Tamsaasa Kallatti:

Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa waliin mari’atan

Onkoloolessa 25 /2019 (ENA)- Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa Liiyuu Shiiyanfan waajjirasaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru.

Ministirichi nagaa fi tasgabbii gaanfa Afriikaa yeroo ammaa irratti ergamaa addaa kanaaf ibsa taasisuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.

Ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa Liiyuu Shiiyanfan gamasaaniin, Chaayinaan nagaa fi tasgabbii Afriikaarratti shoora barbaachisu bahachuuf kutannooshee ibsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015