Tamsaasa Kallatti:

Humni Galaanaa Itiyoophiyaa galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama raawwachuu isa dandeessisurra jira

Onkoloolessa 26/2019 (ENA)-Humni Galaanaa Itiyoophiyaa galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama kennameef raawwachuu isa dandeessisurra jiraachuu miseensonnii fi hoggantoonni humna galaanaa ibsan.

Kutaaleen humna galaanaa naannoo Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa jiran sochiiwwan seeraan alaa naannichatti uumamuu danda’an dhabamsiisuuf hojiiwwan nageenyaa qindoominaan raawwachaa jiru.

Itti gaafatamaan Miidiyaa Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Komaandar Kaasaahuun Kidaanee akka ibsanitti, Itiyoophiyaan hulaa galaanaa qofa osoo hin taane, humna galaanaa ishees haala sirrii hin taaneen dhabdee turte.

Erga riifoormiin Raayyaa Ittisa Biyyaa taasifamee as humni galaanaa haaraa gurmaa’uun, galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama guutuu raawwachuu kan danda’u ta’ee ijaarameera jedhaniiru.
 

Hooggantoonniifi miseensonni humna galaanaa naannolee hojii hundatti argaman, seera idil-addunyaa hordofuun hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu galaana irratti raawwatamuuf qophii gahaa irra jiraachuu ibsaniiru.

Kana malees, humni galaanaa itti gaafatamummaa kennameef gahumsaan bahachuuf qophii qaamaa fi sammuu taasisuu isaa ibsaniiru.

Leenjiin qindaa’aan galaanaa, qilleensaa fi lafa irratti kennamaa jiru, gara fuulduraatti gara hula galaanaa Itiyoophiyaa yeroo deebinu hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu galaana irratti xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015