Dhaabbileen miidiyaa fi ogeeyyiin miidiyaa faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen miidiyaa fi ogeeyyiin miidiyaa faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu qabu
Onkololessa 26/2019 (ENA): Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miidiyaalee fi ogeessonni miidiyaa hojii isaanii keessatti faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu akka qaban ibsaniiru.
Sirni eebbaa Giddugala Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaan ijaarame gaggeeffamaa jira.
Sirna eebbaa kanarratti Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaa fi hoggantoonni miidiyaa adda addaa, akkasumas keessummoonni affeeramanii argamaniiru.
Giddugalichi dandeettii damee gaazexeessummaa fi miidiyaa cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, beekumsa, dandeettii fi naamusa gaazexeessitootaa fi hoggantoota miidiyaa fooyyessuunis kaayyoo isaa keessaa isa tokkodha.
Qorannoodhaan damee miidiyaa deeggaruun leenjii itti fayyadama teeknooloojii guddisu argachuun galma giddugalichaa isa biraati.
Oduu sobaa fi haasaa jibbiinsaa adda baasuuf ummataaf hubannoo uumuun hojiiwwan giddugalichi raawwatu keessaa isa tokko.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, akka ibsanitti Bilisummaan dubbii itti gaafatamummaa waliin wal cinaa deemuu qaba jedhan.
Ambaasaaddarichi akka jedhanitti, mootummaan haala mijataa uumuuf waan guddaa hojjechuu eeranii; adeemsa kana keessatti warri seera hordofan yoo jiraatanillee muraasni seera bu’uuraa hin hordofne akka jiran hubachiisaniiru.
Hojimaata diriirfameen alatti qaamota hojjetan hordoffiin seeraan akka walsimsiisu taasifamaa jira jedhan.
Ogeeyyiin miidiyaas ta’e dhaabbileen hojii isaanii tamsaasuun dura fedhii Itiyoophiyaa fi dantaa ummataatiin madaalamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen ijaarsa miidiyaa murteessaa ta’uu hubachiisuu, kana keessatti dhaabbilee fi ogeessonni miidiyaa gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.
Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Haymaanot Zallaqaa gama isaaniitiin giddugalichi leenjii kennuuf qophii xumuruusaa akeekuun, yeroo dhiyootti leenjii kennuu akka eegalu ibsaniiru.
Kanaafis moojuulonni leenjii barbaachisoo ta’an qophii ta’uu ibsanii, leenjiin hubannoo namtolcheen gargaaramanis ni kennama jedhaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
#Mootummaa Ida’amuu