Tamsaasa Kallatti:

Finfinneen፡ waltajjii abdiin waloo Afriikaa fi carraan waloo keessatti mari’atamudha!

Onkoloolessa 26/2019 (ENA) -Finfinneen magaalaa muummee Itiyoophiyaa qofa osoo hin ta’iin, magaalaa muummee Afriikaanotaa, wiirtuu marii, tumsaa, dippilomaasii fi furmaanni waloo Afriikaanotaa keessaa maddan ta’aa dhufteetti.

Ilaalama mootummaa Ida’amuu keessatti guddinni misooma magaalotaa Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti galmeessite, bifa magaalattii jijjiiruu bira darbee dandeettii idil-addunyaatti bakka filatamaa ta’uu ishee guddisuu danda’eera. Kooridooroonni magaalotaa ammayyaa, misoomni qarqara laggeenii, misoomni magariisaa fi bu’uuraaleen geejjibaa magaalattii bakka taateewwan idil-addunyaa itti gaggeeffamaniif filatamaa taasisaa jiru.

Finfinneen hoggantoota Afrikaa, dhaabbilee idil-addunyaa, invastaroota, turistootaa fi michoota misoomaa walitti fiduu qofa osoo hin taane, giddugala marii fi tumsa waliinii ardii Afrikaa taateetti. Kunis turizimii konfiraansii, sochii dinagdee fi carraa hojii guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Kanaafis, paartileen siyaasaa Afrikaa golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa seena-qabeessa ta’e keessatti walgahii isaanii gaggeessuun hiika seenaa fi ardii bal’aa qaba. Adawaan mallattoo tokkummaa, bilisummaa, gootummaa fi dandeettii ofiin of murteessuu ummattoota Afrikaati.

Bakka seenaa qabeessa kanatti humnoonni siyaasaa Afrikaa walitti dhufuun isaanii injifannoo waliinii darbe yaadachuu qofa osoo hin taane, rakkoolee waliinii ardichaa marii, waliigaltee fi tumsa waliin furuuf kutannoo qabaachuu isaanii agarsiisa.

Finfinneen duudhaa seenaa fi aadaa ishee misooma magaalaa ammayyaa wajjin walitti qindeessuun giddugala taateewwan siyaasaa, dipilomaasii, dinagdee, aadaa fi saayinsii ta'uu ishee cimsaa jirti.

Finfinneen magaalaa addunyaan keessatti wal argu, irratti mari'atuu fi furmaata waliinii itti maddisiiu; magaalaa Afriikaanotaati!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015