Hirmaattonni yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa Waajjira Muummee Paartii badhaadhinaa daawwataniiru - ENA Afaan Oromoo
Hirmaattonni yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa Waajjira Muummee Paartii badhaadhinaa daawwataniiru
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Hirmaattonni yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa, yaa’iisaa akka ardiitti Finfinneetti gaggeessaa jiran cinaatti, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa daawwataniiru.
Daawwannichaa irratti Daayirektarri Olaanaa Dhimmoota Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Nabiyyuu Sihuul garee jila daawwannaa kanaaf ibsa kennaniiru.
Daayirektarri Olaanaa kun ibsa isaaniin caasaa gurmaa'inaa, hojiiwwan siyaasaa fi riifoormii Paartii Badhaadhinaa, akkasumas yaadama Ida'amuu bu'uura godhachuun Itoophiyaan dameewwan hawaasummaa fi dinagdee keessatti milkaa'inoota itti fufiinsa qaban galmeessaa jirtu ibsaniiru.
Hirmaattonni yaa’ichaa waajjira muummee paartichaatti turtii taasisan keessatti sochii hojii waliigalaa paartichaa, sirna hojii ammayyaa fi caasaa dijitaalaa isaa daawwataniiru.
Kana waliin walqabatee, paartilee siyaasaa gidduutti tumsa ardii fi hariiroo gama hundaan jiru cimsuun kan danda'amu irratti dhimmoota ijoo waliinii ilaalchisee mariin bu'aa qabeessa ta'e gaggeeffameera.
Hirmaattonni yaa’ichaa gama isaaniitiin ibsa waliigalaa waajjira muummee paartichaa keessatti isaaniif kennameen gammachuu itti dhaga'ame ibsaniiru.
wal-Jijjiirraan muuxannoo akkanaa biyyoota Afrikaa gidduutti walitti dhufeenya siyaasaa fi misoomaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee guddaa akka qabu hubachiisaniiru.
yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa, dhaabbilee siyaasaa fi hoggantoota siyaasaa garaagaraa ardichaa keessatti argaman gidduutti tumsa cimsuu, ijaarsa sirna dimokiraasii saffisiisuu fi misooma waliinii Afrikaa gara fuulduraa bocuuf waltajjii ijoo ta'uun isaa ni beekama.