Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutiif kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessan

Onkololessa 26/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutii hojjechuuf kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessaniiru.

Haala walii galtee mallatteeffameetiin toorri baaburaa kun fulla’insa, amansiisummaa fi saffisa hojii guddisuuf kan oolu doolaarri miil. 15 deeggarsa ni taasifama.

De’eetaan ministira maallaqaa Tigisti Fissahaa fi Itiyoophiyaatti dippilomaatiin olaanaa embaasii Chaayinaa Liiyuu Ziiya’oguwaangi walii galtee kana mallatteessaniiru.

Deeggarsi maallaqaa kun baabura elektiriikii guutummaatti hojiitti galchuuf kan gargaaran meshaawwan jijjiiramaa, nageenya toora muummee kan deeggaran meeshaalee hadiidaa fi buufataalee of keessatti qabata.

Kana malees maashinaroonni sakatta’insaa fi suphaa hadiidaa idileef ajaajilan ni dhiheessu.

Walii galteen kun tumsa misoomaaa fi dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon ministeera maallaqaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015