisuu, industraalaayizeeshinii babal’isuu fi hojmaata itti gaafatamummaa qabu diriirsuun xiyyeeffannoo ijoodha.

Hirmaattonnis hubannoo leenjicharraa argatan hojiirra oolchuun sadarkaa hawaasaa fi maatiitti bu’aaa qabatamaa akka dhufu ni eegama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015