Tamsaasa Kallatti:

Sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jirra - Qonnaan bultoota

Onkoloolessa 26/2019 (ENA) – Faayidaa dinagdee bunarraa argatan guddisuuf sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jiraachuu godina kibba lixa Oromiyaatti qonnaan bultoonni aanaa Mattuu dubbatan.

Bakki kun bosonaa fi oomisha bunaa boroo fi lafa mijataa, biyyoo gabbataa fi rooba gahaa waan qabuuf buna dhamdhama uumamaa qabu oomishuun beekama.

Qonnaan bulaan jiraataa aanaa Mattuu Gizaachoo Qannaa ija bunaa diimaa fi guutummaatti bilchaate qofa funaanuudhaan oogdii qulqulluurratti gogsaa akka jiran ibsaniiru.

Maasaarraa eegalee gogee amma mankuusaatti qulqullinasaa eeguun galii bunarraa argatan guddisuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Qonnaan bulaa Taaddalaa Guddataa gamasaaniin, buna diimaa qofa funaanuun fi oogdii sadarkaasaa eegerratti gogsuun buna qulqulluu gabaaf dhiheessuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Abdulwahaab maasaarraa amma gabaa baasanitti sadarkaa hundatti qulqullinni bunaa eegamuu akka qabu eeraniiru.

Itti aanaan bulchaa godina aanaa Mattuu obbo Iyyoob Zinaabuu akka ibsanitti, maasaa bunaa hektaara kuma 14 irraa buna toonii kuma 6 fi 600 gabaa giddu galeessaaf dhiheessuuf karoorfameera.

Godinichatti walumaa gala buna toonii kuma 700 walitti qabuu fi kana keessaa toonii kuma 200 gabaa giddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamuusaa itti aanaan bulchaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Indaalkaachioo Tafarii ibsaniiru.

Qulqullina bunaa fi qisaasama ittisuuf hubannoo kennuun, hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015