Tamsaasa Kallatti:

Fooyyessi sirna fayyaa Itoophiyaa milkaa'ina deebii yaalaa hatattamaatiif bu'uura ta'eera.

Onkololeessa 24/2019 (ENA) : Fooyyessi sirna fayyaa Itoophiyaa milkaa'ina deebii yaalaa hatattamaatiif bu'uura ta'uu ministirri ministira fayyaa Itoophiyaa Dr. Maqdas Dhaabaa himani..

Gareen Yaala hatattamaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa beekamtii idil addunyaa sadarkaa 1ffaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa argateera.

Yaa’iin Garee Yaala Hatattamaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 7ffaan yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti gaggeeffamaa jira.


 

Garichi Naannawaa Afrikaatti garee siiviilii isa jalqabaa, akkasuma ulaagaa qophummaa hundaa guute 2ffaa ta’uun boqonnaa seenaa galmeessuu Ministirri Ministira Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru.

Gareen deeggarsa Yaalaa fi Ittisaa Balaa Itoophiyaa bara 2018 kan hundaa’e yoo ta’u, biyyoota 15 ol keessatti ergama isaa bahachuu fi ogeeyyii ga’umsa qaban 600 ol bobbaasuun tumsaa fi michummaa sadarkaa ardii agarsiisuu himan.

Ministeera Fayyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi michoota biroo waliin qindoominaan hojjechuudhaan, Gareen Yaala Hatattamaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa ‘WHO Type-1tti’ akka ce'u taasifamuu isaa ibsameera.

Garee yaalaa hatattamaa biyyaalessaa Itoophiyaa dabalatee gareewwan 77 biyyoota 42 irraa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin beekamtii argataniiru jedhan.

Gareen yaalaa hatattamaa siiviilii Afrikaa keessatti sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argate isa jalqabaa ta’uus hubachiisaniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyi kamiyyuu kophaa isaa balaan fayyaa hatattamaa akka hin mudanne hojjechuu isaa itti fufuu mirkaneessaniiru.

Dhaabbata Fayyaatti (WHO) dariktarri naannoo Afrikaa Doktar Mahaammad Yaakuub Janaabii Afriikaan konfiraansii ardii kanarratti yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa jirurratti akka keessummaa taatee osoo hin taanee hogganaa fi ajandaa kan baastu ta’uun yeroo hirmaachaa kan jirtu ta’uu himaniiru.

Afrikaan waggaa waggaan balaawwan fayyaa hawaasaa gurguddoon akka mudatu kan ibsan yoo ta’u, mootummoonni waadaa galan gara karoora biyyaalessaatti akka jijjiiran gaafataniiru.

Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Doktar Malkaamuu Abtee akka gama isaaniin, konfiraansichi muuxannoo waliif qooduuf, tumsaafi tarkaanfii waloo irratti murteessaa ta’uu dubbatani.


 

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Ministeera Fayyaa, dhaabbilee fayyaa naannoo, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), fi dhaabbilee michuu biroo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun ajandaa kana ceesisuuf gahee olaanaa taphachuu isaa ibsaniiru.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

#Mootummaa Ida’amuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015