Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan Yaa'ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa lammaffaa keessummeessuuf qophii xumurte

Onkoloolessa 25/2019(ENA): Itiyoophiyaan Yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa keessummeessuuf qophii xumurtee jirti jedhan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Daarektarri Olaanaa Hariiroo Idil Addunyaa obbo Nabiyyuu Sahul.

Yaa’ii 2ffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa hoggantoonni, miseensonni olaanoon paarlaamaa fi ministiroonni biyyoota garaagaraa kan irratti hirmaatan Boru irraa eegalee Finfinneetti gaggeeffama.

Yaa’ichi mata duree “Guddina Hogganuu: Paartileen Siyaasaa Wixinee Egeree Diinagdee Afrikaa kan bocanidha ” jedhuun guyyoota sadiif Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeeffamu ibsameera.

Yaa’icha Paartiin Badhaadhinaa Giddugala Bulchiinsa Afrikaa waliin ta’uun kan qopheessu yoo ta’u, paartileen siyaasaa guddina waaraafi misooma ardichaa keessatti qooda fudhattoota adda duree fi mootara diinagdee taasisuurratti kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Daayirektarri Olaanaan Hariiroo Idil-addunyaa Paartichaa Obbo Nabiyyuu Sihuul ibsa Yaa’icha ilaalchisee ibsa kennaniin, kaayyoo guddaan waltajjichaa paartileen siyaasaa jireenya uummataa fooyyessuu fi jijjiirama diinagdee fiduu keessatti itti gaafatamummaa isaanii akka guddisan taasisuu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan waltajjicha akka keessummeessituuf kan filatamte, Paartiin Badhaadhinaa uummata hiyyummaa keessaa baasuuf kallattiiwwan misoomaafi guddinaa kaa’uufi ce’umsa diinagdee fiduu keessatti muuxannoo fakkeenya ta’u danda’u waan horateef ta’uu ibsan.

Waltajjichi milkaa’ina diinagdee Itiyoophiyaan waggoottan darban keessatti galmeessiteefi muuxannoo fooyya’iinsa diinagdee gooroo irratti taasifte biyyoota biroof qooduuf carraa akka uumus dubbataniiru.

Yaa’ichi gahee dubartoonni hoggansa keessatti qaban, akkasumas hirmaannaa fi gumaacha dargaggoonni siyaasaa keessatti qaban irratti ni mari’ataan eegama.

Yaa’icha irratti hoggantoota biyyoota 20 olii, miseensota olaanoo paarlaamaa fi ministiroota 80 ta’an, akkasumas bakka bu’uuta paartilee siyaasaa biyyoota Afrikaa garaagaraa dabalatee waliigalaan hirmaattonni kumni 1 ni argamu jedhameetu eegama.

Konfiraansiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa jalqabaa bara darbe Gaanaa magaalaa Akiraatti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links



Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015