Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan nyaata barattootaa ittifufinsaan hojiirra ooluun bu’aan argamaa jira- Pirezidaanti Ordiin Badrii

Onkoloolessa 25/2019 (ENA): Naannoo Harariitti sagantaan nyaata barattootaa ittifufinsaan hojiirra ooluun bu’aan argamaa jiraachuu Pirezidaanti Ordiin Badrii beeksisan.

Pirezidaanti Ordiin Badrii mana barumsaa magalaa fi baadiyyaa naannichaa keessatti sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2019 eegalchiisaniiru.

Pirezidaantichi akka ibsanitti, mootummaan ida’amuu qulqullina barnootaa, hirmaannaa fi bu'aa barattootaa irratti xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechaa jira.


 

Naannichatti waggoottan darbanitti damichaan hojiiwwan hojjetaman jajjabeessaa ta'uu isaanii dubbataniiru.

Keessattuu manneen barnootaa keessatti sagantaan nyaata barattootaa hojjetamu hirmaannaa barnoota barattootaa dabaluu fi addaan kutinsa barnootaa barattootaa hanbisuun bu'aa fidaa jiraachuu ibsaaniiru.

Sagantichi dandeettii barnoota fudhachuu barattootaa akka dabalu gochuu irrattis bu'aa fidaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan Naannichaa bara barnootaa 2019f sagantaa nyaataaf baajata birrii miliyoona 46 ol ramaduusaa ibsaaniiru.


Kanaan cinaatti sagantichi haadholii waldaan gurmaa'aniif carraa hojii uumuu dhaan galii mataa isaanii akka guddisan dandeessisuu ibsaniiru.

Sagantichi baajata mootummaa naannichaatiinii fi hirmaannaa hawaasaatiin cimeen hojiirra oolaa akka jiru kan ibsan pirezidaantichi, itti fufiinsa sagantichaa mirkaneessuuf abbootin qabeenyaa, dhaabbileen deeggarsa kennanii fi qooda fudhattonni deeggarsa meeshaa fi maallaqaa jalqaban akka cimsaanii itti fufan dhaamaniiru.

Naannichatti maneen barnootaa magalaa fi baadiyyaa 68 keessatti barattoota mana mabumsaa idileen duraatii hanga kutaa 4ffatti barattoota kuma 40 fi 672 saganticha irraa fayyadamaa akka ta'an odeeffannoon Biiroo Barnoota Naannichaa irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015