Tamsaasa Kallatti:

Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii Waancaa Afriikaaf sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata

Onkoloolessa 9/2018 (ENA)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa gitasaa Ruwaandaa waliin tapha sadarkaa  har’a ni gaggeessa.

sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata

Taphni garee lamaanii har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Ruwaandaa Kiigaalii Istaadiyoomii Peeleetti ni gaggeeffama.

Gareen kun Ruwaandaa waliin gaggeessu yoo mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa ni mirkaneeffata.

Fulbaana 30 bara 2019 irraa eegalee qopheessummaa Morookoon gaggeeffama kan ture gulaalliin Seekaafaa Waancaa Afriigaa wagga 17 gadii har’a xumurama.

Biyyoonni dorgommii Kanaan tokkoffaa amma sadaffaa bahan zoonii Seekaafaa bakka bu’uudhaan Waancaa Afriikaa wagga 17ffaa wagga 17 gadii A.L.A 2027 Morookoon qopheessiturratti akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniinn kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) ni mul’isa.

Moorookoo dabalatee biyyoonni 16 dorgommii kanarratti ni hirmaatu.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015