Karoorri of-danda'uu rakkoowwan turan furuurra darbee humna haaraa fayyadamuun addunyaa waliin akka dorgomnu nu taasisa – Doktar Tashoomaa Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Karoorri of-danda'uu rakkoowwan turan furuurra darbee humna haaraa fayyadamuun addunyaa waliin akka dorgomnu nu taasisa – Doktar Tashoomaa Addunyaa
Onkoloolessa 25/2019 (ENA): Karoorri of-danda'uu rakkoowwan turan furuurra darbee humna haaraa fayyadamuun Addunyaa waliin akka tarkaanfannu taasisa jechan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa.
Magaalaa Shaggaritti leenjii karoora of-danda'uu hoggantoota sadarkaan jiraniif kennamaa jira.
Leenjichi kaayyoo akkasumas kallattiiwwan tarsiima’aafi bu’uuraalee karoora Of-danda’uu irratti hubannoo hooggantootaa cimsuun, karooricha sadarkaa hundatti gara hojii qabatamaatti hiikuuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
Haaluma kanaan leenjichi kallattiiwwan karoora of-danda'uu akka Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Shaggaritti milkeessuuf hojjetamaa jiruu irratti xiyyeeffachuun kennamaa jira.
kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa karoorri of-danda'uu rakkoowwan turaniif furmaata ta'uurra darbee milkaa'ina egeree kan murteessu ta'uu himaniiru.
Magaalaan Shaggar gaaffiiwwan siyaasaa deebisuun ijaarsa Magaalaa dinagdee dhugoomsuuf kan hundoofte ta'uu kan himan, hojii waggoottan darbanitti hojjetameenis sochiiwwan guddina hawaas-dinagdee yeroo gara yerootti tarkaanfachaa jiraachuus himaniiru.
Karoorri of-danda'uu dorgomtummaa magaalaa egereef murteessaa kan ta'eefi kunis rakkoowwan furuurra darbee humnaa fi poteenshaala haaraa fayyadamuun Addunyaa waliin akka tarkaanfannu kan taasisudhas jedhaniiru.
Koomunikeeshinii magaalichaarra
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'