ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yeroon dhimma Abbaayirratti gaabbinu raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun milkaa’ina biyyaalessaa isa guddaadha
Sep 17, 2025 49
Fulbaana 07/2018(TOI)-Yeroon gaabbii Abbaayi raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun milkaa’ina biyyaalessaa isa guddaa ta’uun ibsame. Xumuramuu hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisuun magaalota garagaraa naannoo Oromiyaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaniiru. Hiriirri deeggarsaa kan keessatti adeemsifame keessaa Nagallee Booranaa, Jimmaa fi Mattuun keessatti argamu. Magaalaa Nagallee Booranaatti hiriira deeggarsaarratti kan argaman keessaa Israa’eel Dubbaa, Hajjii Awwal Huseen fi Miiliyoon Andaargee, tumsa taasifneen milkaa’inaaf qaqqabuu keenyaan gammachuu keenya ibsachuuf baaneerra jedhan. Yeroon gaabbii Abbaayi raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun biyya keenyaaf milkaa’ina guddaa waan ta’eef itti boonneerra jedhan. Bulchaan godina Boorana Bahaa Abdurazaaq Huseen, hidhi haaromsaa eebbaaf qaqqabuunsaa duula hiyyummaarratti eegalame mo’achuun guddinaa fi bayyanannaa dhugoomsuuf bu’urri cimaan jiraachuusaa kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru. Bulchaan magaalaa Nagallee Booranaa Obbo Mallicha Diiqaa gamasaaniin, milkaa’inni ijaarsa hidha haaromsa gaabbiin bara dheeraa kan itti goolabame, carraaqqiin maraammartoo beelaa jalaa bahuuf taasifamu milkaa’aa dhufuusaa kan mirkaneessu ta’uu dubbataniiru. Haala wal fakkaatuun jiraattonni magaalaa Jimmaa fi godinichaa barii barraaqaan bahanii hiriira deeggarsaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamerratti hirmaataniiru. Hirmaattota keessaa obbo Saabir Abbaazinaab fi adde Shukurii Ammaawalii, ijaarsi hidha haaromsaa dhamaatii fi bu’aa bayii meeqa keessa darbee xumuramuusaatti gammanneerra jedhan. Saganticharratti dubbii kan dubbatan bulchaan godina Jimmaa obbo Tiijaanii Naasir, adeemsi ijaarsa hidhichaa cichoomnii fi tokkummaan sabdaneessummaa kan keessatti mul’atedha jedhaniiru. Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar, ujaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi yeroon gaabbii goolabamee yeroo milkaa’inaa fi bayyanachuurra gahuu keenya kan agarsiisedha jedhaniiru. Jiraattota hiriira deeggarsaa Mattuurratti argaman keessaa obbo Tasammaa Abbabaa fi obbo Admaasuu Kabbadaa, ijaarsi hidhichaa xumuramuusaaf gammachuu keenya waloomaan ibsachuuf addababayii baaneerra jedhaniiru. Bulchaan godina Iluu Abbaaboor obbo Indaalkaachoo Tafarii saganticharratti akka jedhanitti, ijaarsi hidha kanaa qabeenya biyyaa waloomaan misoomsuun fayyadama waloo mirkaneessuun akka danda’amu qabatamaan kan itti mirkaneessinedha. Kaayyoo tokkoof waloomaan yoo dhaabanne rakkoon hindarbine, karoorri misoomaa hinmilkeessine akka hinjirre kan mirkaneessu Ta’uu kaasaniiru. Kantiibaan magaalaa Mattuu obbo Tashaalaa Ejersoo gamasaaniin, tokkummaan sabdaneessummaa fi milkaa’inni misoomaa hidha haaromsaarratti mul’ate kanneen biroorrattis akka ittifufu waliin dhaabachuu qabna jedhaniiru.
Hiriirri deeggarsaa naannoo Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu kan agarsiisudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Sep 17, 2025 40
Fulbaana 07/2018(TOI)- Hiriirri deeggarsaa naannoo Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu kan agarsiisudha jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Ministirri muummee amasgeen Xurunaa hiriira deeggarsaa ilaalchisuun ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ummata naannoo Oromiyaa akka qaroo ijaatti uumama kunuunsuu fi misoomsuu beekuuf Hidhi haaromsaa hiikoo addaa qaba jedhaniiru. Bishaan Oromoof jireenya, aadaa, seenaa fi duudhaa ummatummaa isaa keessatti walitti hidhata guddaa kan qabu bifa eenyummaasaati jechuun ibsaniiru. Hiriirri deeggarsaa hidha haaromsaa laga keenya guddaa Abbaayirratti ijaarame har’a naannoo Oromiyaa magaalota garagaraatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu akka agarsiisu eeraniiru. Sagaleewwan hiriira deeggarsaarraa dhagahamanis misooma yaaduun nagaa barbaachuu, fedhii ida’amuudhaan bara bayyanachuu Itiyoophiyaa injifannoowwan hedduun cimsuu akka ta’an arguun danda’ameera jedhan itti aanaan ministira muummee ergaasaaniitiin.
Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee egeree fooyya’aa kan arguu fi kan ijaarudha-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Sep 17, 2025 71
Fulbaana 07/2018(TOI)-Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee egeree fooyya’aa kan arguu fi kan ijaarudha jechuun Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Yaadama Ida’amuun kitaaba 4ffaa mata duree “ Mootummaa Ida’amuu” jedhuun barreessan har’a eebbifameera. Pirezidantiin Federala Dimokiraatawaa Rippaabiliikii Itiyoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Qondaaltonni Mootummaa Olaanoo, Qondaaltonni Waranaa Olaanoo fi kutaan Hawaasa adda addaa saganticharratti hirmaataniiru. Ministirri Muummee wayita kana akka jedhanitti, Kitaabichi yaadota “Ka’umsa,” “Gahumsa”,“Daandii” fi “Mootummaa” jedhan afur irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Kitaaba kanarraa yaada gaabbii Itiyoophiyaan maaliif hiyyoomte jedhurraa akka ka’uu fi furmaata ifaa akka argisiisu eeraniiru. Furmaanni isaaniimmoo bakka gahumsaa Itiyoophiyaa ifatti kan kaa’an ta’uu kaasanii, mootumman Ida’amuu badhaadhina Itiyoophiyaa kan hawwu qofa osoo hin ta’iin akka milkaa’uuf kan hojjetudha jedhniiru. Yaadamni waliigalaas kanneen biroo fakkaachuuf kan tattaafattu osoo hin taane biyya fakkkeenya taatu ijaaruuf hojjechuudha, kunis karaa milkaa’ina qabuun ni raawwatama jedhaniiru. Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaa fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee milkaa’inonni kallattii adda addaan galmaa’an gama Kanaan fakkeenya ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, kunis Itiyoophiyaan akka dandeessu argisiiseera jedhaniiru. Biyya fooyyoftee fi Badhaate dhugoomsuuf daandiinsaa maali kan jedhu yaada sadaffaa kitaabichi irratti xiyyeeffatu ta’uu Ministiri Muummee dubbataniiru. Haala Kanaan mul’ata keenya dhugoomsuuf daandiin irra deemnu hirmaachisaa fi keessaa gara alaatti kan ilaalu ta’uu qaba jedhaniiru. Itiyoophiyaati sirna hammataa hundaaf ga’u ijaaruun akka danda’amu ibsuun, kan ida’amnu sammuu tokkoon yaaduuf osoo hin ta’iin waa’ee biyya tokkoo waliin hojjechuufi jedhaniiru. Gama Kanaan Itiyoophiyaaf ida’amuun Cabinsa barootaatiif dawwaa furmaataa ta’uu Ministirri Muummee dubbataniiru. Gama biraan mul’anni borurra dabarsinee qabanne kan dhugoomu mootummaan cimaan yoo jiraatedha, motummaan immoo bu’uura milkaa’ina hundaati jechuun ibsaniiru. Gama Kanaan Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee booru kan arguu fi kan hojjetu ta’uu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Ijaarsi hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu danda’uu keenyaa fi tokkummaa keenyaati
Sep 17, 2025 55
Fulbaana 07/2018 (TOI)- Ijaarsi hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu danda’uu keenyaa fi tokkummaa keenyaati jedhan kutaaleen hawaasaa garagaraa godina Baalee. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan xumuramuusaa ilaalchisee hiriirri deeggarsaa kutaaleen hawaasaa garagaraa magaalaa Roobee fi aanaalee godina Baalee hundarra walitti dhufan irratti hirmaatan magaalaa Roobeetti gaggeeffameera. Jiraattonni hiriira deeggarsaarratti hirmaatan daandii gurguddoo malaagichaarra erga naanna’anii booda sagantaan xumuraa Istaadiyeemii Madda Walaabuutti gaggeeffameera. Hirmaattota keessaa adde Makkoo Hajjii Adam, hidhi haaromsaa milkaa’inaan xumuramuusaatiin gammachuu ibsachuuf hiriira bahuusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina boonsaa kana pirojektoota misoomaa birootiin dabaluuf hirmaannaa akka cimsan beeksisaniiru. Itiyoophiyaan qormaata hedduu dabartee hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha milkaa’inaan xumuruusheetti gammaduu kan ibsan ammoo Abbaa Gadaa Mahaammadhuseen Buddeeti. Milkaa’ina kana yaadachuurra darbee karoora misoomaa biroo xumuraan gahuuf caalaa kan nama kakaasu ta’uu dubbatanii, ijaarsi hidhichaa milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu gamtaan danda’uu fi tokkummaa keenyaati jedhaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddchi hidharra darbee asxaa agarsiiftuu tokkummaa biyyaa fi bu’aa boonsaati jedhaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaan miira nidanda’amaa irra deebitee kan itti agarsiifte milkaa’ina seenaan yaadatu ta’uu kan dubbatan ammoo bulchaa godina Baalee obbo Abdulhakiim Aliyyiidha. Kutaleen hawaasaa godinichaa tokkummaa hidha haaromsaarratti agarsiisan cimsuun qoodasaanii akka bahan gaafataniiru. Saganticharratti kan argaman itti aanaan hoogganaa biiroo jallisii f misooma horsiisee bulaa Oromiyaa obbo Roobaa Turchee akka jedhanitti, xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa agarsiiftuu asxaa fi agarsiiftuu mallattoo biyyaati jedhan. Milkaa’ina xumuramuu hidha Kanaan argame hojiilee misoomaa biroorratti dabaluuf hundi tumsuu qaba jechuun ibsaniiru.
Imalli yaadama biyyaalessaa Ida’amuu jedhee jalqabame har’a mootummaa Ida’amuurra ga’eera-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Sep 17, 2025 92
Fulbaana 06/2018(TOI)-Imalli yaadama biyyaalessaa Ida’amuu jedhee jalqabame har’a mootummaa Ida’amuurra ga’eera jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Kitaabni “mootummaa Ida’amuu” jedhuun ministir muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin barreeffame har’a eebbifameera. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa baga gammaddanii fuula marsariitiisaaniirratti ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif dabarsaniin imalli yadamaa biyyaalessaa ida’amuu jedhuun eegalame har’a mootummaa ida’amuurra ga’eera jechuun ibsaniiru. Gama tokkoon gaggeessaa, hojjechaa, gama biraan qayyabachaa, qorachaa kitaaba nuuf gumaachaniif nigalateeffanna jedhaniiru.
Siyaasa

Chaayinaan deeggarsa misoomaa fi guddina Afriikaaf gootu cimisitee ittifufti-Ambaasaaddar Jaang Faang
Sep 15, 2025 440
Fulbaana 05/2018 (TOI)- Chaayinaan deeggarsa misoomaa fi guddina Afriikaaf gootu cimisitee ittifuftu gamtaa Afriikaatti hoogganaan ergamaa Chaayinaa Ambaasaaddar Jaang Faangibsan. Gamtaa Afriikaatti hoogganaan ergamaa Chaayinaa Ambaasaaddar Jaang Faang Addatti TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, Chaayinaa fi Afriikaan dhimmoota riijinii fi idil addunyaarratti tumsa qaban cimsanii ittifufuusaanii dubbataniiru. Keessumaa riifoormii dhaabbata mootummoota gamtoomanii, jijjiirama haala qilleensaa fi shororkeessummaa wanaaruurratti waloomaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Chaayinaan deeggarsa misoomaa fi guddina Afriikaaf gootu akka ittifuftu dabalanii ibsaniiru. Afriikaanonni rakkoosaanii ofiisaanii furuuf dandeettii fi oguma akkaqaban Chaayinaan ni’amanti kan jedhan ambaasaaddarichi, Chaayinaan deeggarsa karaa gamtaa Afriikaa gootu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Sep 14, 2025 489
Fulbaana 04/2018(TOI)- Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Hidhi haaromsaa guddichi eebbifamuu sababeeffachuun mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti jedhuun hiriirri deeggarsa ummataa Finfinneetti gaggeeffameera. Pirezidaant Taayyeen wayita kana dubbii dubbatameen, hidhi haaromsaa hunda dura humni ummatummaa cimaa ta’uu eeranii, ergaansaas Itiyoophiyaanonni nidandeenya kan jedhu ta’uu ibsaniiru. Addunyaan rakkisaan kun isin hiyyummaa fi beelaan beekamtu yoo nuun jedhu,ilaalchi kun soba ta’uusaa fi hojjennee jijjiiramuu akka dandeenyu kan itti agarsiifnedha jedhaniiru. Ergaan hidha kanaa, Itiyophiyaanonni tokkummaan yoo qindaa’an,akeekaa fi galmasaanii yoo adda baasan nidanda’u, waanti dadhaban hinjiru jedhan dubbi dubbataniin. Olaantummaan yaadaas Itiyoophiyaan nidandeessi kan jedhu ta’uu, guddummaa hojii fi mo’attummaa ifatti agarsiisuu eeraniiru. Sammuuwwan yaadan, harki ogummaa hojiif dhama’an, hoogaantoonnii fi hojjettoonni jalqabuufis ta’e sirnaan xumuruuf hojjetan yemmuu jiran, guddinni yaannii fi gochi gaariin yoo walfudhatan jechuudha jechuun ibsaniiru. Yaada jallate soroorsuuf, raawwii jallate sirreessuuf kan hojjetan akkasumas hoggantoonni jeeja’uu jibban yemmuu jiraatan, hojii fi hojjechiisaan waliigalu, hojiinis niqajeela,aadaan hojiis nigabbata jedhan.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sep 14, 2025 359
Fulbaana 04/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Jiraattonni magaalaa Finfinnee mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti, walta’uu keenyaan dandeenyeerra” jedhuun xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsa ummataa guddaa addababayii masqalaatti gaggeessaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, itti aanaan ministira muummee Tamsgeen Xurunaa, etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee, ministiroonnii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon hiriira deeggarsaa kanaratti argamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee watita kana hihdi haaromsaa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaaotaaf ifa abdii, bu’ura bayyanachuuti jechuun dubbatan, Sagalee tokkoon kan barreeffamee fi yoomiyyuu kan hindimimmifne, seenessa keenya waloo bu’ura walooma keenyaa akkasumas dafqaa fi dhiiga keenyaan kan dhugoome hidhi haaromsaa xumuramuusaatti baga gammaddan jedhaniiru. Lammiilee gaara Gubaa jalatti beekumsasaanii, dafqasaanii, dhiigasaanii fi lubbuusaanii kutannoon kaffalaniif kajaja qabu jechuun galateeffataniiru. Shira, haleellaa fi weerara lafa jalaa diinonni keessaa fi alaa walta’uun yaadan aarsaa gootummaan kaffalameen darbuun dhugoomsuun akka danda’ame eeraniiru. Keessumaa waggoottan toorban darban hooggansa cimaa ministira muummee Dr, Abiyyi Ahimadiin rakkoo cimaa hidhichi keessa gale keessaa baasuun dhugoomsuun akka danda’ame dubbataniiru. Dhiibbaawwan garagaraa numudatan damdamachuuf gatii qaamoleen nageenyaa kaffalaniif galateeffataniiru. Manni maree tasgabbii mootummoota gamtoomanii dhiibbaa Itiyoophiyaarraan gahuuf haala hinbaramneen hidhicha ilaalchisee al 13 walgahii taa’uusaa yaadachiisaniiru. Yaaliin kunadeemsa dippilomaasii cimina qabuun fashalaa’uusaa eeranii, dippilomaatota gama Kanaan hirmaatanis galateeffataniiru. Qaamolee miidiyaa, hirmaannonni miidiyaa hawaasaa, Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa, akkasumas harki keessan kan hindachaane hundi galata qabdu jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni dhiibbaa kallattii garagaraan itti aggaamaman walta’insaan qolachuun keenya, yoo wal taane waan yaanne milkeessuu akka dandeenyu kan agarsiisedha jedhaniiru. Dhiibbaan kamiyyuu kaayyoo keenyarraa duubatti akka nundeebifne xumuramuun hidha kanaa agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru. Hidhi kun dhugoomuunsaa ji’oo siyaasaa kan jijjiiree fi Itiyoophiyaan akka dandeessu addunyaatti kan agarsiifte siidaa barabaraati jedhaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa nibeekama. Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo, Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Geelee, pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Keer fi hooggantoonni biyyoota Afriikaa fi Kaariibiyaan sirna eebba hidha haaromsaarratti argamuunsaanii niyaadatama.A2a
Nageenya Magaalichaa Cimsuun hojiin Misooma Saffisiisuun Cimee itti fufa- Dursaa Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshuu Indaalammaawu
Sep 12, 2025 582
Fulbaana 02/2018(TOI)-Nageenya Magaalaa Bahaar Daara cimsuunii fi Misoomaaf tattaafachun hojiin fayyadamummaa uummataa mirkaneessu cimee Akka Ittifufu Dursaan Itti Aantaa Kantiibaa Magaalichaa Goshuu Indaalammaawu Ibsan. Paartii Badhaadhinaatti Hoggantonni Magaalaa Bahaar Daara hojiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii waggoottan darban paartichaan galmaa’an akkasumas dhimmoota biroo ilaalchisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira. Saganticharratti Haasaa baninsaa kan taassisan dursaan Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshu Indalammaawu, waggoottan Jijiiramaa gama Hawaasummaan, Dinagdeenii fi Siyaasaan milkaa’inoonni fooya’oon galmaa’uusaanii kaasaniiru. Ta’us bu’aawwan kana caalaa itti fufusiisuuf keessumaa miseensi hoggansaa fakkeenya nageenyaa fi misoomaa ta’uun bu’aa caaluuf tattaafachuun akka irraa eeggamu dubbataniiru. Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu hunda keenyarraa eegama jechuun kaasaniiru. Dandeettii humna raawwachiisummaa gaggeessa fi hirmaannaa ho’aa Hawaasaan dabalamee imala badhaadhinaa eegalame fi milkaa’ina galma karoorfameef qindoominaan hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Gama Kanaan nageenya Magaalichaa cimsuun misoomaaf dhimmuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Waltajjiin marii gaggeessitoota paartii kun har’aa eegalee guyyoota sadan itti aanaaniif kan gaggeefamau ta’uun beekameera
Eebba Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicharraatti kan argaman Pirezidaant Salvaakeer gara biyya saaniitti gaggeeffaman
Sep 10, 2025 822
Qaammee 5/2017(TOI)-Sirna Eebba Hidha Haaromsa Itiyoophiyaarraa Guddichatti kan argaman Pirezidaantiin Sudaan kibbaa Salvaakeer Miyaardiit turtiisaanii Itiyoophiyaa xumuranii gara biyya saaniitti gaggeeffamaniiru. De’eetaan Ministira nageenyaa Dr. Keyreddin Tazarraa fi De’eetaan Ministira dhimma Alaa Ambaasadder Biraanuu Tsaggaayee Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Pirezidaanticha gaggeessaniiru.
Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Nagaa fi Tas-gabbii Riijinichaaf akkasumas Misoomaa Mirkaneessuuf Ejjennoo Cimaa qaban mirkaneessan
Sep 10, 2025 675
Qaammee 5/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan nagaa fi tas-gabbii Riijinichaaf akkasums misoomaa Mirkaneessuuf Ejjennoo Cimaa qaban mirkaneessaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Ripaabilikaa Federaalaa Somaaliyaa Hassan Sheek Mahaamad har’a ganama Waajjirasaaniitti simatanii marii’ataniiiru. Kanaanis nagaa fi tsa-gabbii Riijinii, akkasumas misooma mirkaneessuuf ejjennoo cimaa qabnu irra deebinee Mirkaneessineerra jedhaniiru ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin.

Hawaasummaa
Awwaalchi gazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaay raawwatame
Sep 16, 2025 234
Fulbaana 06/2018(TOI)-Sirni awwaalchaa Gaazexessaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa duraanii Gabrahiywoot Kaahisay michoonnii fi firoottansaa waa’iltoonni isaa ogummaa bakka argamanitti Adaamaa bataskaana kaateediraalii madaana alam qulqulluutti raawwatame. Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti waggaa 30’f kan tajaajile Gaazexessaan Gabrahiywoot Kaahisaay rakkoo fayyaa battalaa isa mudateen kaleessa addunyaa kanarraa boqoteera. Gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi abbaasaa obbo Kaahisaayi Abrahaa fi haadhasaa adde Balaayinash Quwaaletaayi irraa naannoo Tigraayi Awuraajjaa Indartaa Mudde 5 bara 1953 ture kan dhalate. Gaazexessaa Gabrahiywoot Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti hojii erga eegalee baatii Adoolessa bara 1983 irraa amma Amajjii 1 bara 2015 soorama bahetti riippoortararraa amma Itti aanaa gulaalaatti tajaajileera. Damee barnootaa Gaazexessummaa fi Komunikeeshinii digirii jalqabaa kan qabu Gabrahiywoota miiltoo hojii biratti kan jaalatamu gaazexessaa cimaa ture. Oduu qindeessuun gamatti barreeffamoonni garagaraa mata dureewwan garagaraarratti barreesse gaazexaa Addis zamanii fi kitaabeewwanirratti maxxanfamaniiru. Gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi jireenya hawaasummaasaatiin waliigalee kan jiraatu, miiltoowwan hojii biratti kan jaalatamu, dadhabe osoo hinjedhiin kan hojjetu gaazexessaa cimaa ta’uu miiltoon isaa gaazexessaa Ballaxaa Adinoo nidubbata. Miiltoonsaa Gaazexessaa Mattaafaraa Girmaa, gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi hojiisaan kan galateeffame cimaa fi gazexessoota dargaggoof fakkeenya ta’uu dubbateera. Gaazexessaa Gabrahitwoot Kaahisaayi bultii kan qabuu fi abbaa ijoollee durbaa lamaa fi dhiira tokkooti.
Godina Shawaa Lixaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa1ffaanTajaajila tola ooltummaa gannaan ijaaraman tajaajila kennuu eegalaniiru
Sep 16, 2025 136
Fulbaana 06/2018(TOI )-Godina Shawaa Lixaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa tajaajila tola ooltummaa Gannaan ijaaraman tajaajila kennuu eegaluusaanii Waajjirri Barnootaa Godinichaa Beeksise. Hojiin baruu Barsiisuu bara Barnootaa 2018 itti gaafatamtoonni Waajjira Barnootaa Godinichaa bakka argamanitti Aanaa Ejersa Lafoo Mana Barumsaa Gabaa Dilbataa sadarkaa 1ffaatti kaleessa eegalameera. Itti Gaafatamaan Waajira Barnootaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Baandiraa Galaanaa, bara barnootichaa bu’aa qabeessa taassisuuuf baatiiwwan gannaatti hojiiwwan adda addaa raawwatamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa hojii tola ooltummaa gannaan Manneen Barumsaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa, Mannni Jireenyaa Barsiisotaa fi Manni Kitaabaa Dijiitaalaa ijaaramuusaanii dubbataniiru. Bara Barnootaa kanatti barattoonni kuma 700 dhaabbilee Barnootaa Godinichatti argaman kuma 2 fi 167 keessatti barachaa jiru jedhaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Ejersa Lafoo Obbo Takkaalliny Fiqiree gamasaaniin, Manneen Barnootaa Idileen duraa Tajaajila tola Ooltummaa Gannaan ijaramnan tajaajila eegalaniiru. Kananis Aanichatti bara Bara kana barattoonni kuma 17 galmaa’anii Barnoota eegaluusaanii ibsanii, hojiin baruu fi barsiisuu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru. Aanichatti kan argamu Daarektarri Mana Barumsaa Idileen Duraa Oolmaa Odaa kan ta’an Bayyanach Qaqqabaa gamasaaniin, Manni Barumsaa Idileen duraa hojii eegaluun isaa jiraattota naannichaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Aanichatti barattuu kutaa 8ffaa kan taate Haannaa Maammoo, baatii gannaa barachaa turuushee himuun, barnoota idilees sirnaan hordofuuf qophaa’uushee ibsiteetti. Haaluma wal fakkattuun hojiin baruu fi Barsiisuu bara barnootaa baranaa Godina Wallaga Lixaa fi Iluu Abbaabooritti guyyaa kaleessa eegaleera. Waajjira Barnootaa Godina Wallaga Lixaatti Ogeessi Madaallii Barnoota Idileen duraa Kennasaa Kabbadaa TOI’f akka ibsaniti, hojiin baruu fi barsiisuu bara Barnootaa 2018 eegaleera. Godinichatti bara Barnootaa kanatti Barattoonni kuma 540 ol Idileen duraa irraa eegalee hanga sadarkaa 2ffaatti barsiisuuf haaldureen xumuramuu ibsaniiru. Godina Iluu Abbaaboor Aanaalee hundatti dhaabbiileen Barnootaa kuma 1 ol har’a barsiisuu eegaluu Itti Aanaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Goobanaa Alamaayyoo beeksisaniiru. kanaanis Godinichatti, manneen barnootaa kuma 1 fi 35 Idileen duraa hanga kutaa 12ffaatti Barnoonni Idilee kennamu kan eegale yoo ta’u, walii gala barattoota kuma 200 ol simatee barsiisuuf karorsuun hojiin eegalamuu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti ganni bahuu hordofee tamsa’inni dhibee busaa akka hin babal’anneef tattaaffiin adda addaa taassifamaa jira
Sep 16, 2025 126
Fulbaana 06/2018(TOI )-Naannoo Oromiyaatti ganni bahuu hordofee tamsa’inni dhibee busaa akka hin babal’anneef hojiin adda addaa raawwatamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Naannichaa Beeksise. Naannichatti yeroo ammaa marsaa jalqabaan Agobara Siree miiliyoona 1tuqaa 6 uummataaf raabsamuun himameera. Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Tasfaayee Kabbabaaw TOI’f akka ibsanitti, dhibee busaa Ittisuu fi to’achuuf hojiin bal’aan ojjetamaa jira. Dhibee Busaa Ittisuu fi to’achuuf tattaaffii taassifamuun hawaasnii fi dargaggoonni tola ooltonni hirmaannaa qindaa’aa taassisaa jirachuu ibsaniiru. Keessumaa bookee busaa to’achuuf hawaasa hirmachisuun bakkeewwan wal-hormaata Bookee Busaaf Mijataa ta’an, bakkeewwan bishaan kuufatan yaasuunii fi hojiin qulqullinaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii to’annaa bookee busaa tajaajila lammummaa fayyadamuun xiyyeffannoon addaa itti kennamuu dubbataniiru. Gama Kanaan tola ooltota hirmaachisuun manaa manatti hojii sakatta’insa bookee busaa taassisuun namoota mallattoon irratti argame gara dhaabilee fayyaa akka deeman taassifamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin tooftaa Ittisa dhibee Busaa barsiisuu dhaabbilee fayyaatti, naannoowwan uummanni itti walitti qabamanittii fi manaa manatti dabalatee raawwatamuusaa ibsaniiru. Bakkeewwan filatamanitti Hojiin Keemikaala Biifuu akka raawwatamu ibsuun, hanga ammaatti Godinaalee Iluu Abbaaboor, Wallagga lixaa, fi Qeellam wallagaa hojiin manaa manatti keemikaala Biifuu raawwatamuu ibsaniiru. Akkasumsa Marsaa Jalqabaan Agobora Siree miiliyoona 1 tuqaa 6 hawaasaaf raabsamuu ibsuun, hojiiwwan kun cimanii itti fufu jedhaniiru. Waqtiin gannaa bahu hordofee dhibee busaa uumamuu danda’u ittisuu fi to’achuuf yeroo dhihootti agobora siree miiliyona tokkotti dhihaatu rabsuuf karoorfamuu beeksisaniiru.
Kayyoo Qabaadhee Cimee Qo’achuukoon Milkaa’eera- Barataa Kaaliid Bashir
Sep 16, 2025 152
Fulbaana 06/2018(TOI )- Kaayyoo qabaadhee cimee qo’achuu kootiin milkaa’inaaf qaqqabeera jechuun qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa kan fide barataa Kaaliid Bashir dubbate. Naannoo Oromomiyaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Dodolaa Sadarkaa 2ffaa bara barnootaa 2017 Barataa Kaaliid Bashir Qormaata xumuraa kutaa 12ffaa qabxii 591 fiduun sadarkaa biyyoolessaatti qabxii olaanaa galmeessiseera. Barataan kun Barnoota Afaan Ingiliffaa 96, Herreega 100, Fiiziksii 100, Keemistirii 98, Baayooloojii 99, Aptitiyuudii 98, kan galmeesse yoo ta’u, walii gala 600 irraa 591 fideera. Barataa cimaa fi bu’aaqabeessi kun kaaliid keessumaa barnootawwan lakkoofsi itti baaya’atu , guutummaa guutuutti hojjechuuni fi guutuu argachuun dinqisiisaa ta’eera. Barataa Kaaliid turtii TOI waliin taassiseen sadarkaa biyyoolessaatti qabxii olaanaa fiduusaatiif gammachuu olaanan akka itti dhagame ibsuun, kaayyoo qabaadhee cimee hojjechuukoon milkaa’inaaf gaheera jedheera. Icciitiin Milkaa’inasaa Barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun yeroosaa kennee qo’achuusaan, kutaa Keessatti Barnootasaa seeraan hordofuutiini fi kan isaaf hin galle barsiisota isaa gaafatee hubachuusaan ta’uu dubbateera. Kitaabota Barnootaan dabalatee kitaabilee wabii hedduu kan qabate kuusaa mana kitaabaa Dijiitaalaa mobaayiliisaan akka fayyadamuu fi milkaa’inasaaf isa gargaaruusaa kaaseera.
Diinagdee
Yeroon dhimma Abbaayirratti gaabbinu raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun milkaa’ina biyyaalessaa isa guddaadha
Sep 17, 2025 49
Fulbaana 07/2018(TOI)-Yeroon gaabbii Abbaayi raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun milkaa’ina biyyaalessaa isa guddaa ta’uun ibsame. Xumuramuu hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisuun magaalota garagaraa naannoo Oromiyaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaniiru. Hiriirri deeggarsaa kan keessatti adeemsifame keessaa Nagallee Booranaa, Jimmaa fi Mattuun keessatti argamu. Magaalaa Nagallee Booranaatti hiriira deeggarsaarratti kan argaman keessaa Israa’eel Dubbaa, Hajjii Awwal Huseen fi Miiliyoon Andaargee, tumsa taasifneen milkaa’inaaf qaqqabuu keenyaan gammachuu keenya ibsachuuf baaneerra jedhan. Yeroon gaabbii Abbaayi raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun biyya keenyaaf milkaa’ina guddaa waan ta’eef itti boonneerra jedhan. Bulchaan godina Boorana Bahaa Abdurazaaq Huseen, hidhi haaromsaa eebbaaf qaqqabuunsaa duula hiyyummaarratti eegalame mo’achuun guddinaa fi bayyanannaa dhugoomsuuf bu’urri cimaan jiraachuusaa kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru. Bulchaan magaalaa Nagallee Booranaa Obbo Mallicha Diiqaa gamasaaniin, milkaa’inni ijaarsa hidha haaromsa gaabbiin bara dheeraa kan itti goolabame, carraaqqiin maraammartoo beelaa jalaa bahuuf taasifamu milkaa’aa dhufuusaa kan mirkaneessu ta’uu dubbataniiru. Haala wal fakkaatuun jiraattonni magaalaa Jimmaa fi godinichaa barii barraaqaan bahanii hiriira deeggarsaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamerratti hirmaataniiru. Hirmaattota keessaa obbo Saabir Abbaazinaab fi adde Shukurii Ammaawalii, ijaarsi hidha haaromsaa dhamaatii fi bu’aa bayii meeqa keessa darbee xumuramuusaatti gammanneerra jedhan. Saganticharratti dubbii kan dubbatan bulchaan godina Jimmaa obbo Tiijaanii Naasir, adeemsi ijaarsa hidhichaa cichoomnii fi tokkummaan sabdaneessummaa kan keessatti mul’atedha jedhaniiru. Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar, ujaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi yeroon gaabbii goolabamee yeroo milkaa’inaa fi bayyanachuurra gahuu keenya kan agarsiisedha jedhaniiru. Jiraattota hiriira deeggarsaa Mattuurratti argaman keessaa obbo Tasammaa Abbabaa fi obbo Admaasuu Kabbadaa, ijaarsi hidhichaa xumuramuusaaf gammachuu keenya waloomaan ibsachuuf addababayii baaneerra jedhaniiru. Bulchaan godina Iluu Abbaaboor obbo Indaalkaachoo Tafarii saganticharratti akka jedhanitti, ijaarsi hidha kanaa qabeenya biyyaa waloomaan misoomsuun fayyadama waloo mirkaneessuun akka danda’amu qabatamaan kan itti mirkaneessinedha. Kaayyoo tokkoof waloomaan yoo dhaabanne rakkoon hindarbine, karoorri misoomaa hinmilkeessine akka hinjirre kan mirkaneessu Ta’uu kaasaniiru. Kantiibaan magaalaa Mattuu obbo Tashaalaa Ejersoo gamasaaniin, tokkummaan sabdaneessummaa fi milkaa’inni misoomaa hidha haaromsaarratti mul’ate kanneen biroorrattis akka ittifufu waliin dhaabachuu qabna jedhaniiru.
Hiriirri deeggarsaa naannoo Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu kan agarsiisudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Sep 17, 2025 40
Fulbaana 07/2018(TOI)- Hiriirri deeggarsaa naannoo Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu kan agarsiisudha jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Ministirri muummee amasgeen Xurunaa hiriira deeggarsaa ilaalchisuun ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ummata naannoo Oromiyaa akka qaroo ijaatti uumama kunuunsuu fi misoomsuu beekuuf Hidhi haaromsaa hiikoo addaa qaba jedhaniiru. Bishaan Oromoof jireenya, aadaa, seenaa fi duudhaa ummatummaa isaa keessatti walitti hidhata guddaa kan qabu bifa eenyummaasaati jechuun ibsaniiru. Hiriirri deeggarsaa hidha haaromsaa laga keenya guddaa Abbaayirratti ijaarame har’a naannoo Oromiyaa magaalota garagaraatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu akka agarsiisu eeraniiru. Sagaleewwan hiriira deeggarsaarraa dhagahamanis misooma yaaduun nagaa barbaachuu, fedhii ida’amuudhaan bara bayyanachuu Itiyoophiyaa injifannoowwan hedduun cimsuu akka ta’an arguun danda’ameera jedhan itti aanaan ministira muummee ergaasaaniitiin.
Ijaarsi hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu danda’uu keenyaa fi tokkummaa keenyaati
Sep 17, 2025 55
Fulbaana 07/2018 (TOI)- Ijaarsi hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu danda’uu keenyaa fi tokkummaa keenyaati jedhan kutaaleen hawaasaa garagaraa godina Baalee. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan xumuramuusaa ilaalchisee hiriirri deeggarsaa kutaaleen hawaasaa garagaraa magaalaa Roobee fi aanaalee godina Baalee hundarra walitti dhufan irratti hirmaatan magaalaa Roobeetti gaggeeffameera. Jiraattonni hiriira deeggarsaarratti hirmaatan daandii gurguddoo malaagichaarra erga naanna’anii booda sagantaan xumuraa Istaadiyeemii Madda Walaabuutti gaggeeffameera. Hirmaattota keessaa adde Makkoo Hajjii Adam, hidhi haaromsaa milkaa’inaan xumuramuusaatiin gammachuu ibsachuuf hiriira bahuusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina boonsaa kana pirojektoota misoomaa birootiin dabaluuf hirmaannaa akka cimsan beeksisaniiru. Itiyoophiyaan qormaata hedduu dabartee hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha milkaa’inaan xumuruusheetti gammaduu kan ibsan ammoo Abbaa Gadaa Mahaammadhuseen Buddeeti. Milkaa’ina kana yaadachuurra darbee karoora misoomaa biroo xumuraan gahuuf caalaa kan nama kakaasu ta’uu dubbatanii, ijaarsi hidhichaa milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu gamtaan danda’uu fi tokkummaa keenyaati jedhaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddchi hidharra darbee asxaa agarsiiftuu tokkummaa biyyaa fi bu’aa boonsaati jedhaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaan miira nidanda’amaa irra deebitee kan itti agarsiifte milkaa’ina seenaan yaadatu ta’uu kan dubbatan ammoo bulchaa godina Baalee obbo Abdulhakiim Aliyyiidha. Kutaleen hawaasaa godinichaa tokkummaa hidha haaromsaarratti agarsiisan cimsuun qoodasaanii akka bahan gaafataniiru. Saganticharratti kan argaman itti aanaan hoogganaa biiroo jallisii f misooma horsiisee bulaa Oromiyaa obbo Roobaa Turchee akka jedhanitti, xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa agarsiiftuu asxaa fi agarsiiftuu mallattoo biyyaati jedhan. Milkaa’ina xumuramuu hidha Kanaan argame hojiilee misoomaa biroorratti dabaluuf hundi tumsuu qaba jechuun ibsaniiru.
“Hidha Haaromsaa Guddicha Itioophiyaa injifannoon goolabdanii olka’iinsa biyyaaf boqonnaa haaraa waan saaqxaniif galatoomaa!”- Pirezidaant Shimallis Abdiisaa
Sep 17, 2025 60
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itioophiyaa Pirojektii seena qabeessa irree Uummataa xiiqiif gamtaa’ee fi tumsa lukkuu hanga lubbuutti kaffalameen ilaalcha hin danda’amuu diigee Ashaaraa dhaloota haaraa galmaa’edha. Injifannichi seenaa fi seeneffama gootummaa gurraachotaa irra deebiin copha dafqaa fi copha dhiigaan galmee seenaa shira kamiinuu dukkaneeffamuu fi haqamuu hin dandeenye Adwaa 2ffaa ta’uun kan barreeffamedha. Pirojektichi qormaata keessoofi Idil-Addunyaa xaxamiinsa hamaa qabu hoggansa tarsiima’aa looreetni nagaa Addunyaa Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahmad kennaniifi aarsaa qaalii Ummatni keenya aarsaa itti fufiinsaan kaffalaniin boqonnaa seenessa dulloomaa siyaasa bishaan gaanfa Afriikaa guutummaatti jijjiireera. Kanaafis ummatnii fi hoggansi keenya injifachuutti boonneerra. Sammuun injifannoo raajii kana galmeesse, aarsaan jaalalaa fi kabaja biyyaaf kaffalame faajjii birmadummaa fi bilisummaa ta’ee yeroo hunda olka’ee leellifamaaf yaadatamaa jiraata. Baga gurmoofne baga duullee duulchifne; baga injifanne. Kabajamtoota ummata keenyaa galatoomaa; ulfaadhaa! Hiriirri guddicha guutummaa Oromiyaa Kaabaa hanga Kibbaa Bahaa hanga Lixaatti har’a gaggeeffame kun diinaafis firaafis ergaa murteessaa dabarseera. Dinootni dhaabbataan guddina Itioophiyaa hin jaalanne olka’iinsa Itioophiyaa arguus dhaga’uus hin barbaadne dambalii ummataa guddaa kanaan qalbiin cabeera. Ummatni keenya garaagarummaa ilaalchaa, lagaa fi kutaan osoo hin qoodamiin Irree gamtummaa isaa ammas irra deebiin nuuf mirkaneesseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaa fi ulfina olaanaa kan qabu ta’uu irra deebiin isiniif mirkaneessuun barbaada. Boqonnaan keessa jirru gama hundaan haaraadha. Gubaarratt rivaanii kutnee olka’iinsa biyya keenyaa jalqabsiifneerra. Jalqabbii olka’iinsa biyyaa labsame hordofee pirojektootni gurguddoon hoggansi keenya kabajamoo Muummicha Ministeraa Dr Abiyyi Ahimad Gubaarratti labsan duula hiyyummaarratti eegalleen injifannoo olaanaa kan nu gonfachiisu; gaanfa Afriikaatti dorgomtummaa Itioophiyaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha. Dhalootni kun humna abjuun kan guutame; hoggansa tarsimaa’aan kan masakame aarsaa qaalii kaffaluun jecha gochaan dhugoomsaa kan jirudha. Kabajamtoota ummattoota naannoo keenyaa; kaayyoon keenya Oromiyaa ijaaruu, Itioophiyaa utubuu fi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuudha. Ergama kanaaf cimnee halkanii fi guyyaa imaanaa ummataa qabannee cichinee harka wal qabannee hojjechuu barbaachisaadha. Abbaayyaan misooma biyyaa finiinsuu eegaleera. Didaa leenjisee misoomatti kan deebise harki gamtaa ummata keenyaa har’as bifa haaraan olka’iinsa Itioophiyaa itti fufsiisuun biyya fakkeenya badhaadhina Afriikaa ijaaruuf sagalee tokkoon waadaasaa yommuu haaressu akka mootummaatti ergama qabanneef aarsaa barbaachisu kaffaluun fuula duratti akka tarkaanfachiifnuuf abdii nutti hortaniittu. Isiniin boonneerra; karoora qabanne xiiqiin milkeessinee amaanaa nutti laattan osoo hin sharafin galmaan geenyee kan isin gammachiifnu ta’uu isiniif mirkaneessuun barbaada. Xumura irratti boqonnaa haaraa eegalleen ajandaan biyyaalessaa guddichi mootummaan keenya qabatee jiru dhimma Ulaa Galaanaati. Ulaa Galaanaa shiraan dhabne seeraan deebisuun biyya guddoo ulfana maluuf gonfachiisuuf kan hojjennu ta’a. Horaa bulaa deebanaa! Oromiyaa ni ijaarra, Itioophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO Fulbaana 2018
Saayinsii fi teeknooloojii
Har’a cimnee hojjennee, boruu keenya caalaatti kaaneerra-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 10, 2025 452
Hagayya 5 /2017 (TOI)-Kaleessastti fayyadamuu fi sirreessuun, har’a cimnee hojjechuun, bouu keenya ammoo caalaatti fooyya’aa gochuuf kaaneerra jedhan minisirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Guyyaa borumtaa sababeeffachuun dijitaal Itiyoophiya gama dhugoomsuun ergaa dabarsaniin rakkooleen bara anaaloogii turan bara dijitaalaatti hindabalaman jedhaniiru. Boru “dijitaal Itiyoophiyaa” ta’uurra darbee aadaa akka ta’u fuula marsariitiisaaniirratti eeraniiru. Daldalaa fi tajaajiloota keenya si’achiisuun, odeeffannoowwan keenya qaqqabsiisuun namni tokko nama tokko akka ta’u gochuun, sirna faayinaansii keenya caalaatti qaqqabaa fi si’ataa akka ta’u gochuun, tajaajiloota barnootaa fi fayyaa kallattii hundaan bal’isuun, dijitaal Itiyoophiyaan akka milkaa’u tattaaffii fi xiyyeeffannoo akka barbaadu ibsaniiru.
Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti gaggeeffamaa jira
Sep 4, 2025 620
Hagayya 29/2017(TOI)- Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa akka jiru waajjirri fayyaa godinichaa beeksise. Waajjrichatti qondeessaan sagantaa ittisa dhukkuba sombaa obbo Abarraa Siyyum akka jedhanitti, qorannoon kun godinicha aanaalee Areeroo, Gooroo Doolaa, Walaabuu Bahaa fi Daasfi magaalaa Nagallee Booranaatti nigaggeeffama. Ogeeyyonni fayyaa olaanoo 10 damee Kanaan leenji’anii fi hojjettoonni deeggarsaa hedduun qorannoo kana gaggeessan hojiitti jiru. Sagantaa Kanaan namoota kuma sadii caalaniif qorannoo dhukkuba sombaa tolaan taasisuuf karoorfamee hojiitti galamuusaas dabalanii ibsaniiru. Qorannoo amma ammaatti taasifameen 135 kan ta’an meeshaa hubannoo nam tolcheen qorannoon X-ray akka taasifameef beeksisaniiru. Mootummaan lammiilee galii xiqqaan jiraataniif qorannoo fayyaa toolaan taasisuun tamsa’ina dhukkuba kanaa qolachuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru. Qindeessaan kun akka jedhanitti, ministeerri fayyaas gammoojii naannawichaatti tajaajila qorannoof kan oolan meeshaa X-ray qoratu kan birrii miiliyoona toorbatti tilmaamamu deeggarsa taasiseera. Meeshaan qorannoo kun hubannoon namtolchee kan itti maxxanfamee fi bu’a qabeessa akka ta’es qabatamaan ilaalamuusaa beeksisaniiru. Qorannoon dhukkuba sombaa godinichatti gaggeeffamaa jiru baatii tokkoof nitura jedhameera.
Hojiilee damee Innoveeshinii fi Teeknooloojiin hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessoon argamaniiru
Aug 28, 2025 820
Hagayya 22/2017(TOI)-Bu’aalee teeknooloojii guddina biyyaaf hojiirra oolchuun bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa dubbatan. Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas dhaabbileen naannolee dmichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti Dirreedawaatti mari’achaa jiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii kanarratti akka jedhanitti, guddinaa fi guddummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’aalee teeknooloojii baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolchuun xiyyeeffannoo argateera. Bara bajataa xumurame bu’aalee teeknooloojii fi hojiilee kalaqaa hojiitti galchuun tajaajiloonni teeknooloojiin deeggaraman kennuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa diriirsuun fi naannolee waliin qindaa’iin hojii hojjitameen hojiileen fakkeenya qaban hojjetamuu yaadahiisaniiru. Kana malees labsiin ‘staar aappii’ mirkanaa’ee hojiitti cehuusaa dubbataniiru. Misoomaa fi ogummaa humna namaan lammiilen leenjii Itiyoo-koodiing miiliyoona shanii fudhachuun beekumsa dijitaalaa akka guddifatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mariin Dirree Dawaatti eegalame akka biyyaattis ta’e akka Dirree Dawaatti bu’aalee argaman cimsuu fi jijjiirama fooyya’aa fiduuf haala mijataa uuma kan jedhan ammoo maricharratti kan hirmaatan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buh dha. Itti fufuun akka jedhanitti dhaabbileen bulchiinsa Dirree Dawaa teeknooloojii dijitaalaa fi bu’aalee kalaqaa haaraa fayyadamuun tajaajilli si’ataa fi hatattamaa ummata qaqqabaa jira. Hooggantoonni olaanoo ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas hooggantoonni naannolee damichaa waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti nihirmaatu.
Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse
Aug 26, 2025 845
Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse Dhaabbatichi tarsiimoo Addis Admaas waggoota sadii itti aanu bara 2018 amma 2020tti hojiirra oolu ifoomseera. Hojii raawwachiistuu olaanaan Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka ibsanitti, Addis Admaas tarsoomoo waggaa sadan dhufanii jalqabbii haaraa, abdii haaraa fi ilaalcha haaraa kan qabatedha. Tarsiimoon kun tarsiimoo biyyoolessaa fi karoora, taateewwan Idil Addunyaa akkasumas, hirmaachisummaa faayinaansii gidduugaleeffatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon Addis Adimaas Mul’ata nama irratti xiyyeefate qabatee karoora damee dameen qabaman akka milkaa’aniif kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Tarsiimichi tumsaa fi tokkummaa, olaantummaa, wal-amantaa fi tumsa, kalaqaa fi Itti Gaafatamummaa Hawaasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Cehumsa Dijiiaala Itiyophiyaa cimsuuf Teekinooloojii Dijiitaalaaf dursa kennuu fi fedhii maamiltootaa bu’uura godhachuun kallattii fuulduraati jedhaniiru. Humna namaa Teekinooloojiiwwa Beekumsa haaraa fi dandeettii gaafatu madaalu horachuu, kalaqa nam-tolcheen tajaajila saffisaa kennuu, dhaabbata namoonni itti amanuu danda’an ijaaruun xiyyeeffannoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Itti quufinsa maamilaa guddisuu, gahumsa hojii guddisuu, raawwii hojjettootaa Madaaluu, fi gaggeeessummaa gabaa mirkaneessuun safartuu milkaa’ina tarsiimoo kanaa ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Atileetonni Itiyoophiyaa Dorgommii Gufachiisaa xumuraa dhiirootaa meetirii 3000 irratti ni hirmaatu
Sep 15, 2025 233
Fulbaana 05/2018(TOI)-Dorgommiin gufachiisaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa xumuraa dhiirotaa meetirii 3000 ni gaggeeffama. Dorgommiin xumuraa guyyaa sa’aatii 9 fi daqiiqaa 55tti gaggeeffamurratti Lammeechaa Girmaa, Geetinnat Waalee fi Saamu’eel Fireew ni hirmaatu. Atileet Lammeechaan shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa 19ffaa A.L.A bara 2023 Hangaarii Budaapestitti gaggeeffameen, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa A.L.A bara 2022 Ameerikaa Iwuujiitti gaggeeffeme fi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 17ffaa kuuwaatar Dohaatti gageeffamerratti fageenya wal-fakkaatuun Meediyaalii Meetii argateera. Lammeechaan A.L.A bara 2023 dorgommii Diyaamandi liigii paarisitti gaggeeffameen daqiiqaa 7 fi sekondii 52 fi maayikiroo sekoondii 11’n galuun fageenya Kanaan Rikoordii Addunyaa qabachuunsaa ni yaadatama. Atileetichi seenaa hirmaanaa shaampiyoona keessatti warqii jalqabaa argachuuf lammii morookoo injifataa yeroo sanaa Soofiyaan Al-baakaalii waliin dorgommiin taassifamu ni eeggama. Dorgommicharratti kan hirmaatu Geetinnat Waalee daqiiqaa 8 fi sekoondii 5 fi maayikiroo sekondii 15, Saamu’eel Fireew daqiiqaa 8 fi sekondii 4 fi maaykiroo sakoondii 34n fageenya filatamaa dhuunfaasaaniiti. Shaampiyoonaan Addunyaa 20ffaa Tookiyootti gaggeefamaa jiruun Itiyoophiyaan hanga ammaatti meedaaliyaa birrii 2 fi naahaasii 1 argatteetti
Arsenaal Notiingihaam mo’achuun Liigicha dursaa jira
Sep 13, 2025 274
Fulbaana 03/2018(TOI)- Sagantaa piriimer Liigii Ingiliz torban afraffaan Arsenaal Notiingihaam Forasti 3 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Emereetsitti gaggeeffameen Maartiin Zubiimendii oolii lama yoo galchu Viktor Yokoresh golii tokko galcheera. Akkaataa qabxii kanaatiin Arsenaal qabxii sagaliin liigicha dursaa kan jiru Liivarpool harkaa yeroof dursa fudhateera. Nootiinguhaam Foresti qabxii afuriin sadarkaa 11ffarra qabateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 337
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 521
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalate hooggantoonni riijinichaa fi biyyoota Afriikaa garagaraa, hooggantoonni dhaabbilee idila addunyaa akkasumas qorattoonni jijjiirama haala qilleensaa yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniin, qormaata jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hir’uu keenyarraa osoo hinta’iin kan qabnurraa eegaluu qabna jedhaniiru. Haala Kanaan Afriikaan dargaggoota hedduu, lafa misoomuu danda’u akkasumas humna haaromfamaaf wantoota hedduu qabdi jedhaniiru. Waan ta’eef asitti kan argamne jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf furmaata kaa’uufi jechuun ibsan ministirri muummee. Kanaaf Afriikaan laftishee osoo hinmiidhamiin guddachuu akka dandeessu ibsaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf kan barbaaddu gargaarsa osoo hintaane Invastimantii walooti kan jedhan ministirri muummee, invastimantiin jijjiirama haala qilleensaarratti taasifamu faayidaa guddaa akka qabu kaasaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata ijoo ta’uu akka qabdus dubbataniiru.’ Afriikaan jijjiirama haala qilleensaarratti birmadummaa odeeffannoo mataashee qabaachuu akka qabdu kaasaniiru. Hammattoon Yuunivarsiitiiwwanii fi qorattoota Afriikaa akkasumas qooda fudhattoota biroo hirmaachisee fi jijjiirama haala qilleensaaf furmaata qindaa’e diheessu akka hindeeffamu yaada dhiheessaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan karaa ashaaraa magariisaa waggoottan toorba dura eegalameen biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuushee eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa eeguurra darbee bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf carraa guddaa uumuusaa eeraniiru. Itiyoophiyaan misooma jallisii rakkoo jjjiirama haala qilleensaan walsime hojjechuun oomisha Qamadiin jijjiirama olaanaa fiduushee ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tibbana eebbifamu anniisaa haaromfamu meegaa waattii kuma shan caalaa maddisiisuunItiyoophiyaa fi riijinicha fayyadamoo anniisaa akka taasisu ministirri muummee dubbataniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuu akka barbaaddus eeraniiru.
Afriikaan ardii galmoonni haala qilleensaa ittimilkaa’an gochuun addunyaaf agarsiisuu qabna-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 401
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan ardii galmoonni haala qilleensaa ittimilkaa’an gochuun addunyaaf agarsiisuu qabna jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin, Bosona deebisanii misoomsuun pirojektii yaalii osoo hinta’iin aadaa ta’uusaa ibsaniiru. Qonni ammayyaa miiliyoonota kan sooruu fi magaalaawwanii fi naannawoota baadiyyaa misooma kooriidaraa magariisaa walsimsiisuun fayyadama dinagee waloo kan taasisudha jedhaniiru.
Yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa 2ffaan har’a eegalama
Sep 8, 2025 343
Qaammee 3/2017(TOI)-Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan har’a irraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti nitaa’ama. Yaa’iin kun mata duree “furmaatilee haala qilleensaa idil addunyaa saffisiisuu, misooma magariisaa Afriikaa faayinaansiin deeggaruu” jedhuun har’arraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffama. Yaa’ii muummeen dura dura guyyoota muraasa darban haaldureewwan haala milakaa’aan gaggeeffamuusaanii fi yaadonni imaammataaf galtee ta’an kaafamuunsaanii ibsameera. Itiyoophiyaan rakkoo jijjiirama haala qilleensaa waloomaan ittisuun ejjennoo bu’aa caalaa fiduuf qabduu fi hojiilee hojjette yaa’iirratti nidhiheessiti. Furmaatilee naannawaa tarsiimoo haala qilleensaa ardii waliin walitti hidhuun haala danda’amurratti nimari’atama. Afriikaanonni jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf kutannoon kan ittiin hojjetan “waliigalteen tumaa Finfinnee” yaa’ii kanarratti akka mirkanaa’u ni’eegama. Tattaaffii Afriikaan bulchiinsa haala qilleensaan bakka sirrii qabachuuf taasiftu kan gargaaran murteewwan akka darban ni’eegama. በHooggantoota biyyoota garagaraa dabalatee hirmaattonni kuma 25 caalan yaa’icharratti nihirmaatu.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 6355
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 5445
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.