Tamsaasa Kallatti:

Televiizhiniin Tigiraay Tamsaasatti Deebi'e

Onkololessa 25 /2019 (ENA): Maqaa haaraa Dhaabbata Miidiyaa Tigraay jedhuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaan hayyama seera qabeessa kan argate Televiizhiniin Tigiraay har’a gara tamsaasa idileetti deebi’eera.


 

Bu’uura aangoo fi itti gaafatamummaa Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa labsii lakk. 1238/2013 qabuun argateen, hordoffii taasisaa tureen dhaabbatichi kanaan dura seeraa fi dambii biyyattii cabsuun,shororkessitoota deeggaruunii fi birmadummaa biyyaa balaarra kan buusu odeeffannoo dogongoraa tamsaasaa turuu himameera. Haaluma kanaan tamsaasa irraa dhorkamee kan ture yeroo ammaa maqaa haaraan gara tamsaasaatti deebi’eera.


 

Haaluma kanaan Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa maqaa haaraa Korporeeshinii Miidiyaa Tigraay jedhuun dhaabbatichaaf hayyama tajaajila tamsaasaa kan kenne yoo ta’u, dhaabbatichi har’a tamsaasaa eegale.

Televizhiniin Tigiraay gara tamsaasaatti deebi’uun tajaajilli miidiyaa naannichatti deebi’ee akka eegaluuf carraa bal’aa kan uumu ta’uu abbaan taayitichaa beeksiseera.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015