Manni marichaa badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf የitti gaafatama adda durummaa qaba-Af-yaa’ii Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf የitti gaafatama adda durummaa qaba-Af-yaa’ii Ahimad Shidee
Onkoloolessa 25 /2019 (ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf itti gaafatama adda durummaa qaba jedhan Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Ahimad Shidee.
Waltajjiin leenjii miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa 7ffaa fi hoggantoota waajjira mana marichaaf qophaa’e gaggeeffameera.
Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Ahimad Shidee wayita kana akka jedhanitti, waggoottan saddet darban badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf damee dinagdee garagaraarratti fooyyessi taasifamameera kanaanis jijjiiramni galmaa’eera.
Itiyoophiyaa gara sadarkaa misoomaa olaanaatti ceesisuuf hojiileen hojjetaman namarratti kan xiyyeeffatanii fi tattaaffii taasifamu bifa qindaa’aan bu’aa qabatamaatti kan jijjiiran ta’uu qabu jedhaniiru.
Haala Kanaan qabeenya biyyattii, beekumsaa fi kaka’umsa ummataa, akkasumas dandeettii dhaabbilee walitti fiduu fi qindeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Misoomnii fi guddinni Itiyoophiyaa milkaa’ina karooraa fi raawwiin qofa osoo hin taane jijjiirama jireenya namaarratti fiduun madaalamuu akka qabu af-yaa’ichi himaniiru.
Haala Kanaan manni maree bakka bu’oota ummataa to’annaa seera baastuu, bakka bu’ummaa ummataa fi hojii raawwachiistotarratti taasisuun, mul’anni biyyaalessaa gara raawwii qindaa’aa fi faayidaa lammiilee waaraa ta’eetti akka jijjiiramu qoodasaa bahachuun akka irraa eegamuhubachiisaniiru.
See less