Tamsaasa Kallatti:

Dippilomaatonnii fi bakka bu’oonni dhaabbilee addunyaa wiirtuu haaromsaa hidhattoota duraanii naannoo Tigraayi daawwatan

Onkoloolessa 26/ 2019 (ENA)-Bakka bu’oonni mootummoota gamtoomanii fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa wiirtuu leenjii haaromsaa fi deebisanii damdamachiisuu hidhattoota duraanii naannoo Tigraayitti argamu daawwataniiru.

Wiirtuun Maqalee Kanaan dura naannichatti leenjiin haaromsaa fi deebisanii damdamachiisuu hidhattoota duraanii simatee keessummeessaa akka jiru ibsameera.

Yeroo ammaa hidhattoonni duraanii kuma 5 fi 300 wiirtuuwwan kana keessatti leenjii haaromsaa leenji’aa jiru.

Leenjiin haaromsaa kun hidhattoota duraanii hawaasatti makuun, jireenya idileesaanii akka jiraatan taasisuun gamatti ijaarsa nageenya biyyaa waaraaf gumaacha guddaa gochaa jiraachuun beekameera.

Komishinarii komishinii haaromsaa biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun dabalatee hoggantoonni komishinichaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015